Aside

FDG Qeerroo Yuuniversitii Jimmaan Ebla 11,2014 Qabsiifame Bifa Qindaawaa Ta’een Itti Fufe! Waraanni Wayyaanees Mooraa Marsee Doorsisaa Jiraachuun Beekkame.

Yuniversitii Jimmaa keessatti qaanqeen FDG bifa qindawaan haaratti qabate! Barruun Habashooti ittiin Oromoo arrabsan guutummaatti gubate!

Aside

Gabaasa:Guyyaa har’aa Ebla 11/2014 Goototni Qeerroon Baratootni Oromoo Yuunibarsiitii Jimma FDG dhoowosan. Goottootni barattootni Qeerroon Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa haala qindaaaa fi bifa haarawaan qaanqee FDG qabsiisuun gaaffii kabajamuu mirga abbaa biyyummaa Oromoo,Gaaffii Magaalaan Finfinnee bulchiinsa Oromiyaa jala galuu qaba jedhuu fi Adeemsii Magaalaawan Oromiyaa Finfinnee fi Federala jala galchuuf mootummaan EPRDF hojjechaa jiru dhaabbachuu qaba kan jedhuu fi gocha sanyuummaa irratti hundaaeen barruu maxxansa ilmaan nafxanyaa maxxansuun Oromoo maqaa xureessa, xiqqeessa fi haamilee tuqaa jiran seeratti dhiyaachuu qabu, manni maxxansaa nafxanyootaa kun cufamuu qaba kan jedhuu fi haala siyaasa biyyatti ilaalchisuun barreeffaman qindeessuun bulchiinsa Yuunibarsiitii Jimmatti kennuun deebiin gaaffii keenyaa yeroo gabaaba keessatti nuuf deebiuu qaba jechuun ; garagalcha Iyyannoo isanii bulchiinsa mootummaa nannoo Oromiyaaf, Koomishinii Poolisii Oromiyaa fi dhimmoota nageenyaa Oromiyaaf, bulchiinsa godina Jimmaaf, koomishinii Pooliisii Godina Jimmaaf, Uummata Oromoo hundaaf, Dhaabbilee mirgoota namummaa Idil addunyaaf, Afrikaa fi biyyatti hundaaf jechuun garagalcha gochuun warraaqsaa FDG haalan qindaaaa taee gaggeessan.

Qeerroon dargaggootni barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa yeroodhuma FDG seenaa qabeessa kana dhoowosanitti barruulee nafxanyaan diinummaa uummata Oromoo irra qabuuf arrabsoo fi dhaadhessa maqaa balleessii irratti rawwachuun maxxansa hinquun lakk.113 bitootessa 2014 baase library Yuunibarsiitii Jimma fi Magaalaa Jimmaa keessa walitti qabuun mooraa Yuunibarsiitii Jimmaa kessatti ibiddan gubuun bulchiinsi yuunibarsiitii Jimmaa gochaa seeraan alaa fi yakka nurratti dalagamee kana library gachuun caalmatti dhiigni keenya akka danfuu godheef itti nuf haa gaafatamu jechuun dhaadannoowwaan garaagaraa dhageesisuun seenaa qabsoo FDG dargaggoota Oromoo keessatti boqonnaa haaraawaa banuun qabsoo bilisummaa Oromoo finiinsan.

Mootummaan EPRDF, TPLFn hogganamu tahe jedhee walitti bu’iinsa saba Amaaraa fi saba Oromoo Gidduutti taasisaa jiraachuun beekame.

Aside

Gabaasa Qeerroo Sulultaa Ebla 11,2014

Gabaasaa Qeerroo godina Addaa Naannoo Finfinnee magaalaa Sulultaa irraa uummanni oromoo Ebla gaafa 10 .2014 walitti bu’iinsi uummata Oromoo fi Amaara jidduutti ta’een miidhaan namootaa fi qabeenya irra gahuu gabaasi nu gahe addeessa. Gabaasan maadhee iftuu Barii Sulultaa irraa akka addeessuun sababaan walitti bu’iinsa kanaa wal dorgommii magaalaa Bahardar irratti ta’en uummanni Amaaraa sanyii balfattummaa irraan ka’uun dargaggoota Oromoo wal dorgommii kubaaf jecha naannoo Amaaraa Bahirdar deeman arrabsuu fi reebicha Oromoota irraan gahan kan sababeeffate ta’uu beekama.

