Ayiraa Gullisoo keessatti mootummaan Wayyaanee ilmaan Oromoo hidhuu itti fufe.Diddaan daran jabaachuun Alaabaan ABO magaala Gullisoo keessa balaliite!‏

Aside

Hagayya 18,2012 Gullisoo

Godina Wallagga lixaa aanaa Gullisoo keessatti diddaa qeerroo deemsifamaa jiruun wal qabatee alaabaan ABO magaala Gullisoo bakka Gabaa sambataa jedhamutti fannifamuun balalii’e.Qeerroon aanaa Ayiraa fi Gullisoo yeroodhaa yerootti diddaa jabeessuun waraqaalee dhaadannoos hedduumminaan kan maxxansan yoommuu tahu Alaabaan bakka Gabaatti fannifamuun ilmaan oromoo naannoo kanaa hedduu gammachiisuun ililchanii jiran.Qeerroon naannoo kanaa jabinaan waraana mootummaa jala dhaabbachuun hidhaa mootummaa wayyaanee osoo hin sodaatiin Alaabaa ibsituu ifa baasuun dirqama oromummaa waan taheef jechuun ilmaan oromoo marti mirga isaa falmachuuf lafaa akka ka’u dhaammatanii jiran.Kaabinootni,Waraanni mootummaa wayyaanee naannoo kanatti diddaa qabbaneessuu waan dadhabeef qoratamaa akka jirus gabaasni ifa godha.

Haaluma wal fakkaatuun Ayiraa keessatti poolisootni mootummaa Wayyaanee tajaajilan sadii qawwee mootummaa wayyaanee guurguruun qabsoo uummataatti ida’aman.Poolisootni kunneen qawween nuyi baannu diina keenya wayyaaneef taha jechuun murteeffatanii akka raawwatan qeerroof ibsanii jiran.Mootummaan wayyaanees diddaa naannoo kanaa dhaamsuuf ilmaan oromoo mana hidhaatti guuraa jira.Ilmaan oromoo
1. Dargaggoo Gaaddisaa Beekaa
2. Dargaggoo Margaa Qajeelaa
3. Dargaggoo Mariyaam Dhaabaa
Jedhaman diddaa deemsifamaa jiru adda durummaan kan qindeessuu fi gaggeessu isini jedhamuun mana hidhaatti ukkaamfamuun dararamaa jiran.Kaabinootni mootummaa Wayyaanee QBO cinaa dhaabbachuun bilisummaa akka gonfannu dhaammanna jechuun qeerroon naannoo kanaa waamicha dabarsee jira.

 

Tarkaanfiin sirreessaa fudhatamuun itti fufe; Qeerroo fi ummatis ergamtota gaaga’umsa geessisan adabuu itti fufan.

Aside

(Qeerroo, Naqamtee, 17 Hagayya 2012) Oromiyaa dhiyaa onoota garaagaraa keessatti diddaa fi tarkaanfiin ergamtootaa fi basaasota wayyaanee irratti fudhatamu jabaate itti fufe; wayyaaneenis rfaatuu guddaa keessa galuun humna waraanaa guddaa bobbaaste akka jirtu beekame.

