Seife Nebelbal Radio Special Report June 6,2014

Aside

Barataa Nimoonaa Xilaahun Mirga Saba Oromoo Kabachiisuuf Jecha Goota FDG 2014 Irratti Wareegame

Aside

Nimoonaa XilaahunNimonaa Tilaahun Imana Godina Wallaga bahaa Magala Jimmaa arjootti dhalate. Barumsa isaa sadarkaa ol aanaa University Finfinnetti bara 1996 A.L.H seene Department Banking and Insurance utuu baratuu ,Sababa Mormii Magalaa guddoo Oromiyyaa Finfinne irraa gara adaamatti fi Diigamuu maccaaf Tuulamaan Waggaa tokko adabamee ture. Itti debi’ee Bara 1997-1999tti “BSc / Banking and Insurance “ dhaan eebbifamee, Bara 2000 A.L.H godina shawaa kaabaa aanaa Qimibitti/magalaa shanoo utuu barsiisuu hiriyoota isaa biraa konkolataan Lakk Gabatee 3F kan jedhamuun Tika wayyanee humna Federalaan qabamee, ji’a tokkoon booda Mayikalawwitti argame achitti mana hidhaa dukkanaa keessatti dararamaa ture, Isaa booda dhiibba gaafii Maatii fi namootan waan irra dedeebi’ee ka’eef Murtoo hidhaa waggaa 11 itti murteesani ture. Mana hidhaa qaalitti fi Zuwayii keessaatti garafamuu dhaan,Reebicha garmalee irra ga’een dhibee dhukkubaa gadhate. Bara 2004 A.L.H tti Hospitalaa Xiqur-ambassatti garaa baqaffatee, Madaan isaa utuu hin qoorin gara mana hidhaa Qaallititti geessan. Achitti doorsisaafi daraa guddaattu irra ga’e, dhukkubni isaa itti hamaachaa dhufee jenaan gara Hospitaala Xiqur-ambassatti fidan, utuu yaalamaa jiru Guyyaa haraa ganama keessaa s’a 12:00 irratti Lubbuun isaa dabartte. Yeroo ammaa kana Reeffi isaa Hospital Minilik jira. Maatiin , firri fi hiriyoon isaa egachaa jiru.

Xurree:- Tokkummaa Hidhamtoota Oromoo 

Raadiyoo Simbirtuu fi Seife Nebelbal Waxabajjii 05,2014

Aside

Wallagga Naannoo Beegii Keessaa Oromoonni Waraana TPLFn Qabamanii 200 Ta’an Yeroo Hidhaman 9 Ammoo Bakka Buuteen Isaanii Dhabame.

Aside

Waxabajjii 06,2014 Wallagga Beegii

Qeerroo bilisummaaSochiin FDG uumanni Oromoo guutuu Oromiyaa keessatti qabsiise itti fufee Wallagga naannoo Beegii keessatti diddaa barattootii fi qonnaan bultooti Oromoo kaasaniin wal qabatee Oromoonni 200 ol ta’an manneen hidhaa adda addaa keessatti ugguramanii kan jiran yeroo ta’u kanneen keessaa Oromoonni 9 hanga ammaa bakka buuteen isaanii hin beekamne.Maatii fi sabboontoti Oromoo manneen hidhaa naannoo san jiran keessaa barbaadanii fi barbaachisanii akka dhaban gabaasi Qeerroo naannicha irraa nu gahe addeessa. Kanneen kunis:-

1.Asfawuu Lissaanaa fi
2.Qaddamaa Beekkataa,ijoolleen kun lamaan jiraattoota magaalaa Begii ganda 01 keessa kan jiraataa turan yeroo ta’u.
1.Daawwit Bal’inaa
2.Abdii Raggaasaa
3.Malkaamuu Abarraa
Barattooti kuniin ammoo barattoota jiraattoota magaalaa Begii naannoo Gaba Dafinooti.
4.Bakkalcha Mikaa’el
5.Gammachis Mikaa’el
6.Zakkaarii Dhaabaa
7.Ramadaan Xahaa
Gama kaaniin  ammoo qote bultoota magaalaa Begii Guddaa kan jedhaman keessa jiraatan lama Waxabajjii 04,2014 qabamanii bakka buuteen hin baramne keessaa namni lama:-

1.Alii Tarfaa
2.Abbush Taakkalee

Kanneen jedhaman yeroo ta’u Mootummaan Wayyaanee hidhaa fi ajjeechaa akkasumas dararaan ilmaan Oromoo qabsoo irraa duubatti deebisu akka hin dandeenye qeerroon addeessa.

OMN: Oduu Waxabajjii 5, 2014

Aside

Anis Biyyaan Qaba!!!

