Oromoonni Jiraattoti magaala Buraayyuu ta’an qe’ee irraa buqqifaman,Bulchitooti gandaas hojii irraa arihaman.

Aside

Sadaasa 28,2013 Finfinnee
OPDO.jpg saamtuuMootummaan Wayyaanee erga aangootti olbahee uummatni Impaayera Itoophiyaa keessaa nagaa waaraa guyyaa takka illee argatee hin beeku. Addatti Wayyaaneen ilmaan Oromoo saamaa, ajjeesaa, hidhaa, qe’ee irraa buqqisaa as gahe. Bara dhumaatii isaa keessas wayyaaneen bittaa umrii koo dheeressa jedhee kan abdatu hidhaa Jumlaa, ajjeechaa fi qe’ee irraa buqqisuun hangafoota. Haalli kunis hammaachuun wayyaaneen uummata nagaa qe’ee irraa buqqisaa jira. Naannoo magaala Finfinnee Buraayyuu keessattis mootummaan wayyaanee ilmaan Oromoo isin lafa mootummaa irratti eeyyama malee lafa ijaarrattanii jirtu jechuun manneen uummataa diiguu irratti argamu. Kanneen kana taasisaa jiran kaadhimamtoota mootummaa wayyaanee TPLF investerootaaf haala mijeessuuf tattaafatan yoommuu tahan uummatni mana isaanii wayita diigamu dura dhaabbannaa taasisaa kanneen turan waraana wayyaaneen reebamuun miidhaa jabaaf saaxilamanii jiran. Magaala Buraayyuu gandawwan shan keessatti manneen diigaman

  1. Ganda Malkaa gafarsaa keessaa manneen diigaman 138
  2. Ganda Lakkuu Kattaa keessaa manneen 76
  3. Ganda Buraayyuu Kattaa keessaa manneen 36
  4. Ganda Gafarsaa Buraayyuu keessaa manneen 100
  5. Ganda Gafarsaa Noonnoo keessaa manneen 40

Kanneen diigaman yoommuu tahu mootummaan wayyaanee investerootatti gurguruuf manneen ilmaan Oromoo diiguu irraa dura dhaabbannaa kanneen taasisaa kanneen turan Obbo Alamaayyoo Baqqalaa fi Obbo Gaarii Birraatuu ganda gafarsaa Buraayyuu keessaa waraana mootummaa wayyaaneen reebamuun miidhaa jabaaf saaxilamanii jiran. Mootummaan wayyaanees namoota uummata waliin bulchinsa tahanii hidhata qaban hojii irraa arii’ee jira. Kanneen hojii irraa arii’aman ganda Lakkuu Kattaa keessaa
Aadde Warqinesh Guddinaa bulchinsa gandaa

  1. Obbo Dabalaa Hojjetaa bulchinsa gandaa keessaa kan arii’ame
  2. Obbo Shimallis Hojjetaa bulchinsa gandaa keessaa kan arii’ame

Ganda Buraayyuu Kattaa keessaa kanneen arii’aman

  1. Aadde Yashii Aliyyee
  2. Shaalaqaa Taammanee

Ganda Malkaa Gafarsaa keessaa kanneen arii’aman

  1. Obbo Tashoomee Bafirduu
  2. Tseggaa Warquu

Ganda gafarsaa noonnoo keessaa kanneen arii’aman

  1. Obbo Kabbadaa bulchisa gandaa
  2. Obbo Tafarii KHR

Mootummaan Wayyaanee bara dhumaatii isaa keessa dhiibbaa gaggeessuu irraa dhaabuu baatus qabsootti jabaachuun furmaata jechuun jirattootni magaala Buraayyuu dhaammatanii jiran.

