FILANNOO 2015 DURA ABO LAAMSHEESSUU !!

Aside

FINIINEE  FINFINNEE (1991)

GULLALLEETI

barruuSochii siyaasaa keessatti odeeffannoon bakka ol aanaa qaba. odeeffannon guddaadha , xiqqaadha hin jedhamu. Warri muuxannoo ga’aa qaban akkas jedhu.”ODEEFFANNOON HIN TUFFATAMU, HIN JAJAMU” jedhu.diina mo’achuuf tarkaanfiin jalqabaa odeeffannoo argachuu fi haala odeeffannoo irratti hundaa’uun irratti hojjachuudha. Kana dhalli Oromoo hundi bakka jiru maratti waan of eeggachuu fi shira diinaa kana fashalsee irra aanuuf irratti hojjachuu qaba. Yoo siyaasa keessa hin jirru ta’e illee , waan sabummaa keenya irratti hojjatamu odoo ijaan arganii BIRA taruun yakka. Rakkoo yertuu nu keessa jirruuf jennee, ykn wal dhabbii sadarkaa dhunfaatti wal irraa qabnuuf jennee, Qabsoo obboleyyan keenya itti dhumaa jiranii fi hiraaraa jiran yennaa miidhamu ilaaluun wallaalummaadha. Odeeffannoo walii laachuun lubbu walii oolchuu ta’uu habadhaatii bakka jirtanitti diina mana keenya seenee nu diiguu fi qabsoo keenya kolaasuuf yaalu irraa ofis , ummata keessanis, dhaaba keessanis  tiksaa. 

Haalli biyya keessa jiru haalaan yaaddeessaadha.Seenaa Qabsoo Ummata Oromoo keessatti waa hedduu argineerra. Haalli sirna wayyaanee dadhabee, ofiin kufutti wayita dhihaatu, dhaabbilee mormitootaa hedduun keessa isaanitti rakkoo ulfaataatu dhalata. Yeroo dhaabbileen kun rakkoo keessa isaaniin tarkaanfachuu dadhaban, wayyaaneen deebitee lubbu horatti. Seenaa kana yeroo hedduu taajjabneerra. Wayyaaneen har’a dhaabbilee mormitootaa addatti ABO irratti shirri gaggeessitu daangaa hin qabu. Angoo isheef kan sodaattu fi irriiba itti dhabduus sochii qabsoo Ummata Oromoo ABOn hogganamuudha. Kana laamsheessuuf waggoota Angoo irra jirtu kana hundaa ifaajjaa jirti. Wayyaaneen har’a ABO dhabamsiisuu akka hin dandeenye akka gaaritti hubattee jirti. Maallaqi ABO dhabamsiisuuf ba’e Biyya tokko ijaara ture yoo jenne dhugaa irraa fagaachuu miti. Bajati ramadamu kun , Dingadee Biyyaa laaffisuu isaatiin, Maqaa Gooleessummaa jedhuun Addunyaatti hidhatanii itti duuluun har’a daran jabaate itti fufee jira.

Shiroonni wayyaanee ABO irratti gaggeeffaman lakkoofsa hin qaban. Garuu tokko tokkon adda baafamee yk tarrifamee, irratti hojjatamaa jiraachuu akka dansaatti beekna.barruun Biyya keessaa ba’ee warra alaan isini dhaqabe kun, ta’innaa yk ta’u malaa miti . haqadha. nuuti SHIRA wayyaanee akka xaafii ijaa heddummaate kana dandamatee, har’allee wayyaaneef yaaddoo guddaa kana ta’e ABO guddoo dinqisiifanna. Kana jechuun miidhaan irra hin geenye jechuu keenyaa miti. Of eeggachuu dhabuu irraa balaan irra hin geenye jechaas hin jirru.. Garuu har’allee of qulfulleessaa jiraachuu isaa wayita dhageenyu itti gammanna. Qabsoon Adeemsa malee murtee guyyaa tokko miti jennee waan amannuf..yeroo Baayyee dhaabni kun jabaataa wayita dhufu waa tokkotu keessatti dhalata. Kun ammo, shira diinaa dhaabicha keessatti karaa namoota dadhaboo seenu irraa akka ta’e ifaadha. FILANNOO 2015 DURA ABO LAAMSHEESSUU !

