Aside

Godina Lixa Shawaa A anaa Midaa Qanyiitti  Jiraataa Magaalaa B aallammii kan taan   Sabboonaa fi tumsaa n qabsoo Oromoo Obbo Olaansaa Galataa d hibee xiqqoo irraa b ubuleen dhukkubsatani Addunyaa kana irra a boqotan.

Gabaasaa Oduu Gaddaa: Sadaasaa 7/2013 Godina Lixa Shawaa Aanaa Midaa Qanyiitti Jiraataa Magaalaa Baallammii kan taan Sabboonaan Oromoo Obboo Olaansaa Galataa dhibee xiqqoo irraa bubuleen dhukkubsatani Addunyaa kana irraa boqochuu yeroo dhageenyu gaddi guddaa nutti dhagaamuu maatii isanii fi Firottan obbo Olaansaa Galataaf gaddaa nutti dhagaame ibsina.

Gabaasaa Oduu Gaddaa.docx

Raadiyoo Simbirtuu fi Seife Nebelbal Qophii Sadaasa 07,2013

Aside

Guyyaa FDG Sadaasa 9 Ilaalchiisuun Bakka Bu’ooti Qeerroo Godinoota Adda Addaa Magaala Jimmatti Walitti Dhufanii Dhaamsa/ Ibsa Dabarsan.

Aside

Sadaasa 9,013Gareen gaafatamtoota Qeerroo bilisummaa Oromoo biyya keessaatti sochii warraaqsa FDG gaggeessaa jiru Yaadannoo sadaasa 9 guyyaa FDG sababeeffaachuun walga’ii isaa Sadaasa 6/2013 godina dhiha Oromiyaa keessatti gaggeessuun Uummata Oromoo hundaaf ibsa armaan gadii dabarsee jira.

Addunyaa kana irratti ilmi namaa bara inni tole jedhee roorroo, gadiqabaa, hacuuccaa fi garbummaa fudhatee jiraate hin jiru; Ummaannii Oromoos akkuma uummata addunyaa kamiiyyuu guyyaa inni garbummaa, roorroo, gadi qabaa fi hacuuccaa tole jedhee fudhate hin jiru. Keessattuu gita bittoota abbootii irree afaan qawweetti malee sirna bulchinsa dimookiraasii fi kabajamuu mirga namummaatti warraa hin amanne dura dhaabbachuun falmaa hiriyaa hin qabne uummata gaggeessaa as ga’ee ta’uun seenaan ragaa guddadha. Haala kanaan uummaanni Oromoo mootota abbootii irree Habashootaa kaleessaa irraa qabee hanga mootummaa faashisti fi shororkeessaa Wayyaanee hara’aa jirtuu kanatti falmaa bilisummaa gaggeessaa turee fi itti jiru keessatti injifannoo cucululuqaa galmeessa as ga’edha.

Bara 2005 keessa maqaa filannoo waliin dhahaa fi fakkeessaa Wayyaaneen gaggeesseen walqabatee sagaleen uummata Oromoo ukkanfamee; Oromoo fi Oromiyaa bituuf ilmaan habashaa waldhansoo jabaa Finfinnee irratti gaggeessa turtetti, Oromoon caljedhee hin ilaallee, Dhaabni isaa Abdii fi gaachanni uummataa Oromoo ABO’n mirgi uummata Oromoo fi kan saboota rakkoo fakkaataa Oromoo qabanii haa kabajamu jechuun waamicha FDGf ibsa uummata Oromoof taasise.  Gutummaan ibsa kanaa:- Sadaasa 6.docx Jimma.pdf

Gogiinsa Bishaan Dhugaatin Wal Qabatee Barattootni Yuniversitii Adaamaa Gaaffii Mirgaa Kaasan!

Aside

Sadaasa 07,2013 Adaamaa

Madda gabaasaa Qeerroo Yuuniversitii Adaamaa irraa,kanaan dura rakkoo bishaan dhugaatii magaalaa Adaamaa keessaa badeen uummanni rakkina hangana hin jedhamne keessa seenee jiraachuun isaa gabaafamee jira. Akka gabaasaa Qeerroo Adaamaa Yuuniversiitii irraa addeessutti barattootni erga dhufanii mooraa seenanii baatii lammaffaa keessa jiru,hanga haraatti bishaan argannee hin jirru,rakkina gama bishaaniitin nu qaqqabee jiru hedduutu jira jedhuun Sadaasa 03/2013 barattoontni mooraa Yuuniversitii Adaamaa keessatti jgaaffii mirgaa kaasanii akka jiran Qeerroon gabaasee jira. Rakkoon kunis rakkoo walii galaa waan taheef baratootni hunduu tokkummaadhaan dhimma gogiinsa kana irratti gaaffiilee mirgaa bu’uura ta’an kaasuudhaan mootummaa Wayyaaneetti mataa dhukkubbii fi yaaddoo itti tahanii akka jiran Qeerroon mooraa Adaamaa Yuuniversitii Adaamaa Addeessa.

