KA’AA HUNDINUU WALIINI!/Walaloo

Aside

Maadhee dheebuu Bilisummaa Irraa
Finfinnee
Ka’aa hundinuu waliin!
  Kan keessaaf kan alaa ilmaan haadha  tokkoo

Dantaa dhuunfaaf jennee hin taanu muka qottoo
Garaa guuttachuuf maalif uumna rakkoo
Bilisoomuun hin oolu guyyaa gaafa tokkoo
Gaaf sana gaabbina har’a yoo uumne rakkoo.

Sirriitti wal jaaladhu akka obbolummaa
Of hin fakkeessin hubadhu eenyummaa
Yeroof jettee hin dagatin eenyummaa
Hundi wal taanee haa cimsinu tokkummaa
Hanga yoomii baannaa? harqota gabrummaa.

Iyyaa iyya dabarsaa
Tokko osoo hin hafne qomoo hundatti labsaa
Qabsoon dabaree miti lammii hunda dammaksaa
Hunduu gamtaan kaanan aangoo diinaa cabsaa.

Bilisummaaf jedhee hedduutu manaa ba’ee
Osoo dhugaaf falmuu kan dhiigni dhangala’e
Oromiyaaf jedhee akka dungoo boba’e
Maatiin osoo karaa eeguu qalbiin kan roora’e
Sana yaadannee maal yoo garaan nu boora’e?
Mee naaf himaa booreen maaf har’a ga’ee.

Maqaa Oromootin dhaaba hedduutu jira
Hunduu wal qoodee addaan wal ciccira
Martuu miidhamee argaa jira gidiraa
Furmaanni biraa hin jiru WBO duukaa hiriiraa
Tasa dogongortee hin eegin kan biraa
Har’as ta’ee boru isatu nu jijjiira.

Garaadhaaf kan bitame lammii ajjeechisaa
Lubbuu hedduutu badee kam himeen kam dhiisaa?
Tokko yaamee gariin dhiisuu seenaan na gaafachiisaa
Akka hin daganneef seenaa yaadachiisaa
Galmee Wareegamtootaa ifatti mul’isaa!

Mee jara ilaalaa
Obbo Yuunaddii kan akka Abbaaduulaa
Kaleessa lammii jibbee diina waliin guulaa
Isaanis jibbaman irraa garagalfatan fuula
Marfamanii eegamu akka midhaan tuulaa
Gowwaa bu’i bowwaa dubbiin silaa fuula fuulaa.

Daandii isa baasu abbaatu ilaallata
Seenaa badaa qabda maaltu si jaalataa
Yeroon maladhu kan caalutu si muudataa
Dubbii sangoota sadanii santu si eeggataa.

Mandhee Dheebuu Bilisummaa irraa

 

Seife Nebelbal Radio, Interviews with Abdi Boruu and Taha Abdi

Aside

Yuunivarsiitii Arbaminc keessatti Qeerroon Ayyaanni DH.D.U.O Diddaan Fashalsan

Aside

Ebla 07,2013 Arbaminc

Yuunivarsiitii Arbaminc keessatti Ayyaana OPDO qopheeffame irratti sabboontotni ilmaan Oromoo lagachuun wallee warraaqsaan garboomfataan nu hin bulchu jedhan.Yuunivarsiitii Arbaminc Damee caamoo keessaa barattoota oromoo baratantu damee hundumaa keessatti karoorri wayyaanee akka bakkaan hin geenye taasisa jechuun wayyaaneen barattoota oromoo damee Caamoo sakattauu fi doorsisuu irratti argama.Miseensotni DH.D.U.O tahan miseensummaa kanaa hin barbaannu jechuun ayyaana kana lagatanii jiran.Kan nuyi irraa eegamu QBO gaggeeffamaa jirutti dabalamuun gumaata nurraa eegamu bahuu malee ulee diinaa tahuu miti jechuun jala deemtota mootummaa wayyaanee qaanessanii jiran.

MUKA JALLAA DIRIIRSUUN OSOO QACALEETI

Aside

Jawaar Siraaj Mohammad


Barreessaa dhugaa baasa!Ebla 4, 2013 (The Gulele Post) — Tattaaffiin rakkoo qabsoon Oromoo mudatte furuudhaaf akka matayyaattiis tahe akka  gurmuutti godhamaa jirtu mara jajjabeessuun barbaachisaadha. Carraaqqiin garasiin godhamtu garuu, tan rakkoo jirtuuf furmaata argamsiiftu malee tan rakkoo jirtu  daranuu  hammeessitu tahuu hinqabdu. Keessaafuu, injifannoolee hanga ammaatti argamaniifi wantoota bu’ura tahan akka hin faallessine of eeggannoo cimtuu qabaachuu feesisa. Murni dhiheenya kana as bahe  jechoota hahhaarayaa waliin mul’ate. Jechoota kana keessaa, jechoonni lama (terminologies) waan qabsoon Oromoo hanga ammaa himachaa turteefi (political narrative), maalummaa qabsoo tanaatis faallessu tahuu isaanii ibsuufi hubachiisuu barbaachisa. Jechoonni baanaman kuni gaafii Oromoo gaafii sabaatirraa gara gaafii mirga amboommiitti gadi siqsan,  Oromoo ammoo, gurmuu akka sabaatti of dandayee ejju tahuurraa kan gara garee Afaaniitti (linguistic group) gadi cabsan tahuudha agarra. Dubbiin lameen tunniin injifannoolee hanga ammaatti goonfanne ni gaaga’an;  karaa nuu hafe keessattis gufuufi sakaallaa nutti tahuus ni malan. Kanaafis jechoonni kuni gad baafamanii ummatatti dhihaatan afaanfajji osoo hin uumin,  warri ykn gareen dubbiin tun irraa maddite dhimmi kuni duumeeysa balaa dorrobe tahuu akka hubatan  yaaliin godhamteeti turte. Yeroo sunitti dubbiin dogongora tahuu isii fudhatanii sirreessuufis tarkaanfiin akka fudhatamtu waadaa seenaniiti turan. Haatahu ammoo, waadaa seenan sun diiguudhaan amma kunoo bifa galmeetin basaqeeysatti asiin bayaniiti jiran.

