Gootowwan kunfaii qabsoo haqaa irratti(Hawisoo Dirree)

Guyyaa WBO

Guyyaa WBO

Gootowwan kunfaii qabsoo haqaa irratti(Hawisoo Dirree)

Dhaamsa gootowwaan dhaammatan Qeerroon osoo hin dagatiin qabsoo harkaa fuudhee imaanaa isaanii bakkaan gahuuf waarraaqsatti jira. Suuraan olitti muldhatu guyyaa WBO Jimmatti Kabajame irratti duungoo warraaqsaa qabate dha!!

FDG Barattoota Yuniversity Finfinnee Ilaalchisee Haalleen Tokko Tokko

Aside

Amajjii 07,2013 Finfinnee

FDG Barattoota Yuniversitii Finfinnee Moraa  Daalattii (Kiloo4) Keessatti baatii Jalqaba 2013 irratti eegale hanga ammaa osoo hin qabanaawiin diddaan kun mooraalee kaanitti darbee akka jiru beekama. Reebichi,hidhaanii fi ajjeechaan barattoota Oromoo irra gahe Qeerroo Yuniversitiilee biyyatti keessa jiran kaan akka garaa gubee dheekkamsiise ifaa dha.

Mootummaan Wayyaanee soda kana irraa kan ka’e biyyattii keessatti tasgabbii dhabuun addatti ammo naannoo Finfinnee keessatti jeeqamee ummatas jeeqaa jira. Diddaa kana waliin wal qabatee

Hidhataa fi waraanni Wayyaanee mooraa kiiloo 4,5 fi 6 akkasuma koollejjiwwan Finfinnee keessatti argamu dhuunfatuun marsanii meeshaa waraanaan barataa qalama malee hin qabne eegaa jiru. Haalli kun yeroo aduun dhihu halkan ammo caalaatti humna waraanaa fi meeshaan ammayyaan barattoota doorsisuuf mooraa Yuniversitiilee akka qubsuma waraanaatti fayyadamaa jiru. Basaasota barataa fakkaatee barsaasus doormii mara irra hiraa jiru.

  1. Daangaalee  magaalaa Finfinnee mara irratti konkolaataa dhaabsisanii kan Finfinnee keessaa bahuu fi kan Finfinneetti galu tokko tokkoon waan namni baatu korojoos haata’u kiisitti  qabeenya dhuunfaa baadhatee deemu sakatt’aa jiru.
  2. Waraqaan eenyummaa ummati baadhatee deemu kan haara’e tahuu baannaan too’annoo jala galuudhaan qoratamuu fi hiraarfamuutti argamu.Addatti ammo namni Oromoo ta’e martii fi kan afaan Oromoo dubbatu guutuutti shakkamaa ta’ee ilaalama.
  3.  Hanguma hiraarri ummata Oromoo irra gahaa jirus barattooti Oromoo Qeerroon waraqaa diddaa gabrummaa magaalotaa fi bakkoota ummanni heddumminaan jiran keessatti baldhinaan facaasaa fi raabsamaa kan jiru ta’uu,haalli kunis Wayyaanee caalaatti yaaddessuu irra darbee soda guddaa keessa naqee akka jiru beekama.
  4. Oromoonni humna P. Federaalaa keessaa hojjetan gariin waan barattoota Oromoo irra gahaa jiru miidhaa gara malee ta’uu hubachuun tumsa Qeerroof qaban taasisaa jiraachuu.
  5. Galmeelee caasaa mootummaa keessaa miidhaa Oromoo irra gahaa jiru baasanii caasaa Qeerroon gahuu fi adeemsa mootummichi farra nagaa fi dimokraasii ta’uu kan muldhisu dabarsanii kennuu isaaniiti.

Walumaa gala haalli kanneenii fi kkf naannoo Finifnnee keessatti deemaa jiraachuu Qeerroon gabaasa.

Qabsoon itti fufa! Gabrummaan ni kufa!

Diddaan Barattootaa Yuunivarsiitii Finfinneen eegale qeerroo Yuunivarsiitii Amboon itti fufe.