Aside

#OromoProtests: Hunger-Strike in Seattle

June 5, 2014

seattle8An #OromoProtests Solidarity Hunger-Strike in Seattle, Washington, June 3, 2014 at 8am local time. The hunger-strike will continue until today, June 5, 2014.

The hunger-strike was organized by the Oromo Community of Seattle to seek justice and appeal to the U.S. government for the several scores of Oromo university and high-school students massacred by the TPLF Ethiopian regime in April and May 2014 as the students were engaged in nonviolent/peaceful protests against the Addis Ababa Master Plan, a plan which aims to expand the administrative boundaries of the Addis Ababa City into the Federally and Constitutionally instituted State of Oromia. In addition to the expansion, the Master Plan will also result in the evictions of millions of Oromo farmers. More on :- http://www.Ayyaantuu.com

Maanguddoota Oromoo 4 FDGf Magaalaa Gimbii Irratti Ke’eef Adda Duree Dha Jechuun Mootummaan Abbaa Irree Wayyaanee Hidhaa fi Reebicha Irraan Gahe.

Aside

Waxabajjii 05,2014 Gimbii

BilisummaaGabaasa Godina Wallagga lixaa magaalaa Gimbii irraa har’a Waxabajjii 05,2014 addeessuun,ammallee mootummaan abbaa hirree mootummaan Wayyaanee EPRDF uummata Oromoo humnaa fi aangoo isaatti fayyadamuudhaan mana hidhaatti guuraa jiraachuun isaa ifaa ta’ee jira.

Akka gabaasi Qeerroo magaalaa Gimbii addeessutti FDG kanaan dura lixa Oromiyaa magaalota garagaraa keessatti dho’ee finiinaa tureen namoota muraasa isintu adda duree ta’ee uummata qindeessuu irratti hojjetaa turtan jechuudhaan maanguddootaa fi abbootii maatii 4 torbee kana keessa magaalaa Gimbii irraa funaanuudhaan mana hidhaa keessatti reebaa jiraachuun ishee poolisoonni kanneen uummata Oromoof garaan isaanii gubatu ragaa bahaa jiru jedha Qeerroon.

Uummanni dhmma namoota kanaaf gaaffii yeroodhaa yerootti akka gadhiifamaniif gaaffii kaasaa jiru namoota uummata Oromoo gidduutti kabajamoo fi jaallatamoo ta’an kana irratti halleellaa reebichaa irratti raawwachaa akka jirtu uummata jiraattoota magaalaa Gimbiitu dhugaa baha poolisoota dabalate. Namoonni kun maqaan isaanii akka kanaa gadiiti.
1.Belaay Kebbedee-Qote Bulaa jiraataa magaalaa Gimbii
2.Bekkelee Guutamaa-Qote Bulaa jiraataa magaalaa Gimbii
3.Geetachoo Dabalaa-Maanguddoo magaalaa Gimbii fi Qote Bulaadhaa,
4.Mulaatuu Oljirraa-Daldalaa fi jiraataa magaalaa Gimbii
Namootni kun umuriidhaanis tahe oromomummaa isaaniitiin uummata Oromoo biratti hedduu jaallatamoo dha,kanumaan wal qabatee mootummaan Wayyaanee maatii isaanii irraa hidhuudhaan mana hidhaa magaalaa Gimbii keessatti reebichaan dararaa jiru jedhu gabaasni Qeerroo magaalaa Gimbii.

FDG dhaabbata leenjii Poolisoota Sanqallee keessatti dhalateen poolisootni leenjifamtootni leenjii dhaabuun beekkame.

Aside

Waxabajjii 4,2014 Godina Lixa Shawaa Magaalaa Amboo Fi Gudar gidduutti kan argamu mooraan Leenjii poolisoota Sanqallee jeeqame.

img0029a

Yeroo ammaa kanatti poolisootni dhalootaan Oromoo ta’an Kumootan lakkaa’aman mooraa Leenjii kan keessatti leenjii poolisaa fudhachaa utuu jiranii hacuuccaa fi roorroo uummata Oromoo irra gaa’a jiruun walqabatee mormii guddaa kaasan. Uummanni keenya balleessaa tokkoon malee sababaa gaaffii mirga isaa gaafateef jecha  reebamaa hidhaamaa fi ajjeefamaa jira, nutis uummata keenya reebuuf ajjeesuuf leenjii kun nu hin barbaachiisu, waan barachaa jirruu fi qabatamaan hojjetamaa jiru hundiu waliif faalladha, kanaafuu leenjii akkasii hin barbaadnu jechuun mormii kaasaniin leenjii poolisoota kun addaan citee jira. Haalli kunis ittumaa mootummaa abbaa irree Wayyaanee yaaddoo fi dhiphina keessa buusee jira.

Oromo Voice Radio broadcast on June 4, 2014

Aside

Falmii Diddaa Garbummaa Barattoota Oromoo Yuuniversitii Haromaayaa Ebla 2014

Aside