Biyya Ethiopia Qulqullinni Daandii Dhibuu Irraan Balaan Konkolaataa Ummata Gaaga’aa Jira

Aside

Gabaasa Oduu Gaddaa: Godina Jimaatti Ebla 10/2013 Balaan Konkolaataa qaqqabee irraa kan ka’ee namoonnii hedduun lubbuun wareegaman. Konkolaataan ‘Salam Bus” Jedhamuu Magaalaa Jimmaa irraa gara Finfinneetti namoota 60 fee’ee utuu adeemuu godina Jimmaa aanaa Sokorruu keessaatti garagalee lubbuun namotaa 45 batalummatti galafataman,namoonnii 10 akka malee madaa’uun du’aaf jereenyaa gidduutti argamu.

Balaa koonkolaataa kanaan namoonnii lubbuun galafataman irraa Caalaan Ilmaan Oromoo yoo ta’uu beektotaa fi Dokteroonnii akka
Dokteer Warquu Mooraa yuunivarsiitii Jimmaa Mooraa Qonnaa Keessaatti Dokteraa Veternary hayyuu cimaa kan ta’anii fi Sabboonaa Oromoo dargaggoo Tarraafaa Matakkaa dabalatee ilmaan Oromoo sabaabaa jiruu fi Jireenyaaf oliif gadii deemaan ta’uun hubatame jira, akkasumaas Baratootni Yuunivarsiitii Jimmaa bara kanaa ebbiifamaanii fi hojii research garaagaraa hojjeechuuf deemaan kannee keessaatti argamaan balaa kanaan du’uu Gaddaa Guddaa Nutii dhagaa’ame ibsina, sabboonaa Dargaggoo Oromoo Tarrafaa Matakkaa Godina Lixaa Shawaa Magaalaa Amboo Ganda 06 keessaatti dhalatee Barumsaa sadarkaa 1ffaa Mana barumsaa Carii sadarkaa tokkoffaatti baratee sadarkaa 2ffaa mana barumsaa Amboo sadarkaa 2ffaatti baratee, sanaa boodaa pooliisii ta’uun humna poolisii federaalaa keessaa hojjeechaa kan turee fi achii keessaatt illee sabaabaa Oromummaa isaattiin yeroo yerootti angawootaa wayyaaneetiin qoratamaa kan ture, fi ammas achumaa keessaa humnotaa Poolissii Feederaalaa Magaalaa Jimmaa keessaa qubsiifamanii jiran keessaa hojjeechaa utuu jiruu dhimmaa hojiif utuu konkolaataa kanaan garaa Finfinnee Deemaa jiruu balaa qaqqabe kanaan Umrii isaa wagga 27tti Lubbuun isaa darbuu gaddaa guddaa nutti dhaga’ame ibsina.
Dargaggoo Tarraafaa Matakkaa Sabboonuummaa fi Oromummaa isaaf umrii mana barumsaa Carii sadarkaa 1ffaa irraa egalee gumachaa qabsoon nama irraa barbadduu dargaggotaa Oromoo waliin qooda fudhachuun beekama, yeroo ammaa kanaattiis harka Lafa jalaan Sochii Qeerroo Dargaggootaa Oromoo keessaattii ijaaramuun dirqamaa Oromummaa isaa bahachaa utuu jiruu balaa akka tasaa mudatee kanaan wareegamuu isaa fi Ilmaan Oromoo utuu karaa deemaanii balaa tasaa maatii isaanii irraa gargar isaan baasee kanatti Hoggaansii Qeerroo Godinaa Jimmaa fi Iluu Abbaa Booraa Gaddaa Guddaa nutti dhaga’amee ibsanna, Maatii sabboonaa Oromoo Tarraaffaa Matakkaa fi Firootaan isaa akkasumaas Maatii fi Firoottaan Ilmaan Oromoo jiruuf jireenyaaf jedhanii utuu deemaa jiraanii balaa kanaan gaga’amaniif waqayyoo jajjabinaa haa kennuu jechuun gaddaa nutti dhaga’ame ibsina.
Biyyaa ammaa Ethiopia jedhamtuu fi Keessaattuu Oromiyaa keessaa daandiin konkolaataa sirriin hojjetamuu dhabuun Lubbuu lammiilee balaa kana fakkaatuuf saaxilaa jira. Mootummaan Abbaa Irree Wayyaanee kan maqaaf biyyaa bulchaa jirraa jedhuu maqaan daandii konkolaataattiin deeggarsaa biyyootaa Duuromaan kanneen akka China, Jaabbaan, Xaaliyanii, Amerikaa fi Biyyootaa dhiyaa irraa deeggarsii maqaa daandii konkolaataatiif kadhatamuu qarshii Biiliyoonaa hedduuttii tilmaamaama, Deeggarsaa kadhaa fi liiqiin biyyoota duuromaan kana irraa dhufuun mootummaan wayyaanee dantaa dhuunfaa isaaf olchuun Uummaannii biyyaattii mana ba’aanii deebii’anii galuu dadhabuun kunoo hedduun daandii irraatti wareegamanii hafaa jiru, Egaa Wayyaanee deegarsaa maqaa dandii konkolaataa, Bishaan Dhugaatii fi Fayyaa jechuun argachaa jiruu, gara qabeenyaa Dhuunfaa isaaniitti naanneeffaachuun duuromaa jiru.