Barataan Oromo Marketing Waggaa 3ffaa Yuunivarsiitii Gondar keessatti Ajjeefamee fi Kanneen Kaan Hidhamuun Gaaffii Mirgaa Barattootaa Duubatti Hin Deebifne,FDG Dhaadatnoo” WE NEED FREEDOM” Jedhuun Itti Fufe.‏

Aside

Sadaasa 27,2013 Gabaasa Qeerroo Uni,Gonder

OromiaALutaContinua2011FDGWaraanni Wayyaanee TPLF Yuunivarsiitiiwwanii fi nanneen barnoota biyyattii keessa jiran rasaasaan tiksuu kan eegale umrii yeroo bittaa Wayyaanee waliin wal gita. Yuunivarsiitii Gondar keessattis waraanni Wayyaanee rasaasaan barattoota tiksu barataa Oromoo Anteenee Asfaw barataa Marketing waggaa sadaffaa rasaasaan kan ajjeesan yoommuu tahu barattootni gamtaan Bilisummaa barbaadna” WE NEED FREEDOM” dhaadannoo jedhu dhageessisuu irratti argaman.

Mootummaan abbaa irree Wayyaaneen humnaan diddaa kana dura dhaabbachuuf yaaluun barattoota hedduumminaan mana hidhaatti ukkaamsus yeroo ammaa kana barattootni daran diddaa jabeessuun barattootni kanneen hidhaman haa hiikaman jechuun sagalee isaanii dhageessisuu irratti argamu. Qondaalotii fi bulchitooti Mootummaan Wayyaanees kutannaa barattootaan kan baarage gaaffiiwwan mirgaa kana kaastu taanaan nyaata isin dhorkina jedhus barattootni Oromoo gamtaan dhaadannoo hidhamtootni haa hiikaman jedhu yuunivarsiitiilee keessatti maxxansuun diddaa itti fufanii jiran. Ilmaan Oromoo marti, barattootni hundi carraan rasaasaan ajjeefamuu waan nu eeggatuuf akka mirga ofii mirkanfachuuf ka’anis Qeerroon Yuunivarsiitii Gondar dhaammatanii jitan.

Anaa dhufuu barattoota Haarawaa Yuunivarsiitii Haramaayaa Irratti Qeerroon dhaamsa walii dabarsuun barattoota simate

Aside

Sadaasa 27,2013 Haromaya.

picture2Wayyaaneen TPLF  bittaa umrii isaa dheereffachuuf waan inni dalagaa ture ummata biratti guutuuttu balaaleffatamaa fi jibbiinsa horataa kan as gahe ta’uun beekama qaami hawaasaa hundii fi keessattuu dargaggoota Oromoon guutummaan dura dhaabbatamaa as gahe.Yuunivarsiitii Haramaayaa mooraa guddaa keessatti anaa dhufuu barattoota haaraa ilaalchisuun barattootni Oromoo sagalee diddaa dhageessisanii jiran. Barattoota haaraawaafis dhaamsa qeerroo waliin hiriiruu dabarsanii jiran. Qophii dhiyaateen walleewwan gootummaa fi sirbootni qabsoo kanneen akka sirba Eebbisaa Addunyaa sirbamanii jiran. Barattootni haaraan seenanis qophii qeerroon Yuunivarsiitii haramaayaa dhiyeesseen hedduu boonanii jiran. Qeerroowwan yuunivarsiitii kanaa diddaawwan mootummaa wayyaanee dhiphisan gaggeessaa as gahuun isaaniis ni yaadatama.

Gama kaaniin barruuleen warraaqsaa barattoota haarayaa dhufan kan kakaasuu fi dammaqsu garee qindoomina Qeerroo Yuuniversitii Haromaayaan akka raabsamaa fi maxxanfamaa ture gabaasi qeerroo ni addeessa.

Afaan Publications Campaign Launch – Minneapolis, Cairo & San Francisco! /Addee Toltuu Tufaa

Aside

” Akka Jedhan Miti !! Akka Oromoon Jedhe”

Aside

Habashoota biratti waayeen saba keenyaa waan baayyee jedhamee jira.Sanaan wal qabatee walaloon olitti dhihaate Dargagoota Oromootiini.

