QABSOO, QUBEE, DHALOOTA QUBEE, QEERROO fi DHALOOTA QAROO
Aside
===================
Seenessa
Seenaan qorannaa taateewwan darbanii keessattuu kan dhimmoota ilmaan namaatiin walqabateeti. Seenaan mata-duree bal’aadha; seenaan taateewwan walitti hidhamanfi bal’aa qorata. Taateewwan immoo ogeessaan qortamu; mala ittiin qortamanis qabu. Bu’aan qorannoo immoo ni himama; ni barraa’a; ni seenessama. Hunduu ogeessaafi ogummaa barbaada. Ani nama ogeessa seenaa waan hin taaneef dhimma kana keessa hin seenu.
Ka’umsi koo hubannoon akka nama dhuunfaatti taateewwan saba Oromoo jaarraa 20ffaa irraa kaasee mudataa turan, haala amma akka sabaatti itti jiruufi itti bahumsa fuulduree keenyaa irratti qabu yaada muraasaan seensessuu ykn akeekuu barbaadeeni.
Dimshaashumaan kaa’uuf sabni Oromoo jaarraa 20ffaa dura seeraafi sirna tolfatee jiruufi jireenya tasgaba’aa, nagaan, bilisummaan, badhaadhinaan, jaalalaafi tokkummaan jiraachaa ture. Garuu jaarran 20ffaa Oromoof jarraa hamaa ture; diinatu waraanaan itti duule; nagaatu boorahe; jiruutu manca’e; mirgatu irraa sarbame; eenyummaa isaatu faalame, bilisummaan irraa mulqamee roorroon itti galte. Jaarraa walakkaaf akkasitti jiraate. Gaafa roorroon itti hammaatu mala malate. Falli malame immoo #QABSOO dha. Qabsoon haalaafi kallattii hedduun eegalame. Galiin qabsoo immoo mirga sarbame deebifachuu, bilisummaa irraa mulqame deebisee hunfachuu, eenyummaa gatantare cimsachuu, jiruufi jireenya jige utubachuu fi seeraafi sirna isaatiin deebisee of bulchuudha.
Erga gaafa qaanqeen fincilaa qabsiifamee dubbii, sirba, geerrarsa, dhaadannoo, gammachuufi gadda Oromoo keessatti jechi akka QABSOOtti irra dedeeb’ee ka’aa ture jira natti hinfakkaatu (kun qorannoo cimaa gara sirna afaaniitiin barbaada).
Dhuma jaarraa 20ffaa jala abdiin qabsoon Oromoo galma gahuu mul’atee ture. Haata’uutii qabsoon taasifame calaqqee bilisummaa agarsiisee deebi’ee dimimmise, garuu bu’aa tokko buuse. Innis #QUBEE dha. Qubeen Afaan Oromoo afaan dubbiirraa gara afaan barruutti gahumsaan jijjiiruun uummata keessa faca’e. Qubeen uummataa keessatti facaasamee deebisee buu’aa buuse. Bu’aan Qubee #DHALOOTA_QUBEE dha.
Dhaloonni Qubees afaan isaan, seenaa isaa baratee, eenyummaa isaa uffatee, aadaa isaa dagaagsaa fincila diddaa gabrummaa finiinse. Fincilli Dhaloota Qubees bu’aa biraa buuse. Innis jaarmayaa fi tokkummaa #QEERROO Oromooti.
Qabsoon jaarraa walakkaa oliif deemaa tures tokkummaa, naamusaa fi gootummaa Qeerroo fi Qarree Oromootiin aangoo diina harkaa mulquun haraka Oromoo galche. Aangoon furtuudha; furtuu bilisummaan dhugaa ittiin mirkanaa’u; furtuu nagaafi tasgabbiin ittiin bu’u; furtuu tarsiimoon badhaadhinaa ittiin qajeelu. Amma illee aangoon argame osoo hin ititiin raafamaa jira. Raafamni kun danqama hedduu fidullee furmaata argachuunsaa hinoolu. Abdiin nagaa, tasgabbii, bilisummaa, badhaadhinaa gabbachaa jira.
