Sagalee Qeerroo Bilisummaa (SQ) Gabaasa FDG fi Haala Oromiyaa Keessaa Kan Muddee 10,2015

Aside

Godina Addaa Naannawaa Finfinnee Magaalaa Sabbataatti Mormiin Sirna Wayyaanee Itti Fufee Jira.

Aside

Sabbata mudee 11Sabbata mudde11Sabbata mudde 11
Sabbataa muddee 11Sabbata

Ummanni Oromoo Magaalaa Shaambuu,Wallagga Guutummaatti Walgahii Wayyaaneen Yaamte Lagachuun Mana Isaa Cufatee Jira.

Aside

Mudde 11,2015 Gabaasa Qeerroo Shaambuu

Wallagga Magaalaa Shaabuu keessatti uummanni Oromoo walgahii qondaalota Wayyaanee waamame guutuutti lagachuun mana isaa cufatee jira. Haala kanaan namoota irra deemtee hidhuu eegaltee Barsiisaa Afaan Oromoo kan ta’e Balaay Iddoosaa nama jedhamu mana hidhaa Wayyaanee gale.

United Oromo Evangelical Churches on weeklong killing, beating and detention of protesting Oromo Students by the Ethiopian security forces across Ethiopia’s Oromia Reginal State

Aside

united-oromo-evangelical-churches

 

 

The Honorable Julie Bishop
Australian Foreign Ministry
PO Box 2010
Subiaco, WA, 6904
Melbourne, Australia

Dear Mrs. Bishop,

Ref: – This weeklong killing, beating and detention of protesting Oromo Students by the Ethiopian security forces across Ethiopia’s Oromia Reginal State,

We are coping you an appeal letter we sent to the Ethiopian regime to draw your attention to the plight of Oromo students, and Oromo people in Oromia, Ethiopia and to convey our great concern about the ongoing violent action against unarmed students protest. We are extremely saddened by reports that Ethiopian security forces again this week opened fire and killed unarmed student protestors at Haro Mayya and Madda Walaabuu Universities, imprisoning unarmed young university and high school students over Oromia Region from East to West and North to south. The current episode is the repeat of the inhumane treatment of two years ago and innocent students and parents are under indiscriminate attack.

The Board of the United Oromo Evangelical Churches, on behalf of its member churches around the World, is sending its urgent appeal to you and all fair minded people of good will, churches and other religious establishments, regimes, and other Human Rights organizations to urgently intervine on behalf of the young Oromo students and the households of students, and the small farmers being displaced and ask the Ethiopian government to:

For detail document click here

Barattoota Oromoo Muddee 10,2015 Rasaasa Wayyaaneen Wareegaman

Aside

1. Luuccaa Gammachuu-Wallagga lixaa,Innaangoo irratti wareegame
2. Bantii Dhugumaa-W/l Laaloo Asabii irrattu wareegame
3. Alazar Qalbeessaa-W/l Innaangoo irratti wareegame
4. Darajjee Gaaddisaa-Shaggar  lixaa ona Baabbichitti wareegame
5. Guddataa Baayisa –Shaggar Lixaa Baabbichitti wareegame

FDG Wallagga Biilloo Boshee fi Shaggar Aanaa Ammayyaa,Mudee 10,2015

Aside

Diddaa Ogeessota Fayyaa Oromoo Aggaaroo

Aside

Warraaqsii Biyyaalossaa Oromiyaa FDG jabaachuun Finiine!!

Aside

Muddee 10/2015 Godina Lixa Shaggar Aanaa Midaa Qanyii Warraaqsii Biyyoolessaa Oromiyaa FDG jabaachuun itti Fufe!, Daandiin Konkolaataa Gara Midaatti geessuu bakka 30tti Cufame, Daandiin Garaa Baadiyyaatti Geessuu, Kallatti afuuriin Cufamee Jira, uummatni Baadiyaa Kallatti Arfaniin Magaalaa Baallammitti dhufaa jira, Mulchiinsii Aanaa Midaa Qanyii hara aangoo akka uummatatti dabarsee kennuuf Uummatni Qophiin itti Adeema jira. Hojiiwwaan hundi Cufti dhaabbatee, Hardha Gabaa Guddaa Kamisaa ture, Gabaan Illee akka hin dhaabbanne Uummatni Murteessuun Warraaqsii Biyyaalessaa Bilisummaa fi Injifannoo Qabu haalan gaggeeffama jira!! Gabaasa.itti Fufa!! Godinni Horroo Guduruu Wallaggaa Warraaqsaa Biyyaaleessa Oromiyaa

Magaalaan Baabbichaa Dirree Waraanaatti Jijjiramte, Ilmaan Oromoo lama wareegaman, 8 rasaasan Madeeffaman!, Konkolaatan Federaala wayyaane Tokko Gubatte, konkolaachisaan Federaala wayyaanee tokko Du’aan Adabame!!

