Afaan Publications Announces International Fundraisers!

Aside

 

Kan keenyaaf – Nutuu Geenya!

Aside

Kan keenyaaf – Nutuu Geenya!

Jiituu Lammii – Unbarsiitii Finfinnee

Bara duriiti. Allaattii risaa jedhamutu lukkuutti michee wajjin jiraachuu jalqabe jedhama. Allaattiin kun uumama isaa dagatee, uumaa isaatiin ala lukku wajjin daraa haadhaa, harca’aa funaanaa kosii keessa oolu jiruu godhate. Garuu akka jaraa irraa hinbareedu-waan uumaa isaa mitikaa. Galgala, dhiya aduu eegee qooxii (haraatii) yaaba. Akka kanaan jireenyi isaa dhawaata lukkuudhuma fakkaachaa deeme. Ta’us garuu, darbee darbee miira addaa, kan uumaa ganamaa keessa isaatii dhaggeeffachuu hinoolle. Gaafii gaafii miirri kuun jabaatee “ …kaatee bantii samii gargar saaqxee, goobaafi golba lafaa qaari’tee, gaafa sii gamte: gaatiraa, heexoo birbirsa feetu garbii fiixa baatee – lafa garaa kee hinqubattuu….!? Isa maaliit ati lukkuu muul’ata hinqabne waliin daaraa haadhaa ooltee galgala haraatiitti rarraata…!? Jedhee qeequu jabeesse. Gama biraatiinimmoo, haalli inni keessa jiraatuufi lukkuun inni wajjin jiraatu “ …. Ati isa kam wan ta’uu hindandeenyeefi uumaan siif hinhirre ta’uu abbalta!? Atoo silaa numa fakkaata; danaan kee cufti akkuma keenyaa- duuba mee akkamiin nurraa gargarbaatee samii keessa laboobuu hawwita…!? Safuudha! … mee hunduu haahafuutii… isa wajjiniin nyaannee- dhugne, jireenya waliin dabarsine… akkamiin dagatteeti nurraa gargar bahuu yaadda…!?” jechuun takka doorsisaa takammoo sossoobaa of fakkeesanii of birattii hambisuuf sadoo jabeessan. Risaan, utuma miira masaanuu wal mormu keessa jiraatuuti gana gaaf tokkoo otuma warri inni wajjin jiraatuu akkuma dur kosii keessatti eeganii gaaftokko lafarraa ol ka’ee balali’uu yaale. Sadoo ormaa, yaalii uumama isaa malee daaraa keessatti isa hambisuuf godhamu, fedhiifi carraaqqii warra “….of dhiisii nu fakkaadhuu jiraadhu….” Jedhanii keessaa bahee hireefi dandeettiin isaa maal akka ta’e battalumatti akeekkate. Sana booda utuma haalliifi warri inni wajjin jiraatu mormanii uumaafi uumama isaa dhaggeeffatee kossii haadhaa ooluu dhiisee samii keessa fagaatee balali’e. Ergasii lukkuun risaa samii keessatti ol eeguu malee akka dur sobdee, sossobdee… of wajjiniin daaraa keessatti hambisuu hindandeenye jedhama.

Kabajamtoota dubbistoota barruu kanaa, Sabni Oromoo uumaa isaa lagatee, eenyummaa isaa dhiisee ormi karaa ormi baaseefi haala ormi tolche keessatti qofa of hubatee fedhiif abdiin isaa gabaabbatee, gabaabumatti waan isaaf malu cufa ormaaf dhiisee, gabaabumatti waan isaaf malu cufa ormaaf dhiisee salphatee miila isaanii jala akka jiraatu fedhiif akeeka qaban dhugoomsuuf shira himamee hindhumne, garuummoo seenaan hindaganne hedduu raawwachaa turuu isaanii, ammallee ittijiraachuufi boruufis akeeka walfaakkaatu qabaachuu isaaniitu durdurii kana na yaadachiise.