TVOMT-Gaafif Deebii Gaazexeessaa obboo Sifan Miidhagsaa waliin Goone Hordofaa Part2

Aside

SBO Mudde 01 Bara 2013

Aside

Barataa Sabboonaa Oromoo Yuuniversitii Gondar Keessatti Oromummaan Yakkamee Wareega Kafale.

Aside

Maqaa :-Anteeneh Asfawuu Leggesee

Bara Dhaloota isaa:-Fulbaana 1/1983 A.L.H tti.

Bakka Dhalootaa:- Godina Diillaa Aanaa Fissaah Gannat ganda 02.

Barataa Anteeneh Asfawuu LeggeseeBarataan kun akkuma ibsuuf yaalletti barataa Yuuniversitii Gondar,Marketing waggaa 3ffaa kan baratu barri inni yuuniversitii kana seene 2004/2012 yoo tahu kan xumuru waggaa kana 2006/2013 dha. Akkuma beekamu barataan kun guyyaa sadaasa 24/2013barattoota garee isaa department Marketing kan tahan barattoota 60 ol kan tahan waliin bakka Daashan Biiraa jedhamutti yeroo afeerraa godhatanii turani. Haata’u malee afeerraa qaban booda galgala keessaa sa’a 9:00 PM bakka itti afeerraa taasofatan kana irraa gara mooratti kan deebi’an yoo tahu barattootni oromoo addatti wal foo’uudhaan sirboota qabsoo kan dhageessisaa daandii gubbaa irra deemantu ture. Barattootni habashaa ammo iyya garmaleetiin naannoo jeequudhaan namoota daandii irra socho’an ille humnatti gargaaramuudhaan reebuudhaan socho’a akka turaniidha. Tahus barattootni oromoo sirboota qabsoo dhageessisaa daandii irraa yoo socho’an barattootni habashaa kunneen ammo iyyaa hedduu nama rifaasisuun jeequmsa uumanillee boroo Daashan Biiraa bakka bishaan Qahaa jedhamu ce’uudhaan ganda 18 akka gahaniin hidhattoota wayyaanee daandii irratti bobbahan irratti rukuttaa eegalan,hidhattootni wayyaanee kunis ilmaan habashaa jeequmsa uuman kana irratti kan xiyyeefatan osoo hin taanee barattoota oromoo sirba qabsoo dhageessisan kana irratti kan guddaa xiyyeefatanii fi warra ABO(ONEG) faarsu jechuudhaan dhukaasa irratti banana.Barataa adda duree tahee faaruu qabsoo oromoo dhageessisaa  ture barataa Anteneeh Asfawuu jedhamu kana irratti kallattumaan dugda isaa irra rasaasaan reebuudhaan barattoota isa waliin jiranis tamsaasani.Rukutamuun mucaa kanaa galgaluma guyyaa kanaa sa’a 9:30 PM irrattiidha.Kallattuma rasaasaan rukutameen gara Hospitaala mooraa yuuniversitii Gondaritti fudhatani, Hospitaala kanatti yaalamee maal irra akka jirullee dadhabamnaan gara Hospitaala Minilikitti geessani.Barataan kuni Hospitaala kanatti kan lubbuudhaan darbe yoo tahu guyyaa itti aanu Sadaasa 25 barataa du’e kanaan wal qabsiisanii barataan mooraa addatti ammo barattootni oromoo yuuniversitii kanatti argaman hunduu walii galatti baayinni isaanii 3000-4000 kan tahan daandii Hospitaala geessu irratti hiriira bahuudhaan “WE NEED FREEDOM” kan jedhu dhageessisaa turaniiru.