Abdiin kun hojii guddaa barbaada. Dhaloonni Qubee jarmayaafi tokkummaa Qeerrootiin qabsoo bakkatti kan galche jaarraa 21ffaa keessa. Jaarraan kun immoo jiruufi jireenya dandeettiifi ogummaa addaa gaafatu fidee jira. Jarraan 21ffaa, jaarraa addunyaalessaa (giloobaalaayizeshinii) dha; jaarraa odeeffannooti; jaarraa beekumsaafi ogummaati; jaarraa saayinsiifi teeknooloojiiti. Kun carraafi rakkoo cimmaa baatee jira. Kanaaf immoo dhaloonni of qupheessuu qaba; kunis gargaarsa qaama hundaa gaafata.
Akka kooti, jaarraa 21ffaa keessatti milkaa’uuf Dhaloonni Qubee dhaloota cimaa uumuu qaba. Dhaloonni itti aanu #DHALOOTA_QAROO (Smart Generation) akka ta’u abdiin qaba.
Waa’ee Dhaloota Qaroo yeroo biraan bal’inaan itti deebi’a.
Hayyee!
Doorsisaa fi Hidhaan Mootummaan Itoophiyaa Miseensotaa fi Hoogganoota ABO Irratti Gaggeessu Hatattamaan Akka Dhaabbatu Gaafanna !
Aside
(Ibsa ABO – Amajjii 19, 2019) Jimaata kaleessaa (Amajjii 18, 2019) Hoogganoota ol’aanoo ABO keessaa tokko kan tahan Miseensa Shanee Gumii fi Gaafatamaa Damee Siyaasaa ABO Jaal Jabeessaa Gabbisaa, akkasumas, Jaal Amaan Filee, Dr. Bulii Ejjetaa, Dambii Tashoomaa, Galgaloo Waariyoo fi Iddoosaa Taaddasee kan keessatti argaman Miseensotni fi deggertootni ABO humnoota tikaa Mootummaa Itoophiyaatiin qabamanii hanga ammaatti tohannoo Mootummaa EPRDF jala jiru.
Guyyaa sana duraas (Amajjii 17, 2019) Coloneel Gammachuu Ayyaanaa fi hiriyaan isaa Obbo Faqqadaa jedhaman haaluma wal fakkaataadhaan qabamanii hanga ammaatti gadi hin lakkifamne. Kana malees guutuu Oromiyaa keessatti namootni miseensotaa fi deggertoota ABO tahuutti shakkaman dhibbootaan qabamanii manneen hidhaatti guuramaa jiru.
Doorsisaa fi hidhaadhaan sodaachisanii namoota ilaalcha siyaasaa kan Paartii biyya bulchuu irraa adda tahe qaban humnaan ukkaamsanii bulchuuf yaaliin waggoota 27 dabraniif EPRDF taasise wareegama lubbuu ilmaan biyyaa kumootaan lakkaawamuu fi barbadaawinsa qabeenyaa herregaaf hin salphanne dhaqqabsiisuu malee bu’aan inni argamsiise hin jiru. Har’as EPRDF kan dabre irraa barachuu dadhabee, waadaa jijjiirama argamsiisuuf Ummataaf seenes diigee doorsisa, hidhaa fi ajjeechaadhaan ilaalcha siyaasaa kan isaa irraa adda tahe humnaan ukkaamsuu hanga itti fufetti nagaa fi tasgabbiin barbaadamu argamuu hin danda’u. Abdiin jijjiiramaa wareegama qaalii ilmaan Ummatootaan argame kunis adeemsa akkanaatiin dhugoomuu hin danda’u
Ummatni keenya hacuuccaa siyaasaa, saamicha dinagdee fi dhiitta mirga namoomaa Mootummoota Itoophiyaatiin isa irra geessifaman of irraa dhaabuuf qabsoo hadhaawaa baroota dheeraaf gaggeesseen carraa jijjiiramaa amma mul’atu kana wareegama ilmaan isaatiin argamsiise. Har’a garuu maqaa “ol’aantummaa seeraa kabajsiisuu” jedhuun kanneen ari’atamaa, doorsifamaa, hidhaatti guuramaa fi ajjeefamaa jiran warruma kaleessa haala ture sana jijjiiruuf wareegama baasaa turan sana tahuun waan hedduu ummata keenya gaddisiisaa fi garaa hammeessaa jiru dha. Kun ammoo jijjiirama eegalame kana ni gufachiisa malee hin milkeessu. Waan taheef, Mootummaan EPRDF (Bulchiinsi Dr. Abiy) waadaa ummataaf seene kabajee, sochii gama duubaa eegale kana irraa dhaabbatee, haqa jallachuutti jiru kana sirreessuudhaan boqonnaa jijjiiramaa kan wareegama qaalii ummatoota biyya kanaatiin banamee jiru kana milkiidhaan xumursiisuuf fuul-duratti deemuudhaan gahee isaa akka bahatu gaafanna.