Kutaalee biyyaattii keessaa yeroo ammaa kanaa rakkoo dandii konkolaataa, bishaan dhugaatii qulqulluu dhabuu fi buufataa fayyaa kanneen qorichii fi ogeessii sirriin keessaa jiruu dhabuun kan midhamaa jiruu Oromiyaa Fi Ummataa Oromoo ta’uu dhugaan jiruu fi ta’iiwwaan qabatamaan mul’achaa jiran ragaadha, Liqii biyyotaa Duuromaan irraa maqaa dandii konkolaataa, bishaan fi
fayyatiin liqeeffaatamee 80% deebistee kan kanfaltuu garuu Oromiyaa ta’uun beekamaadha.

Nuti Qeerroon Dargaggoonnii Oromoo Ummatni keenyaa karaa dinagdee, karaa jireenyaa jireenyaa hawwaasummaa,karaa misoomaa, qabinsaa mirgaa dhala namaa , siyaasaa fi Bulchiinsaa sirna Dimookiraasii dhugaa dhabuun miidhamaa guddaa keessaa waan jiruuf qabsoo FDG egallee jabaannee itti fufuun haawwaasaa keenyaa rakkoo kana keessaa baasuuf kutannoon ni hojjennaa, Ummaannii keenyaas rakkoo Ulfaataa kanaa keessaa ba’uuf akka tokkummaan nu cina dhaabbatuu ni gafannaa jechuun dhaamsaa keenyaa dabarsina.

 

Godina Qeellam Ona Yettii Konqii Irraa Oromooti Hedduun Oromummaan Hidhaman.

Aside

Ebla 11,2013 D.Dolloo

Gabaasaa godina Qellem Ona Anfilloo ganda Yatti-Koonqii irraa  Ebla 11,2013 Oromoota nagaa manaa fi bakka hojii isaanii irraa hedduminaan qabuun mootummaan Wayyaanee hidhaa buuse.

Sababaan hidhamuun namoota kanaa waraana ABO godinicha keessa sosso’uf gargaarsa ykn tinnisa gootaniittu sababa jedhuun namoota qabanii hdiahaa busuun gabaasi Qeerroo naannicha irraa dhufe addeessa. Kanneen hidhaman keessa namni lammiin isaa Sudanii ta’e tokko akka keessa jiruu fi sochii WBO gochinicha keessaa harka qabda yaada jedhuun hidhamuun isaa beekame.

Qeerroon gabaasa ummata Oromoo Jimulaan hidhaman kana gabaasa isaa guutuu qirrerroon qindaayee akka gabaafamu addeessa.