Kanumaan wal qabatee enyummaa ofii hubachiisuuf biyya isaa keessatti saba Amaaraa hammmeenya Oromoo yaadan kun gochaa jibbiinsa Oromoo fi lammummaa Oromoo irraa akka of qusatan bakka adda addaatti yeroo himamee raawatamu illee rakkoon kun wal qabatee bifa addaan ka’aa jira. Magaalaa Sulultaa irratti qabeenyaan lammii kamuu akka manca’ee balleessaa jiran,ibiddaan gubbuudhaanis magaalicha keessa kan jriaatnilee ariyuudhaan uummanni oromoo magaalichaa bobbaa jira reebicha yeroo darbe gaggeeffame irratti namootni muraasni lubbuudhaan kan darban,namootni 17 ammoo hedduu mada’anii kan jiran tahuu isaanii gabaasaan haala kanaan namoota mada’an keessaa namoota sadii man maqaan nu gahe:-

1.Caalaa Guutamaa-Qote bulaa magaalaa kanaa yoo tahu saba oromoo keessaati
2.Ayinaalem Taaddesee-Naggaadee saba Amaaraa keessaatii
3.Warqinee Daamxee-barataa saba Amaaraa keessaatii
Kanneen kun sadan kan hedduu mada’aniidha.Haala kana qabaneessina sababaa jedhuun naannichatti kan bobba’e humni waraana Wayyaanee guyyaadhaan dabalaa kan dhufe magaalaa kanatti ammallee humna keenyaan oli jechuudhaan waraanni Wayyaanee himachaa akka jiran ifaa dha.

Walumaa gala waldhabbii kanaan dhimma bahuun ykn sababeeffachuun mootummaan Wayyaanee EPRDF goosota jidduun nageenyi dhibee ofii akka araarsituu ta’ee yeroo bulchiisa isaa dheereffachuuf jecha tooftaa siyaasaa haarawaa baafate ta’uu namoonni keessa wayyaanee beekan ni dubbatu. Rakkoo bu’uuraa fi gaaffii saba Oromoo kan hundee ta’e hiikuu hanqachuu irraan goosota Oromoo Gujii fi Borana,gara biraan uummata Beeneshanguli Gumuzii fi Oromoo,Ogaadenii fi Oromoo amma ammoo Amaaraa fi Oromoos jidduutti rakkoo uumame hafarsuu irratti kan argamu irra caalaan mootummaa Wayyaanee dha.

Sabboonaa Artist Jaafar Yesuuf Wallee Haaraa dhimma Finfinnee irratti baase,Ebla 2014

Aside

Qeerroo Yuuniversitii Adaamaa FDG Kaasaniin Konkolaataan Barhirdar irraa ligii Habashootaa fe’ee mooraa seene Miidhamuun gabaafame.

Aside

Ebla 11,2014 Adaamaa

Roorroo of irraa ittissuuf jecha Ebla 11 Halkaan keessaa sa’aa 7:45 irraatti gamtaan Qeerroo Yuuniversitii saayinsii fi teeknooloojjii Adaamaa Konkoolaataa Yuuniveersitii Bahaardar irraa Tiriippii dhaaf Habashoota ammaan dura ilaamaan Oromoo naannoo Bahirdaritti akka reebaman taasise akka Yuuniversitii Adaamaa hin seenne bulchiinsatti himatanii dhagahamuu diduu irraan konkolaataan kun mooricha galee bule. Haala kanaan iyyannoon barattoota dhagahamuu hanqachuu fi arrabsoon dabalataa barattoota ORomoo irra waan gaheef jecha Konkolaataa Habashoota fe’ee deemuu fi gartuu Oromoota arrabse waliin walitti bu’iins ka’uu irraan dhagaan darbatamee FDG battala dhohe. diddaan barbaachisus fudhachuudhaan fuullee isaa gara fuulduraa dhagaa 12 n battala caccabuu gabaafame.

