(ቄሮ:የኦሮሞ ወጣቶች ነፃነት ንቅናቄ :) የኦሮምያ የጸጥታ ዘርፍ ሃላፊ የዋቄፈታ እምነት ለማዳከም እንቅስቃሴ መጀመራቸውን ተናገረ።
ባለስልጣኑ ፣ ኦነግ በዋቄፈታዎች መጠቀም ይፈልጋል፤ የዋቄፈታ ድርጅት ተወካዮችን ስትራቴጂ ለመፈተሽ በስውርም በግልጽም ሰዎችን አሰማርተናል፤ እነሱ በሚያቀርቡት ሪፖርት ላይ ተነስተን እርምጃ እንወስዳለን ብለዋል።
(ቄሮ:የኦሮሞ ወጣቶች ነፃነት ንቅናቄ :) የኦሮምያ የጸጥታ ዘርፍ ሃላፊ የዋቄፈታ እምነት ለማዳከም እንቅስቃሴ መጀመራቸውን ተናገረ።
ባለስልጣኑ ፣ ኦነግ በዋቄፈታዎች መጠቀም ይፈልጋል፤ የዋቄፈታ ድርጅት ተወካዮችን ስትራቴጂ ለመፈተሽ በስውርም በግልጽም ሰዎችን አሰማርተናል፤ እነሱ በሚያቀርቡት ሪፖርት ላይ ተነስተን እርምጃ እንወስዳለን ብለዋል።
Gabaasa Qeerroo Muddee 03,2014
Akkuma beekamu waraana Wayyaanee keessattis wal dhabdeen erga muldhachuu eegalee oolee bubbulee jira, haala kanaan ilmaan Oromoo humna waraanaa keessatti argaman ilaalcha sabboonummaa sadarkaa oliitti keessatti dhalachaa waan deemeef jecha Oromoota kanneen ta’an irratti xiyyeefannaan addaa fi jibiinsi irratti hammaachaa waan dhufeef jedha wal dhabdee fi wal shakkiin guddaa uumamee jira. Haala kanaan kallattii kana irraan gabaasni nu gahe, ilmaan Oromoo waraana mootummaa Wayyaanee keessa jiran uummata keenya irratti harka hin kaasnu, miidhaan uummata Oromoo waraana mootummaa Oromoo ta’an illee waan gaga’uuf jedhcha nutis akka ilmaan sabaa tokkotti obbolaa keenya, abbootii keenya ilaallee ilaalcha diinummaa saba keenya irraa kaasuu qabna sababaa jedhuun kutaalee waraanaa jiran keessatti gaaffii kaasaa jiru.
Mootummaan Wayyaanee haala kana irratti rifaatuu qabu Oromoota garii ramaddii daangaa eegsisuu sababa jedhuun gara gammoojjii biyyattiitti ergaa jiraachuun beekamee jira. Haata’u malee kaayyoon kun , diddaa uummanni Oromoo kaasan keessatti miidhama uumata Oromoo teeny hin ilaallu,hamma ilmaan sabaa taanetti callisuun nu hin baasu isa jedhu irraa madda.
Muddee 1,2014 Goototni Barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Dirree Dhawaa Guyyaa Ayyaana Sabaa fi Sablammootaan dhoksaan mootummaan Wayyaanee mooraa Yuunibarsiitii Dirree Dawwaa keessatti gaggeessa jiru irratti dammaquun sirna mootummichaa fi gochaa Wayyaanee irratti diddaa kaasuu Qeerroon gabaase.
Halkan edaa sa’aa 12:30 wb irraa eegaluun hanga halkan keessa sa’a 5:00tti Mooraa Yuunibarsiitii Dirree Dhawaa dhuunfachuun walleewwaan warraaqsaa ABO fi uumata Oromoo faarsuu fi qabsoo bilisummaa Oromoo leellisuun diddaa jabaa kaasan.
Mootummaan Wayyaanees Qeerroon barattootni Oromoo FDG ni kaasu sababaa jedhuun guyyaa ayyaana sabaa fi sablamoota sobee itti fakkeessu kana kabajadha jechuun muddamaa utuu jiruu waan godhu dhabee utuu barattootni hin beekiin mooraalee Yuunibarsiitii human waraanaan eegsiisaa ayyaanaa sabaa fi sablamoota jedhu dhoksaatti mooraa Yuunibarsiitii Dirree Dawwaa keessatti kabajaa jiraachuu Goototni Qeerroon barattootni Orpomoo irratti dammaquun gamtaan gaaffii mirgaa kaasuu fi walleelee warraaqsaan mirga saba Oromoof falmaa bulan.
