Har’as Mudde 9,2015 Shaggar Aanaa Hidhabuu Abdootee Magaalaa Ejereetti FDG Itti Fufuun Barattooti Oromoo Hiriira Bahan

Aside

Biyya Gooticha Oromoo Geendaa Buushan Wallagga Sibuu Siree Keessatti Diddaan Bifa Adda Ta’een Qabatee Ergamtoota Wayyaanee Arihaa Jiru.

Aside

Mudde 9,2015 Qeerroo

Gootonni Barattooti Oromoo Universitii Kolleejjii Kotobee Diddaa Isaanii Calleensaa fi Gaddaan Muldhisaa Jiru.

Aside

Mudde 09,2015,Godina Gujii Magaala Booree fi Godina Arsii Lixaa Magaala Adaabbaa Keessatti Gootonni Oromoo FDG Itti Fufanii Gaaffii Mirgaa Hamma Walabummaa Jechaa Jiru.

Aside

Goree gujii Gujii gooree Gujii magaala Goree GujiiAdaabbaa Arsii Adaba Arsii Arsii adaabba Arsii magaala adaabba

Har’a Mudde 9,2015 FDG Itti Fufee Yuniverstii Hawaasaa Kampaasii Awaadaa fi Shaggar Lixaa Magaalota Gudar,Shukutee,Baalee Roobeetti fi Tullu Boolloo Itti Fufee Jira.

Aside

Mudde 9,015 Gabaasa Qeerroo

Har’a Mudde 9,2015 FDG Itti Fufee Yuniverstii Hawaasaa Kampaasii Awaadaa fi Shaggar Lixaa Magaalota Gudar,Shukutee,Baalee Roobeetti fi Tullu Boollootti Itti Fufee Jira.

Akka KanaanHar’a ganama irraa eegaluun qeerroon Yunivarsiitii Hawaasaa kaampaasii Awaadaa uffata gaddaa uffachuun ilmaan Oromoo osoo gaaffii mirga abbaa biyyummaa gaafatanuu humna waranaa wayyaanen ajjeefamaniif gadda ibsachaa jiru. Qeerroon barattoonni oromoo yunivarsiitii hawaasaa kaampaasii awaadaa uffata gaddaa kana kan qopheeffatan guyyaa ayyaanni sabaa fi sablammootaa mooraa yunivarsiitichaatti kabajamuuf ture , haata’u malee yunivarsiiticha odeessa tokko tokko waan dhagaheef guyyaa kabaja ayyaanaa kana dabarsuu danda’ee jira. 

Jajjaboon qeerroon barattoota Oromoo mooraa yunivarsiitichaatti argaman immoo guyyuma kanatti uffata gaddaa uffatanii booyichaa fi sagalee tokko tokko dhageessifachaa jiru. Humni waraanaa dabalataanis gara moorichaatti fe’amaa jiru. Diinin kaampaasichaas ijoollee keessa deemun akka isaan gara doormitti deebi’an kadhachaa jira. Waraabbiin suuraa fi sagalee immoo akkuma nu qaqqabeen isiniif dhaamna.

Magaala Tulubolloo har’a guyyaa 09/12/2015 barattoota sodaa irraan kan ka’ee barattootaf qormaata kennanii Kaabinoonni Aanaa dullaa guuratanii Police waliin dallaa mana barnoota hibret Fire marsanii jiran. Barattoonni, uummanni fi hojjattootni Mootummaa dallansuu guddaa irra akka jiran dhaga’ame.

FDG Godina Shaggar Lixaa Aanaa Jalduu Magaalaa Goojjoo fi Wallagga Aanaawwaan Heebantuu, Giddaa Ayyaanaa, Haroo limmuu, Limmuu Galiilaa, Diggaa saasiggaa,Guutoo Giddaa(Ukkee) Gatamaatti Itti Fufee Jira.