Aside

FINCILA DIDDAA GABRUMMAA

Fincila roorroon dhalchu, fincila aadaa gootaa,

Ittisaa roorroo alagaa, tiksaa mirga dhalootaa.

Ni fincilla gurmoofnee, ni didanna gabrummaa,

Cunqursaa dhabamsiisnee, gonfachuuf bilisummaa.

Itti hin lakkifnu diina, saamichaan nu quncisuu,

Lafa keenya gurguree, abbaa biyyaa buqqisuu.

Addunyaattis ni himna, deebisnee deddeebisnee,

Daba diinaa saaxiluuf, dhugaa keenya beeksisnee.

Ijaaramnee falmannee, jilbeenfachiisna diina,

Diddaa keenya cimsinee, sirna gabrummaa diigna.

Daandii dhugaa irra jirraa, bilisummaa gaafannee,

Alagaa jala hin bullu, haqa keenya haalamnee.

Addunyaa dharti mootee, dhugaan yeroof qallattus,

Gaaffiin haqaa dhiibamtee, abbaa humnaaf bal’attus,

Abdii kutnee mohamnee, gabrummaaf hin hoggollu,

Bakka jirruu murannee, mirga keenyaaf haa lollu.

Rakkoo qabsoo obsinee, roorroo alagaa faccisnaa,

Ulfinaa fi bilisummaa ilmaan keenya dhaalchisna.

Mirga keenyaaf finciluun sirrii tahuu hin shakkinuu,

Mootummaa gabroomfataa hanga of irraa darbinuu.

Akka roorroon dhabamee sirni haqaa gad dhaabbatuu,

Amma illee ni fincilla diddaan keenya hin laaffatu ! (2)

Malkaa Caffee

Sadaasa 06, 2013

malkaacaffee@gamil.com

Aside

Waamicha FDG Oslo Norway Sadaasa Gaafa 9,2013

 HDn ABO Jaal Dawud Ibsaa irratti ni argamuu!!!

Guyyaa Cufiinsa koraa 497

ABOni Kutaa Iskandinevia akkuma aadaa isaatti guyyaa FDG Sadaasa 9/ 2013 Magalaa Oslo, Norway Keessatti Kabajata.

Bakki:-

Det Chilenske kulturhus.

Veitvetvn  8, Oslo

Guyyaa: Sadasaa 09/2013.

Akkaataa bakka galmaa gahan: Oslo Center bus 31 Grorud jedhu fudhattanii bakka Veitvet jedhutti buutu.
Baabura (Metro) lakkoobsa shan Vestli jedhu- gara bahaatti (East bound) qabatanii Veitvet buutu

Yeroo Sa’aa 11:00 akka Oslootti Yeroo ta’u. 

Artistooti Oromoo bebbeekamoon kanneen akka:-

  1. Ilfinesh Qannoo
  2. Hayiluu Kitaabaa
  3. Hawwii H. Yesuus
  4. Daangaa H. Yesuus
  5. Yohaannis Abaatee
  6. Asaantii Hajii

Wallee warraaqsaa fi aadaan uumata bohaarsuuf qophiitti jiru.

Fincila-Diddaa-Gabrummaa

Koree qindeessittu.

——————————————————————————————————————————————————————–CaalaattBrrksisKabajaalee FDG Bakkoota adda addaatti ta’uuf deeman kan irraa argachuun dandayamu.

http://www.Gadaa.com

http://www.Ayyaantuu.com

http://www.oromiapress.com

Aside

Waggaa 8ffaa Fincila Diddaa Gabrummaa (FDG) ilaalchisee Ibsa Adda Bilisummaa Oromoo

Sadaasa 5, 2013

Farreen dimokraasii, bilisummaa fi walabummaa, sirna abbaa irrummaa fi cunqursaa diriirfatan tikfatuuf, akkasumas kanneen kabajamuu mirga sabootaa dura dhaabbatan gaaffii ummatootaa ukkaamsuuf shira adda addaa raawwatu. Danda’an dhaamsuuf dadhaban ammoo ukkaamsuuf tooftaa gara garaatti fayyadaman. Humna waraanaatti gargaaramuun dhaabamsiisuu, duula qoor-qalbiin ummata hamilee cabsuun qabsoo irraa fageessuu, gaaffiin ummataa kan deebii argate fakkeessanii dhiheessuu fi ololuu, dabrees gaaffiin ummatootaa akka hin jirretti haaluun sirna isaaniin utubame jireessuuf carraaqan.Gutummaa Ibsa kanaa dubbisuuf:-

Sadaasa 9 Ilaalchisee Ibsa ABO (05-11-2013).pdf

SBO Sadaasa 06 Bara 2013

Aside

Barattooti Oromoo Waggaa Haaraa Yuuniversitii Amboo Itti Simataman Dhadannoo Warraaqsaa Dhageessisan.