Aside

Amajjii 07,2012 Amboo

OromiaALutaContinua2011FDGDiddaan barattoota Yuunivarsiitii  Finfinneetti dhalate jabaachaa dhufuun qeerroo yuunivarsiitii Amboon itti fufe.Mootummaan wayyaanee diddaa barattootaa dura dhaabbachuufis waraana bobbaasee barattoota oromoo reebsisus barattootni Oromoo gamtaan waraana mootummaa Wayyaanee dura dhaabbachaa jira.Gaaffiin mirgaa barattoota Oromoo Yuunivarsiitii Finfinnee haa deebi’u,Baajatni dhimma barnootaaf bahe olola siyaasa mootummaa wayyaaneef ooluu hin qabu,Mootummaan Wayyaanee garboomfataa dha jechuun Qeerroon Yuunivarsiitii Amboo diddaa irtti fufee jira.Uummatni magaala Amboos waraanni mootummaa Wayyaanee yeroo hundaa maaliif ilmaan keenya dhaana jechuun diddaa dhageessisaa jiran.Yeroo ammaa kana diddaa daran jabaachaa dhufe dura dhaabbachuuf mootummaan wayyaanee hidhaa fi ajjeechaa filachaa kan jiru yoommuu tahu kun ammo haamilee barattootaa osoo cabsiin gaaffiin mirgaa daran jabaatee jira.Yuunivarsiitii Amboo keessatti waraanni mootummaa wayyaanee fi tikni mootummaa wayyaanee mooraa seenuun barattoota olii fi gadi arii’aa jiran.Barattoota Oromoos mana hidhaatti guuruu eegalanii jiran.Barattootnis diddaa nyaata lagachuu gaggeessaa jiraachuun beekame.

Godina Wallaggaa Aanaa Eebantuu Keessatti Ayyaana Guyyaa WBO Irratti Walitti Bu’iinsa Barattootaa fi Humna Hidhaataa Diinaa Jidduutti Ka’een Barattooti Oromoo Injifatan.

Aside

Amajjii 07,2012 Naqamte

diddaaGodina Wallagga bahaa aanaa Eebantuu magaalaa Hindeetti Goototni barattoota Oromoo, Barsiisotni, Hojjetootni Waajjira Qonnaa aanaa Eebantuu bakka tokkotti walitti dhufuun Amajjii 1 guyyaa WBO Uffata aadaa Oromoon faayamanii sirna miidhagaa fi seena qabeessa ta`een kabajatanii oolan.

Guyyaa kabajaa Ayyaana kanaa ilaalchisee sabboototni Oromoo bara haaraa kanatti dhimma biyya isaanii fi saba isaniirratti akka wal bira dhaabbatanii fi wal gargaaran, haalaa fi bifa kamiinuu taanaan waan dandeenyuun QBO bira dhaabbachuun ga`ee fi qooda dirqama lammummaa keenyaa ba`uu fi raawwachuu qabna jechuun marii walii galaa geggeessan keessatti waadaa waliif galuuniiru.

Haaluma walitti dhufeenyaa fi bakka tokkotti walitti qabamuu sabboonota Oromoo kanarraa sodaa fi birruu guddaa kan qabdu OPDO n humna waraanaa meeshaa guutuu hidhate itti bobbaaftullee sabboototni barattootaa fi barsiisotni mana barumsaa hindee itti roorisa diinaaf utuu hin birratiinii fi hin millatiin sirna kabajaa isaanii haala miidhagaan eegalanii sirnaan xumuuratanii erga namnuu adda adda deemeen duubatti ergamaan Wayyaanee diinummaa fi hammeenya gara malee kan ummata Oromoorratti raawwataa turee fi ammallee ummata hidhaa,reebisisaa fi saamisaa kan jiru ajajaan humna poolisaa aanaa Eebantuu Mokonnoon Raggaasaa Humna Poolisaa baayyinaan Ummatatti bobbaasee ture. Akka kanaan Poolisootni barattoota guyyaa WBO kabajatan qabuuf yeroo bobba’anitti ummanni Oromoo naannichaa fi barattooti wal ta’uun poolisoota of irraa deebisuuf dirqaman. Oromoon ummata nagaa fi qee’ee fi maatii isaa keessatti kabajaa ayyaana fedhe kabajachuuf mirga qaba nurraa deemaa jennaan poolisoonni yeroo diddaa argisiisanii hudhannoon ummataatti bobban gootonni barattooti Oromoo diina meeshaan deemu dhagaan loluun injifatanii of duuba deebisanii jiru.