Aside

Muddee 9, 2015 Godina Bahaa wallaggaa Aanaawwaan Heebantuu, Giddaa Ayyaanaa, Haroo limmuu, Limmuu Galiilaa, Diggaa saasiggaa,Guutoo Giddaa(Ukkee), fi Gatamaatti Goototni Barattootni Oromoo Mana Barumsaa Sadarkaa 1ffaa,2ffaa fi Qopha’ina Uummata Waliin Walitti Dhufuun Warraaqsaa FDG jabeessuun finiinsan . Gaaffiin mirga abbaa Biyyummaa, Kabajamuu Mirga Namummaa fi Mirga Dimookiraasii Gadi jabeessuun Gaafatan, Karoorri Master Pilaanii Finfinnee fi Labsiin  Magaalota Oromiyaa haqamuu Qaba jechuun Mormiin uummataa haalan
jabaatee itti fufee Olee!! Daandiin konkolaataa Magaalaa giincii fi  Olaankomii keessatti uummataa fi Qeerroo dargaggoota Oromoon cufame. Goototni Uummatni Oromoo fi Qeerroon dargaggootni Oromoo Waarraaqsaa FDG , Hanga bilisummaatti jedhu jabeessuun Warraaqsii Jabaan Oromiyaa keessatti gaggeeffamaa jiru daran jabaachuun Aanaawwan Heebantuu, Giddaa Ayyaanaa, Haroo limmuu, Limmuu Galiilaa, Diggaa  saasiggaa,Guutoo Giddaa(Ukkee), fi Gatamaa tti Goototni barattootni  manneen barnoota sadarkaa 1ffaa hanga qophaa’inatti jiran irraa  uummata waliin walitti dhufuun daandiin konkolaataa Bakkoota  hedduutti cufuun warraaqsaa finiinsuun MOOTUMMAAN DHUKAASEE NU AJJEESAA JIRU NU HIN BULCHU JECHUUN Ofiin of bulchina malee mootummaan  akka diinatti qawween reebee nu ajjeesaa nu bulchuu hin danda’uu, hanga gaaffiin GAAFFIIN MIRGA ABBAA BIYYUMMAA FI BILISUMMAA KEENYAA NUUF KABAJAMEE, mirgi dimookiraasii fi namummaa nuuf eegamutti takkaa  warraaqsaa FDG irraa hin dhaabbannu jechuun Warraaqsaa FDG itti fufinsaan gaggaassaa jiru. Dhaadannoowwaan arman gadii dhageesisuun  Warraaqsii haalan jabaate.

Kana malees Muddee 8/2015 Godina Lixa Shaggar Aanaawwan Adaa’aa Bargaa Magaalaa Incinnii fi Mogor fi Aanaa Meettaa Roobii Magaalaa Shinoo keessatti Uummatni Baadiyaa fi Magaalaa fi Barattootni Manneen Barnootaa  Sadarkaa 1ffaa,2ffaa fi Qopha’ina Walitti Dhufuun Warraaqsaa FDG  jabeessuun finiinsan . Daandiin Konkolaataa bakkoota hedduutti Cufuu  uummatni Gaaffi isaa jabeessuun Gaaffiin mirga abbaa Biyyummaa,  Kabajamuun Mirga Namummaa fi Mirga Dimookiraasii nuuf Haa Kabajamu, Karoorri Master Pilaanii Finfinnee fi Labsiin Magaalota Oromiyaa haqamuu Qaba jechuun Mormiin uummataa haalan jabaatee itti fufee oolee!!

SBO MUDDE 09,2015. Oduu fi Gabaasa FDG akkasumas SBO Sagantaa Afaan Amaaraa

Aside

Sagalee Qeerroo Biliummaa (SQ) Mudde 8, 2015

Aside

Hararge Bookee ,Salaalee Aanaa Hidhabuu Abootee fi Wallagga Horroo Guduruu Jaardagaa Jaartee, Amuuruu, Abbay Coomani, Hagamsaa, Jimmaa Raaree fi Haratootti FDG Hamma Galgala Kanaatti Jabinaan Itti Fufuu Qeerroon Gabaase.

Aside

Horroo Guduruu Jaarte

Horroo Guduruu Jaarte

Harargee Bookee

Harargee Bookee

Muddee 8,2015 Godina harargee naannoo Bookee keessatti barattooti Oromoo fi uummanni Oromoo naanncihaa gamtaan ka’ee mootummaa abbaa irraa Wayyaanee balaaleffataa oole,FDG haalaan jabaatee hamma galgala kanaatti uummanni gandatti deebi’uu diduun waraana Wayyaanee of irraa ittisaa sagalee mormii isaa dhageessifataa jiraachuun beekame.