Gara ijoo dubbii kiyyattan deebi’a. Isa dura garuu jabina dubbii koof akka tolu jecha akkuma dur seena darbe keessaa waa isin waliin yaaddachuun hawwe. Dubbichi akkana: Qabsoo diddaa gabrummaa, bifa haaraan dhaloonni gara FDG(civil mass disobedience movement)itti babal’isan fuuldura dhaabachuuf Wayyaanonni tooftaa tokko qindeeffatanii ture. Toftaan kun kanuma duruu jiru ta’ee garuu, bara 2005nii eegalee bal’inaan akka hojiirra ooluu ta’e. Akkuma kanaan, Aadde Azeeb Masfin duula kanatti ooggana duraa yoo taatuu, qondalonni basaasaafi aanga’oonni waraanaa dhalootaan Tigree ta’animmoo dabballoota OPDO of dura buusun walduraa duuban qindaayanii qajeelfama gubbaarraa darbu hojiitti hiikuuf qe’ee Oromootti bobba’an. Akeekni isaanii dargaggoota Oromoo qeensa laafeyyii ta’an (faayidaaf bitamuu danda’an), yookanimmoo warra Oromoo kessatti dhalatanii Afaaniif Aadaa sabichaa beekan filachuun aangoofi maallaqa guddaa ittikennuun warra isaan morman hawachuu, warra jajjabina qabanimmoo hidhuu, ajjeesuufi goolii adda addaan hamlee laaffisuu ture. Aakkuma kanaan, duulli jalqabaa lafa Oromoo Finfinneetti marfatee jiru: Buraayyuu hanga Sabbataatti; kalattii biraan ammoo Sulultaa jalqabee Laga Xaafoo – Laga Daadhii dabalatee hanga Galaaniifi Duukam gahutti hoogana Tigree jalatti cicciramee akka gurguramu ta’e. Warri lafa kana akka bitatan jajjabeeffaman saboota Oromoo hintaanee: (Tigree, Guraagee, Amaaraa, Silxee…) ta’uun ammoo duulichi Yrymyy balleessuuf ergama qarlamee qabaachuu mirkaneessa. Haaluma kanaan, yeroo gabaabaa keessattii duulli walfakkaatu Oromiyaa hundatti akka raawwatu dabbaloota gadiif qajeelfama dabarsan. Akkakanaan, magaalonni Oromiyaa hundi harka kaabineetti galee gurgurtaan lafaa hanga dhabe. Maallaqni gurgurtaa lafa Oromoo kanarraa argamu harki guddaan karaa Aadde Azeeb aanga’oota Wayyaaneef kanqooddamu yoota’u, harcaatuu ishee kadiree OPDOtiif dhiisu. Kaabineen OPDO maqaa dhahatan akka kanaan harcaatuu funaannatan konkolaataa ammayyaa (V-eight) bitatanii, sookkoo dheedhii qubaafi mormatti naqatanii, shuguxii ‘micro F’ mudhiitti kaawwatanii, haadha manaa shanii –jaha fudhanii, cooma murachaa Wiskii buufachaa, saggoon saggooratti margee, quufni daangaa dhabee Oromoo dhugaaf dubbatu, sabaaf quuqamu bahaa gala dhoowwanii gariin ajjeesanii ykn. ajjeesisanii, gariin maatii facaasee yoo biyyaa bahu, gariin roorroo kana dhoowwachuuf bosonatti gale; isa kaanimmoo akki dhibee, qe’ee dhaloota isaarratti yuuyya’ee, quucaree hafe- Seenaa hadhaawaa! Jarrii shira kana hojjatan har’a, (isiiniif margaa malee) jiruu sagaagalummaa mana bunaa keessatti dabarsaniin gariin isaanii dhukkuba HIV/AIDSn faalamanii ammas karaa biraatiin uummatatti balaan yoo deebi’an, gariin ammoo qabeenya isaan saba isaanirraa saaman Wayyaanonni harkaa butatanii kaanhidhaatti, gariin ammoo akkahintaane ta’aniiru.