Akkasuma baratooti du’a sabboonticha Oromoo kanaan wal qabsiisee aarii fi dheekkamsa guddaa itti kaasuu irraan akkasumas gaaffii Oromoof deebiin qaama mootummaa irraa dhabamuun wal qabatee qabeenyaa mooraa yuuniversitii sanii kan mancaasan yoo tahu hanga har’aatti ilmaan Oromoo mooraa sana keessatti argamu barataas tahe,barumsa dhaabee, hojjetaas tahe hojii isaa dhaabee,barsiisaa mooraa saniis kan tahe Oromoon barsiisa dhaabee akka jiru yoo tahu ilmaan Habashootaa garuu barumsa isaanii deebi’anii akka jiranii fi tooftaan guyyaa kana uumames ilmaanuma Oromoo tooftaa hin beekamneen ficcisiisuu ture jedha maddi gabaasaa kanaa. Ilmaan Oromoo akkanatti dhiigi dhangala’ee hin hafu, guyyaa eeggata! barumsi nutti  hafee mirga saba keenyaa falmachuuf qabsoo itti fufna  jedhanii barattootni Oromoo hunduu barumsa malee akka jiran gabaasaan addeessa.

Injifannoon Uummata Oromoof!

Wallagga,Annaa Ebantuu Keessatti Diddaa Farra Wayyaanee Kaasaniin Wal Qabatee Sabboontoti Oromoo 40 Ta’an Magaalaa Hindee Keessatti Hidhaan Dararamaa Jiraachuun Beekame.

Aside

Gabaasa Sadaasa 29,2013 Naqamte

BilisummaaSabboontoti ilmaan Oromoo godina Wallaggaa Aanaa Eebantuu irraa mootummaan Wayyaanee dhihaa fi hiraarsa daangaa hin qabne gaggeessaa jiraachuu ilaalchisee Oromoonni biyya alaa jirtanii fi kanneen miidhamuu saba ofiif quuqqaa qabdan qaama mirga dhala namaa falmuu fi warren dhaabbotii namoomaatti akka iyyannoo nuu galchisan dhaammanna jedhu Ilmaan Oromoo mana hidhaa Eebantuu keessatti hiraaraa jiran.

Sadaasa 15,2013 irraa kaasee sabboontotiin Oromoo badii tokkoon malee hidhaa laga Abbayyaa mormitan, ABO deggeraa jirtu,sababaa jedhuun Ilmaan Oromoo aanaa Eabaantuu Magaaala Hindee keessaatti dararaa guddaa irraan gahamaa jira.Mucaa wagga 13 osoo hin hafiin aanaa Ebbantuu keessaa walitti qabamanii magaalaa Hindee jedhamutti dararaan daangaa hin qabne irra gahaa jiraachuu gabaasi naannicha irraa nu gahe addeessa.Ammatti maqaan ykn kanneen hidhamuu fi dararaan irra gahaa jiru hanga nama 40 galmeen argame kanneen armaa gadiiti.

Maqaan sabboontota dhiaman kanneen:-

1.Asfaaw Danuu Mucca isaa

2. Meetii Asfaaw umrii waggaa 13 wajjin mana hidhaa jiru!! hojjin daldalaa dha.

3.Darajjee Dhufeeraa
4.Suufaa Galataa
5.Zalaalem Ambessee
6.Jannaa Teessoo
7.Getachoo Siyyum
8.Balaay Galataa kan jedhamaam qotee bultoota dha xaa’oo liqii
fudhattanii kaffaluu diddan  jechuun kan  bara dheera ture offii isaanii nyaatanitti!!
9.Bayyanaa Abbabaa
10.Abdiisaa Garbaa  Barsiisaa
11.Tasfaayee Kinifuu
12.Mokonnoon Takkaleeny
13.Aalamuu Fiqaaduu
14.Tasfaayee Ayyalaa
15.Nagaashi Ambasaa
16.Alamuu Raggaasaa
17.Nagaashi Duubee
18.Firihiwoot Yadataa
19.Kumii Tafarraa
20.Tolaa Nugusee
21.Rabbumaa Gonfaa
22.Aaleem-Tsahaay Fiqaaduu
23.Taddaluu Aabarraa
24.Dhaabaa Gammachuu
25.Magarsaa Gammadaa
26.Gaddisaa Fatansaa
27.Nigaatuu Abeetuu
28.Waajjiraa Dhugumaa
29.Ashabbir Yadataa
30.Musee Jambaree
31.Tashoomaa FayyiSaa
32.Jireenyaa Abarraa
33.Badhaasaa Haayiluu
34.Tamasgeen Bayyanaa
35.Abarraa Likkisaa
36.Magarsaa Guddataa
37.Nugusuu  Abdiisaa
38.Dirribaa Tafarraa
39.Dirribaa Dhinsaa
40.Habtaamuu kan jedhamaan hojjettota misoomaa kan Mootumaa ti.