Kana malees Godina Shaggar Salaalee Aanaa Hidhabuu Abootee Goototni Barattootni Oromoo M/B Taaddasaa Birruu Sadarkaa 1ffaa,2ffaa fi Qopha’ina Uummata Waliin Walitti Dhufuun Warraaqsaa FDG jabeessuun finiinsan . Gaaffiin mirga abbaa Biyyummaa, Kabajamuu Mirga Namummaa fi Mirga Dimookiraasii Gadi jabeessuun Gaafatan, Karoorri Master Pilaanii Finfinnee fi Labsiin Magaalota Oromiyaa haqamuu Qaba jechuun Mormiin uummataa haalan jabaatee itti fufee Olee!! Daandiin konkolaataa Magaalaa giincii fi Olaankomii keessatti uummataa fi Qeerroo dargaggoota Oromoon cufame.

Godina Horroo Guduruu wallaggaa Aanaawwaan Jaardagaa Jaartee, Amuuruu, Abbay Coomani, Hagamsaa, Jimmaa Raaree fi Haratootti Goototni Barattootni Oromoo Mana Barumsaa Sadarkaa 1ffaa,2ffaa fi Qopha’ina Uummata Waliin Walitti Dhufuun Warraaqsaa FDG jabeessuun finiinsan . Gaaffiin mirga abbaa Biyyummaa, Kabajamuu Mirga Namummaa fi Mirga Dimookiraasii Gadi jabeessuun Gaafatan, Karoorri Master Pilaanii Finfinnee fi Labsiin Magaalota Oromiyaa haqamuu Qaba jechuun Mormiin uummataa haalan jabaatee itti fufee Olee!! Daandiin konkolaataa Magaalaa giincii fi Olaankomii keessatti uummataa fi Qeerroo dargaggoota Oromoon cufame.

Muddee 8/2015 Godina Lixa Shaggar Aanaa GIINCII fi Olaankomi Keessatti Diddaan Uummata Dabalatee Jabaatee Oole.

Aside

Muddee 8/2015 Godina Lixa Shaggar Aanaa GIINCII fi Olaankomiitti Uummatni fi Barattootni Manneen Barnootaa Sadarkaa 1ffaa,2ffaa fi Qophaina Walitti Dhufuun Warraaqsaa FDG jabeessuun finiinsan . Gaaffiin mirga abbaa Biyyummaa, Kabajamuu Mirga Namummaa fi Mirga Dimookiraasii Gadi jabeessuun Gaafatan, Karoorri Master Pilaanii Finfinnee fi Labsiin Magaalota Oromiyaa haqamuu Qaba jechuun Mormiin uummataa haalan jabaatee itti fufee Olee!! Daandiin konkolaataa Magaalaa giincii fi Olaankomii keessatti uummataa fi Qeerroo dargaggoota Oromoon cufame. Dhaadannoowwaan arman gadii dhageesisuun Warraaqsii haalan jabaate. -Ajjeechaan barattoota keenya fi uummata keenya irraa haa dhaabatu!! -Angawootni wayyaanee qajeelfama dabarsuun barattoota Oromoo ajjeesisaa jiranii fi warrii ajaja wayyaanee fudhatee barattoota Oromoo ajjeesse seeratti dhihaachuu itti gaafatamuu qabu!! -Master Pilaaniin Finfinnee fi labsiin Magaalota oromiyaa Haqamuu qaba!! – Gaaffiin keenya kan bilisummaa, kan abbaa biyyummaati -Mirgii Namummaa kabajamuu qaba!! -Mirgi dimookiraasii , sirni gadaa keenyi nuuf haa kabajamu!! -Nuti Oromoon mootummaa hin qabnu, kanaaf rasaasan reebamna. -hidhamtootni siyaasaa Oromoo fi Oromummaan yakkamani hidhaman hatattaman hiikamuu qabu! – Mootummaa mataa keenyaa hunddeeffanna malee sirna kaabinee fi kaadiree waraanaan hin bullu! – Mootummaan Ajjeesaan nu hin bulchu, -Abdii fi Gaachanni keenya ABO nu haa bulchu, -ABO lafa fi biyya Oromiyaa hin gurguru, -ABO dimookiraatawaadha, mootummaan wayyaanee shoroorkeessadha. -Lafti keenya lafee keenya waan taeef takkuu tokko illee dabarsinee hin kenninu! -Maqaa Investimentii fi Liiziin uummata qeeerra buqqisuun qeee dhabdee gochuun haa dhaabbatu, -Mana jireenyaa uummataa irratti diiguun haa dhaabbatu!! Jechuun diddaa jabeessanii jiraachuu Qeerroon gabaasa.