SBO Waxabajjii 23 bara 2013

Aside

12th Day Straight Demonstration by Oromo Refugees in Egypt in front of the UNHCR Cairo.

Aside

Raadiyoo torbee Simbirtuu fi Seife Nebelbal

Aside

Guddinaa fi Jireenya Biyya Ethiopia

Aside

Guddina biyya Ethiopia

GGO 2013 Irratti “Hamma Oromiyaan Walaboomtutti Qabsoon Oromoo Itti Fufa” Jedhu Obbo Dani’el Dafaa ,

Aside

SBO Waxabajjii 19 Bara 2013

Aside

Waggaa 25ffaa SBO Kabajachuuf Jettu Sababaa Jedhuun Barattooti Oromoo 5 Hidhaman.

Aside

Waxabajjii 18,2013 Sabbataa

Sagaleen Bilsiummaa Oromoo(SBO)n wagga 25ffaa isaa kabajachaa kan jiru Oromomiyaa keessattis barattooti Oromoo bakkoota adda addaatti haala miidhagaan kabajachaa akka jiran beekamaa dha. Haaluma kanaan barattoota Oromoo Kolleejjii Barsiisota Sabbataa keessaa kanneen baratan ergama ABO qabdu guyyaa SBO wagga 25ffaa kabajuuf jettu sababaa jedhuun seeraan ala tika Wayyaaneen qabamanii mana dhihaa Waajjira Poolisa Aanaa Sabbataa ganda 01 keessatti hidhamanii akka jiran gabaasi Qeerroo kolleejjii Barsiisota Sabbataa irraa addeessa.

Barattooi kunis :-

1.Dinqaa Mangistuu-Keemistirii 2ffaa bakki dhalootaa Qellem Aana Anfillooti.

2.Seefuu Taammiruu-Keemistirii 2ffaa-Bakki dhalootaa Wallagga Lixaa Aanaa Sayyoo

3.Obsaa Sabbooqaa-Civics 4ffaa,Bakki dhalootaa-Wallagga Lixaa Najjoo

4.Warqinaa Tolasaa-Civics 4ffaa,Bakki dhalootaa Shawaa Kibba Lixaa,Aanaa Dawoo

5.Saamu’el Alamuu-Hojjetaa Mootummaa kollejichaa.

Barattootni kun mana barumsaa fi bakka jireenya isaanii irraa qabamuun hidhaman.

 

SBO Waxabajjii 16 2013

Aside

Iyyaannoo Baratootaa Oromoo Yuunivarsiitii Jimmaa

Aside

Iyyannoo Baratootaa Oromoo Yuunivarsiitii Jimmaa

logo-qeerroo-oromiyaa33.jpgNuti Baratootni Oromoo Yuunivarsiitii Jimmaa irraa barachaa jirru biyyaa keenyaa keessaatti yeroo irraa gara yerootti Sarbamuun mirga dimookiraasii,qabinsii mirga namummaa, Malaamaltummaan , Hidhaan, Ajjeechaan fi barnotaa irraa ariiamuun baratootaa Oromoo fi maqaa investimentii habaaboon qeee irraa buqqauun uummataa Oromoo daran hammaatee jira. Yeroo irraa gara yerootti rakkinnii ulfataan jiruu fi jireenya keenyaa waliin wal qabatuu hammaachuun iyyannoo keenyaa qaama dhimmii isaa ilaalutti akka iyyaannuu nu dirqee jira. Keessaattuu yeroo amma kana Mirgii baratoota Oromoo Yuunivarsiitii Jimmaa guutummaa guututti mulqame jira. Nuti baratootni Oromoo gaffiiwwaan armaan gadiif Bulchiinsaa Yuunivarsiitii Jimmaa, Mootummaa Naannoo Oromiyaa, Mootummaa Itoophiyaa, Ministera Barnotaa Itoophiyaa fi Oromiyaa , Komishinii Poolisii Oromiyaa fi Komishinii Poolisii Federaalaa, irraa Deebii atattamaa barbadna.

Gaaffii Baratotaa Oromoo Yuunivarsiitii Jimmaa

1.Bulchinsi Yuunivarsiitii Jimmaa waxabajjii 1/2005 Beeksisaa dorgommii galmee kaadhimamtota Gamtaa baratootaa (Student president) saatii 12:oo irraatti maxxansee yeroo galmee daqiiqaa 20 qofaa jechuun (saa 12:00-12:20)tti miseensi barataa Yuunivarsiitii Jimmaa Idilee tataan kamuu galmooftanii dorgomuu dandeessuu jechuun Baratoota 36,000 oliif carraan daqiiqaa 20 seerri takkaa biyyaa lafa kana irraatti rawwatamee hin beekne bulchiinsaa Yuunivarsiiti Jimmaan egalamuun guutummaatti mirgi baratootaa waliigalaa sarbamee jira. Kanaaf yeroon galmee dabalataan nuf haa kennamu, beeksisa daqiiqaa 20f bulchiinsi Yuunivasiitii Jimmaa itti nuf haa gaafatamu.