Haala kanaan ergamtooti diinaa qawwee diinaa baatan sadii93) gara malee miidhamuun Hosptala Giddaa Ayyaanaa fi Laqamteetti akka geefaman gabaasi naannicha irraa nu gahe addeessa.

Baratooti Oromoo haala kana keessatti qabamanii mana hidhaa keessatti dararamaa jiran waan jiraniif diddaan ummataa itti fufee barattoota Oromoo hamma gadi dhiifaman duubatti hin deebinu kan jedhuun hanga ammaa FDG itti fufee jira.

Ummatni Oromoo aanaa Eebantuu iriira mormii ba`e keessatti ,

1. Ajajaa poolisaa jedhamee kan asi jiru Mokonnon Raggaasaa umata keenya akka malee miidhaa jira.mana hidhaatti umma guuree iraarsaa jira. hatatamaan akka inni asii ka`u jechuun gaafataniiru.

2. Miidhaa fi reebicha, saamichaa fi hidhaa sirnaa fi heera malee ummata Oromoo akkasumatti sababa ilaalcha ABO qabdaa fi caasaa ABO keessa jirta ykn ni beekta wkf jechuun nama yakkanii waan qabatamaa fi ragaa hin qabne sobaan nama hidhuun akka nurraa dhaabbatuu fi gochaa akkasii kana irraa poolisootni aanaa kana keessa jiran hundi gara malee ummata keenya miidhaa jiru. waan kana irraa akka dhabbatani jechuun gaafataniiru. Gara Godina wallagga bahattis iyyataniiru.

Xumuura irratti yaada dhaammatan,

1. Hidhaa fi reebicha fedhe kamiyyuu nurratti raawatamu, duuti fedhe kamiyyuu QBO irra duubatti nu hin deebisu!

2. Hanga Bilisummaan Oromoo fi walabummaan Oromiyaa dhugoomtutti mirga keenya ni falamna!

3. Dabaa fi shira mootummaan gabroofataa nurratti hojjetu fi hojjetaa jiru kamiyyuu tole jennee hin fudhannu! Duras ni dhaabbanna!

4. Barataan hidhame kun Obboleessa keenya, ilma keenya! akka inni mana hidhaatii hatattamaan ba`us ni gaafatan. Hanga inni ba`uttis mormii qabannus itti fufna jechuun bariisotnii fi barattootni ejjennoo isaanii ibsaniiru.

Injifannoo Ummata Oromoof!

Bariisota, Baratootaa fi Sabboontota Oromoo aanaa Eebantuu irraa

Wallee Filatamaa Bara 2012 , KA’I QEERROO!!

Aside

Oromiya

Wallee Filatamaa Bara 2012

Bara 2012 Keessa Sochii Dargaggoota Biyyoolessaa(Qeerroo)f gumaachi wallee waraaqsaa Artist Hirphaa Gaanfureen kenname kun rakkoo,gidiraa,dhiphinaa fi rooggoo ummata Oromoo irra jiru gahaatti ibsuu irra darbee sochii warraaqsaa Qeerroon gaggeessu keessatti guutuu Oromiyaa irratti faajjii jabduu ta’ee Qeerroon Oromoos ta’e sabboontoti marti caalatti Oromiyaaf ka’anii wardiyyaa akka dhaabatan taasisuu keessatti qooda guddaa kennee jira.

Sababaa wallee kana dhageeffattan jechuu fi bilbila harkaa irratti fe’attanii ummata baadiyyaa ittiin dammaqsaa jirtu jedhuun ergamtooti Wayyaanee dargaggoota hedduu mana hidhaatti guuraniiru. Addattti naannoo Dhiha Oromiyaa Ayiraa Gullisoo jedhamu keessatti barattoota hidhuu irra darbanii manneen barnootaa irraa ari’anii jiru. Qeerroolee arsaa kana kafalan guyyaa tokko seenaan ni yaadata.