Aside

Mudde 10/2015 Godina Lixa Shaggar Aanaa Calliyaa Mahaalaa Baabbichaatti Warraaqsii Biyyoolessaa Oromiyaa FDG Uummata Oromoo fi Gootota Qeerroo barattoota Oromoo walitti dhufuun hanga gaaffiin mirga abbaa biyyuummaa kabajamuu fi Master Pilaaniin Finfinnee fi Labsiin Magaaloota Oromiyaa Haqamuu Qaba Jechuun Daandiin konkolaataa ganamarraa egaluun Cufuun Warraaqsii haalaan jabaatee itti fufe, Daandiin Konkolaataa Amboo gara Baabbichaa fi Geedootti dabarsuu Goommaa konkolaataa daandii irratti guuruun ibidda itti qabsiisuun daandii bakkoota 7 olitti bakkoota garaagaraatti mukkeen jijjiksuun cufan, Poolisoota Federaalaa Uummatni Of irraa ariiuun Magaalaa baabbichaa toachuun Bulchiinsa Magaalaa Baabbichaa Filatan. Mootummaan wayyaanee Humna Waraana Ittisa Biyyaa (Makelakiya) kanneen jedhaman bobbaasuun Uummata Irratti Waraana meeshaalee Waraanaa Gurguddaa Qawwee Matarayyeesii fi Meeshalee gurguddaan dhukaasni Irratti banameen ilmaan Oromoo lama(2) wareegamanii,Ilmaan Oromoo (8) Rasaasan Madeeffaman. A) Ilmaan Oromoo Barattoota lameen Baabbicharratti Wareegaman 1.Barataa darajjee Gaddisaa 2. Taammanaa Tsagaayee B). Ilmaan Oromoo Magaalaa baabbichaa Irratti Rasaasan Maddeeffaman. 1. 3.Caalaa Tashoomaa 2. 4.Shimallis Zarihuun 3. Gammachuu Araarsaa 4. Maamush Hayiluu 5. Taamirat Daggafaa 6. Gazuu Hoomaa 7. Xilahuun Girmaa 8. 5.Saxargachoow Zikiruu Aanaa Calliyaa Magaalaan Baabbichaa Gara Dirree waraanaatti jijjiiramtee jirti. Uummatni hin Gadhiifnu nu fixaa malee jechaa jira. Konkolaataan waraana Wayyaanee tokko ibiddaan Barbadoofte, Konkolaachisaan Konkolaata federala Wayyaanees tarkaanfii fudhatameen duuu madden gabaasa jiru

Godinni Kibba Lixa shaaggar Maaalaan walisoo Bilisummaa ishee Labsachaa jirti!!

Aside

Mudde 10/2015 Godina Kibba Lixa Shaggar(Godina Walisoo) Magaalaan Walisoo Bilisoomte!! Warraaqsa Biyyaalessa Oromiyaa FDG Golee Oromiyaa cufa keessatti gaggeeffamaa jiruun Guyyaa har’a gaggeeffamaa jiruun milkiin guddaan argama jira. Uummatni Magaalaa Walisoo to’achuun Sagalee Guddiftuu Bulchiinsa Magaalaa Wajjiraa Fudhachuun Magaalaa Walisoo keessa naanna’uun dhaamsa Baga Gammaddan, Magaalaan walisoo Bilisoomteetti jechuun Ergaa Bilisummaa Labsaa jiru. Waraanni Wayyaanee Uummatatti Guuramuyyuu Uummatni Magaalaa Walisoo hin Gadhiifnu jechuun Bilisummaa Labsachuu itti fufee jira. Injifannoon Kan Keenyaa!!