Habashoonni Oromoo yeroo goyyomsan biyya tokko ijaarra,nuti Itoopiyaadha jechaa gochaan isaan Tapha guutuu IMPAAYERAA ITO kan marsaa 4ffaa irraatti ilmaan Oromoo waltajjii ifaa irraatti salphiste madaa hin qoorree irraatti dhukkubbii quba harkaa nutti ta’eera. osoo waan gootee beektee fuulumti ishee gara Oromiyaa hin ilaaluu ture. Oromoon Qa‘ee isaarratti salphatee,waardiyyaa diinaa gadaan itti dhaabbatu darbee jira.guyyurraa qabsoo diina qaanfachiisuu fi salphisuu abbaa biyyummaa fi abbummaa qabeenyaa haala itti mirkaneeffannuuf dadhabbii tokko malee wareegga ni baasna

Walaloo Guyyaa Gootota Oromoo: Qabsaawaan Ni Kufaa, Qabsoon Itti Fufa!

Aside

Aside

Qeerroo

Statement from the National Youth Movement for Freedom and Democracy (aka Qeerroo Bilisummaa) on the Current Condition of the Oromo People Ethiopian Empire

April 2, 2014

The representatives of the National Youth Movement for Freedom and Democracy (aka Qeerroo Bilisummaa) from different zones of Oromia have come together and convened for two days, April 1 and 2, 2014 and, after a thorough discussion, have deliberated the following resolution on the current condition of the Oromo people, the condition of Revolt Against Subjugation (Fincila Diddaa Gabrummaa) spearheaded by Qeerroo Bilisummaa, and the political condition of the Ethiopian Empire.

  1. Remnants of the old nafxanyaa (gun carrying settlers), who have committed uninterrupted heinous acts of genocide on the Oromo people for more than a century, are now doing everything they can to hinder the struggle of the Oromo people to regain their freedom. They are engaged on belittling and defaming the struggle, spreading false propaganda saying that the Oromo doesn’t have any land or country of their own in the region, opened a new printing press for this evil act of keeping the Oromo under their domination. We vehemently denounce their actions and ask Oromo nationalists to stay united and stand on the side of Revolt Against Subjugation lead by Qeerroo Bilisummaa.
  2. The dictatorial Woyane regime has intensified its campaign of expelling Oromo farmers and expanding the capital city, Finfinne (Addis Ababa), by annexing the near-by little towns under the Finfinne administration. The campaign is geared towards exploitation of Oromo land and natural resources by denying the Oromo, the ownership of their land, property, and resources. The only way to stop this evil act of old and neo-nafxanyas for the Oromo nationalists, especially the youth, is to intensify the struggle led by Qeerroo through Revolt Against Subjugation. We call upon all Oromo nationals and other friends living in Oromia and abroad to stand together and bring this unjust system to an end. Read More:- Statement from the National Youth Movement for Freedom and Democracy April 2014