Seenaa kana qalbiin erga yaadannee booda, faanni seenaa kaleessafi har’a, darbeemmoo boru garamitti akka aggaamu akeekkachuuf, caalatti ammoo hojii yeroon nurraa eegutti humna guutuun fuulleffachuuf akka tolu gara taajjabbii koo torbee lamaan kanaatti haadeebinu. Jarreen kaleessa shira olitti himame hojjataa turan har’a bubbee hamaan gola isaanii seenee dhaabbachuu dadhabanii raafamaa jiraachuu dhugaa guyyuu muul’atu ta’ullee, warra mamii qalbii keessaa qabaniif raga kaahun, wal hubachaa dhimma fuulduratti nu eeggatutti fuulleffachuuf gargaara. Kanaaf jecha, waanuma torbee lamaan kana isaan ittijiran gabaabumatti ilaaluu yaalla.

Dabballoonni OPDO tibba kana maqaa “raawwii bara darbeefi karoora bara dhufuurratti mari’anna” jedhuun bakka hundatti guyyoota kudhaniif kora taa’aa turan. Kora kanarratti yaaddoofi abdii kutannoon yoomuu argamee hinbeekamne kan muul’ate yoo ta’u, dabballoonni tokko tokko “ … duunee awwaala keessa jirra…” jechuun haalicha ibsaniiru. Haala jara kanaa hubachuuf akkasumas, egree isaanii tilmaamuuf, iccitii dhokataa barbaaduurra, galgala yoo isaan bakka mariitii hahan dhaabbatanii akkaataa isaanii ilaaluun qofti nama seenaa isaanii durii beekuuf dhugaa tokko hima. Akka kanaan, hoolota hongeen ittidheerate fakkeenya mogoleen walrigaa, boquun gadi cabee mataa buusanii abdii malee yoo deeman ilaaluun waan isaan ittijiran akeekuu caalatti boru maaltu akka ta’uuf deemu tilmaamuuf nama gargaara.

Dabbaloonni kun, haalli isaan keessa jiran milkii akka hinqabne, abdiin irraa fagaatee egereen isaanii dukkanatti deemaa kan jiru ta’uu guyyoota kudhaniif wal harkaa fuudhanii walumatti deebisuun alatti yaaddoo isaaniif fala kaahuu hindandeenye. Dargaggoonni wal ijaaranii qabsoof qophiin godhaan jabaachaa deemuun, raayyaan waraanaa, keessumaammoo poolisoonni dhawaata qalbiin gara uummataattii dhiyaachaa dhufuun, dabbalootumti duraan amanamoo turan sirnicha dhiisuuf fala biraa barbaaddachaa jiraachuufi (karaa danda’ameen qarshii saamanii miliquun), hunda caalammoo uummataan garmalee jibbamuufi kkf. Dhimmoota yaaddoo uuman ta’uurratti walii galanillee, dargaggoota isaan nyaachuuf qophaawaa jiran faayidaa adda addaan ofitti qabuu, warra tooftaa kanaan qabamuu didanimmoo hidhaafi doorsisaan ofirraa faccisuun hanga danda’ametti lubbuu dheereffachuuf yaaluun alatti waan “… kanatu furmaata…” jedhanii ittabdatan dhabuun keessa isaaniitti yaaddoo caalu uumeera. Dabballoon kun akka kanaan erga walitti waakkaachaa turanii booda, iccitii isaanii akka uummata bira hingeenye walkaksiisuun karaa sabaa himaalee harkaa isaanii jiruun akkuma baran waan sobaa dabarsuun uummata gowwomsuuf yaalaniiru. Karaa biraatiin, nama dugduuba dubbii kanaa qola keessaa baasee ilaaleef qabsoon uummataa sadarkaa murteessaarra gahuu hubachiisa.

