Hiriira Nagayaa Hawaasoota Oromoo Biyyaa Jarmanii Milkiin geggeffame

Aside

Die Oromo Gemeinschaft in Deutschland Hielt eine Erfolgreiche Protest Demonstration

Berlin, den 09.05.2014

Im Namen aller Oromos und unserer Freunde in Deutschland und Europa schreiben wir diesen Appell, um gegen die aktuelle Massentötung von Oromo Studenten in Äthiopien zu protestieren

Wie man internationalen Nachrichtensendungen wie BBC und CNN in den letzten Tagen entnehmen konnte, wurden zahlreiche Studenten bei friedlichen Demonstrationen gegen die systematische Diskriminierung und Marginalisierung ihrer Volksgruppe von Sicherheitskräften der äthiopischen Regierung massakriert. Nach offiziellen Meldungen ist, allein in der Stadt Ambo, von etwa 50 Studenten die Rede, die während der friedlichen Demonstrationen von Sicherheitsbeamten überrascht und kaltblütig ermordet wurden.

Dutzende Hoch- und Oberschüler sind auch in verschieden anderen Regionen, wie Hara Mayaa, Robe, Naqamtee, Dire Dawa, Adamaa, Gedo, Dembi Dolo, Mada Walaabu, Aliboo etc. kaltblutig getötet worden. Die Sicherheitskräfte schreckten nicht einmal davor zurück, Eltern, bei dem Versuch, die Körper ihrer toten Kinder zu bergen, kaltblütig zu erschießen.

Außerdem wurden hunderte Oromos durch Schusswaffen der Sicherheitskräfte schwer verletzt. Andere Oromos wurden gezielt mit Schlagstöcken und anderen Waffen zu Tode geprügelt. Nun, da sich die Empörungen über das Massaker gegen Oromos über das ganze Land rasend schnell ausbreiten, versucht die Regierung, die Protestbewegung im Keim zu ersticken: Laut aktueller Berichterstattung sind sowohl Massenverhaftungen als auch Deportationen in Konzentrationslager die grausame Folge dieser Maßnahmen. Rade More:-  http://tboj.de/home/berlin-demo-deutsch.html

Berliin 2 Berliin Berliin3

 

Mootummaan Abbaa Irree Wayyaaneen Yakka Barattoota Oromoo Irratti Raawataa Jiru Itti Fufe

Aside

Caamsaa 26,2014 Finfinnee

Caamsaa 25/2014 Halkan edaa sa’aatii 9:00PM irratti yakki suukkaneessan barattoota Oromoo fi barattoota lammiilee biyyatti
Yuunibarsiitii Walqixxee irratti raawwatame. Mootummaan abbaa Irree Wayyaanee Gaaffii Mirga abbaa biyyummaa fi FDG Oromiyaa keessa fi biyyoota garaagaraatti gaggeeffamaa jiru itti naasuu keessa seenuun FDG kana gara dabarsuuf karaa dabbaallootaa fi humnoota tikaa isaa qaama hin beekamnee fakkeessuun doormii barattootni Oromoo baay’inaan keessa jiraatanitti ibidda qabsiisuun qabeenyaa miliyoonatti lakka’amuu fi lubbuu barattoota irraatti yakkaa suukkaneessa rawwachaa jira.

Gochaa humnooti tikaa fi dabballoonni Wayyaanee raawwatan kanaan barattooti baqatanii bahuu hin dandeenyetti balbala doormichaa
itti cufuun ibidaan barattoota Oromoo barbadeesse., Barattootni gariin isaanii gamoo abbaa darbii 3 irraa jala ba’uuf lafatti utaalanii midhaan ulfaataan irra ga’ee jira.

Doormiin ibiddaan barbadeeffame kun Doormii barattootni Oromoo
kumaan lakka’aman keessatti argamanidha. Barattootni hedduun kanneen 68 olitti lakka’aman amma miidhaa ulfaataan irra ga’ee hospitaala seenanii jiru.Barattootni muraasni utuu mana yaalaa hin qaqqabiinlubbuun wareegaman.