Qabsaawaa fi Artist Hirphaa Gaanfurees akkuma wallee kee irratti jette hangamuu Oromiyaa irraa fagaatte qalbii fi onneen kee guyyuu ummata kee bira jiraataa jirtuu fi rakkoon ummata kees guddoo akka onnee si gubu waan beeknuuf jecha  gumaacha ati gooteef maqaa  Sochii Dargaggoota Bilisummaa fi Dimokiraasii Biyyoolessaa (Qeerroo)n Galata guddaa siif dhiheessina.

SBO Amajjii 06 Bara 2013

Aside

Ethiopia: Beatings, Arrests and Detentions at Addis Ababa University

Aside

HRLHA
HRLHA Urgent Action
January 05, 2013
The Human Rights League of the Horn of Africa (HRLHA) would like to express its deep concern regarding the unknown situations of students of Addis Ababa/Fininne University, who were arrested and detained following the clash between two groups of students on the Arat kilo University Campus (College of Natural Science) on the 2nd of January, 2013. Read more….HRLHA UA 2013

Diddaan Ummata Oromoo Godina Ilu Abbaa Booraa Itti Fufe.Qeerroon Waraqaa Waamicha FDG Baldhinaan Facaase.

Aside

Amajjii 06,2013 Mattuu

OromiaALutaContinua2011FDGGaafa Amajjii 04 fi 05,2013   Godina Iluu Abbaa Booraa aanaa Baddaallee fi Magaalaa Baddaallee, Dhiddheessaa, Cooraa, fi Huruummuu keessaatti diddaan Ummataa Jabaatee itti fufe. Sababiin diiddaa ummataa kaase keessaa dabballoonni Wayyaanee maqaa walgahii dhimma nageenyaa fi buusii hidhaa laga Abbayyaa jedhuun ummata walitti qabuuf yeroo yaalanitti ture.

Hidhaa laga Abbayyaa sababa jedhuun daldaluu fi ummatas hiraarsuun yeroo muummicha ministera duraa Mallas Zeenaa lubbuun jirutti ture kana booda waayeen hidhaa laga Abbayyaa ololaa fi karoora dulloomaa waan ta’eef isin hin dhageenyu jechuun ummanni dabballota Wayyaanee irratti ka’uu gabaasi Qeerroo godinicha irraa nu gahe addeessa.

Kana malees dabballoonni Wayyaanee miseensota OPDO ta’anii dammaqiinsa eenyummaa fi siyaasaa hin qabne yaadota dulloomaa mootummichi ittiin ummata bitaa jiruun karoora Mallasaa bakkaan geenya sababa jedhuun ummata hiraasan iyyuu ummanni naanncha garuu karoorri Oromootaa kan bilisummaa fi walabummaa dha jechuun harkatti didaa akka jiran qeerroon gabaasa.

Naannuma kanatti    Amajjii 4,2013 irraa egalee Waraqaan Waamichaa FDG Qeerroon qopheessee magaalaa Baddaallee aanaa Baddaallee, Dhidheessaa, Cooraa,  Hurruummuu, Mattuu, Yuunivarsiitii Mattuu fi Koolleejjii barsiisotaa Mattuu keessaa facaafamuu egalee jiraachuu Qeerroon godinichaa gabaasee jira. Ibsa waraaqaa qeerroo kana keessaattii barreeffaamonnii baratootni Yuunivarsiitii Finfinnee  badii tokkoo malee ukkaaffamaa jiruu haa hiikamaan, gochaa baratootaa Oromoo Finfinneef mootummaan Wayyaanee gaafatamaadha, gaaffiin ummataa Oromoo deebii haa argatu, dargaggoonnii Oromoo fi uummaannii Oromoo hundii baratootaa Yuunivarsiitii Finfinnee dararamaa Waayyaanee jala jiraaniif haa dirmannuu garbummaa waloon nutti fe’amee waloon of irraa haa buusnuu jedhuu kan of irraa qabuu, Qeerroon ummataa qaqqabsiisaa jiraachuu addeessa.