Maayyii irratti, doorsisaa fi hidhaa Hoogganootaa fi miseensota, akkasumas, deggertoota keenya irratti Mootummaa Itoophiyaatiin ba’inaan gaggeeffamaa jiru kana cimsinee balaalleffachaa, gochaan kun dhaabbatee, (Jaal Jabeessaa Gabbisaa fi hiriyoota isaa dabalatee) kanneen guutuu Oromiyaa keessatti hidhamanis haal-duree tokko malee hatattamaan akka gadi lakkifaman gaafanna. Ummanti keenyas (keessattuu Qeerroon) osoo ilaallee agarruu qaanqeen jijjiiramaa wareegama keenyaan qabsiisne deebitee akka hin dhaamnee fi qabsoon keenya duubatti akka hin deebineef akkuma kaleessaa bakka jirru hundaa tokkummaadhaan kaanee boqonnaa qabsoo karaa nagaa jalqabne kana akka fiixaan baasnu ABO yaamicha isaa haaromsa.
Injifannoo Ummata Oromoof !
Adda Bilisummaa Oromoo
Amajjii 19, 2019
BECAUSE THEY ARE OROMO: HIDHAA fi AJJEECHAA OROMIYAA
Aside
SBO AMAJJII 16,2019. Oduu, Hiriira guyyaa barattoota Oromoo Amboon taasisamuuf yaamame irratti yaada hirmaattotaa akkasumas Gujii Lixaa keessatti ajjechaa waraanni EPRDF ummata nagaa irraan gahaa jiru irratti gaaffii fi deebii jiraataa naannoo waliin
Aside
SBO AMAJJII 16,2019. Oduu, Hiriira guyyaa har’aa barattoota Amboon yaamame irratti yaada hirmaattotaa, akkasumas Gujii Lixaa keessatti dhumaatii waraanni mootummaa EPRDF ummata irraan gahaa jiru ilaalchisuun gaaffii fi deebii jiraataa naannoo waliin
Aside
Ummata keenya Oromoo dararama ulfaataa keessummeessaa jiruuf waan dandeenyuun haa birmatnuuf!
Aside
(Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo, Amajji 14,2019)Daguuggaa sanyii uummata keenya Oromoo irratti raawwataa jiru utuu arginuu, utuu dhageenyuu callisuu hindandeenyu. Mootummaan rakkoo Adda Bilisummaa Oromoo waliin qabu karaa nagaa furuu didee waraanaan ABO balleessuu irratti hojii hojjetaa jiru cimsinee balaaleffanna. Nuti kan qabsaa’aa turreef nagaan Oromoo akka deebi’uuf malee, araddaan Oromoo xiyyaara waraanaan akka barbadaa’uuf miti.
Hoggana EPRDF afaan Qawween rasaasaan nu ajjeesu bakkaa kaafnee, hoggana Elekoopteraan daguuggaa sanyii raawwatu ofirra bulchuufis qabsoon goone hinjiru. Kun ta’ee utuu jiru mootummaan akkuma “yoo dogoggora raawwatne dhiifama gaafanne beenyaa kaffalla” jedhee dhaadatetti lubbuu lammilee keenyaa guyyaa kaleessaa Qellem Wallaggaa keessatti Xiyyaaraan Boonbii rafarafuudhaan akeeka jallataa, garajabummaan raawwateen ilmaan Oromoo nagaa lakkoofsi itti hinbahin barbadeesse. Kana biratti manneen Barnootaa guutummaatti bakkoota addaa addaatti Elekoopteraan rukuutuudhaan barbadeessee jira. Akeekni akkanaa uummata irratti raawwachuun barnootaan ala Oromoo taasisuuf kan adeemaa jiruuf yaalaa dhabanii uummatni akka dhuman gochuun akeeka Daguuggaa sanyii keessaa tokko ta’uu hubanna. Gochaa kana eenyuun olitti, sirna Oromoo hacuucaa tureen olitti waan nurra geessisaa jiruuf kan balaaleffannu ta’uu Qeerroo Bilisummaa Oromoo nii hubachiisa.