ከሀገ ር አቀፍ የ ወጣቶች ን ቅ ና ቄ/ቄሮ ቢሉሱማ/ በወቅታዊ ጉዲዮች ሊይ የ ተሰጠ መግሊጫ

Aside

Qeerroo

ከሀገ ር አቀፍ የ ወጣቶች ን ቅና ቄ/ቄሮ ቢሉሱማ/

በወቅታዊ ጉዲዮች ሊይ የ ተሰጠ መግሊጫ

የቄሮ ቢሉሱማ አመራሮች ከተሇያዬ አዘ ካባቢዎች ተሰባስበው ሚያዝያ 1 እና 2/2014 ሇሁሇት ቀናት በጅማ ከተማ ስብሰባ ያ ካሄደ ሲሆን በስብሰባው ሊይ ስሇ ወቅቱ የ ኦሮሞ ህዝብ ሁኔ ታ፣
ሇኦሮሞ ነ ፃ ነ ት እየ ተካሄዯ የ ሚገ ኘውን የ ፀ ረ-ባርነ ት ትግሌ የ ማጠና ከር ሁኔ ታና በአጠቃሊይ በሀገ ሪቷ ግዛ ት ውስጥ ስሊ ሇው የ ፖሇቲካ ትርምስ ሰፊ ውይይት በማዴረግ እን ዯሚከተሇው
የ ተገ ሇፀውን የ አቋም መግሇጫ አስቀምጧሌ፡ ፡
የ ሀበሻ ን ጉሶች የ ኦሮሞ ህዝብን በጠመን ጃ ኃይሌ አስ ገ ዴዯው ማስተዲዯር ከጀመሩ ጊዜ አን ስቶ እስካሁን (እስከ 21ኛው ክፍሇ ዘመን ዴረስ) ህዝቡ ፈቃዯኛ ሆኖ ሇስርዓቱ ተገ ዝቶ
አያውቅም፡ ፡ እ ነ ዚህን ኃይልች በመታገ ሌ ሲወዴቅ ሲነ ሳ ዛ ሬ የ ዯረሰ ሲሆን ሇኦ ሮሞ የ ነ ፃ ነ ት ትግሌ ዯሙን በማፍሰስ ያ ስ ገ ኘው ፋይዲ የ ማይረሳና ማንም ሉክዯው የ ማይችሌ ነ ው፡ ፡ ይሁን
እንጂ የ ሀበሻ ሌጆች ዛ ሬም የ ኦሮምን ትግሌ ዯብዛ ሇማጥፋትና ተመሌሰው ኦሮሚያን ሇመቆጣጠር እንዱሁም ትሊን ትና የ ነ በረውን የ ነ ፍጠኛ ስርዓት ሇመመሇስ በመዯበኛነ ት እየ ሰሩ ከመሆናቸውም
ባሻገ ር ማተሚያ ቤት ከፍተው የ ኦሮሞ ህዝብን ማናናቅ፣ ማጥሊሊት፣ መሳዯብና ኦሮሞ ሀገ ር የ ሇውም እስከ ማሇት ዯረጃ ዯርሰዋሌ፡ ፡ ይህ ኃይሌ ዛ ሬም በጠመን ጃ ኃይሌና ዳሞክራሲን እን ዯ
ሽፋን ተጠቅሞ ህዝቡን በማታሇሌ ወዯ ዴሮው ጨቋኝ የ አገ ዛ ዝ ስርአት ሇመመሇስ በተሇያ የ አቅጣጫ ሲፍጨረጨር በግሌፅ እ የ ተስተዋሇ ይገ ኛሌ፡ ፡ ነ ፍጠኞች እያ ዯረጉ ያለትን ፀ ረ-ኦሮሞ
እን ቅስቃሴ ሇማስወገ ዴ ሁለም የ ኦሮሞ ህዝብ በንቃት ተነ ስቶ በፀ ረ-ባርነ ት ትግሌ ውስጥ የ ሚጠበቅበትን ትሌቅ ዴርሻ ሉወጣ ይገ ባሌ፡ ፡
አምባገ ነ ኑ የ ወያ ኔ መን ግስት የ ኦሮሚያ መስተዲዯር ከተማዎችን በፌዳራሌ ስር ማዴረግ፣ የ ኦሮሞ ሀብት ብዝበዛን ና የ ኦሮሞ ህዝብን ከመኖሪያ ማፈናቀሌን በአዱስ መሌኩ እቅዴ ይዞ
እየ ተን ቀሳቀሰ መሆኑን በራሱ ሚዱያ ገ ሌጿሌ፡ ፡ በመሆኑም ይህን ዴርጊት ሇማስቆምና የ ኦሮሞ ህዝብ በኦሮሚያ መሬት በነ ፃ ነ ት እንዱኖርና የ ሀብት ባሇቤትነ ቱን ሇማረጋገ ጥ ሁለም የ ኦሮሞ
