Guyyaa Gootota Oromoo Ilaalchisee Walleelee Warraaqsaa Hawwisoo Qeeroo Bilisummaa

Aside

Continue reading

Gootota Oromoo fi Ebla 15 ilaalchisee Ibsa ABO

Aside

Gootota Oromoo fi Ebla 15

(Ibsa ABO Guyyaa Gootota Oromoo Ilaalchisuun)

Biyyootni fi Sabootni hundumtuu Gootota seenaa isaanii keessatti waan jajjabduu biyyaa fi Ummata isaaniitiif dalaguudhaan yaadataman ni qabu. Gootummaan humna, qabeenya, beekumsaa fi lubbuu ofii illee dabalee dantaa dhuunfaa ofii caalaatti dantaa Saba ykn. biyyaaf oolchuudhaan dantaa biyyaa fi Saba ofii tiksuu danda’uu dha. Biyya ykn. Saba kamuu keessatti oggaa balaan ykn. rakkinni yookaan ammoo weerarri alagaa kan jireenya biyyaa fi Ummataa yaaddoo jala galchu mudatutti kan dura bu’ee biyyaa fi Ummata balaa irraa ittisuuf wareegama baasu Gootota. Kanaafis Goototni wabii jireenya Sabaa ykn. biyyaa ti jechuun ni danda’ama. Goototni biyyaa fi Ummata isaaniitiif Ulfinaa fi Gaachana. Waan taheefis Sabootnii fi biyyootni hundumtuu Gootota isaaniitiif kabajaa ol’aanaa kennu. Guyyaa Goototaa jechuudhaanis Gootota seenaa isaanii keessatti waan jajjabduu dalaganiifii dabran guyyaa itti yaadatan guyyaa beekamaa Sabootni/biyyootni adda addaa ni qabu. Continue reading

SBO Ebla 15, 2018. Oduu, Guyyaa Gootota Wareegamtoota Oromoo ilaalchisuun Ibsa ABO irraa laatamee fi Guyyuma kan a irratti Walaloo Qophaa’e.

Aside

SQ-Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo Qophii Ebla 13,2018

Aside

SBO: Ebla 13, 2018. Oduu, Ebla 15 Guyyaa Gootota Oromoo ilaalchisuun Ibsa ABO, Wixinee HR- 128 mana Maree Ameeri kaan ragga’e irratti gaaffii fi deebii Miseensa GS-ABO J. Mahbuub Abbaa Waajii Waliin taasifame.

Aside

SQ- Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo, Ebla 12, 2018

Aside

Aside

Mootummaan Wayyaanee Tooftaa Bifa Haaraan Ummatoota Ethiopia Hacuucuuf Yeroo Ka’etti Murteen HR128 Murtaawuun Furtuu Siyaasaa Biyyatti Ta’ee Saboota Cunqurfamoo  Balaa Irraa Baraaruu ni mala.

Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Ebla 12,2018, Finfinnee Oromiyaa

Ummanni Oromoo waggoottan dheeraa lafasaarraa buqqa’uu, ajeefamuu, ari’atamuuf biyyasaarratti mirgoota democracy guutummaatti dhabuun isaa kan yaadatamu ta’us, addatti bara bulchiinsa sirna Wayyaanee kanatti dararama ulfaataan irra gahee gaahaas jira.

Bara kana Oromiyaa keessatti uummanni miliyoona walakkaan ardasaa dhabee qe’ee ababaabiliii isaa irraa buqqa’ee biyyuma isaa irratti fi biyyoota alaatti  baqattuu ta’ee rakkoowwan garaagaraaf saaxilamaa jira. Rakkoo manaaf qabeenya isaa irraa buqqa’uu fidee fi ajjeefameef furmaata humaa mootuummaa biraas caasaa mootummaa irrahiis hin arganne.

Abbaan irree Wayyaaneen waraana Oromiyaa fi Oromoo irratti labseen uummata Oromoo Booranaa irraan ajjeechaa gara jabinaa fudhatuun, uummanni kumoota hedduutti lakkaahaman baqattummaan gara Keenyaatti baqatanii jiraachaa jiru. Sanaafis karaa qaamoota biyya bulchina jedhanii falli kaahame hin jiru. Continue reading

Oromo Voice Radio (OVR) Broadcasts- 11 April 2018

Aside

ONN: QOPHII ADDAA HR 128 Marii dhimma murtii darbuu Iggita dhiittaa mirga dhala namaa mootummaa Itoophiyaa irratti seera tumtoonni Ameeriikaa dabarsan ilaalchisee godhame. Pause -53:57 Additional Visual Settings Enter Watch And ScrollClick to enlarge Unmute

Aside

SQ-Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo Qophii Ebla 10, 2018

Aside