Gabaasaan Qeerroo onoota diddaa fi tarkaanfiin sirreessaa keesssatti fudhatamaa jiru keessa naanna’ee akka hubatetti humni addaa fi ummati walta’uun naannoo isaanii ergamtoota, lukkelee fi basaasota wayyaanee irraa qulqulleessuutti jiran.
Akka kanaan Hagayyaa 16/2012 Godinaa Wallaggaa Bahaa Onaa Giddaattii tarkaanfiin Haleellaa lukkeelee wayyaanee ummatatti roorrisaa jiranii fi tarkaanfii ummati fudhachaa jiru ijaa bahuuf sochiitti jiran irratti fudhatamee jira.
Hagaayyaa 14/2012 Tarkaanfii maayyii basaasa wayyaanee maqaa investimeentiin Oromoo hiisisaa fi ajjeechisaa ture,Taageenyii G/Masqaal irraattii fudhatameen wal qabatee, lukkeeleen biroo finfinnee irraa dhufanii ummata irratti ijaa bahuuf otuu sochiitti jiranii humni addaa fi ummati walta’uun lukkeelee lama irratti tarkaanfii maayyii fudhatee jira.
Lukkeeleen kunneen ifatti bahanii “gumaan Gootichaa keenyaa Tagenyii G/Masqal hin hafu; tokkoon tokkoon ummata naannoo kanaa gatii baasu qaba!” jechuun dhadachuun alatattis, ilmaan Oromoo sabboonoo ta’an hiisisuuf otuu sochiitti jiranii Onaa Giddaa Guttiin bakka mandaraa 11 jedhamutti humni addaa fi ummati haxxee hidhuun tarkaanfii maayyii irraattii fudhachuun adabee jira.
Kun kanaan otuu jiruu, Gotichii Humni Addaa WBO Oromiyaa Godina Dhiyaa keessatti tarkaanfii boonsaa fudhachaa jiraachuun kan isaan gammachiise ta’uu ummatii fi Qeerroon ibsachaa jiran. Karaa hundaan WBO cina akka dhaabbatanii fi akka qabsoo diddaa fi fincila finiinsanis dhaamsa dabarsan keessatti hubachiisanii jiran.
Tarkaanfii maayyii Gootichii Humna Addaa WBO Godina dhiyaa Oromiyaa keessatti fudhachaa jirutti akka malee, naatee kan barragde mootummaan wayyaanee, gama ishiitiin humna Waraanaa addaa ummataa keessa qubsiisaa jiraachuu beekamee jira.
Akka Qeerroon ijaan argee mirkaneessetti, mootummaan wayyaanee ttarkaanfii lukkeele eisaa irratti fudhatamaa jiruun shororkaa keessa seenee waan jiruuf ummati of eeggannoo cimaa akka godhu dhaamsi darbee jira.
Hoggaansi Qeerroo Godinaa Dhihaas, ummati of-eeggannoo fi waltiksa jabaa akka waliif godhu dhamee, yeroo qabsoo jabaachaa adeemutti ergamtooti diinaa gaaga’umsa akka hin uumneef waan deemaa jiru jala bu’anii akka waliif dhaamanii fi odeessaa fi iccitii isaanii jabeessanii akka eeggatan dhaamsa hatattamaa facaasee jira.

Garbummaan ni kufa; injifannoon itti fufa!!

Seife Nebelbal Radio Program, August 17, 2012 – Interview with Judge Teshale Abera

Aside

Ayiraa Gullisootti dabballootni Wayyaanee hedduu cinqamuun ilmaan Oromoo hidhaa jiru.Waraqaaleen dhaadannoo hedduumminaan maxxanfame!

Aside

Hagayya 17,2012 Gullisoo

Godina wallagga lixaa Gullisoo keessatti dabballootni mootummaa wayyaanee ilmaan oromoo maqaa miseensota ABO jedhuun hidhuu itti fufanii jiran.Jiraataa Kabroon Diillaa gogolaa kan tahe Obbo Tarfaasaa Jireenyaa jedhaman qabamuun mana hidhaa Wayyaanee Gullisoo keessatti reebamaa jira.Qeerroon naannoo kanaa hidhaa fi doorsisa mootummaa Wayyaanee jala dhaabbachuun waraqaalee dhaadannoo bulchinsa Gullisoo fuulduratti bittinsanii jiran.Waraqaalee hedduumminaanis gara gandaatti raabsuun mootummaa wayyaanee dhiphisuu irratti argamu.Dhaadannoowwan

1. Diinaaf hin jilbeeffannu

2. Garboomfataan kufa

3. Oromia shall be free

Jedhan qalama diimaa magariisa diimaan barreeffamuunii fi kompiteraan barreeffamuun hedduumminaan raabsamanii jiran.Mootummaan wayyaanee gocha kanaan kan baarage halkanii guyyaa dargaggoota oromoo hojii dhaban isin miseensa keenya hin taatanii jechuun kadhaatti seenuuf dirqamee jira.Uummatni naannoo kanaas wal gahii wayyaanee guutummaan guutuun lagatee jira.