Raadiyoo Simbirtuu Tamsaasa Ebla 11,2013/Dr,Dagafaa Abdiisaa MShG- ABO fi Dargaggoo Jawar Mohaamad Waliin

Aside

VOA:- Dubbataa ABO Jaal Obbo Boruu Barraaqaa

Aside

OSA’s Appeal Letter about Oromo Refugees in North Africa and the Middle East

Aside

OSA_QNewsletter_April2013

April 9, 2013

Mr. Antonio Guterres
United Nations High Commissioner for Refugees (UNHCR)
Case Postale 2500
CH-1211 Genève 2 Dépôt Suisse.
Email: InfoDesk@ohchr.org; GUTERRES@unhcr.org

Subject: OSA’s Appeal Letter about Oromo Refugees in North Africa and the Middle East

Dear Mr. Guterres,

I am writing this letter on behalf of the Oromo Studies Association (OSA), a scholarly, multi-disciplinary, and non-profit international organization established to promote studies relevant to the Oromo people. We are gravely concerned over the situation of Oromo refugees in North Africa and the Middle East. The Oromo people are the single largest ethno/national group in the Ethiopian empire and in the Horn of Africa. Oromia, homeland of the Oromos in Ethiopia, covers a large geographical area, and the Oromo people have the ability to stabilize the Ethiopian Empire and the region at large. The current government in Ethiopia is controlled by the Tigrean People’s Liberation Front (TPLF), a group originating from the Tigrayi regional state in the north that comprises only about 6% of the Ethiopian population.

[OSA] OSA’s Appeal Letter about Oromo Refugees in North Africa and the Middle East

SBO Ebla 10 Bara 2013

Aside

Hiree Keenya Ifiin Murteeffatna Jedhu Barattooti Oromoo Yuuniversitii Jimmaa

Aside

Ebla 09,2013 Jimmaa

OromiaALutaContinua2011FDGGotootni Baratootni Oromoo Yuunivarsiitii Jimmaa FDG egaalaan Jabeessuun itti fufan.Torbee darbee keessaa Bitootessaa 24/2013 irraa egaluun gaffii mirgaa Ofii kabachiifachuu gaggeessuun qaanqee FDG qabsiisaan hanga bilisummaan, Afaanii, Aadaa, Amantaa ,Enyuummaa, Sabummaa, Biyyuummaa, Siyaasaa fi Dimokiraasiin dhugaan nuuf kennamutti qabsoo diddaa garbummaa egallee jirruu jabeessiinee itti fufna Jechuun barreeffaamotaa haallaan armaan olii irraatti xiyyeeffaatan guutummaattii Mooraa Yuunivarsiitii Jimmaa Main Campusii,Mooraa Qonnaa, Mooraa saayinsii fi Teekinoolojii fi Ikoonomisii fi Biziineesii keessaattii bakkeewwaan beeksifnii hundii itti maxxaanfamuu fi namotni hundi arganii dubbiisuu danda’anitti maxxaansuun Qabsoo mirgaa Hiree ofii ofiin kabachiifachuu jedhuu maxxansuun FDG itti fufani.

Qeerroowwaa goototni baratootni Oromoo tokkummaa isanii jabeeffaachuun karaan Ummaanni Oromoo biyyaa Dimookiraasiin hin jirree fi mirgii dhalaa namaa addaatti immoo kan Uummataa Oromoo sarbamaa jiruu keessaatti mirgaa isaa kabachiifachuu danda’uu tokkichaa innis FDG jabeessuun itti fufuun Addunyaattii iyyaachuudha, jechuun guyyaa har’aa waaree boodaa barreeffaamotaa garagaraa mooraa Yuunivarsiitii jimmaa Fi Magaalaa Jimmaa keessaa bittineessuun mormii sirna Wayyaaneetiif qaban ifatti mul’isaa jiraachuun ibsatan.