Akkasuma saamichi dhaabbilee hawwaasaa kanneen akka mana Qorichaa fi manneen Baankii irratti adeemsifamaa jiran, utuu waraanni mootummaa uummata daguugaa jiranii saamicha dabalee raawwatamaa jiru cimsinee balaaleffanna. Hidhaan lammilee nagaa Oromoo irra bakka maratti raawwataa jiru mootummaan halduree tokko malee dhaabu akka qabu Oromoon bakka maraa nu cina dhaabbatee gaafaachuu akka qabu dhaamna!
Kanaaf bakka maraa waliif dirmachuutiin Oromoo waan qabuun akka wal bira dhaabbachuu qabnu, mootummaa uummata nagaatti Boonbii Xiyyaaraan roobsaa jiru yakka suukaneessaa raawwataa jiruu irraa akka of qusatuuf qaamotni daguuggaa sanyii raawwataa jiranis gaafatama akka fudhachuu qabaniif addunyaatti gama danda’u maraan uummatni Oromoo akka lallabee himatu gaafanna.
Injifannoon uummata Oromoof
Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo
Amajji 14,2019
SBO AMAJJII 13,2019. Oduu, Ibsa ABO, Godina Qellem Wallaggaa Ona Gidaamii keessatti Ummata nagaa keessatti meeshaalee gugurdaa Helekopterootni mootummaa EPRDF dhukaasaniin jeequmsa ummata mudate irratti marii jiraataa naannoo waliin, akkasumas Godinuma kana saamicha Baankii irratti magaalaa Canqaa keessatti mudate kan ilaaluun marii jiraataa naannoo waliin taasisame
Aside
SBO AMAJJII 11,2019. Oduu, Haala Godinoota Jimmaa fi Qellem Wallaggaa keessatti ta’aa jiru irratti marii jiraattota waliin taasisame
Aside
Olaantummaan seeraa mirga namoomaa keenya sarbuutiin hinmirkanaa’u!
Aside
(Amajji 10,2019 Finfinnee Oromiyaa) Qabsoo karaa nagaatiin waraana uummata keenya Oromootti bobbaa’ee humna halagaan waggoota dheeraaf ajjeechaa, ukkaamsaa, reebichaa fi hidhaa dabalatee saamichaaf wantoota dhibii nurraan gahaa ture afaan rasaasaa jala dhaabbachuun faashina Qawween uummata bituu, faashina Qawween biyya tokko bulchuu, faashina Qawween biyyatti keessaa dimokiraasii balleessanii abbaa irrummaan waggoota dheeraa jiraachuuf hawwuu fashalsuun akka dandaa’amu agarsiisnee jirra.Qaamni “Abbaa Irreen ta’a!” jedhee dhaadatu yoo jiraates karaa nagaatiin qabsoofnee akka nurratti abbaa irree ta’uun hindandaa’amne agarsiisuuf qophiidha.
Qabsoon keenya humnoota qabsoo uummataa gaggeessaniis ta’ee, humnoota akka garbaatti sirna tokko suphuuf maqaa jaarmiyaan jiran kan ajaja qaama biraa fudhatanii uummata isaanii hacuucuuf ijaaraman jabeessuutiin rogeessinee isinis humna isaaniin gaggeessuu, humna isaaniin ajajuu, humna isaaniin bulchuu qabdu jechuutiin isaaniinuu dammaqsinee mogolee ta’uufiitiin, halagaas irraa jifataa aangoo bulchiinsaa olaanootti ol fiduun keenya, akkasuma paartilee mormituuf afuura aara galfii ta’uutiin ofii aarsaa qaamaa qalbii, aarsaa dhiiga dhangalaa’uu, lubbuu darbuu, qaamaa hir’achuu kaffallee humnoota cunqurfamoo impaayeera biyyattiif uummata cunqurfamoof ifaaf bilisatti riqicha ceesisu dimokiraasii haqaa ta’uu Qeerroon Bilisummaa Oromoo mirkaneessinee jirra.