FDG Mooraa Yuuniversity Finfinnee Ilaalchisee Ibsa ABO Irraa Kenname

Aside

abo

Tarkaanfiin Abdii Kutannaa Mootummaa Itoophiyaa Qabsoo Bilisummaa Oromoo Daranuu Akka Shaffisu Dhiiba

Ibsa Adda Bilisummaa Oromoo

Amajjii 2, bara 2013 irraa eegalee Yuniversiitii Finfinnee Mooraa Kiiloo 4 fi Kiiloo 5 keessatti barattoonni Oromoo fincila qabsiisanii akka jiran beekamaa dha. Fincila barattoota Oromoo kan duraanuu yeroo dheeraaf Oromiyaa mara keessatti deemaa turetu mooraalee yuniversiitii Finfinnee kana keessatti daranuu jabaatee guyyaa eerame kanatti bifa addaatiin dhoowe. Ergamtoonni sirna Wayyaanee akkuma yeroo dheeraaf aadeffatan barruu Oromoo fi Oromummaa arrabsuu fi salphisu mooraa Kiiloo 4 keessatti maxxansuu isaaniitti fufee kan dhoowe incilli barattoota Oromoo kun yeroo ammaa gara dhaabbiilee barnootaa biyyattii adda addaatti akka babalataa jirus beekamaa dha. Guutummaa ibsa kanaa  afaan Oromoo fi Amaaraan dubbisuuf as tuqaa:-

Ibsa ABO Tarkaanfii Fokkisaa Mootummaa Itophiyaa irratti.pdf

Amharic version.pdf

Barattoota Yuuniversitii Mooraa Kiiloo 4,Finfinne Irraa Mana Hidhaa Wayyaanee Galanii dararamaa Jiran

Aside

Qeerroo

Amajjii 05,2012 Finfinnee

Haalli FDG Oromiyaa guutuu keessatti eegale hamma galii isaan gahutti dhaabbachuu akka hin dandeenye Qeerroon beeksisee jira.Haala kanaan diddaa Yuniversity Finfinnee mooraa Kiiloo 4 keessatti qabate irratti sochiin warraaqasaa itti fufee hanga ammaa sadarkaa mootummaa Wayyaanee yaaddessu gahee jira.Rakkoon barattoota Oromoo fi mootummaa Wayyaanee jidduutti qabate guutuu Oromiyaa keessatti daran jabaatee akka itti fufu beekamaa dha.

Diddaa mooraa kiiloo 4 keessatti ka’e irratti barattooti Oromoo 113 yeroo hidhaman kanneen keessaa barataan Gammachuu jedhamu guyyaa kaleessaa reebichaa loltoota Wayyaanee itti hammaachuu irraan mana yaalaa gahee gootummaan wareegamee jira. Waaqayyo maatii isaa fi qabsaawota Oromoof jajjabina isaa akka laatu Qeerroon dhaammata.

Kanneen hafan hidhaa keessatti yeroo ammaa rakkachaa jiran akka armaa gadiiti.

Barattoota Yuuniversitii Mooraa Kiiloo 4,Finfinne  Irraa Mana  Hidhaa Wayyaanee Galanii dararamaa Jiran!