Baatii darbee keessaa dabbaalloonnii Wayyaanee murtii dabaa guddinaa Aadaa fi Afaan Oromoo quucarsuuf dabarsaan baratootni Oromoo fi Sabboontotni Barsiisotni Oromoo Yuunivarsiitii Jimmaa sagalee guddaan balaaleeffaatanii, murtiin kunis attattamaan akka kaafamuu gaafatan, Mootummaan Wayyaanee sochii jiruu sodachuun, murtii sana ni kaasna garuu fiilmii Afaan Oromoo kan agarsiisuu dabbaalotaa mootummaa ta’uu qaba malee akka asiin duraa Gumiin guddinaa fi dagaaginaa Afaan Oromoo agarsiisuu hin danda’uu, galiin filmii fi agarsiisaa Afaan Oromoon mooraa kana keessaatti argisiifamuu mootummaaf olaa malee Gumii Guddinaa fi Dagaginaa Afaan Oromoof hin oluu jechuun murtee duraani fooyyeessinee jechuu, ammas irraa deebii’uun dabaa uummataa keenyaa irratti dalagaa jiraachuun hubatamee jira. Shiraa fi murtoo dabaa yeroo irraa gara yeroottii mootummaan abbaa irree ilmaan Oromoo irraatti dalagaa jiruu goototni baratootni Oromoo Yuunivarsiitii Jimmaa diddaa cimaa fi mormii cimaa kaasuun hiree keenyaa dabbaalleen kara deemtuun nuf hin murteessiituu waa’een uummataa Oromoo kallaatiidhaan nu ilaallata hiree keenyaa ofiin haa murteeffaannuu jechuun FDG egaalan jabeessan.

Mootummaan Wayyaanee sochiin baratootaa Oromoo Yuunivarsiitii Jimmaa to’annaa isaa ol taa’aa waan dhufeef humnotaa tikaa isaa fi humna waraanaa isaa gara magaalaa Jimmaa fi mooraa Yuunivarsiitii Jimmaatti galchaa jiraachuunis saaxilamee jira.

 

Qeerroon Bilisummaa Sochii Bilisummaa Ummata Beenishaangul(BPLM) Waliin Walitti Dhufe.

Aside

(Qeerroo, Asoosaa, 8 Ebla 2013) Qeerroon Bilisummaa firummaa Sabawwan Cunqurfamoo Impaayera Itoophiyaa keessaa waliin jabeessuun Sochii Bilisummaa Uummata
Beenishaangul(BPLM) waliin walitti dhufuun dhimma qabsoo bilisummaa irratti marii taasisee jira.

Maddi Oduu Qeerroo akka gabaasetti, Sochiin dargaggoota Biyyooleessaa kan Bilisummaa fi Dimokiraasii(Qeerroon Bilisummaa) gaaffii mirgaa dargaggootaa fi sochiiwwan bilisummaa Impaayera Itoophiyaa keessatti sabawwan cunqurfamoon finiinaa jiru waliin firummaa jabeessuutti jira.

Akka kanaan Qeerroon Bilisummaa, dhimma qabsoo bilisummaa irratti Sochii Bilisummaa Uummata Beenishaangul(Benishangul People Liberation Movement) waliin walitti dhufuun marii hojii gaggeessee jira.

Ebla 04/2013 fi Ebla 05/2013 Qeerroon Bilisummaa dargaggoota Sochii Bilisummaa Uummata Benishaangul finiinsaa jiran waliin walitti dhufuun magaala Asoosaa keessatti dhimma qabsoo bilisummaa irratti gadi fageenyaan marii’atan.
Uummatni Oromoo fi Uummatni Beenishaangul jaalalaa fi ollaan yeroo dheeraaf nageenyaan waliin jiraachaa kan turan shira mootummaa wayyaaneen walitti buufamuu yaadachiisuun marii’atootni dhimma kanaa shira mootummaa wayyaaneen sharafamu mara dura dhaabbannaa fi tokkummaan qabsaa’uu isaaniis lafakaa’anii jiran.

Sabawwan Cunqufamoo uummata Beenishaangul uummata Oromoo diina kuffiisaa jiru cinaa hiriiruun garboomfataa mootummaa wayyaanee dura akka dhaabbatan mirkansanii jiran.

Dargaggootni oromoo fi Uummata Beenishaangul Qeerroo Bilisummaa fi Sochii Bilisummaa Uummata Beenishaangul marii kana irratti walitti dhufan jaalalti ilmaan oromoo fi sabawwan cunqurfamoo kanneen akka Sidaamaa,Affaar,Sumaalee fi kanneen biro jirtu daran jabaachuu akka qabduu fi jabinaan akka hojjetan mirkasuun qabxiilee ejjennoo armaan gadii irratti walii galanii jiran.

