Oromo Voice Radio broadcast on April 9, 2014

Aside

Barattooti Oromoo Uni Adaamaa 20 ta’an Kabajaa Yaadatnoo Anooleef Osoo Deemanii Isin ABOn dha Sababa Jedhuun Hidhaman

Aside

Ebla 8,2014 Gabaasa Qeerroo Adaamaa

BilisummaaDargaggoonni seenaa dhugaa dhaale,kutannoo fi murannoo onnee irraa madden seenaa Oromoo irraa kanneen hubatnaa gahaa qaban ilmaan Bilisummaa Oromoo fi Walabummaa Oromiyaaf boqonnaa hin qabne   seenaan bu’ura hundaa ta’uu isaa warri adda durummaan beekaan Yaaddannoo wareeggamtoota haadhoo fi abboolee(Anoolee)f jecha Adaamarraa hanga Aanoleetti lafoo deemsa taasisaniin km 66 miilaan(lafoo) kanneen kabajaaf deeman 120 keessaa barattoota Oromoo 20 mootummaan Wayyaanee hidhaatti galche.

Kanneen keessaa 17 shamarree Oromoo yeroo ta’an,Yaadatnoo Anooleef jecha amna dheeraa miillaan deemuun gochaa hammeenya diinaa yeroo yaadatan,bakka kabajaa sanii gahuuf km 9 duwwaan yemmuu isaan hafu bulchiinsa magaalaa Heexosaa aanaa Heexosaa Itayyaatti qabanii kaayyoo kamabajaa Anooleef jecha miillaa luqa’anii dhiigaa kanneen achi gahan keessaa nama 20 alaabaa ABO qabattanii jirtu sababa jedhuun dabarsanii loltoota Wayyaaneetti kennan.

Haalli kun akkaataa itti raawwate guutuun isaa,  Dargaggoonni kuni guutummaan isaanii magaalaa Adaamaa irraa kan ta’aan yemmuu ta’an gartokkeen isaanii Yuuniveersitii Adaamaa irraa fi gartokkeen immoo magaaluma adaamaa irraa barattoota koollajjii fi jiraattota,akkasumas  ijoollee gumii  adda addaa irraatii walitti qabamaniidha.  Ka’umsi  deemsa kanaa Gumii  GADAA’O   kan gidduu gala bashaannana dargoogata oromoo ganda 14 magaalaa adaamaatti argamuun kan qindaa’ee yemmuu ta’uu dura ta’aan Gumichaa HUHAABBAA HUSEEN  beekamtii deemsi kuni karaa nagaa’a jedhuun bulchiinsa magaalaa irraa waraqaa baasisee ture wanna jedhamuun  beeksisni bahee gaafa  jimaataa sa’aa 10 irratti manaa POOSTAA magaalaa adaamaa irraa deemsa kan eegale  dargaggoota 120 kanneen keessaa durboota 17 yemmuu ta’an. erga magaalaa DHEERAA  AANAA DODDOTAA geenyee gareetti wal buusee  namooni 20 kophaatti bahanii karaa qaxxaamuraa kan deemaan yemmuu ta’an isaan kunneen ilaalcha adda fi ergama biraa qabu jechuun qoqqobbiin kan ka’ee alaabaa ABO FI Waraqaa baadiyyaa keessa rabsaa deemuufi nurraa adda bahan kan jedhuun basaastoni deemsa dadhabbii guddaa gaafate kana kan karaa dabarsan yemmmuu ta’u maqaan ijoollota kanaa

1,Addunyaa keessoo…….Yuuniversitii saayinsiifi teeknoloojjii adaamaa

2. Walabummaa Dabalee              >>

3,Taaddasaa Abbabaa                    >>

4.Hirphaa Nagaasaa                      >>

5.Barsiisaa dassaalenyi                 >>

6.Mokonnin kabbadaa                 >>

7.Seefuu Baacaa                           >>

8.Hurrumaa  Bashaadaa              >>

9.Ayyaanaa Tafarraa                    >>

10.Ayyaantuu…..kophee malee ishee km 66 deemte yemmuu taa’u  filmii caayaa piroomoshinii adaamarraa

11.Eebbisaa  Margaa      filmii caaya piroomoshinii irraa

12.Caaltuu  Nugusee      barattuu koolloojjii riftii vaalii

13. Iftuu         jiraattuu magaalaa adaamaa

14.Ifaabaas   jiraataa magaalaa

15 Bilisummaa    jiraataa magaalaa adaamaa

16.Baay’isee barattuu koollajjii baalata’oo

17.Milkoo  Milkeessaa barattuu kollajjii riftii vaalii

18.Gammachiisaa Dhaqqabaa Waariyoo Mucaan kuni basaastummaa kan ergame ta’uun irra gahame fi bakkeen isaa kan hin beekamnee dha

19 Gammachuu jiraataa magaalaa adaamati

20 Esheetuu  jiraataa magaalaa adaamati

Namoonn  20n kuni galgala sa’aa   1 halkaan keessa gaafa sanbat duraa kan qabanii tooftaadha hidhamanii harka wayyaanee bulaniidha  Aanolee erga miilaan gahanii booddee  namoonni 100 bulchiinsi magaalaa simannaa godheefi malaan kan karaa bulcheedha akka isaan achin geenyeef,isaan kunnen kan hedhamaniif ijjoollota 20 nu duukaa dhufan bakka itti hiitanii fuunu malee hin deemnu  waan jedhaniif kan hidhaman. sababni hidhaameef waa tokkollee hin beekkamne akkamitti lafoo dhufatanii sin shakkamtoota bosonaa dhuftaan alaabaa qabduu waraqaa qabatanii eebbaa siidaa kanaa gufachiisuufi waan jedhu duwwaattu afaani isaan bahaa.Akkaataa kanaan guyyaan yaadannoo sun xumuramee jira.