Wallee ABO’n kallacha uummata Oromooti, ABO Abdii Uummata Oromoo fi gaachana Uummata Oromooti, ABO’n dimookiraasiif qabsa’a, ABO’n mirga ilma namaa kabachiisuuf qabsaa’a , ABO’n mirga sabaa fi sablamootaa har’a Wayyaaneen ugguraa jirtu kabachiisuuf qabsa’a jechuun sagaalee warraaqsaa guddaa wallee warraaqsaa ABO fi qabsoo bilisummaa Oromoo leellisuu dhageessisuun mootummaa wayyaanee dura dhaabbatan.
Mootummaan Wayyaanee human waraanaa heddumina qabu bobbaasee sochii dargaggoota kana dhaabsisuuf yaalii guddaa godhus dargaggootni Qeerroon barattootni Oromoo soda tokko malee sagalee warraaqsaa wal irraa hin citne itti fufuun dhageesisan. Haala rakkisaa keessatti sagalee warraqsaa Qeerroon barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Dirree Dhawaa dhageesisaan
ሲነድ ሲቃጠል የሚጭስ ወይም የሚስቅ እሳት።
ጀግና የጀግና ዘር ትግል የወለደው፡
ገና ሳይተኩስ ወይን(ወያኔ) ተርበርብዶ፡
ይህን ካዲ ባንዳ ጐርፉ የወለደው፡
ቄሮ የኦሮሞ ወጣት ትግሉን አነደደው።
ይህ ጠብደል አጋዚ እውቀት የማያቀው፡
ወቦ(WOB)እያሳደደ ደግሞ እየወቃው፡
ተጀመር እንጂ መች አበቋ ትግሉ፡
አንዱ ቄሮ ሲወድቅ ወይም ሲስዎ፡ ሌሎች ሲቀጥሉ፡
ሞትን የደፈር ክቶ የማይራራ ፡
ደግሞም እየሽለለ እንደው እያቅራሪ፡
ትውለድ የቄሮ እናት ደግሞ መንታመንታ፡
ሂድ ተዋጋ እያለች እንዳያመነታ፡
አለህና አጋዥ የሆላ ደጀን ፡
ተላላኪ( ወይን )ሰላይን የሚያመክን፡
ታጠቅ የጀግና አባት ክቶ እንዳታቅማማ፡
ወርድ ልጀችህ ወደ ጀግኖች ማማ:
Gabaasa Qeerroo Muddee 1,2014
Sochiin warraaqsa uumata Oromoo itti fufuun Godina Baalee aanota adda addaa akka Gasara,Goobbaa,Dalloo,Gooroo,Rayituu,Sawwenaa,Beeltuu,Agarfaa fi Barbaree) aanota kana keessatti sochiin Qeerroo jabinaan Sadaasa 20 irraa barruulee warraaqsaa uumataaf bittimsuu fi barattootaan gahuu itti fufee jira.
Sochiin Qeerroo itti fufuun Uummanni Oromoo godina kana keessa jiran gaaffii mirgaa qabatanii mootummaa wayyaanee dura akka dhaabbatan taasifamee jira. Akka gabaasni Qeerroo godina kana irraa nu qaqqabaa jirutti aanaa aanaa keessatti wanneen uummata daddammaqsuu fi dhaaddannoolee uummata kakaasanis uumata keesssatti waan mul’isaa turaniif sadaasa 29/2014 aanaa Ginnir gandoota 6 kan tahan (odaa Roobaa, Caancoo,Tullicha,Hora Allee,Qabbanaa,Harawa )kanneen jedhaman keessatti uummanni gaaffii waltahiinsaa akka kaasu taasifame, uummannis yaada dur of keessatti qabatee jiru, sochii Qeerroo fi barattootaan godina kana keessatti adeemsifamaaa jiruun gaaffiwwan akka kanaa gadiitti ifatti baasan,
Kun kana ta’ee otuu jiruu Mootummaan wayyaanees gaaffiwwan uummataa kun gaaffii uummataa kan hordoftoota amantaa musiliimaa hunda kaasuudhaan waan bal’ataa deemuuf tasgabbeesuuf kan yaalaa jiruudha, caasaa qabutti dhimma bahuun gara sanatti sochii uummataa jabaatee dhufe kana laamshessuuf foolachaa jira.