Balaa ulfaataa ilmaan Oromoo fi lammilee biyyatti irratti
rawwatamaa jiruuf mootummaan abbaa irree Wayyaanee itti gaafatamaa ta’uu fi gochaa hammeenyaa lammii Oromoo irratti fudhatu kun kan yeroon hin dhaabanne taee qabsoon FDG sadarkaa ol aanaatti akka deemu uumanni Oromomoo bakka hedduu keessatti himatu.

Hayyama Hiriira Nagaa Paartiin SLM Gaafateef Deebisaan Wayyaanee Irraa Kenname Diddaa Dha!

Aside

Caamsaa 25,2014 Hawaasaa

Sidama Weddelli (Dargaggoo Sidaamaa) FDG itti fufuun gama biraan Uummatni Sidaamaa mormii mootummaa Wayyaaneef qabu dhageessisuuf SLM paartiin eeyyama hiriira nagaa karaa seeraa wayyaanee gaafate. Mootummaan Wayyaanee garuu eeyyama kana ni dide. Deebiin Wayyaanee kan SLM dhaaf debei’e akka maxxanee jiru kana ta’a. Kanas ta’u  Godina Sidaamaa aanaalee fi manneen barnootaa keessatti diddaan eegalamee jira. Yuunivarsiitii Hawaasaa keessattis sodaa diddaan eegalama jedhuun humni waraanaa dabalamee jira.FDG Oromiyaa fi naannoo Sidaamaa bifa daran jabaateen itti fufa.

FDG itti fufuun Godina Baalee Roobee keessa uumanni Oromoo wal gahii Wayyaanee lagaachuun diddaa itti fufe

Aside

Gabaasa Qeerroo Caamsaa 25,2014 Roobee

DiddaaGaaffii mirgaa Uummatni oromoo Oromiyaa keessatti gaafachaa jiru gara shororkeessummaatti jijjiiruun olola TPLF irraa daballootni Wayyaanee Godina Baalee Magaala Roobee fi naannoo ishee keessa naannessuuf fudhatan Uummatni gamtaan fashalsee jira. Dabballootni mootummaa Wayyaanee aanaa kana keessatti olola wal irraa hin citne gaggeessuuf Uummata wal gahii fi hiriira nagaa dirqamaan baasuufwayita bobba’anitti Uummatni harkatti fashalsee jira. Uummatni wal gahii mootummaan Wayyaanee qopheessite kan dhaquu dide yoommuu tahu daballootnii fi ergamotootni wayyaanee waraanaan Uummata hiriira baasuuf bobba’anis Uummatni gamtaan diddaa dhageessisee jira. Dhiiga ilmaan Oromoo dhangala’ee fi dhangala’aa jiru irra tarkaanfachuudhaan kanneen QBOttii fi wareegama kaffalamaa jirutti bishaan naqaa jirtan itti gaafatamummaa keessaa hin baane keessa seenaa waan jirtaniif gufuu QBO tahuu irraa akka dhaabbattan hatattamaan quba isin
qabaachisna jechuun Uummatni aanaa kanaa dhaammatee jira.

Itti dabalee Godinuma Baalee Roobee keessatti ammoo Uummatni walgahii wayyaanee dhaquu didee diddaa itti fufee jira. Karaa cufuu fi midhaan gabaatti baasuu diduudhaan dhiphina jabaa keessa seensisanii jiran

Kana malees Yuunivarsiitii Hawaasaa keessattis sodaa diddaan eegalama jedhuun humni waraanaa dabalamee jira.

