Diddaan Qonnaan Bultoota Oromoo Aanaa Haromaayaa Itti Fufuu Irraan Qonnaan Bultooti 3 Hidhaman.Gariin Qarshiin Adabaman

Aside

Bitootessa 1,2013 Haromayaa 

Oromian resistanceMootummaan EPRDF Wayyaanee diddaa qotee bultootni aanaa Haramaayaa mootummaa wayyaanee irratti kaasan dura dhaabbachuuf qotee bultoota mana hidhaatti ukkaamsuun qarshii 500.00dhaan adabuun reebichaan miidhaa garaa garaa irraan gahaa jiraachuu qeerroon gabaase.

Mootummaan Wayyaanee gaaffii mirgaa hidhaa fi saaminsaan kan dura dhaabbatu aanaa Haramaayaa ganda Xinniqqee araddaa Gooroo Jiddaa keessaa qotee bultoota Oromoo

1. Usmaan Abdullaah qotee bulaa Araddaa Gooroo Jiddaa

2. Iskandir Mohaammed reebamee jira

3. Ibroo Abdurhamaan Muummee

Jedhaman mana hidhaatti ukkaamsitee qarshii 500n erga adabdee booda isintu qotee bultoota kakaasa,Isin miseensota ABOti,ABO beektu nyaachistu baasaa jechuun reebuu irratti argamu.Qotee bultootni kunneen ABO yoo argines inuma nyaachisna,ABOn Oromoof kan dhaabbatudha jechuun mana hidhaa keessa taa’uun kutannaa diina abdii kutachiisu dubbatanii jiran.Basaastotni wayyaanee ganda kanaa Taajuddiin Abbaasee fi Zaakkoo Saalii jedhaman uummataan kan lagataman yoommuu tahu hojii farrummaa QBO irraa hatattamaan hin dhaabbatan taanaan qabeenyii fi lubbuun isaanii akka baddu qotee bultootni araddaa kanaa dhaammatanii jiran.

 

Barattoota Oromoo Wayyaaneen Yakkamanii Yuuniversitii Irraa Arihaman Keessaa Hamma Tokko.

Image

Barattooti Oromoo Yuniversitoota Finfinnee Gara Garaa Keessaa Sirna Dhabaa Wayyaanee Balaaleffatan.

Aside

Gabaasa Qeerroo Bitootessa 1,2013 Finfinnee

Barattooti Oromoo Yuniversitii Finfinnee kiiloo 6 fi 4 akkasumas Kotobee fi bakkoota gara garaa irraa walitti dhufuun dhimma gootonni barattoota Oromoo Yuniversitii kiiloo 4 irraa badiin tokkoon malee Oromummaa isaaniif jecha barnoota irraa arihamanii irratti marii gahaa godhchuu isaanii Qeerroon gabaase.

Haala kanaan barattooti Oromoo qabsoo bilisummaa Oromoo jaallan irratti wareega kana fakkaatu kafalan itti fufanii bakkaan gahuuf ejjennoo armaa gadii fudhatan.

Barattooti Yuuniversitii Finfinnee irraa arihaman marti daddaffiin gabatee barnootaa isaaniitti yoo hin deebine rakkoo ummata Oromoo fi Wayyaanee jidduutti hammeenya hiriyyaa hin qabneen deemuuf gaafatamni isaa Wayyaanee tahuu isaa beeksifna.

  1. Qabsoon Qeerroon eegale hamma galmaan gahutti osoo duubatti hin deebi’iin Oromiyaa guutuutti itti fufna.
  2. Dhaaba keenya ABO waliin ta’uun gaaffii mirga ummata Oromoo itti fufna.
  3. Kanneen jedhan ejjennoo fudhachuun barattoota Oromoo Yuuniversitii Asoosaa keessatti gaaffii mirgaa kaasaniifis degersa qaban muldhisanii jiru.

Kana irratti dabalee barattoota Oromoo Yuniversitii irraa arihamaniif tinnisa barbaachisu akka godhanis ejjennoo isaanii keessatti lafa kaayyatanii jiraachuu qeerroon gabaase.

Qabsoon itti fufa ! Gabrummaan ni kufa!