Gabaabumatti, yaaddoon kun dhimma duruu beekamuufi eegamu fakkaatullee, nama jiruu saba Oromoo jijjiiruuf qabsootti jiru tokkoof ergaa guddaa qabaata. Qabsoon Oromoo galma isaatti dhiyaachuu eera. Dubbiin dubbii lukkuufi risaa sana fakkataa. Har’a uummanni jara soba isaanii wajjin kosii keessatti dhiisee karaa isaaf malu qabatee fagaateera. Lafa lamuu jaraan walitti deebi’uu hindandeenye qaqqabeera. Kanaaf ammoo qaawwa ofii suphachaa, wiirtuu diinaa waraanuufi uummata diina harkaa bahee jiru caalatti humneessanii qabsoo galmaan gahuuf seenaan hiree seenaa qabu nu harkaan geesseetti.. Kuni bu’aa qabsoo bara dheeraati. Amma Qabsoo kanatti xumura gochuu gaafata. Kanaaf, akkuman duraan jedhe, humnaafi tooftaa yeroon gaafatu qindeeffachuun humnafi saffisa dabalatanii fuulduratti furga’uuf amma yeroon murteessaa ta’eera. Kun dhimma keenya. Dhimma keenyaaf ammoo nutuu geenya!!

Injifannoon Uummata Oromoof!!

Kabaja Waggaa 3ffaa Yaa’ii 1ffaa Qeerroo Yuuniversitii Adaamaa

Aside

                              

       Maandhee Leenca Gaara Muul’ataa  gamtaa Qeerroo YSTA(Yuuniversitii Adaamaa)

      Gaaddisa ABO,Sochii Dargaggoota Biyyoolessaa Diimookiraasiifi Bilisummaa Oromoo(Qeerroo) Onkololeessaa 27/10/2013

q1Sagantaa keenyaa yaadannoo sammuu gootota haqaa,walabummaa biyyasaanii Oromiyaa fi Bilisummaa Oromoof  kumaatama,dhiiraa fi dhalaan aarsaa (kitima)lubbuu kaffalaniif daqiiqaa muraasaf yaaddannoo sammuu gochuun kan eegallee yeroo tahu,itti fufnee irbuu(waadaa )Oromummaa afuura OROMUMMAAN haaressinee jirra.

Itti fufee haasawa  sagantaa duunqoo qabsiisuu kabaja maandhee gaara muuldhataa kan waggaa 3ffaatu qabsiisame. Haasawatu taasifame walitti qabaa mandhichaa   Jaal Marii Hordofaa Gadaati.

Kaayyoo fi muuldhata ,ABO  adda durummaan fudhachuun, kaayyoon ABO kaayyoo ganamaa  ifaa fi gabbataa walabummaa Oromiyaa fi Bilisummaa Oromoof  hundeeffaa fi bu’ureeffama sirriin kan aangeffaamii fi aanjeffamee qabsoo gita hin qabne diina irraatti toofta qabsoo sasalphaa irraa hanga duula hidhannootti dhaaba  haqummaa fi eenyummaa Oromoof wareeggama lubbuu buuse,buusaa jiruufi hanga dhumaatti buusu tahu manni marii hoo’aa fi gammachuun badhaadhe irraatti darbarsee jira

Tarkaanfii ABO erga qabsoo hidhannootti galee buuse,dhimmoota Afaanii, Aadaa fi seenaa, abbaa biyyummaa waliin wal qabatee bu’aan dhaloonni qubee xiqqaattus argan  dafqa ABO tahuu firaa miti diinnii akka ragaa bahu illeen ifaan irraatti dubbannee oollerra.

