(Qeerroo, Finfinnee, 18 Bitootessa 2012) Wallisaan beekamaa fi jaalatamaa Kadir Martuu, fi dargaggooti Oromoo hedduun biyya ollaa itti dahatan, Sudaan, Kaartum keessatti karaa ergamtoota Imbaasii Mootummaa wayyaanee achi jiruun akka hiisifamanii reebamaa jiran oduun nu gahe hubachiise.
Maddi oduu Qeerroo akka nuuf ibsetti, yeroo ammaa kanatti Kadir Martuu fi dargaggooti Oromoo hedduun Sudaan keessaa mana hidhaa ‘Shark Mamura’ bakka jedhamutti hidhamanii akka jiran hubatamee jira.
Akka madda Oduu keenyaatti, Kadir Martuu kan qabame gaafa 15/03/2012 yoo ta’u, yeroo ammaa kana Kaartum keessatti rakkisaa fi hiraarsaa akka jiran dhaamsi nu geesse addeessitee jirti.
Wallisaa Oromoo Beekamaa Kadir Martuu(Kadir kaa)(Kadir Xiqqaan) mootummaan wayyaaneen biyya keessatti erga hiraarfameen booda hidhaa fi hordoffii itti hammaate jalaa bahuuf, gara biyya Sudaan Magaala Kaartum deemee dahannaa siyaasa gaafate.
Haala kana keessa otuu jiruu, ergamtooti Wayyaanee poolisoota Sudaan waliin ta’anii dargaggoota Oromoo 15 waliin mana hidhaatti geessuun hidhaa keessatti Imbaasiin Itoophiyaa namoota itti bituun reebsisaa akka jiran illee oduun kun ifa godhee jira.
Ergaan Sudaan irraa Qeerroo dhaqqabe akka ibsutti, Kadir Martuu yeroo ammaa kana reebichaan hedduu miidhamee kan jiru yoommuu tahu, mootummaan wayyaanees gara biyya keessaatti deebisiisuuf yaalii guddaa gochaa akka jirtu hubatamee jira.
Kanaan duras, manguddootni hojii mataa isaaniin jiraatan Ibraahim Guyyoo Boruu jedhamis bara 2011 biyya Sudaan Magaala Jubbaa keessaa qabamuun gara mana hidhaa mootummaa wayyaaneetti erga geeffamanii booda waanti isaan keessa jiran hin beekamiin jira.
Ilmaan Oromoo oduu kana Qeerroof dabarsan itti dabaluunis, Kadir Martuu fi dargaggoota Oromoo kunneen qabanii otuu mootummaa Wayyaaneetti hin kenniin dura kanneen mirgoota namummaaf falmanii fi dubbatan waan danda’aniin birmatanii ilmaan Oromoo kunneen akka baraarsan gaafatanii jiru.
“Ilmaan Oromoo biyya abbaa isaanii keessatti garboomfataa mootummaa wayyaaneen akka bineensaa adamfamaa jiru,” kan jedhe qunnamtiin Qeerroo Bilisummaa, “mootummaan wayyaanee ilmaan Oromoo mara irraa amantii hin qabu; dhugaa ilmaan Oromoo dabsuu fi yeroo itti dammaqamu immoo sabboontota qabee hiraarsuu aadeffatee jira. Kan keessa bahuu kan dandeenyu marxifannee loluu callaan,waan ta’eef bakka jirrutti sirna kana buqqisuuf hidhannoo keenya haa jabeeffannu,” jechuun dhaamsa dabarsee jira
.
“Ilmaan Oromoo eenyummaa isaanii, seenaa fi duudhaa isaanii hin gatne, kanneen mootummaa gabroomfataa wayyaaneef hin jilbeeffanne hidhuu fi dararuun kan dhaabbatu gaafa Bilisummaa keenya mirkanneeffanneedha, kna jedhe Quunnamtiin Qeerroo, “roorroo biyya keessaa fi biyyoota ollaatti obbolota keenya irra gahaa jiru hambisuuf, otuu hin mamiin diddaa fi qabsoo keenya dachaa dachaan haa furgaafnu!” jedhee jira.
Mootummaan abbaa irree wayyaanee yeroo addaddaattis kanneen humnaan qabamanii gara biyyaatti darbaman karaatti ajjeesee gataa kan ture yoo ta’u, biyya keessa erga gahanii boodas murtii umurii guutuu fa’aa irratti murteessuun mana hidhaa keessatti akka dararaman gochaa kan jirtu ta’uun beekamaa dha.
Injifannoon uummata oromoof!!
Gadaan Gadaa Bilisummaati!!
Share this:https://www.gofundme.com/8bds2wgk