Fincilii fi gaaffiin sabboontotaa gaaffii mirga lafaa fi eenyummaa Oromoo akkasumas hidhaa laga Abbayyaaf horiin uumata irraa funaanamu daran Oromoo deegatti deemsisaa jiraachuu mormuun gaaffii mirgaa haa kaasan malee qondaaloti Wayyaanee garuu gaaffii isaanii kana ABOn wal qabsiisuun akka yakkamtootaatti sabboontota kana guyyaa 15 oliif dararaa jira.

 

Oduu:- WBOn Jidduu Galeessa Oromiyaa Keesaatti Injiftnoo Argate!! Raadiyoo Seife Nebelbal, Sadaasa 29,2013

Aside

Simbirtuu: Oduu, Aartii Walaloo Barreessuu fi Sochii Qeerroo Yuniversitii Jimmaa

Aside

Qeerroo

Garee Bakka Bu’oota Qeerroo Dhiha Oromiyaa Irraa Ibsa Kenname.

Sadaasa 26,2013 Jimmaa

Biyya Oromiyaa keessaatti ajjeechaa garajabinaa Mootummaan Wayyaanee Ummataa Oromoo irratti rawwaacha jiru fi Ajjeechaa suukaneessaa godaantota fi baqatoota Oromoo fi ilman cunqurfamoo lammilee biyyaatti biyya ambaa jiran irratti rawwatama jiruuf itti gaafataman Wayyaanee ta’u Hoggansii qeerroo ibsa baase.
Sadaasa 26/2013 Gareen qindeessitoota Qeerroo Bilisummaa Oromoo biyyaa keessaa Yuunivarsiitiiwwaan:Jimmaa, Mattuu, Wallaaggaa, Wallaggaa Damee Gimbii, Amboo, Amboo Damee Walisoo, Finfinnee, fi Miizaan Teeppii, irraa Walitti dhufuun haala siyaasaa biyyattin walqabatee ajjeechaa Seeraan alaa Mootummaan Wayyaanee biyyaa keessatti yeroo irraa gara yerootti baratoota Oromoo , Ummaata Oromoo fi lammiilee cunqurfamoo irratti fudhacha jiruu fi Ajjeechaa Sukkaneessaa godantoota fi baqatoota Ilmaan Oromoo fi lammiilee cunqurfamoo biyyatti sabaa fi sablamoota biyyota ambaa garaagara jiran irratti rawwatamaa jiruu ilaalchisuun walitti dhufuun marii bal’a erga gaggeesani booda ibsa qabxii 8 qabu dabarsani jiru.