ህዝብ በያ ሇበት ሆኖ በአንዴነ ት ተነ ስቶ የ ፀ ረ-ባርነ ት ትግለን በተጠና ከረ መሌኩ በማቀጣጠሌ የ ነ ፈጠኛ ስርዓት ሇአን ዳና ሇመጨረሻ ጊዜ እንዱያ በቃሇት ሇማዴረግ ሇሁለም የ ኦሮሞ ሌጆች
ጥሪያችን ን እና ስተሊሌፋሇን ፡ ፡
ከኦ ህዳዴ እና ወያ ኔ ስር ተሰሌፏችሁ የ ምትገ ኙ የ ኦሮሞ ሌጆች የ ሀበሻ ሌጆችና የ ወያ ኔ ስርዓት ሇኦሮሞ ህዝብ ያሊቸውን ን ቀትና ጥሊቻ የ ኦሮሚያ ክሌሊዊ መን ግስት ፕሬዘዲን ት የ ነ በረው አቶ
አሇማየ ሁ አቶምሳ ሞት ሊይ እና ባህርዲር በተካሄዯው መሊው የ ኢትዮጵያ ጫወታ ሊይ በኦሮሞ ሊይ ሲዯረግ የ ነ በረውን አሳፋሪ ዴርጊት ሰምታችኋሌ፡ ፡ ከዚህም በተጨማሪ ቡራዩ ፣ ሰበታ፣
ሱለሌታ፣ ሆሇታ፣ ሰን ዲፋ፣ ሇገ ጣፎ፣ ሇገ ዲዱ፣ አቃቂ ቃሉቲ፣ ደከም፣ ገ ሊን፣ ቢሾፍቱ፣ ሻሸመኔ ፣ አዲማ፣ ጅማ፣ ነ ቃምቴና አምቦ የ መሳ ሰለ የ ኦሮሚያ ከተሞችን በፌዳራሌ አስተዲዯር ስር
በማስ ገ ባት ከነ ዚህ ከተሞች የ ሚገ ኘውን ገ ቢ ተጠቅሞ የ ኦሮሞ ህዝብን አንበርክከው ሇመግዛ ትና የ ባርነ ት አገ ዛ ዝ ዕ ዴሜን ሇማራዘ ም ጠሊት ዕ ቅዴ ይዞ በህዝብ ውስጥ እየ ሰራ እን ዯሚገ ኝ
ማረጋገ ጥ ተችሎሌ፡ ፡ ስሇዚህ የ ኦሮሞ ህዝብ ከጠሊት ጋር መሰሇፍን ማቆም ይኖርበታሌ፡ ፡
አሁን በዯረስን በት የ ስሌጣኔ ዘመን እን ስሳት ይማሩ እየ ተባሇ ባሇበት ወቅት አምባገ ነ ኑ የ ወያ ኔ ስርአት የ ኦሮሞ ሌጆች ያሊን ዲች ጥፋታቸው ኦሮሞ ስሇሆኑና ሇወያ ኔ ስርዓት አን ገ ዛ ም
በማሇታቸው ብቻ በጅምሊ ከትምህርታቸው ተባረው እስር ቤት ማጎ ር፣ መግዯሌና ከሀገ ር መባረር እንዱሁም የ ሰው ሌጅ ሊይ መዴረስ የ ላሇበት እን ግሌት እየ ዯረሰባቸው ስሇሆነ የ ፀ ረ-ባርነ ት
አመፅ ትግለን አጠና ክረን ሇመቀጠሌ ወስ ነ ናሌ፡ ፡ ከዚህ ችግር ራሳችን ን በማውጣት ነ ፃ ነ ቷን ያ ገ ኘች ኦሮሚያን ና ህዝቧ የ ራሱን ዕ ዴሌ በራሱ በመወሰን ራሱን እንዱያ ስተዲዴር ሇማዴረግ ቄሮ
ሇነ ፃ ነ ት እያ ዯረገ ያ ሇውን የ ዳሞክራሲ ንቅናቄ ትግሌ ሇመቶ ዓመት አብሮን የ ኖረውን ባርነ ት እስከ ወዱያ ኛው ዴረስ እንዱያ በቃሇት ማዴረግ እውነ ተኛ መፍትሄና ትክክሇኛ መን ገ ዴ ስሇሆነ
ሁሊችንም በያ ሇን በት ሆነ ን ሇመብታችን በማመፅ ዴምፃ ችን ን እና ሰማ፡ ፡