# Maqaa Guutuu Sabummaa Sadarkaa fi GosaBarnootaa               Teessoo
Naannoo Zoonii
1 Abdisa Balachew Tafasa Oromoo Sivili Eng. 3rd Oromia Wallaggaa
2 Abbabaa Gaddafa Baayisa   Oromoo Biology 2nd Oromia Ambo
3 Gaaddisaa Taayisa Fufaa  Oromoo Chemistry 1st Oromia Wallaggaa
4 Lamma Caala Duumessaa Oromoo Biology 1st Oromia Wallisoo
5 Dabalaa Idechaa Amshaa Oromoo Geology 1st Oromia Sabbataa
6 Gaddisaa Abarra Abbabora Oromoo Geology 2nd Oromia Wallaggaa
7 Tadela Tarekegn Lemma Oromoo Geology 3rd Oromia Wallaggaa
8 Gaarii Tolina Waqjira Oromoo Geology 2nd Oromia Wallaggaa
9 Ahimad Mustafa Fida Oromoo Physics 1st Oromia Wallaggaa
10 Sanyi Daggafa Duressoo Oromoo Maths 2nd Oromia Ambo
11 Baqqale Abdisa Amus Oromoo E/Engineering 3rd Oromia GarbaGuracha
12 Husen Ahimad Abbabaa Oromoo Biology 1st Oromia Baalee
13 Abodulahi Eres Turi Oromoo Maths 1st Oromia Arsii
14 Yonas Dina Barkeessa Oromoo Chemistry 1st Oromia Wallaggaa
15 Jammaraa balayi Gudeta Oromoo Hearth Sceince 2nd Oromia Wallaggaa
16 Hirphaa Toleera Irana Oromoo Physics 1st Oromia Wallaggaa
17 Malaku Girma Anjaggoo Oromoo Biology 1st Oromia Wallisoo
18 Lema Amana Dhinaa Oromoo Biology 1st Oromia Ambo
19 Xaayib Teessoo Wayeessa Oromoo Biology 1st Oromia Arsi
20 Qafoo Amida Abbusii Oromoo Biology 1st Oromia Arsi
21 Isayas Itaana Anshu Oromoo Science 1st Oromia Wallaggaa
22 Qannaa Mokonin Galataa Oromoo Comp.Science 1st Oromia Wallaggaa
23 Abdata Gudeta Lamu Oromoo H/Science 3rd Oromia Wallaggaa
24 Ayana Birhanu Bayane Amhara Geology 3rd Amhara Awi Zone
25 Abbaba Ayale Asaffaa Oromo Geology 1st Oromia Sabbataa
26 Iftaayom Kumsa Mulata Oromo Geology 2nd Oromia Sabbataa
27 Olana Tamasgen Aga Oromoo E/Eng.ng 3rd Oromia Wallaggaa
28 Nanboni Tamiru Diriba Oromoo Geology 1st Oromia Sabbataa
29 Iyaasuu Tamasgen Fatane Oromoo C/Eng.ng 3rd Oromia Wallaggaa
30 Yoreson Yoregecha Caalaa Oromoo Accounting 1st Oromia Wallaggaa
31 Anlayi Alemayehu Adimasu Amhara Biology 2nd Amhara Awi Zone
32 Igataa Gudina Aboma Oromo C/Eng.ing Oromia Sh/Dhiyaa
33 Dibaba Birbesa  Gutema Oromo Earth Science 2nd Oromia Ambo
34 Desale Akkasaa Qalbeessaa Oromoo Earth Science 2nd Oromia Wallaggaa
35 Fikadu Warku Magarsa Oromoo Chemistry 3nd Oromia Ambo
36 Abbay Garemewu Gawawe Amhara Chemistry 3nd Amhara Lalibela
37 Mulune Gammachu Qaamme Oromo C/Eng.eng 3rd Oromia Dukam
38 Yihenew Tasfaye Aseffa Amhara Con.sience 3rd Amhara Bichana
39 Indalehu Balay Shita Amhara Maths 2nd Amhara Qoyaafit
40 Balaxe Mosisa Qadida Oromo Biology 3rd Oromia H/Guduru
41 Tajudin Abdulatif Oromo Statics 2nd Oromia
42 Tadele Indashewu Hundesa Oromoo Earth Science 4th Oromia Bako Tibe
43 Sisay Fayera Warqina Oromoo Maths 3rd Oromia Limmu
44 Kelay Wandim Teway Tigre Maths 2nd Tigray Koram
45 Abdata Taye Mulata Oromo Biology 1st Oromia Warra Jirru