Ibsa Garee qindeessitoota Qeerroo Bilisummaa Oromoo irraa Kenname.
1. Mootummaan Wayyaanee bara baraan ilmaan Oromoo mooraa barnotaa
keessaatti fi halaa garaagaraa keessaatti utuu hin ajjeesin jiraate hin beektu; yeroo amma kanas baratootni Oromoo dhabbilee barnotaa olaanoo irra barachaa jiran ajjeefamaa, dorsifamaa, dararamaa fi biyyaa irra wareerfamuun arii’ama jiru; kanneen bara baraan wayyanee qofaan biyyaa irra arii’ataman kumaan lakka’amu kanneen jiruuf jireenyaan godaansaa seeraan alaaf affeeraman waliin kumota dhibootan kanneen lakka’amanis bulchinsii biyyaa ambaa wayyaanee lammaffaa itti ta’uun ajjeechaan suukaneessaa fi dararamni daangaa hin qabne irraa ga’aa jiraniif itti gafataman mootummaa EPRDF wayyaanee har’a biyya bulchan jira jettu ta’uu ni hubachiifna.
2. Lammiiwwaan keenya baqattoota fi godantota ta’uun biyyota
garaagaraa keessatti ajjechan suukaneessaa irraa ga’aa jiruu fi biyyaa Ethiopia keessatti keessaattuu baratootni Oromoo qabinsa mirga namummaa dhabuun lubbuun isaani akka malee balleeffama jiru fi gochaan suukkaneessaa isan irraa qaqqabaa jiruuf gaddaa guddaa nutti dhaga’ame ibsina. gochaa diinummaa kanas nii balaaleffanna.
3. Ummaanni Oromoo fi ilmaan cunqurfamoo lammiileen biyyaatti gocha suukkanessaa fi ajjechaa gara jabinaan nurraatti gaggeeffama jiruu dhaabsisuuf, falli jiruu mootummaa wayyaanee abba irree mirga keenya sarbee, sarbisiisaa jiru irratti qabsa’uun angoo irraa darbuuf bakka jirruu wal gurmeesinee FDG haa gaggeessinu, sagalee keenyaa addunyaa haa dhageesifnu jechuun wamicha keenya dabarsina.

Ibsa Gartuu Bakka Bu’oota Qeerroo Dhiha Oromiyaa Irraa Kemmame.

 

Mootummaan Wayyaanee Baha Oromiyaa Godina Harargee bahaa aanaa Midaagaa keessatti uummata Sumaalee fi Oromoo walitti buusaa jira.

Aside

Sadaasa 29,2013 Gabaasa Qeerroo Dirree Daawa
Wayyaaneen TPLF tooftaa biyya goolu kanneen itti dhimma bahu keessaa tokko sabaa fi sablammiiwwan biyyattii walitti buusuun tokkummaa uummata Impaayera Itoophiyaa keessaa diiguu dha. Haala kana milkeessuuf uummata nagaa walitti buusaa kan ture Baha Oromoo uummata Oromoo fi Sumaalee walitti buusuuf lafa Oromiyaa irraa kutuun uummata Sumaalee qubachiisaa jira. Uummatni Oromoo naannoo daangaa kanaa jiraatan lafti kun keenya jedhanis waraana kumaatamaan bobbaasuun uummata Oromoo irratti miidhaa daangaa hin qabne gaggeessaa jira. Mootummaan wayyaanee yeroo dheeraaf poolisoota federaalaa ” Liyyuu Haayil” jedhaman bobbaasuun uummata Oromoo ficcisiisaa turuun isaa ni yaadatama. Shira mootummaa wayyaanee kanaan dammaquun uummatni nagaa waraan akka waliin jiraatu, daangaa Oromiyaa kabajsiisuuf ammoo wareegama barbaachisaa kaffaluu irraa uummatni Oromoo duuba akka hin deebine qeerroon baha Oromiyaa gabaasee jira.

Uummatni Oromoo Godina Gujii saaminsa warqee fi maqaa magaala Nagallee Booranaa gara Nagallee duwwaatti jijjiiramu dura gamtaan dhaabbate

Aside

Sadaasa 29,2013 Finfinnee

Saminsi qabeenya Oromoo akka dhaabbatu jechuun uummatni Oromoo Godina Gujii aanaa Saba booruu ganda qeenxachaa diddaa kaase. Mootummaan wayyaanee saaminsa Warqee aanaa kanaa gaggeessa kan ture nurraa haa dhaabu jechuun uummatni gamtaan dura dhaabbatee jira. Waraanni wayyaanee rasaasa dhukaasuun diddaa uummataa saaminsa warqee ilaalchisuun gaggeeffamu dura dhaabbachuuf yaalus uummatni gamtaan sochii waraanaa fashalsee jira.
Haaluma wal fakkaatuun jala deemtotni mootummaa wayyaanee maqaa magaala Nagallee Booranaa jedhamaa ture Booranaa kan jedhu hin barbaachisu kanaaf magaala Nagallee duwwaa haa tahu jechuun murtii dabarsanis uummatni Boorana kan jedhu uummata Oromoo waan ibsuuf haqamuu hin qabu jechuun diddaa dhageessisuu irratti argamu.