Dr,Gizaachoo Teessoo Waayee Master Plan Magaalaa Finfinnee Irratti Gaaffii fi Deebii VOA Waliin

Aside

Dr,Gizachoo

Part 1

Part2

Oromo Voice Radio broadcast on May 24, 2014

Aside

Humni Dabalata Waraanaa fi Tika Wayyaanee Mooraa Yuuniversitii Jimmaatti Ramadame. Yuuniversitii Mattuu Ammoo FDG Itti Fufee Bulchiinsi Uni Barattootis Nyaata Dhorkamuun Akka Adabaman Taasise.

Aside

OromiaALutaContinua2011FDGCaamsaa 24,2014 Mooraa Yuunivarsiitii Jimmaa humna waraanaa guddaan fi humna basaasa Wayyaanee heddumina qabutu itti bobbafamee eegamaa jira.

Humni waraanaa fi basasaa kun barattoota nagaa qabee reebuu, hidhuu, doorsiisuu, barnoota irraa ari’uu, hojii idilee sa’aa 24 guutuu hojjetan godhachuun Yuunivarsiitii goolaa jiru.

Bulchiinsi Yuunibarsiitii Jimmaa humnoota basasaa fi tika Waayyaanee hedduminaan mooraa Yuunivarsiitii Jimmaatti guuramaa jiraniif dirqamaan waraqaa eenymmaa barattoota akka kennuuf dirqisiisamee, yeroo amma kanatti humni basaasaa fi tika Wayyaanee waraqaa eenyummaa barattoota Yuunibarsiitii Jimmaa irraa departimentiin wal qoqqoduun waraqaa eenyummaa barataa baafachuun qabatanii daree barnootaa seenuun waan barsiisaan barattootan jedhuu fi waan barattootni jedhaan basaasaa jiru.

Ammaan dura kutaa tokko keessa ta’ee namni barachuu qabu nama 50 ture yeroo ammaatti ammo heddumminni barataa kutaa tokko keessa nama 55 ta’ee jira.Kanneen fuula haaraa fi mooraa Yuuniversitii Jimmaa keessatti argamanii hin beeknetu muldhata. Kanuma keessaan tokkummaan barattoota Oromoo jabaachuun diina yaaddeessa fi raasaa jira.

Gama biraan Caamsaa 24/2014 FDG marsaan 2ffaa gootota Dargaggoota Barattoota Oromoo Yuunibarsiitii Mattuutiin itti fufee motuummaan abbaa Irree Wayyaanee EPRDF sabaaba Barattootni Yuunivarsiitii maqaa gaaffii mirgaa jedhuun FDG narratti labsuun na jeeqaa jiru jechuun gootota barattoo Yuunivarsitii Mattuu irraa ‘Nyaataa dhaabuu’ beelaan barattoota adabaa jira, barattootni Yuunibarsiitii Mattuu guutummaa torbee kanaa nyaata dhabuun beelaan haleelama jiru, guyyaatti dabboo tokkon kan oolaan yoo ta’uu guyyaa kaleessaa irraa egaalee hangaa har’atti homaa kan hin nyaannee fi ulee beelaatiin reebamaa jiru. Haalii kun daran yaaddeessa fi lubbuuf ilee sodachisaa waan dhufeef guyyaa har’aa waaree booda sa:aa 10:30 local time irra egaluun FDG halaan finiinsan. Goototni barattootaa kunneen aarii beelaa fi haccuuccaa daangaa darbaa Wayyaanee balaaleeffachuun kaffee irraa nyaata nyaatan illee caccabsuun Fincilaa jabaa gaggeessaa jiru. Mootummaan yakkamaan kun seeraatti dhiyaachuu qaba, gaffii keenyaaf deebiin nuuf kennamuu qaba malee balaa beelaaf saxilamuu hin qabnu, barattootni hidhaman haa hiikaman, warra ajjeefameef gumaan kanfalamuu qaba, jechuun warraaqsa jabaa gaggeessa jiru.

Hiriira Mormii Magaalaa Finfinnee Har’a Caamsaa 24 Gaggeeffame Nagaan Milkaa’e!