46 Birhan Mokonin Alemu Amhara Maths 2nd Amhara D/Markos
47 Tarreessa Nagaasaa Nagara Oromo Chemestry 3rd Oromia Tokke Kutaye
48 Ahunalam Mokonin Dinqa Oromo Statics 3rd Oromia
49 Tamasgen Marilign Tawayi Amhara Chemestry 2nd Amhara Gayint
50 Lalisa Biqila Dheressaa Oromo Maths 1nd Oromia H/Guduru
51 Misgnawu Aweke G/Hiwot Amhara Statics 2nd Amhara Gondor
52 Amsalu Abdata Kabbadaa Oromo Geology 1st Oromia H/Guduru
53 Mamahu Mulugeta Kefalehu Amhara Physics 2nd Amhara Achefari
54 Mohamad Jafar Ahimad Amhara Geology 3rd Amhara Dase Ketama
55 Yohanis Arega Amanu Kibba Statics 2nd Kibba Malakoza
56 Tafari Shababi Mokonin Amhara Statics 3rd Amhara Daiji
57 Aman Bati Magarsa Oromo Chemistry 2nd Oromia Arsi Nagale
58 Mabiratu G/Mikael G/madin Tigre Chemistry 3rd Tigray Adiya
59 Camiro Abuti Anche Kanbata Geology 3rd Kanbata Qadida
60 Takala Gone Fage Kibba Geology 3rd Kibba Angabu
61 Gaaddisa Galiisa Baanee Oromo Language 2nd Oromia Ambo
62 Gudina DasalegnAmante Oromo Biology 3rd Oromia Naqamte
6364  Getanehi Azona Alamu    Guddee Wakkannee Huraa Amhara       Oromoo Nursing 1st          Maths 2nd Amhara    Oromia Achafar              Jimmaa
65 Birhanu Taye Molla Amhara Physics 2nd Amhara Daraja Haylu
66 Gutema Mokonin Waqqasaa Oromo Geology 2nd Oromia
67 Qabataa Faxxanee Oromo Oromia
68 Getacho Galata Warquu Oromoo Maths 2nd Oromia
69 Ramadan Xaayib Gadaa Oromo Biology Oromia
70 Masarat Tafarra Oromoo
71 Yaaiqob Gadaa Dabalee Oromo Chemistry 2nd Oromia
72 Tariku Bulcha Hayle Tigray Baiology 2nd Tigray
75 Danile Reba Wagga Oromo Biology 1st Oromia
76 Abbabaa Tuujjii Caalaa Oromo Biology 2nd Oromia
77 Abdata Abdissa Daga Oromo Maths 2nd Oromia
78 Dingata Lamu Jakaa Oromo Maths 2nd Oromia
79 Kaasaa Asrat Amhara Biology 3rd Amhara
80 Hadisha G/Mariyam Tigre
81 Tseggawu Khasayi Tigre Geology 3rd Tigray
82 Geta Make Cana Amhara Biology 3rd Amhara
83 Warku Amare Amhara Biology 3rd Amhara
84 Mulugeta Casale Amhara Geology 3rd Amhara
85 Amagn Adamu Amhara Maths 2nd Amhara
86 Dajane Walde Tigre Biology 2nd Tigray
87 Ligaba Aseffa Amhara Biology 3rd Amhara
88 Dase Teshome Amhara Physics 2nd Amhara
89 Aschelahu Amhara Chemistry 3rd Amhara
90 Dereje Bitawu Amhara Chemistry 3rd Amhara
91 Getnet Ayanew Amhara E/Eng.ng 3rd Amhara
92 Aregawu Monyinet Amhara Chemistry 3rd Amhara
93 Desta W/Gieorgis Tigre Comp. Science Tigray
94 Uman G/Ananiya Tigre Biology 2nd Tigray
95 Yonas Xaham Tigre Statics 2nd Tigray
96 W/Kros Khilu Tigre Geology 1st Tigray
97 Dirribsa Caalaa Oromo Geology 1st Oromia
98 Ebbisa Barki Oromo Chemistry 2nd Oromia
99 Asimamahu Mangistu Amhara Biology 1st Amhara

Barattooti maqaa fi bakki dhaloota isaanii guutuutti hin argamiin 13 gara fuula duraa dhiheessina.

Qabsoon itti fufa Gabrummaan ni kufa!!