Qabsoon itti fufa! Gabrummaan ni kufa!

Sochiin Dargaggoota Biyyoolessaa kan Bilisummaa fi Dimokiraasii Dargaggoota Sidaamaa waliin walitti dhufuun dhimma qabsoo irratti marii bal’aa taasise.Ibsa ejjennoos lafa keewwate!

Aside

Hagayya 17,2012 Finfinnee

Sochiin Dargaggoota Biyyoolessaa kan Bilisummaa fi Dimokiraasii(Qeerroo)n Dargaggoota Sidaamaa waliin walitti dhufuun dhimma qabsoo irratti marii taasise.Diina waloo jiru mootummaa wayyaanee hundeen buqqisuuf gumaatni sabawwan cunqurfamoo marti barbaachisaa akka tahe hubachuun Qeerroon Dargaggoota Sidaamaa waliin walitti dhufuun dhimma qabsoo irratti haalaan erga mariiatamee booda hojii fuulduraa jabinaan waliin akka hojjetamu irratti walii galuun ibsawwan ejjennoo armaan gadii kun baafamee jira.

1. Diinni keenya mootummaa wayyaanee tahuu hubachuun qabsoo hanga dhumaa tokkummaan ni gaggeessina

2. Bakka rakkoon ilmaan oromoo mudatee fi uummata sidaamaa mudatetti wal tahuun ni furra

3. Sagaleen sabawwan cunqurfamee addunyaatti akka dhagaamu tokkummaan ni hojjenna

4. Sabawwan cunqurafamoo Impaayera biyyattii keessatti carraa wal fakkaataan isaan mudate waliin tahuun ni hojjenna

5. Humna mootummaa wayyaanee diiguuf akka tahutti diddaa wal fakkaataa waraana mootummaa wayyaanee tasgabbii dhabsiisu Oromiyaa fi Sidaamaa keessatti ni qabsiifna

6. Uummatnii fi biyyi keenya bilisa hanga bahutti qabsoo itti fufna

7. Odeeffata diddaa uummataan jiruu fi shira mootummaa wayyaanee yeroodhaa yerootti quba wal qabaachifna

8. Quunnamtii bua qabeessummaa tolchuun Waadaa keenya hanga dhumaa ni tikfanna

Kan jedhan baafachuun yeroodhaa yerootti quunnamtii jabaan akka itti fufamuu fi diddaa wal fakkaataa mootummaa abbaa irree baleellaffamu irratti hojjechuuf murtii irra gahamee jira.

Qeerroon Amboo walitti dhufuun dhimma qabsoo irratti erga marii’atanii booda ibsa ejjennoo lafa godhatan.

Aside

Hagayya 17,2012 Amboo

Hidhaaa fi ajjeechaan haamilee nu cabsuu hin danda’u jechuun Hagayya 16,012 Qeerroon Amboo walitti dhufruun dhimma qabsoo oromoo irratti marii baldhaa taasisan.Qeerroon Amboop wareegama dargaggootni oromoo qabsoo oromoo irratti gumaaataa turaanii fi itti jiran yaadatanii jiran.Gaaffii mirgaa gaaafachaa jirru irratti wareegama barbaachisaa ni kaffalla jechuun qeerroon Amboo ibsa ejjennoo armaan gadii lafa kaaa’atanii jiran

  1. Gaaffii mirgaa gaafannu jabeessinee itti fufna
  2. Dirqama oromummaan nutti kenname haal duree tokko malee ni baana
  3. Diina keenyaa yoomuu ni mormina,Hanga Injifaanoos wareegama barbaachisaa kaffaluun ni mormina
  4. Saaminsa lfaa maqaa Investimentiin nutti dhufe ni mormina,Jalas ni dhaabbanna
  5. Sabawwan Cunqurfamoo waliin tahuun diina waloo irratti qabsoofna
  6. Ilmaan oromoo mana hidhaatti dararamaa jiraniif Adunyaatti ni iyyanna
  7. Bilisummaa biyya keenyaa saffisaaan dhufaa jiru dabarsinee aalagaaaf hin kenninu
  8. Akeekaa fi Gumaa gootawwan keenyaa ni baafna

Kan jedhan baafachuun qeerroo Oromiyaa bakkeewwaan biroo jiran irratti jabinaan akka hojjetan irratti walii galanii jiran.