Gama kaaniin   http://www.gadaa.com  irraa  mata duree From Editor’s Notebook jedhutti qabatee kan  jiru ilaaluun kan dur hafnaan amma illee  “Akka Jedhan” caalaatti hubachuun ni dandayama

SBO Sadaasa 27 Bara 2013

Aside

Diddaan Barattoota Oromoo Yuunivarsiitii Gondar Haalaan Jabaatee Barataan Oromoo Tokko Loltoota Wayyaaneen Ajjeefamee Kaan Ammoo Hedduminaan Hidhaa Seenan.

Aside

Sadaasa 26,2013 Gabaasa Qeerroo Yuni Gondar

Gonder UniGaaffii mirgaa Oromoo fi addattis lafti Oromoo gurguramuu fi barattooti Yuuniversitiilee adda addaa irraa hidhamuun haadhabatu jechuun barattooti Oromoo diiddaa kaasuun wal qabatee Mootummaan Wayyaanee ilmaan Oromoo keessumaa ammoo barattoota Oromoo hidhaa fi ajjeesaa kan as gehe ammas ittuma fufuun Yuunivarsiitii Gondar keessatti barataa Oromoo ajjeesuu irraan eegalee heddumminaan hiraaresee hidhaatti naqaa jira. Barataan Oromoo Anteeneh jedhamu   barataa FBE marketing tahee waggaa sadaffaa baratu yakka tokko malee mooraa Yuunivarsiitii Gonder keessatti ajjeefamee jira. Barattootni Oromoo gumaa ilma keenyaa ni baafna jechuun diddaa dhageessisuu irratti argamu. Mooraan Yuunivarsiitii Gondaris diddaa kanaan guutamtee mootummaan Wayyaanee TPLF waraana hedduumminaan bobbaasuun dhiphina keessa galee jira.

Waraanni TPLF Yuuniversitichatti bobba’uun barattoota irratti rasaasa dhukaasuun diddaa dura dhaabbachaa jira. Wayyaaneen barattoota ajjeesaa, rasaasaan rukkutaa fi hidhaa as gahe itti fufuun gara jabinaan raawwachuu irraa diddaan jabaatee itti fufee jira. Haala kanaan Sadaasa 25,2013 barattoota Oromoo diddaa gaggeesitan sababa jedhuun hedduu hiraarsaanii kanneen diddicha qindeessitan jedhaman ammo nama 3 fi kanneen kaan hedduun gara mana hidhaa hin beekamneetti ukkaamsee fudhate,kanneen kunis:-

  1. Barataa Taarikuu Tolosaa veternary waggaa 4ffaa
  2. Barataa Teediroos Beezii barataa Veternary waggaa 4ffaa
  3. Barataa Teediroos barataa waggaa 4ffaa veternary dhalootaan naannoo Bishooftu

Kanneen jedhaman dabalatee barattootni hedduun mana hidhaatti ukkaamsamanii jiran. Barattooti Oromoo Yuuniversitii Goonder keessatti argaman kaanis  Ilmaan Oromoo martis iyya  keenya akka nuu dhageessan jechuun dabarfatanii jiru.

Gama kaaniin barattooti Oromoo mooraa Yuuniverstii keessaa bahanii magaala keessa deemuu fi afaan Oromoon haasawaa daandii irra deemuun sadarkaa sodaachisaa ta’etti yakka ta’ee akka jiru gabaasi nu gahe addeessa.

Waraanni Wayyaanee maqaa sakatta’insa jedhuun baadiyyaa keessa bobba’e uumata saamuu fi humnaan gudeedduun yakka daangaa hin qabne hojjechaa jira.