  1. Diinni keenya mootummaa wayyaanee waan taheef diina waloo tahe kana gamtaan dura dhaabbachuun mirgaa fi bilisummaa uummata keenyaa mirkansuuf hanga dhumaa waliin ni hojjenna.
  2. Walitti bu’insa mootummaan wayyaanee tokkummaa uummata biyyattii keessaa diiguuf uummata oromoo fi uummata Beenishaangul walitti buuse guutummaan ni mormina. Uummata keenya shira mootummaa wayyaaneef gowwoomfaman ni barsiisna.Aadaa uummata keenyaa qabannee tokkummaa fi jaalalaan waliin ni jiraanna.
  3. Dhimma qabsoo bilisummaa irratti wal cinaa dhaabbachuun gargaasa gama hundaan nurraa eegamu of qusannaa malee irratti ni hojjenna.
  4. Sabawwan Cunqurfamoo biyyattii keessatti mootummaa garboomfataa wayyaaneen yeroodhaa gara yerootti mataan rukkutamaa jiran waliin tahuun gaaffii mirgaa mootummaa abbaa irree wayyaanee irratti ni finiinsina.
  5. Diinni Oromoo diina uummata Beenishaangul kan uummata Beenishaangul diina ilmaan oromoo diinni kunis wayyaanee fi jala deemtota isaa tahuu hubannee gamtaan diina keenya dura ni dhaabbanna.
  6. Walitti dhufinsa Qeerroo Bilisummaa fi Sochii Bilisummaa uummata Beenishaangul amma eegalame daran jabeessuun yuunivarsiitiilee, Koollejjiiwwan, dhaabbiilee mootummaa fi biyyattii keessatti firummaa jabeessuun akka waliin diina dura dhaabbatnu irratti ni hojjenna.
  7. Quunnamtii keenya daran jabeessuun diina keenya hanga hundeen buqqisnutti wal cinaa ni hiriirra.
  8.  Barataan,Barsiisaan,Qotee bulaan,hojjetaan mootummaa,Poolisootnii fi kanneen biroon tokkummaa ilmaan oromoo fi Beenishaangul daran jabaate cinaa dhaabbachuun akka guyyaa bilisummaa saffisiisnu irratti waamicha ni dabarsina.
  9. Waadaa keenya hanga dhumaa tikfachuun wal gargaaraa fi wal cinaa dhaabbachaa hanga dhumaa tokkummaan,gamtaa fi tooftaa diina jalaa miliqaa taheen ni qabsoofna. Kanneen jedhan yoommuu tahu quunnamtii sochiiwwan bilisummaa uummata lameeniin gaggeeffamu jabeessuuf yeroo itti wal argaas lafa godhatanii jiran.

Mootummaan wayyaanee wayita uummata Impaayera Itoophiyaa keessaa adda diiguu fi walitti buusuun bittaa umrii isaa dheereffachaa jirutti firummaan sabawwan cunqurfamoo fi sochiiwwan bilisummaa gidduutti taasifamu daran jabaachuu qaba jechuun marii isaanii irbuun goolabanii jiran.

Injifannoon sabawwan cunqufamaaf!!

Dhugaan ni injifata!

Naannoo Haramaayaatti maadheen Qilxuu Awwadaay lakk 2 fi Sabboontoti Oromoo Ejjennoo Qabsoo Fudhatanatii goototaa sababeeffachuun qopheessan.Ibsa ejjennoos lafa kaawatan

