Hiriira Mormii Sirna Wayyaanee Irraatti Guyyaa Har’aa Gaggeefame Ilaalchisee Gabaasa Video Qeerroo

Aside

Hiriira Nagaa Guyyaa Har’aa Magaalaa Finfinneetti Adeemsifame

Aside

Gabaasa Qeerroo Mudde 14,2014

Guyyaa har’aa dhaabni mormitootaa OFC magaalaa Finfinneetti hirira baheen dhaadannoolee hedduu dhageessisaa kan oole namoota 2000 ol kan hirmaachise, gana sa’a 3:00 irraa eegalee uummani Oromoo hangi dhagayee fi Qeerroon tumsa kanaaf irratti hirmaachuu dhaan dhaadannoolee waraabbii irratti mul’atan kanaa gadii irratti kan argamuudha,

-Mootummaan wayyaanee dhimma amantaa keessa hin seenin,

-Hidhamtootni siyaasaa haa gadhiifaman

-Baqqalaa Garbaa haa hiikamu

-Maqaa filannootiin uummata hiraarsuun haa dhaabbatu,

-Sobaan uummata yakkuun haa dhaabbatu,

-Afaan oromoo afaan federaalaa haa tahu,

-Saamtotni mootummaa seeratti haa dhiyaatan,

-Boordiin filannoo mootummaa irraa walaba haa tahu,

fi kkf dhageessisuudhaan hanga sa’a 7:00tti adeemsifamee jira, waraabbii dabalataa fi odeessa kana ilaallatu biroo argamuun walitti deebina!

“Oromoon Bilisuumuufi” Hawwisoo Qeerroo Bilisummaa Wallee Haaraa Muddee 13,2014

Aside

Oromo Voice Radio (OVR) Broadcast, December 13, 2014

Aside

SBO Mudde 14 Bara 2014 Oduu – Sirna awwaalcha sabboonaa barsiisaa Dirribii Nagaasaa – Gaaffii fi deebii J.Toleeraa Adabaa kutaa 3ffaa fi Qophiilee Adda Addaa

Aside

Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo Qophii Mudde 12, Bara 2014

Aside

WAREEGAMA HANQISUUF WAL TUMSUUN MURTEESSADHA ! kutaa 3ffaa

Aside

SEENAA Y.G (2005) kutaa 3ffaa | Muddee 12, 2014

Bilisummaan Dhiigaan malee hin argamtuun haqadha. Dhiigaan malee akka hin argamne itti amananii seenanii hojjachuun ammoo waa biraati. Dhaadannoo isaa ykn jecha isaa qofa beekuun ga’a miti jechuu kiyya. Bilisummaan dhiigaan malee hin argamtu jechuun, wareegama Lubbuu hanga gumaacha nam-tokketti baafnu malee, Bilisummaan gonkumaa hin jiru jechuudha. maarree,Ummati Oromoo , Bilisummaan dhiigaan malee akka hin argamne beeku dhabee ykn itti amanuu dhabee moo, waan Bilisummaan barbaaddu sana guutuu hanqachuu irraa Bilisummaan irraa fagaatte ? Bilisummaa keenya gonfachuuf wareegamni kafalaa jirru salphaa miti. wareegama barbaachisu kafallee Bilisummaa keenya goonfachuu qabnaan, murtee Ummata Qabsoo gaggeeffatuu ykn dhaaba Qabsootti jiruuti. Wareegamni hin jiru jedhee qabsootti kan seenu, ykn wareegama baqachaa Bilisummaa kan hawwuu yoo jiraatee, waan wareegama gaafatutti seenee laaquu dhiisuu wayyaaf. Namoonni akkasii irra jireessa karaa gabaabaa filannaatti of-salphisanii Ummata isaanis salphisu.