Aside

Gabaasaa Qeerroo Yuuniversitii Amboo Sadaasa 05,2013

QerroooGabaasaa Qeerroo yuuniversitii Amboo irraa,Sadaasa 03/2013 guyyaa barattootni haaraan Yuuniversitii Amboo itti mooraa seenaniidha. Guyyaan kun Baga Nagaan Dhuftan barattoota haaraadhaaf kan godhamu qofa osoo hin taanee uummata jiraattoota Amboo fi magaalaa Gudar keessatti guyyaa itti eenyummaa ofiillee yaadatan tahee argame. Akka madda gabaasaa kanaatti afeerraan barattoota kanaaf godhame magaalaa Gudar Hoteela SEENAAF jedhamu keessatti yoo tahu magaalaa kana kaasaanii barataa,hojjetaa fi walii galatti uummata naannoo kanaa tahuudhaan dhiichisa sirba qabsoo Oromiyaa maaltu gadhiisaa.. akkasuma Yaa ijoolle harka rukutaatii WBO faarsinaa Ilil jedhaatii jechhuudhaan uummata kakaasuu fi jalee wayyaanee ammo garaa gubaa turaniiru,kun guyyaa saa 7:00 irraa kaasanii hanga halkan keessaa saa 5:00tti daandii Gudarii fi Amboo gidduu jiru daandii konkoltaa cufuudhaan sirboota qabsoo sirbuun yaadannoo gurguddaa uummata oromoo naannoo sanii gidduutti barattoota haarawaadhaan wal qabsiisanii taasisanii jiru. Akka gabaasaan kun addeesuutti sirba qabsoo sirbame irratti uummanni jiru hunduu osoo amantaadhaan hin qoodamiin ittti hirmaachuudhaan dina ilmaan oromoo hinaafsisaa turaniiru. Dhuma irrattis dhaadannolleen adda addaa barattootaan magaalaa Amboo keessa ergaa seenanii dhageessifamaa tureera. Dhaadannowwan gaggabaaboo gabaasaa waliin nu gahan keessaa:

  • Hin Taainaa Kaaa Ni Falmannaa Yaa Uummata Oromoo!!
  • Gadaan Gadaa Bilisummaati!!!
  • Oromiyaan Kan Oromooti!!
  • Dargaggoon Oromoo Maaf Teessa Kaatee Bosona Hin Galtuu????
  • Oromiyaan Ni Bilisoomti!!
  • Injifannoon Kan Uummata Balaa!!
  • Jedhuun dhaadannowwan kana fakkaatan dhageessisaa akka turan Qeerroon gabaasee jira.
  • Qabsoon Itti Fufa!

Kanneen jedhan turuu Qeerroon gabaasa.

Gaaffii Mirgaa Ka’uun Wal Qabatee, Dargaggooti Oromoo Godina Booranaa Dararaan Wayyaanee Itti Hammaachaa Dhufe.

Aside

Sadaasa 5,2013 Finfinnee

BilisummaaDhiibbaa mootummaan Wayyaanee ilmaan Oromoo irraan geessisaa jirtu bara baraan adda kan hin citne Godina Booranaa aanaa Moyaalee keessatti ilmaan Oromoo nagaa maqaa ABOn hidhuu fi hiraarsuu irratti argamti. Mootummaan Wayyaanee dhiiga ilmaan Oromoo dhangalaasuu kan amaleeffate dargaggoota hojii fi jireenya dhuunfaaf godinichatti bobba’an dabballoota ABO ti jechuun Sadaasa 2,2013 seeraan ala qabuun mana hidhaa wayyaanee keessatti reebuun darara hamaa irraan gahaa jira. Ilmaan Oromoo mana hidhaa mootummaa Wayyaanee Maaikelaawwii keessatti ukkaamsamuun reebamaa jiran

1. Dargaggoo Tashoomaa Guutaa
2. Obbo Lammii Urgeessaa
3. Dargaggoo Ibraahim Huseen( Moyaalee kan qabame)
4. Dargaggoo Alaaminaa Geetaachoo

Kanneen jedhaman mana hidhaa Wayyaanee keessatti reebichaan dararamaa jiran. Mootummaan Wayyaanee bittaa umrii isaa dheereffaachuuf shira hedduu dalagus diddaan waraana ittisa biyyaa keessatti dhalachuun sadarkaa guddaa gahaa jiru yaaddoo jabaa keessa buusee jira.