Seife Nebelbal Radio: Interview with Qeerroo and Jawar Mohammed

Raadiyoo Simbirtuu Qophii Dhuma Baatii Guurraandhala 2013

Barattooti Oromoo 33 Badii Tokkoon Malee Yuuniversitii Finfinnee Irraa Arihaman

Gabaasa Qeerroo Finifnnee Gurraandhala 28,2013

scan0004

Gabaasa Qeerroo

Gaaffii mirga sabaa karaa nagaa gaafachuun yakka taee biyya jiru Itiyoophiyaa keessatti barattooti Oromoo kumaatamaan hidhamanii kumaatamaan biyyaa ariamanii kumaatamaan ammo manneen barnootaa fi hojii irraa arihamaa jiraachuun isaanii baroota 21 kana keessa beekamaa dha.

Bara kana keessa gaaffii mirga sabaa gaafattan ijaarsa siyaasaa mirga Oromoo gaafatu isin boodaan jira sababa jedhuun barattoota Oromoo Yuuniversitii Kiiloo 4 jiru keessaa barattooti 10 waggaa lamaaf 23 ammoo wagga 1f arihamuun 3 ammoo guutummaatti akka Yuuniversitii itti deebiuu hin daneenyetti mootummaa Wayyaaneen arihamanii jiru.

Kanneen guutuutti barnoota isaanii irraa arihaman

1. Barataa Araarsoo Waaktolaa

2. Barataa Malkamu Mulugeta

3. Barataa Baqalu Siyum

Kanneen jedhaman yeroo tau kanneen kaan 33 taan ammo guutummaa list isaanii caasaa Qeerroon qabuun kan argame kanatti maxxansinee jirra.

Oromoon haqa ummata isaa fi rakkoo barattooti Oromoo argaa jiran kanaaf tokkummaan bakka maratti iyyachuu akka dandayutti qeerroon dhaamsa dabarsa.

scan0003

Gabaasa Qeerroo

scan0005

Gabaasa Qeerroo

Hunda Dura Oromiyaa!!!

Aside

SBO Guraandhala 27 Bara 2013

Aside

Ani daa’ima miti akka joollee na sossobduu….

Wallee Yoonus Abdullaahii fi Hiboo Nuuraa

Ani daa’ima miti na hin sosobiin

Godina Harargee Aanaa Haromayaa Keessatti Diddaan Qonnaan Bultoota Oromoo Itti Fufe.

Aside

Gurraandhala 26,2013 Haroomayaa 

Oromian resistanceMootummaan wayyaanee dabballoota bobbaasuun qotee bultoota dirqamaan hojii isaanii irraa buqqisuun olola siyaasaaf duula Sulula qotaa deemsisaa jiraachuun isaa beekamaa dha.Godina Harargee bahaa aanaa Haramaayaa ganda Xinniqqee araddaa gargaaraa keessatti ololli siyaasaa Wayyaanee nu biratti hin hojjetu jechuun qotee bulaan dabballoota Wayyaanee dura dhaabbatan.

Haala kanaan Wayyaaneen namootni baatanii Viidiyoo fi raadiyoon waraabamtanii mootummaan keenyi gaariidha hin jenne qarshii 100n adabamtu jechuun duula qotee bultoota irratti banus qotee bultootni walii galuun mormii dhiyeessanii jiran.Mootummaan Wayyaanee
dabballoota
1. Obbo Zaakkoo Saalii
2. Obbo Abdii Musaqeeroo
3. Angisoo fi
4. Jeeylaan waardiyaa yuunivarsiitii kan tahe
Bobbaasuun uummata afaan qawween doorsisuuf dirqama itti kennitus uummatni basaastotaa fi jala deemtota wayyaanee dura dhaabbatee jira.Yeroo ammaa kanas namootni walgahiitti akka bahan akeekkachiisnii fi waamichi halkanii guyyaa taasifamus uummatni guutummaan wayyaanee didee jira.

Kana malees Dabballootni Wayyaanee uummata doorsisuu,hidhuu fi saamuu kan amaleeffatan magaala Dirree Dawaa saabbiyaan ganda 02 keessatti basaasti wayyaanee federaala tahe Amaanu’eel Taammiruu jedhamu namoota nagaa osoo saamuu uummataan reebamuun saaxilame.Basaasaan Wayyaanee kun dirqama wayyaanee irraa fudhate keesumaa qabeenya sabboontotaa afaan qawween saamuu irratti kan bobbaafame mana Obbo Jundii Shariif saaminsaaf wayita seenutti dargaggootaa Oromoon qabamuun harka sabboontotaan salphatee jira.Mootummaan Wayyaanee magaala Dirree Dawaauummata nagaan waliin jiraachaa jiru keessatti saamtota akkanaan tolchuu ishees odeeffatni qeerroo maagaala kanaa addeessee jira.