Qabxiin itti aanu  hojiilee Maandheen keenyaa gamtaa qeerroo Leenca Gaara Muul’ataa yuuniversitii Adaamaa waggoota lamaan darbee raawwatee tokko tokko kaasne irraatti marii baldhaa geggessinee jirra. Kannen guyyoota kan  FDG  sadasaa 9 fi guyyaa gootota Oromoo Amajjii 1 kabajuufi barrulee qeerroo mooraa keessaatti bakkee adda addaatti  maxxaansuun diinaa raasuufi ilmaan sabaa hamillee kaasun dabarsaa tureerra. Ayyaanlaallattuu,galttuu fi fakkaattuu diinaa waliin ergama diinaa dhimmaa Oromoo itti bobba’an tokko tokko dhaabaf saaxiluufi duraa dhaabbachaa hojii sabboonummaa dabarsaa tureerra.walumaa gala dhimma Oromoo fi Oromiyaa gaafa rakkoos ta’ee gaafa gammachuuf akka quba wal qabannuuf jaarmiyaa dhaabbatee tahuu asuma fuulleen gabaabsee ibsuun barbaada. Guca gaaddisa Oromoo,dhaaba dhiigaa ABO irraa gaaffii inni gaafatu kamiifi  deebii akka taanu  walii gallee,itti galuu  keenyaas cimsinee hubachiisu barbaadna. Dhumarraatti bara kanatti hojii boonsaa fi fooyyee qabu dhimma qaboo  irraatti waadaa Oromummaan haaressani marii keenyaa kan goolabne tahuu sin hubachiisna.

Injifannoon Uummata Oromoof!

Gadaan Gadaa Bilisummaati!

Oromo Protest against the TPLF fundraising in Munich,Germany.

Aside

Dhalooti Kaayyoo Qabu Seenaa,Aadaa fi Afaan Saba Isaa Dagaagasuu Irraa Duubatti Hin Deebi’u.

Aside

Oromtittii  Toltuu Tufaa

FinfinneeTube Presents: OYA’s 2013 “Treasuring Oromia” – A NIGHT OF STORY AND POETRY

Aside

Madda;http://www.Gadaa.com 

SBO Sadaasa 03 Bara 2013

Aside

Aside

Waamicha FDG Oslo Norway

Fincila-Diddaa-Gabrummaa

 HDn ABO Jaal Dawud Ibsaa irratti ni argamuu!!!

ABOni Kutaa Iskandinevia akkuma aadaa isaatti guyyaa FDG Sadaasa 9/ 2013 Magalaa Oslo, Norway akka kabajuu Fulbaana 16/ 2013 waamicha  dabarsuun isaa beekamaa dha. Ammas waamicha kana haaroomsun ilmaan Oromoo kutaa Iskandinevia fi Awurophaa bakka addaa addaatti argamtan akkasuma biyyoota Awuroophaa ala ta’an keessa jiraattan akka irratti argamtan kabajaan isin afeerra.  Akkuma kanan dura ibsaa bahe keessatti beeksifne qophii seminaaraa fi galgaala aadaa qabna. Seminaarri keenyas kan itti xiyyeeffatu akeeka gotooti ilmaan Oromoo qabsoo keessatti bifa addaa addaan bakka adda addaatti  irratti wareegaman fiixaan baasuuf tumsa barbaachisu gochuuf oromoo irraa maaltu akka eegamu mari’achuuf gahee keenya gumaachuu taha. Mata dureen seminaaraa akka armaan gadii ti.

  1. Haala Qabsoon bilisummaa Oromoo keessa jiruu fi Oromoo irraa maaltu eegama
  2. FDG tooftaa qabsoo keessaa isa tokkoo tahee, itti milkaa’uuf haalli guutamuu qaban maali?
  3. Mannii hidhaa Waayyaanee afaan Oromoo dubbata, Oromoo hidhuun  oromoo jiilchee qabsoo bilisummaa dhiisisaa?
  4. Qooda shamarran Oromoo qabsoo hidhannoo keessatti

Qophii FDG, 2013 kana irratti HD. ABO Jaal Dawud Ibsaa qamaan irratti argamuun ibsaa haala qabsoon ABOnni geeggefamu latu.

Akkuma aadaa turettis qophii galgala aadaa guyyaa kana ni jiraata.

Artistoota: Galagala aadaa irratti bo’aarsuuf qophii irra jiran artistoota oromoo bebbeekamoon akka armaan gadii ti

  1. Ilfinesh Qannoo
  2. Hayiluu Kitaabaa
  3. Hawwii H. Yesuus
  4. Daangaa H. Yesuus
  5. Yohaannis Abaatee
  6. Asaantii Hajii

Bakki walgahii Galma:
Det Chilenske kulturhus.
Veitvetvn  8, Oslo

Guyyaa: Sadasaa 09/2013.