Aside

Caamsaa 24 akkuma waamicha uummata Oromoo hundaaf yeroodhaa yerootti gufannaan jiraatullee dhiyaataa tureetti har’a hiriirri mormii Kongiresii Biyyooleessaan karaa nagaatiin xumuratee jira.Gabaasa walii galaatti osoo hin seenin dura akkuma beekamu mootumaan wayyaanee mormitoota qabaachu isaatu isa aarsa,gaaffimti maalif narratti ka’a kan jedhutu itti dhagayama of-tuulummaa fi abba irree tahuu isaa mirkaneefachuuf yoomiyyuu callise hin beeku. Mormiin dhimma Oromoo ilaallatu kun Finfinnee keessatti akka hin raawwannee gufuu ta’aa ture kan darbe dhiisnee kan kaleessaa irraa yoo kaane qindeessitootni kongiresii biyyooleessaa kun adeemsii hiriira kanaa fi uummata Oromoo guutummaan irratti hirmaachisuuf waamicha bakkoota hedduudhaan gahamaa tureera,keessattuu jiraattootni godinaalee addaa naannawaa Finfinnee hiriira mormii kana irratti akka argaman gama Qeerrootiinis waamichi darbaa tureera.Kaleessa Caamsaa 23 dhimma kanaaf waamicha godhame kan Godina addaa Laga Xaafoo,Buraayyuu fi Sulultaa irratti waamichi hiriira mormii kun uummata hunda akka hirmaachisuuf ta’e namoota gara godina kanaatti ergaman hedduun tikoota wayyaaneen qabamanii toohannaa jala oolanii jiru,kaan reebamanii waan seeraan deemamu xumurachuu qabnaadhaan hin dandeessan kan godina addaa isin hin galchu jechuudhaanis poolisoonni wayyaanee namoota dhimma kanaaf deeman rukutaa fi yeroodhaaf hidhaa turaniiru,garuu hin hafneef guyyaa har’aa hamma yaadame tahu baatus uummanni magaalattii keessa jiraatu hunduu irratti hirmaatee gaaffii isaa dhiyeeffachaa ooleera.Adeemsi hiriira mormii kuni kan gaggeeffame. -Akkuma waamicha godhameetti sa’a 3:00 irraa ka’uudhaan hanga sa’a 7:00tti gaggeeffamee ooleera.Bakki ka’umsa hiriira kanaas Kiiloo 4 irraa ka’uudhaan daandii riqicha Ginfillee qabatee hanga kutaa magaalaa Finfinnee Magganaanyaa keessa kutuudhaa baayina uummataa 10,000 ol tahuun dhaadannoo wal tahaa kan barattoota Oromoo yuuniversitii irraan Ebla 25 irraa kaasee itti fufe qabatanii jiru,dhaadannowaan ykn gaaffiwwan dhiyaatan wal duraa duubaan:
1.Lafti Oromoo ciramee gurguramaa jiru amma irraa kaasee akka dhaabbatuudha,
2.Naannowwan Finfinnee maree uummataan alatti xuqamuu hin qabu,tahus yoomiyyuu raawwatee federaala jala galuu hin qaban,
3.Namootni siyaasaan hidhamanii jiran yeroo utuu itti hin kennin haa gadhiifaman
4.Ajjechaan ilmaan oromoo irra jiru haa dhaabbatu
5.Hidhamuun barattootaa haa dhaabbatu
6.Lafi keenya saamamuun haa dhaabbatu
7.Mirgi keenya nuuf haa eegamu
8.Bilisummaa barbaanna!
9.Poolisiin uummataaf dhaabbate uummata hin ajjeesin
Kan jedhuun uummanni hammi argame gaaffii barattootni duraan kaasan mirkaneessuudhaan oolan.Namootni hedduun akka irratti hin argamne shirootni hedduun xaxamaniiru keessattuu barattootni yuuniversitii Finfinnee akka hin argamne waan godhame keessaa guyyaa har’aa guyyaa barumsi hin jirre Qormaata irra gochuudhaan barattootni hedduun irratti hin argamin turan barattootni muraasni kan argaman gaaffiin keenya dhaga’amuun isaayyuu qormaata caala carraa kana argannee dhimma itti bahuu qabna jedhanii qormaata wayyaanee akka jiraatu goote kana dhiisanii hiriira kana irratti argamanii jiru.Namootni hedduun sa’a wal buusaadhaan kan ka’e bakka hiriirri kun itti gaggeeffamu wal’aalanii kan deebi’an walakkaa namoota hiriira kana irratti argamanii ni taha,namoota booda irraan ka’an poolisoonni wayyaanee daandii gubbaa dhaabbatan sobanii uummatni daandii kana bobbahe jechuudhaan daandii namoota harkaa balleessaa turaniiru mudanno kana kan dubbatan hedduudha.Uummanni hammi yaadame bakka argamuu baatullee uummata hiriira kana irratti bobbahan habashoota mufachiisee akka jiru odeeffannaan dhaga’ama jira.Akkasuma sochii barattootni eegalan kana kan deggeru jiraachuu isaas mootummaan wayyaanees akka rifate odeessii garagaraa ibsa.Namootni dhoksaatti osoo namootni hin argin hiriira kana dhaqqabuuf qopha qophaa kaachaa turan tikoota wayyaaneen qabamanii dhokfamanis akka jiru odeessi himaa jira,namoota kana Qeerroon hordoffii godhamu taasisaa jira.Mootummaan wayyaane hedduu rifatee kanneen mootimmicha deggersan ilmaan habashootaas yaada yaddeessaa keessa akka galan ifatti mul’ate,waraabbii qabnu rakkoo dhiyeeffachuu dhabnus suurawwan kaafamaa turan asii gaditti kan argamaniidha.Gaaffiin mirgaa dhiyaachuun qixaa fi oromiyaa guutuudhaan itti haa fufu jenna.

