Sochiin FDG Godina Baalee Aandota Adda Addaa Keessatti Bifa Adda Ta’een Itti Fufuu Qeerroon Gabaase.

Gabaasa Qeerroo Muddee 1,2014

diddaa9

Sochiin warraaqsa uumata Oromoo itti fufuun Godina Baalee aanota adda addaa akka Gasara,Goobbaa,Dalloo,Gooroo,Rayituu,Sawwenaa,Beeltuu,Agarfaa fi Barbaree) aanota kana keessatti sochiin Qeerroo jabinaan Sadaasa 20 irraa barruulee warraaqsaa uumataaf bittimsuu fi barattootaan gahuu itti fufee jira.

Sochiin Qeerroo itti fufuun  Uummanni Oromoo godina kana keessa jiran gaaffii mirgaa qabatanii mootummaa wayyaanee dura akka dhaabbatan taasifamee jira.  Akka gabaasni Qeerroo godina kana irraa nu qaqqabaa jirutti aanaa aanaa keessatti wanneen uummata daddammaqsuu fi dhaaddannoolee uummata kakaasanis uumata keesssatti waan mul’isaa turaniif sadaasa 29/2014 aanaa Ginnir gandoota 6 kan tahan (odaa Roobaa, Caancoo,Tullicha,Hora Allee,Qabbanaa,Harawa )kanneen jedhaman keessatti uummanni gaaffii waltahiinsaa akka kaasu taasifame, uummannis yaada dur of keessatti qabatee jiru, sochii Qeerroo fi barattootaan godina kana keessatti adeemsifamaaa jiruun gaaffiwwan akka kanaa gadiitti ifatti baasan,

  1. Mootummaan dhimma amantii keessa seenuudhaan uummata keenya oromiyaa keessa jiran goola, barattootas mana hidhaatti darba, mirga amantaas eegaa hin jiru, kanaaf mootummaan maaliif dhimma amantaa keessa gala?
  2. Barattootni keenya rakkina keessaa bahuudhaaf barumsa isaanii baratu, mootummaan wayyaanee barattoota maqaa shororkeessummaatiin maaliif waamee hidhaatti darbaa?
  3. Guyyaa Jum’aa torbee torbeedhaan magaalaa Finfinnee keessatti hordoftooni musiliimaa masiigatti sagaduuf yeroo wal gahu mootummaan maaliif tika ykn humna waraanaa ramadee eegsisaa? Hordoftoonni amantaa biraa akkasuma eegamaa jiruu?
  4. Yeroo ammaa miidiyaa TVO irrattis tahe raadiyoon oromiyaa kan odeessu dhimma bulchiinsa gaariiti, nuti uummanni bulchiinsa gaarii jedhamu kana arginee hin beeknu, bulchiinsa uummata keenya, ilmaan keenya hidhaatti guursisuu, duula saamichaa gaggeessuu fi bulchiinsa sobaan guutamedha kan beeknu, kanaaf mootummaan maaliif uummata sobaa? Meerre bulchiinsi gaariin?
  5. Mirgi diimokiraasii jedhamu maaliif hin kabajamuu? Mirgi uummata oromoos maaliif hin kabajamuu?

Kun kana ta’ee otuu jiruu  Mootummaan wayyaanees gaaffiwwan uummataa kun gaaffii uummataa kan hordoftoota amantaa musiliimaa hunda kaasuudhaan waan bal’ataa deemuuf tasgabbeesuuf kan yaalaa jiruudha,  caasaa qabutti dhimma bahuun gara sanatti sochii uummataa jabaatee dhufe kana laamshessuuf foolachaa jira.

2 thoughts on “Sochiin FDG Godina Baalee Aandota Adda Addaa Keessatti Bifa Adda Ta’een Itti Fufuu Qeerroon Gabaase.

  1. Pingback: Gadaa.com | FinfinneTribune Sochiin FDG Godina Baalee Aandota Adda Addaa Keessatti Bifa Adda Ta’een Itti Fufuu Qeerroon Gabaase |

Leave a Reply

Fill in your details below or click an icon to log in:

WordPress.com Logo

You are commenting using your WordPress.com account. Log Out /  Change )

Twitter picture

You are commenting using your Twitter account. Log Out /  Change )

Facebook photo

You are commenting using your Facebook account. Log Out /  Change )

Connecting to %s