Aside

Sadaasa 25,2013 Finfinnee

Qeerroo bilisummaaBara dhumaatii abbaa irrummaa isaa keessa mootummaan Wayyaanee waan hojjetu walaaluun bujaajjauu irraan darbee kadhaa biyyoottan alagaa irraa argamuun bittaa umrii isaa dheereffachuuf tattaafachaa ture. Haalli kadhaa fi saaminsaan dinagdee isaa guddisee uummata ittiin bitu wayita fashalu uummata Jumlaan hidhuu, sakattainsaan uummata nagaa rakkisuu fi doorsisuu akkasumas uummata nagaa ajjeesuu filannoo jabaa godhatee jira. Filannoowwan kanneen keessaa maqaa alshabab sakattaana dahoo kan godhateen uummata nagaa golee Oromiyaa mara keessatti doorsisaa fi sakattaa jabaa gaggeessaa jiran. Waraanni mootummaa wayyaanee sakattainsa kanaaf bobbaan kumaataman kan lakkaawaman yoommuu tahu sakattainsaan alatti darbuun afaan qawwee fayyadamuun qabeenya uummataa saamuu fi dubartoota gudeeduu irratti argamu.

Godina Shawaa kaabaa aanaa Alaltuu bakka Fiichee jedhamutti waraanni mootummaa Wayyaanee sakattainsaaf bobbae qabeenyaa ilmaan Oromoo saamee jira. Ilmaan Oromoo hojii isaaniitti bobbaanii jiran dhaabuun maallaqa baaftan fidaa jechuun humnaan irraa fudhachuu irratti argamu. Midhaan konkolaattotaan feamus hin dabarsitan jechuun ilmaan Oromoo rakkoo addaaf saaxiluu irratti argamu.

Qeerroon Godina kanaa diinni maaliif akkas nu godhee irra dura dhaabbanna jechuun uummatni waraana wayyaanee bobbae akka hin nyaachisne, hin obaasne homaa itti hin gurgurre taasisuun hojii waraana mootummaa wayyaanee fashalsuu irratti argamu.

Artist  Duulaa Mulugeetaa

Qoteebulaan qotuu dhiisee, qabamee mana hidhaa ciisee,

Barsisaan barsiisuu dhiisee, qabamee mana hidhaa ciisee.

Barataa barachuu dhiisee, qabamee mana hidhaa ciisee

Naggaadeen daldaluu dhiisee,qabamee mana hidhaa ciisee

Kun biyya abbaa isaa gadhiisee,godaanee biyya ambaa ciisee

Diddaa Barattootaan Wal-Qabatee Yuunivarsiitii Gonder Keessatti Mootummaan Wayyaanee barataa Oromoo yakka tokkoon malee ajjeeste.

Aside

Sadaasa 25,2013 Gabaasa Qeerroo Yuni Gondar
Mootummaan Wayyaanee ilmaan Oromoo keessumaa ammoo barattoota Oromoo hidhaa fi ajjeesaa kan as geesse ammas ittuma fufuun Yuunivarsiitii Gondar keessatti barataa Oromoo ajjeeste. Barataan Oromoo Asrat jedhamu barataa FBE marketing tahee waggaa sadaffaa baratu yakka tokko malee mooraa Yuunivarsiitii Gonder keessatti ajjeefamee jira. Barattootni Oromoo gumaa ilma keenyaa ni baafna jechuun diddaa dhageessisuu irratti argamu. Mooraan Yuunivarsiitii Gondaris diddaa kanaan guutamtee mootummaan wayyaanee waraana hedduumminaan bobbaasuun dhiphina keessa galee jira. Waraanni mootummaa wayyaanees guutummaan rasaasa dhukaasuun diddaa dura dhaabbachaa jira. Mootummaan wayyaanee barattoota ajjeesaa, rasaasaan rukkutaa fi hidhaa as gahe itti fufuun gara jabinaan raawwachuu irraa diddaan jabaatee itti fufee jira. Ilmaan Oromoo martis waamicha keenya akka nuu dhageessan jechuun qeerroon Yuunivarsiitii Gonder dhaammatee jira.