SBO Caamsaa 25 Bara 2014 Oduu – Gabaasa Oduu Haala Biyya keessaa irratti – Gabaasa Hiriira Nagaa Hawaasa Oromoo UK London Marroo 2ffaa fi Dhimma Finfinnee irratti gaaffii fi deebii kana dura geggeeffame

Aside

Seenaa Gabaabaa Gooticha Oromoo Barataa Alamnaa Tashoomaa

Aside

Adla TashoomaBarataa Alaminaa Tashoomaa abbaa isaa Obb. Tashoomaa Baay’isaa fi haadha isaa Aaddee Qabbanee Luuccaa irraa bara 1988 A.L.H. aanaa Amboo ganda Qonnaan bulaa Qibaa jedhamee waamamutti dhalate. Akkum umuriin isaa barnootaaf gaheen bara 1997 mana barumsa Qibaa sadarkaa 1ffaa barnoota eegale. Kutaa 1ffaa hanga 7ffaa tti manum barumsaa kanatti baratee kutaa 8ffaa immoo mana barumsa Amboo Addis Katamaa sad. 1ffaatti baratee qormaata naannoo Oromiyaa kutaa 8ffaa fudhate. Barataa Alaminaa Tashoomaa erga kutaa tokkoo jalqabee barataa cimaa waan tureef qormaata kutaa 8ffaas qabxii gaarii galmeessisuun gara kutaa 9ffaatti bara 2006 darbe. Haluuma kanaan FDG Gootoota baraatoota Oromoo Amboon adeemsiifamaa ture irraatti Ebla 29,2014 osoo gootummaan gaaffii Oromoof jecha osoo gootummaan diina dura dhabbatee qabsawuu wareegama sabaa kafale. Wayyaanonni barattoota Oromoo gara jabina hamaan adamsanii haa ajjeessanuu gaaffiin mirgaa tasa hin dhaamu jechuun bakkoota adda addatti FDG itti fufee jira.