Akkaataa bakka galmaa gahan: Oslo Center bus 31 Grorud jedhu fudhattanii bakka Veitvet jedhutti buutu.
Baabura (Metro) lakkoobsa shan Vestli jedhu- gara bahaatti (East bound) qabatanii Veitvet buutu

Yeroo Sa’aa 11:00 akka Oslootti

Koree qindeessittu.

Yuunivarsiitii Jmmaatti Keessatti Barattootni Haaraan Sagalee Warraqsaan Simataman

Aside

Sadaasa 1,2013 Jimmaa

daadeeqqGabaasaa: Onkololessa 31/2013 Galgala Yuuniversiitii Jimmaa mooraa qonnaa keessaatti Qophiin anaa dhufuu baratootaa Oromoo haaraaf godhame irratti goototni baratootaa Oromoo barattoota wagga jalqabaaf haarayaa gara Yuuniversitii Jimmaatti dhufan simachuuf walleelee warraaqsaa fi sagalee wallee diddaa sirna bulchiisa Wayyaanee dhageessisuun dhichisanii kanneen haaraa dhufan simatan.

Qophiin kun dura bu’ummaa gumii guddina fi dagagiina afaa, aadaa fi seenaa uummataa Oromootiin kan qophaa’ee haala miidhagaa ta’een simannan baratoota Oromoof godhame.

Qeerroon Yuuniversitichaas barattoota haaraa simataman kanaaf dhaamsa jaabannee kan wal cinaa dhaabbannee rakkoo walxaxaa fi garbummaa bar dhibbaa uumataa keenya irraa kan qolannu akka taanuuf baga carraa kana argattaanii sagalee uummata Oromoo taatan,jajjabaadha, nuti ijoollee Oromooti! Biyyi keenyaas Oromiyaa dha , malee kan eenyuu mitii, kutaa,Amantii, gandaan uumataa keenyaa qoqodanii warrii uummataa keenyaa bitaa turan ammas toftaa dulloomaa kana yeroo fayyadamanitti gurraa
keessan itti hin qabiina nuti ilaaman Oromooti, biyya Oromiyaa qabna. Jechuun wallee tokkummaa jedhuu fi faarsuu WBO fi ABO faarsuun sagantaa miidhagaa gaggeefachuun gabaafame.

 

Yuunivarsiitii Haramaayaa damee saayinsii fayyaa keessatti diddaan barattootaa Oromoo Itti Fufe‏

Aside

Gabaasa Sadaasa 1,2013 Haromaya ,Diddaan barattootaa Impaayera Itoophiyaa keessatti guyyaa irraa gara guyyaatti jabaachaa jira. Yuunivarsiitii Haramaayaa fi Debre Berhan keessatti diddaan barattootaa dhalachuun mootummaa Wayyaanee muddama keessa seensisee jira.
Haaluma kanaan Yuunivarsiitii Haramaayaa damee saayinsii fayyaa keessatti Onkoloolessa 28,2013 irraa eegalee barattootni Oromoo gaaffiilee mirgaa cunqursaa Afaan Oromoo irratti gaggeeffamaa ture dura dhaabbachuun gaaffiilee mirgaa hedduu kaasanii jiran. Baajata mootummaan Wayyaanee barattootaaf ramadame dhimma siyaasaaf oolchuu irraas akka of qusatu barattootni gamtaan bulchinsa mooraatti gaaffii dhiyeessanii jiran. Yuunivarsiitii Dabra Behaan keesssattis gaaffiileen wal fakkaataan finiinuu irratti argama. Mootummaan Wayyaanee Impaayera Biyyattii keessatti gaaffiilee mirgaa jala deemtotaa ishee mudde dura dhaabbachuuf baajata olaanaa ramadaa akka jirtus saaxilmee jira.