Read More:- Haala yeroo irratti Ibsa Qeerroo Amaariffaadhaan.pdf

Sabboontoti fi Qabsaawonni Oromoo Hedduun Faaruulee WBO ni jaallatu

Aside

Filannoon Bara 2007 Mallattoo Kufaatii A.D.W.U.I ti.

Aside

Galaanaa Alaanoos Irraa Godna Arsii

OPDO.jpg saamtuuAddunyaa kana irratti wanti hundinuu dhuma qaba, yeroo fi iddoon raawwii isaa gargar haata’u malee addunyaa kana irratti wanti osoo hin jijjiiramne barbaraan jiraachaa hafu hin jiru. Maatiin ijoollee horeen, mootummaan mootummootan , ji’oonni waggootan , yaadni dullooman ilaalcha haaraan, dukkanni ifaan, ifni dukkanaan, hiyyummaan dagaaginaan, dagaaginni hiyyummaan ,dimokiraasiin abbaa irreetin ,abbaan irree sirna dimokiraasitiin bakka walbuusaa ykn tokko isa kaanif iddoo gadi lakkisaa jiraata. Mootummoonni masaraa mootii itti ta’an keessatti reeffa isaanii arguu fedhan hundinuu abboota irreeti. Aangoo garmalee jaallachuun yoo abbaa irrummaa isaan ulfeessu, ummanni isaan geggeessan gama isaatin mootummaa dimokiraatawaa da’uuf ciniinsifachuu jalqaba. seeliin abbaa irrummaa warroota biyya bulchan keessa naanna’u kun ummanni mootummaa dimokiraatawaa ulfaa’ee akka oofkaluuf kakaasa. sirni mootii h/sillaasee dargu, dargun a.d.wu.i fi dhaabbilee siyaasaa biroo kanneen osoo hin milkaa’in hafaniif akka ulfaa’uuf sababa ta’anis ummanni oromoos ta’ee saboonni cunqurfamoon biroo hanga har’aatti ija dimookiraasii arguu hin dandeenye.Mootummaan wayyaanee bifa barreeffamaan heera biyyattii irratti namni kamiiyyuu dhaaba siyaasaa barbaade deeggaruufis ta’ee geggeessuf mirga qaba jedhee kaa’ee jira.Dhaaba siyaasaa kam irraayis bilisa ta’ee jiraachuu ni danda’a jedhee jira.Garuu dhugaan jiru faallaa kanaati maalif yoo jenne biyyattiin heeran bulti osoo hin taane labsii fi qajeelfamoota nama dhuunfaa miidhuf jecha yeroo yeroon ba’aniin masakamti. Filannoo bara 2007 ilaalchisee mee cunquraa fi gidiraa mootummaan wayyaanee ummata irraan gahaa jiru haa ilaallu.Mootummaan wayyaanee filannoo dhufu milkiin xummuruuf jecha dhiiga ummataa xuuxaa ofiif haala mijeeffachaa jira. Tarsiimoon inni raayyaa misoomaa fi tokko shanee jedhee diriirse mallattoo cuuphaa miseensummaa wayyaanee ta’uun isaa sabboontota oromoo biratti salphaatti hubatamuu danda’ee jira.Kanaafuu sabboontonni Oromoo kanneen hojjettoota mootummaa ta’an tokko shaneen siyaasa waan ta’eef hin hirmaannu jechuun ija jabinaan mootummaa wayyaanee falmaa jiru.