 

 

SBO Bitootessa 09 Bara 2014 Oduu tarkaanfii – Ibsa ABO fi Qophii Gootota Wareegamtoota Oromoo ilaallatu of keessatti hammata

Aside

Oromo Voice Radio broadcast, April 5, 2014

Aside

SBO Ebla 06 Bara 2014 – Oduulee fi qophiilee adda addaa qabnaa nu caqasaa

Aside

Aside

Seife Nebelbal Radio Ebla 4

OMN: Qophiilee Ebla 3, 2014

Simbirtuu Ebla 03, 2014

SBO Ebla 02 Bara 2014 — Ibsa ABO

Haala Yeroo Ilaalchisee Ibsa Sochii Dargaggoota Biyyoolessaa Irraa Kenname

Aside

Qeerroo

Haala Yeroo Ilaalchisee Ibsa Sochii Dargaggoota Biyyoolessaa Irraa kenname

(Qeerroo Bilisummaa)

Ebla 2,2014 Jimmaa

Bakka bu’oonni Qeerroo Bilisummaa Oromoo godinoota adda addaa irraa walitti dhufuun Ebla 1 fi Ebla 2,2014 walgahii guyyaa lamaaf gaggeefatan irratti haala yeroo uummata Oromoo fi Qabsoo FDG bilisummaa Oromoo daran jabeessuu fi haala waliigala raafama siyaasa Impayeera biyyattii irratti marii bal’a gochuun ibsa armaan gadii dabarsee jira.

1.Dugugginsa Sanyii (Genocide), moototni Habashaa erga Oromoo afaan qawween cabsanii bulchuu eegalanii hanga har’a jarraa 21ffatti dabaree angootti dhufan rawwatanif Oromoon tolee jedhee jilbeeffatee bitamee, hin bule. Utuu falmatuu diina kufaa kiffisaa har’a as ga’ee; qabsoo bilisummaa Oromoos bu’awwaan dagatamuu fi eenyu iyyuu haalu hin dandeenye dhiigaa fi lafee isaa itti cabsee fidee har’a dhaloota haara nu Qeerroo Oromoo qaqqabsise jira. Haata’uu malee ilmaan mootota habashaa kaleessaa har’a illee qabsoo Oromoo dhaamsuuf Oromiyaa deebisanii qabachuufi sirnota abbooti isani sirna nafxanyaa kaleessa deebisuuf nurraa hin dhaabbanee hojii idilee isanii godhachuun hanga sadarkaa mana maxxansaa banachuun Oromoo arrabsuu, xiqqeessuu, tuffachuu fi Oromoon biyya hin qabu jechuu irra gahani jiru.Nafxanyaa har’a qawwee fi golgaa dimookiraasiin biyya lafa gowwomsaa jiru of jabeessuun umrii bittaa isaa dheereffachuuf yeroo kallatti hundaan tattafatan ifatti ba’een mu’acha jirra, sochii farrummaa Oromoo nafxanyota kaleessa fi har’a kana dhaabamsisuuf Oromoon bakka jiru hundaa dammaqee qalbiin qabsoo FDG keessatti qooda guddaa ba’uu qaba.

Guutummaa Ibsa Kanaa Dubbisuuf:- Haala Yeroo Ilaalchisee Ibsa Qeerroo Bilisummaa Irraa Kenname. Ebla 3 2014

Hardha Illee Waayee Keenya Akkas Jedhu.

Aside

Ebla 3,2014  Yuuniversitii Jimmaa Irraa

Amma illee akkuma kaleessaa jechoota dadhabaa fi jibbiinsa sanyii balfattummaa irraa kan ka’een ilmaan Habashaa xiqqeenyaa fi balfattummaa uumata Oromoo irratti olola daangaa hin qabne gaggeessaa jiru. Dabtarooti Habashaa bara doofummaan kan barreessanii olitti har’as beektota warri jedhaman ummata Oromoo xiqqeessuu fi akka saba seenaa hin qabneetti jechoota arrabaafii balfii qabuun waa hedduu jechaa jiru.

Yeroo ammaa kanattis barruun “ Hinquu” jedhamu biyya Itoopiyaa keessatti dhaabbiilee barnoota ol-aanoo biyyattii hunda irra raabsamuun Library Yuuniversitootaa fi manneen barnootaa keessatti tamsaasamaa jira.Barruun kun kan chaappaan irratti rukutame yeroo ta’u kan guutummaatti saba Oromoo akka sabaattis ta’e akka biyyaatti mirgaa fi eenyummaa isaa xiqqeessuun maxxanfame.

Yuuniversitii Jimmaa Social Library keessaa hogganis Qeerroo godina dhihaa waan argee fi dubbise akka dhaametti barruu kanatti maxxanee jiru qalbiin dubbisuun ilmaan Oromoo irraa eegama.

 

Oromo Voice Radio Broadcast on April 2, 2014

Aside

ቄሮ -የኦሮሞ ወጣቶች ለነፃነት ንቅናቄ ድምጵ/ Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo Qophii Ebla 1,2014 Afaan Amaariffaa

Aside