Qophii Simbirtuu-16 Hagayya, 2012

Video

TV OROMIYAA MAGAALAA TORONTOO HAGAYYA 13, 2012

Video

Ummatni Sidaamaa Ayyaana Waggaa Cambalii Jedhamu Kabajate; Dargaggootnis Sirboota Gootummaan Waraana Wayyaanee Muddan!

Video

(Qeerroo, Awaasaa, 16 Hagayya 2012) Hagayyi 15 Uummata Sidaamaa biratti ayyaana jabaa dha.Ayyaana waggaa ‘’Cambalaalaa’’ jedhamutu kabajama. Haala kanaan uummattoota cunqurfamoon Naannoo Sabaa fi sablammoota kibbaa keessaa uummatni Sidaamaa, ayyaana wadggaa Cambalalaa jedhamu  bifa hoo’aa fi dammaqina qabuun kabajachuun gabaasame; ayyaana kana irrattis mormii fi diddaa sirna fakkeessituu Wayyaaneef qaban ifatti ibsachuun isaanii beekame.

Qeerroon akka gabaasetti ummati Sidaamaa cunqursaa mootummaa garboomsaa wayyaanee jalatti miidhaa fi dhumaatiin olaanaa irra gahaa jiraatus karaa argatan maraan sirna Wayyaanee waliin falmaa gaggeessaa jiran. Qeerroon Sidaamaa Ayyaana kana irratti argaman Qeerroo Oromiyaaf akka ibsanitti, Mootummaan wayyaanee sirna cunqursaa isaa jabeeffachuuf diddaa ummataa gara jabinaan dura dhaabbachuuf yaalus, kutannoo fi murannoo ummati Sidaamaa mirga isaa deebifachuuf qabu dhaabuu hin dandeenye.

“Saba of baree mirga isaa falmatu humni dhaabu hin jiru,” kan jedhe Qeerroon Sidaamaa, “Hagayya 15/2012 kabajamee kan oole Ayyaana Fichee yookaan bara haaraa uummata Sidaamaa irratti diddaa fi mormiin mul’ates itti fufa diddaa ummatichaa ti,” jedhee jira.

Akka Qeerroon gabaasetti yeroo ammaa kanatti Ayyaana waggaa ‘’Cambalaalaa’’ jedhamu haala miidhagaan kabajamaa jira. Uumatni SIdaamaas aadaa fi afaan isaa osoo hin gadhiisiin uffata aadaan mimmiidhaguun ayyaana isaa kabajatee akka jiru hubatamee jira. Keessummaayyuu, Hagayya 14/2012 galgala ayyaana Fiichee kun waraanaan osoo tikfamuu kabajamee jira. Kabaja Ayyaana kanaa irrattis dargaggootni Sidaamaa aanaa garaa garaa irraa walitti dhufuun tokkummaan karaa hundaa akka jabaatu dhaammatanii jiran.

“Mootummaan wayyaanee gocha kana dhaabuuf waraana hedduumminaan bobbaasuus dargaggoota dhaabuu hin dandeenye,” kan jedhe gabaasaan Qeerroo, Waraanni mootummaa wayyaanee fi dargaggoon Sidaamaa Magaala Hawaasaa keessatti wal gaareffachaa akka jiran illee arguu isaa dabalee gabaasee jira.

Ayyaana kana irrattis sirbootni tokkummaa,Gootummaa fi kutattummaa leellisan kan weellifaman yoommuu tahu, ergamttoti mootummaa wayyaanee waan qaban dhabanii cinqamaa akka jiran beekuun danda’amee jira. Maanguddootni,Hojjettootni fi hawwan sirna san irratti argamanis sirboota gootummaa sirbamanitti gammaduun ililchaa akka oolan oduun nu dhaqqabe hubachiisee jira.

SBO Hagayya 15 bara 2012