2.Addaatti Mirgii Baratoota Oromoo ni Ukkaffame.Waxabajjii 2/10/2005 Wajjiirri DH.D.U.O Godina Jimmaa dhimmaa Baratoota Oromoo miseensota OPDO Yuunivarsiitii Jimmaa irraatti hojjetu Walga’ii  ariifachiisaa waaree booda sa’aatii 10:00 irraatti bartoota 50 miseensotaa fi dabbaalotaa OPDO ta’anii dhalotaan ijoollee Oromoo hin ta’iin kan afaan Oromoo qofa dubbachuu danda’an galma Gibeetti waliitti qabuun Filannoo Gamtaa baratoota baratoota 36,000 oliif namota 50’n bifa dhoksaa ta’een gaggeessuun Baratoota 3 keessaa 1ffaa Barataa Badhaasaa Firraajaa  muummee barnota Oromoo Folklore waggaa 2ffaa sagalee 24’n filatan.

A.Wajjirri bulchiinsa Yuunivarsiitiin ala jiruu OPDO’n akkamitti Fedhii keenyaa fi beekamtii keenyaa malee bakka bu’aa baratootaa nuf  filuu danda’a? kun mirga dimokiraasii cabsuu fi seeraa biyyaatti millaan irraa deemuu waan ta’eef attattamaan seeraatti nuf haa dhiyaatan.

B.Nuti baratootni Oromoo Yuunivarsiitii Jimmaa keessaa jirru yoo xiqqate 16,000 gadi miti, hireen keenyaa akkamitti baratootaa 24 kan murtaa’uu ta’ee? Bakka bu’aa baratootaa (student president) qaamni miseensa baratootaa hin ta’iin wajjirrii OPDO akkamitti nuf filuu danda’ee?  Kanaaf bakka baratootni hundi jiranitti nama bakka bu’aa keenyaa ta’ee tajajila seera qabeessaa nuf kennu danda’uu dirree irraatti filanna (through direct democracy)

C.Barataa Badhaasaa Firraajaa Yakkamadha. Nama baratoota Oromoo bakka bu’uu utuu hin ta’iin nama siyaasaa dahoo godhachuun  malammaltummaa,  Olola sobaa ofuun Yuunivarsiitii Jimmaa keessaatti yakka garaagaraa rawwaachuun beekamudha waan ta’eef attattamaan seeraatti dhiyaachuu qaba.

3.Mirgi keenya (baratoota Oromoo) maliif poolisota mooraa yunivarsiitii bulcha jiraniin sarbama? ID ‘n ittin barannuu yeroo garaagaratti balleessaa keenya tokko malee nurraa fudhamee dorsifni ciman jirachuuf nu sodaachisuu nurraatti godhamee jira. ID nurraa fuudhuun nyaataa illee waan ittin nyaannuu dhabne rakkinaf saxilamne.

4.Yeroo garaagaratti baratootni Oromoo balleessaa tokkoo malee Yuunivarsiitii irraa humnotaa poolisaa fi nageenyaan ukkafamanii rakkoo ilaalcha qabdu jechuun hidhaman atattamaan hiikamanii gara barnotaa isaanitti haa deebi’an . Ammas balleessaa keenyaa malii dorsifnii fi sodachiisuun psychologically nu jeequun nurraa dhaabbachuu qaba.

5.Ummaannii Oromoo biyyaattii keessaatti rakkoo gama siyaasaa, Dimookiraasii (mirga gurma’uu, mirga yaadaa ofii karaa bilisaan ibsachuu, mirga hiriira nagaa gochuu,mirga ilaalcha siyaasaa dimokiraatawaa ta’ee fedhan hordofuu,mirga filachuu fi filatamuu dhabuu), mirga qabeenyaa isaa irraatti abbaa qabeenyummaa dhabee qe’ee irraa buqqa’uun lafti irraa fudhatamee investimentii garagaraaf kennaamun uummaanni dararamuu fi  qabinsaa mirga namummaa dhabuuf maalii? Maqaa siyaasaa dahoo godhateen Oromoon maaliif hidhama? Hidhaan  nurraa dhabbachuu qaba; Kanneen hidhaman hiikamuu qabu.