Sadarkaan Qabsoon Ummata Oromoo irra jiru yoo ilaallee , irra jireessi, addatti Biyya keessaa wareegama barbaachisu baasuun gootummaatti fudhatamuu argaa jirra. Wareegama barbaachisu kafalanii, wareegama hanqisuun ni danda’ama. Wareegama hanqisuuf jedhamee, sirna guyyaa irraa gara guyyaatti Ummata keenya dhiiga jigisaa jiru waliin karaa Nagaa hojjanna jechuun, diina jabeessee , wareegama addunyaa irratti hin mul’annee nu baasisuu akka danda’u hubachuunis dansaadha. Wareegama hanqisuuf haalaa fi adeemsa diinaa akka dansaatti qorachuu fi irratti walii galuu barbaachisa. addunyaa irratti Ummatoonni cunqursaa of irraa darbachuuf qabsaa’an , karaa wareegama itti hanqisanii Bilisummaa isaanii goonfatan ni filatan. Fincilli Ummataa wareegama waa maraa hanqisuuf filatamaa ta’aa dhufeera. Warri qawween wareegama hanqisuuf socha’anis ni jiru. sochii amma keessa jirruun ykn bakka waliif tumsuun hin jirreetti , sirna nama nyaataa wayyaanee kaasuuf yeroo nu gaafatuu danda’u, yeroo kana keessa ammoo, wareegama Qabeenyaa, Maallaqaa , jireenyaa, Lubbuu baafnuu fi wayyaaneen jiraachuuf miidhaa waa maraa {saamicha daboo kadahttee }nu irratti gaggeessitutu wareegama nu hanqisa moo, Tumsa godhannee sochii keenya qindeeffannee Fincila Diddaa Gabrummaa wal irraa hin cinnee fi waraana jabaa ijaarree finiinsuutu wareegama nu hanqisa ? jennee Filachuun murteessaadha.

WAREEGAMA HANQISUUF WAL-TUMSUUN MURTEESSAADHA !!! kutaa 3ffaa.docx

Sagalee Seife Nebelbaalii fi Simbirtuu

Aside

Bulee Horaa Yuuniversitiitti Barattootni Oromoo Gaaffii Mirgaa Kaasneef Deebiin Haqaa Hanga kennamu Barnoota Itti Hin Deebinu Jechuun Qondaalota Wayyaanee Waliin Wal Qabaa Jiru.

Aside

Gabaasa Qeerroo Yuuniversitii Bulee Horaa, Muddee 11,2014
diddaa9Yuuniversitii Bulee Horaa, addeessu itti guyyoota lamaan dura Qeerroon mooraa Yuuniversitii Bulee Horaa keessaa waraqoota qabsoo balaliituu mooraa keessa tamsaasuun isaa waan yaadatamuudha, akka gabaasni nu gahe ibsaa jirutti waraqaan hedduun kan mooraa keessatti bittimfamee bule mirgi uummata Oromoo haa kabajamu, gaaffiin uummata barattootaa deebii haa argatu, hanga kun deebiin mootummaa biraa itti kennamutti barumsa akka hin baranne, gaaffiin mirgaa deebii kennamuufii qaba jechuun barattootni nyaata akka lagatan.

Muddee 10/2014 barattootni mooraa guutummaan nyaata lagachuudhaan mooraa keessatti gaaffiin uummata Oromoo deebii hanga mootummaan itti kennutti barumsas tahe nageenyaan tasgabboofnee mooraa keessa jiraachuu akka hin dandeenye ibsa kennaa akka turan gabaasni Qeerroo har’a nnu gahe addeessa. Kanumaan itti fufuudhaan motummaan Wayyaanee har’a akeekkachisa kennuuf murtoo keessa kan seenaa jiru barattootni addatti barattootni Oromoo Yuuniversitii keessa jiran fincila kaasuudhaaf waamicha waliif taasisaa waan jiranif dursanii of qopheessuu caasaa isaa mooraa yuuniversitii hundaatti beeksisuun gama caasaa mootumaan dhagayamaa jira, sochiin barattoota Oromoo Yuuniversitii Bulee Horaa keessatti yeroo ammaa adeemsifamaa jiru dhimmoota gaaffii mirga uummata Oromoo kabachiisu fi hidhamtootni akka bahan, lafti Oromoo fi Oromiyaa gurgarmuu fi saamichia akka dhaabbatuuf gaaffii kaasuun kan wal qabate sochiin fincilaa mul’ate hanga uummata naannichaa kaasutti argame, qote bulaanis barattoota deggeruuf of qopheessee ka’u gabaasni nu gahe addeessa.

ቄሮ:የኦሮሞ : ወጣቶች: ለነፃነት:ንቅናቄ:ድምፅ:የሳምንቱ:ዜና:: December 10,2014

Aside