Haata’u malee garuu mootummaan abbaa irree kun tokko shaneen siyaasa ta’ee dhiisee tarsiimoo mootummaan diriirse waan ta’eef hundumtuu hirmaachuun dirqama jedha. Namni tokko hojjetaa mootummaa hanga ta’etti imaammata mootummichaatti amanee fudhachuun dirqama isaati jedha.Summiin tokko shaneen baattee adeemtu hedduudha,marii tokko shanee irratti namni tokko yaada inni kaase waliin galmeeffamee qaama itti waamama tokko shaneef gabaafama. Kanaan booda waajjiratti nama waamun qorannoon ija nama keessaa baasu ilaalcha fi akeeka namaa hubachuuf. Mootummaan Wayyaanee yoom kanaan gahe jedhee ummata dhiise, hojjettoota mootummaa seektaroota adda addaa irra deemuun yeroodhaa yerootti akka isaan miseensummaa guutan dirqisiisaa jira. Namni kam illee buusii dhaabaa ji’aan mindaa isaa irraa qarshii 25 kutuun dirqama jedha.Najaaladhuu jaalala hin taatu jedha Oromoon namni akeeka fi ergama Wayyaanee hubatee beeku miseensa isaanii ta’uu irra dhiibbaa dhufu fudhachuuf murtoon of qopheessan.Godina Arsii ona roobee gandoota baadiyyaa 32 keessatti buusii ijaarsa dhaaban jabeessinu tokkoon tokkoon qotee bulaa qarshii 120 akka buusu dirqisiisaa jira.Namni ani miseensa waan hin taanef hin buusu jedhee mormu ati lammii biyya kanaamiti jedhamee gidirfama.Namni mootummaa misoomaa hin deggarre farra misoomati jedhamee farrajamaa jira.

Mallattoolee kufaatii Wayyaanee mul’isaa jiran keessaa ; Fincila diddaa gabrummaa Qeerroon finiinsaa jiruudha. Yeroo ammaa kana keessatti waantotni mootummaa wayyaanee rifaasisanii yaaddessuun gidirfamuu baayisaa jiruuf diddaan karaa adda addaan waanmulataa jiruufiidha akka fakkeenyaatti:-

-Hojjettoonni mootummaa jireenyi qaalawee jira hojiin nuti hojjennuu fi mindaan keenya wal hin gitu, akkasumas miseensummaa guutuu diduu irraan mootummaa wayyaanee waliin wal finciluu keessa seenuun mootummicha humna buusee jira

-Barattoonni musliimaa mooraa yuunivarsiitii keessatti uffata sharihaa akka hin uffannee fi akka hin saganne yommuu dhoowwaman tole jedhanii fudhachuu diduu,yaadaa fi dhaamsa wayyaanee fudhatama dhabsiisuudhaan laamashessaa deemuun,

-Qonnaan bultoonni dhugaa jiru hubatanii buusii dhaabaa buusuu diduun fakkeenya gaariidha.

Kanaan wal qabsiisee uummata oromoo keessa deemee bakka jabinnii fi sabboonummaan itti cimaa jiru keessatti tikoota isaatiin toohatamuu fi hordofamuu yaadaa fi sochiin oromummaa yoo jabaate ilaalcha diinummaa fi isin ABO dha jedhuun haaluma salphaadhaan mana hidhaatti darbaa jiraachuudhaan kan beekamaa jiruudha, kunis dura isaatiif haalota aanjefachuu irratti mootummaan wayyaanee jabaatus qabsoon uummataa fi Qeerroodhaan wal deggeree jabaachuun isaa waan yaaddesseef ofiis boqonnaa dhabee uummatas boqonnaa dhabsiisaa jira.