6. Mootummaan maqaaf biyyaa bulchaa jiruu uummataa Oromoo meeshaa maleeyyii irraatti waraana bifa garaagaraan gaggeessuun keessaattu sabootaa Ollaa keenyaa nurraatti ( Godina Harargee Bahaatti Somaalotaa hidhachiisuunii fi Godina Waallaaggaa bahaatti saboota Guumuzii hidhachiisuun ) lubbuun Uumataa Oromoo nagaa kumatamatti lakka’amuu jumlaan ajjeefamera, Yakka waraana uummataa keenyaa irraatti gaggeeffamaajiruuf mootummaan EPRDF nuf haa gaafatamu.

7.Bulchiinsii baratoota Yuunivarsiitii Jimmaa (Student Dean ) Baajataa Kaffee baratootaaf ramadamee gara qabeenyaa dhuunfaa isanitti naanneeffaachuun malamaltummaan ija baase, yuunivarsiitii Jimmaa keessaatti dalagamaa jira. Sababa kanaan kan ka’ee balaa beelaa fi dhukubotaa garaagaraan dararama jirra. Rakkoon kanaf furmata barbadna.

Walumaa galatti rakkinotaa walii galaan qabnu mootummaan nuf hubatee gaaffii keenyaa bal’inaan nurraa fuudhee rakkoo keenyaa akka ibsannuuf mirgii hiriira nagaa gochuu akka nuf eeyyamamuu ni gaafanna.

•Rakkoo nu mudatee jiru kana Ibsachuuf Mirgii Hiriiraa Nagaa Gochuu Nuf Haa Eeyyamamu.

Garagalcha :

1.Mootummaa Nannoo Oromiyaa fi Mootummaa Itoophiyaatiif

2.Ministeeraa Barnotaa Federaalaa fi Naannoo Oromiyaaf,

3.Bulchiinsa Mooraa Yuunivarsiitii Jimmaaf,

4.Komishinii Poolisii Federaalaa fi Oromiyaaf,

5.Bulchiinsaa Godina Jimmaa fi Komishinii Poolisii Godina Jimmaaf

6.Saba himaalee Addunyaa: VOA, BBC,Algezira fi kkf,

7.Dhabbilee Mirga namummaa Addunyaaf.

8.Uummata Oromoo biyyaa keessaa fi biyyaa Ambaa sadarka garaagaraa irraa jirtan hundaf.

Civil servants in Oromia forced to become member of OPDO

Aside

Firehiwot Guluma Tezera | June 15, 2013

Firehiwot Guluma Tezera

Firehiwot Guluma Tezera

TPLF is forcing Oromo civil servants to become member of the Oromo Peoples’ Democratic Organization (OPDO). The Oromo civil servants are now facing a choice between becoming member of the organization they hate to be associated with, and immerse their hands into the dirty work of OPDO, which is arresting, torturing, and killing innocent Oromo’s, or lose their jobs. Living under difficult economic situation, job loss is a very serious matter which is considered a suicide in the Empire, and, therefore, the Oromo civil servants will have to think twice before saying “no” to the warning of the Wayyaanee authorities and endangering their life and their families.

Contrary to its “democratic” naming, the so called OPDO is an undemocratic “organization” created by the Tigrai Peoples’ Liberation Front (TPLF), from the war prisoners of the former military junta, Mengistu Haile Mariam in the jungles of Tigrai. It is a pseudo organization completely controlled by ruling party, the TPLF. The TPLF regime uses this organization to arrest, harass, torture, and kill innocent Oromo’s who do not support their tyrannical rule. Moreover, the OPDO is used by the TPLF leaders as a tool to abuse their political power and exploit the entire economy of Oromia for their personal account and build their home base of Tigrai regional state.

Over the years the TPLF regime has been abusing its political power to put every sector of the Oromo society under its control by denying them their natural right. For instance the TPLF regime is notoriously known for:

  • using food aid for its political purpose by denying the donated food to those farmers who do not support and/or who are not members of OPDO,
  • using the distribution of fertilizer for its political purpose by denying fertilizer to those farmers who do not support their political agenda,
  • using job entrance criteria for its political purpose those who graduated from universities, colleges, and other educational and training institutions, to show their OPDO membership before they are employed.
  • using business license for political purpose by denying the businessmen the right to renew their business license and by over taxing them, and above all,
  • using its state apparatus such as police, judiciary, prosecutors, security personnel with plain clothes, and even the army, to unlawfully arrest, torture, convict, intimidate, and harass innocent Oromo’s who are not willing to support their anti-Oromo agenda.

article (3).pdf