Kanaafu maalummaa dubbii tanaa ibsuudhaan miidhaa tattaaffii sabaatirratti fiduuf maltu ammuma osoo ganamaa bifa xiinxalliitiin ifa goonee ummataaf dhiheessuuf dirqamneeti jirra. Gutuutti dubbisuuf http://ayyaantuu.com/horn-of-africa-news/oromia/muka-jallaa-diriirsuun-osoo-qacaleeti/ or http://www.gulelepost.com/

Raadiyoo Simbiruu Qophii Ebla 5, 2013

Aside

Godina Iluu Abbaa Booraa Keessatti Ummanni Gamtaan Walgahii OPDO Lagate

Aside

Gabaasa Ebla 5,2013 Mattuu

Godina Iluu Abbaa Booraatti Uummaannii Oromoo Ololaa maqaa siyaasaa dahoo godhatee, guyyaa dhalotaa OPDO waggaa 23ffaa kabajna jechuun OPDO’n uummataa gandootaa garaagaraa irraatti teessisuuf yaaliin godhamaa jiruu mormii uummataan fashaala’aa jira.

Ummaannis Siyaasaa Wayyaaneen karaa dhabaa jalee ishee OPDO ololaa jirtuu balaaleeffaachuun walga’ii Wayyaanonnii Aanaawwaan, akka Mattuu, Buree, Hurrummuu, Dhidheessaa, Cooraa, fi Baddaallee, kanneen jedhamaan keessaatti walga’ii dabbaalonnii gandotaa aanota kanneen irraatti gaggeessaa jirtuu irraatti Uuummaannii mormii kaasuun gaffiiwwaan mirgaa kaasuun biyyaa mirgii amantaa ,siyaasaa, mirgi ilma namaa fi Dimookiraasiin hin jirree keessaatti ofuumaa maqaa filaannootiin daldaluun olee bulee bu’aan isaa kufaatiidha jechuun Uuummaannii yaada kaasee walga’ii keessaan hin teenyuu duraa gaaffii mirgaa nuf deebisaa jechuun walga’ii OPDO mormuun ka’ani.

Ergamtootni diinaa OPDO’n sochii uummataa kanattii rifaachuun uummataan ilaalchaa ABOtu isin keessaa jira, isiin keessaas eenyuu ABO akka ta’ee ni beekna jechuun uummataa dorsiisaa jiraachuun beekame.

Haala kanaan ummanni ABO ta’uu keenyatti ni boonna,mirga Oromoof kan falmuun eenyummaa keenya ibsa malee kan nu farroomisu miti jechuun walgahii irraa guututti lagachuun gabaafame.

Oromummatti Dhalanne,Sobnee Maqaa Hin Jijjirranne!! Artist Fayyisaa Furii

Aside

Wallee Ergaa Jabaa Qabu

Barsiisonni Ona Ejeree Dhimma Miindaan Wal Qabsiisaanii Hojii Barsiisummaa Dhaaban

Aside

Ebla 03,2013 Ejere

Gabaasaa Godina Shawaa Kaabaa Ona Ejeree har’a Ebla 03 irraa addeessuun armaan dura jireenyi nutti cime miindaan nuuf haa dabalamu jedhuun barsiisonni mana barumsaa qophaayinaa oan Ejeree irraa barsiisan dhimma miindaan dabalamuu waliin gaaffii barruudhaan dhiyeeffatan. Gaaffii kana dhiyeeffachuun isaa Bitootessa gaafa 18 ture jedhu,hanga har’aatti deebiin dhibuu irraan har’a ganama irraa ka’anii hojii dhaabuu isaanii beeksisan. Barattootni kutaa 11ffaa fi 12ffaa nutis gaaffiin barsiisota keenyaa mootummaa kana irraa hanga deebii argatutti barumsa hin barannu jedhanii barruu tamsaasan kan jedhu gabaasaan isaa addeessa.
Barsiisonni kun gaaffiin isaanii dhimma daballii mindaa haata’u iyyuu malee gaaffii mirga Oromoo kaan irraa gaaffiin akka walii galaatti mootummaa irratti waan kaasaniif Qeerroon tumsa barbaachisu gochuun mirgi ummatootaa akka kabajamuuf sochiii guddaa akka godhaa jiru gabaasaan Qeerroo adeessa.
Barsiisoti sabummaan ummatoota Kibba tahanii fi Amaara tahan sochii kana keessatti Qeerroo waliin akka hiriiranii jiranis gabaasi qeerroo ibsa.
Qabsoon itti fufa! Gabrummaan ni kufa!

SBO Ebla 03 Bara 2013

Aside

Kaayyoo Koo Hin Jijjirruu Gonkumaani!!!

Aside