Aside

Ebla 07,2013 Haromaya

Naannoo Haramaayaatti Sabboontoti maadheen Maadhee Qilxuu Awwadaay Baarkallee lakk 2 miseensota fi deeggartoota QBO waliin walitti dhufuun dhimma qabsoo irratti gadi fageenyaan erga mariiatanii jiran.Baatiin Eblaa jia goototaa waan taheef akeeka gootota ilmaan oromoo galmaan geessisuuf mariin kun balinaan qopheeffamee barattoota Yuunivarsiitii Haramaayaa hammachuun gaggeeffamee jira.Marii balaan Barattoota Yuunivarsiitii Haramaayaa fi jiraattota naannoo kanaan gaggeeffame jia gootota oromoo keessa tahuu,Yeroo hundeessitootni ABO QBOf danqa tahuuf yaalanitti tahuun isaa adda kan godhu yoommuu tahu ABO kallacha QBO kan tahe waliin wareegama kamuu kaffaluun cinaa akka dhaabbatan murteessanii jiran.Gantootnis tahe galtootni yoomuu haamilee qabsaaota oromoo kutuu akka hin dandeenyee barattootni sabboontota oromoo Yuunivarsiitii Haramaayaa fi naannoo ishee mirkansanii jiran.Marii isaanii goolaba irrattis ibsawwan ejjennoo armaan gadii lafa kaawatanii jiran.

1. Jiraattootni,Hojjettootni,Barsiistotni,Bulchinsi araddaa Yuunivarsiitii Haramaayaa fi naannoo ishee akkasumas ilmaan oromoo marti QBO cinaa ni dhaabbanna.

2. Yuunivarsiitiileen Oromiyaa keessatti dhaabbatan ilmaan oromoo naannoo isaanii jiran akka gargaaran ni gaafanna.Yuunivarsiitiin Haramaayaas uummata oromoo naannoo Yuunivarsiitii kanaa ilmaan oromoo Xinniqqee,Finqillee,Tuujii Gabbisaa,Daamota,Baatee akka gargaaru ni gaafanna

3. Abbootiin amantii Islaamaa,Kiristaanaa fi waaqeffannaa osoo hin jedhiin QBO cinaa akka dhaabbattan ni gaafanna

4. Uummatni oromoo yeroo mara saamamuu,hidhamuu,ajjeefamuu,dararamuun akka dhaabbatu ni gaafanna

5. Yuunivarsiitii Haramaayaa keessatti beeksisni bahan Afaan Amaariffaa duwwaa osoo hin tahiin Afaan oromoonis akka bahu gaafanna.Bakkeewwan hojii ramaddiis baayina uummata oromoo ilaalcha keessa galchuun akka tolfamu ni gaafanna

6. Hojjettootni seeraa,Abukaattotni,Abbootiin seeraa marti mootummaa wayyaaneef qofa osoo hin tahiin dhugaa jiru duwwaa akka hojjetan ni gaafanna

7. Keeyyata seeraa biyyattii irraa ABO shororkeessaa kan jedhu akka haqamu gaafanna.ABO dhaaba siyaasaa ilmaan oromoo malee shororkeessaa miti.

8. Mootummaan Amantii biyyattii keessatti uummata rakkise akka dhaabbatu gaafanna.Seerri biyyattii keeyyata 11 lakk 2 akka kabajamu gaafanna.Dhimma amantii keessa mootummaan seenuu akka dhaabbatu gaafanna.

9. Wal tahumsa dhaabawwan ilmaan oromoo ni deeggarra.Cinaas ni dhaabbanna.Kan dhaaba ABO gane ykn ammoo sagantaa siyaasaa ilmaan oromoo itti wareegaman dura dhaabbate ykn ammoo gaaffii uummata oromoon alatti jijjiire diina ilmaan oromoo akka tahe beeksisna.Duras dhaabbanna.

10. Yuunivarsiitiin Haramaayaa keessatti ilmaan oromoo ukkaamsaman,Ariiamanii fi ajjeefamaniif bulchinsi yuunivarsiitii sababa gahaa akka dhiyeessu ni gaafanna.

Kanneen jedhan yoommuu tahu ilmaan oromoo bakka maraa baatii goototaa keessatti goota keenya yaadachaa jaarmaya keenya akka jabeeffannu qopheessitootni marii kanaa maadhee Qilxuu Awwadaay Baarkallee lakk 2 waamicha dabarsanii jiru.

Injifannoo uummata oromoof!!

Gadaan Gadaa Bilisummaati!!

SBO Ebla 07 Bara 2013

Aside