Gatiin aarsaa Qeerroo Bilisummaa Oromoo hidhaarraa gara hidhaatti darbuuf dararama irraa gara dararamaatti, du’arraa gara du’aatti dabarsuun mirga paartii siyyaasaa barbaade dhorkamuuf sobaan yakkamaa taasifamee adamsamuu ta’uun guddoo nama gaddisiisa nu onnachiisee humna abdataa turreerraa abdii nu kuchisiisees jira. Har’a maqaa olaantummaa seeraa jedhuun jaarmiiyaa Qeerroo Bilisummaa Oromoo fi miseensota ABO qabanii hidhuun olaantummaa seeraa utuu hintaane, olaantummaa abbaa irrummaa ta’uu Qeerroon Bilisummaa Oromoo nii amana. Olaantummaan seeraa uummata nagaatti dhukaasanii ajjeesuutiin, Abbootii Gadaa hidhanii dararuun, maanguddoo hidhanii mankaraarsuun, hoggantoota paartii mormituu hidhanii hiraarsuun, Nu Qeerroo Bilisummaa Oromoo hidhanii jeequmsa maddisuun nagaa hongeessanii mirkana’a utuu hintaane olaantummaan seeraa, heeraaf seera biyyattii mootummaan akka mootummaatti kabajee, mirga uummataaf mirga paartilee mormituus tiksee kan mirkaanaa’u malee mirga paartilee mormituu sarbaa olaantummaa seeraatu mirkanaa’e utuu hintaane olaantumaa seeraatu cabe jennee amanna akkasidhas. Biyyattiin ammoo lafa jaarmiyaan mootummaa humnoota waraanaa mootuummaa irraa qabanii qaamotni tikaaf kanneen biroon olaantummaa seeraa cabsanii jiranitti, humna olaantummaa seeraa cabseen Olaantummaan seeraa hinmirkanaa’u. Qaamotni kun nagaa uummataa waan booreessaniif nagaa argattee jirti biyyi, nagaa argachuuf jirtis jechuun hindada’amu.
Gochaa mootummaan maqaa olaantummaa seeraa jedhuun maanguddoota keenya, Abbootii Gadaa keenya dabalatee nu Qeerroo Bilisummaa Oromoo fi miseensotaaf deggartoota ABO akkasuma hoggantoota ABO irratti fuulleffatee hidhaa raawwataa jiru Olaantummaa Seeraa kabachiisuu utuu hintaane; Olaantummaa seeraa cabsanii, Oromummaa balleessuuf Adda Bilisummaa Oromoo ABO dhabamsiisuuf kan hojjetaa jiru ta’uu hubachuudhaan uummatnis kana akka hubatu Qeerroo Bilisummaa Oromoo nii hubachiisa.
Waan ta’eef maqaa Olaantummaa Seeraa dhahachuun, dahoo olaantummaa seeraa jala gugatanii akkuma waggoota 27 hidhaaf hiraarsaa nurratti adeemsisaa turan humna kaleessaa nu basaasaa ture tika mootummaa EPRDF kaleessaa nutti bobbaasanii badiisaa kaleessaaf gaafachuunuu hafee, waraana kaleessa nu ajjeesaa ture nutti bobbaasanii badiisaa kaleessaaf seerri gaafachuu dhabe, nu qabsaa’ota karaa nagaa yakkamaa taasisuu hindanda’u; akkasuma gochaan sobaan yakkanii adamsanii ni hidhuu mirgoota namoomaa keenya sarbuu ta’uu hubachuutiin doorsisaaf hidhaa akka nurraa dhaaban ammas gadjabeessinee mootummaa nii gaafanna.
Qeerroo Bilisummaa Oromoo yeroo sirni EPRDF kallattiin Qawween dhaadataa tureyyuu karaa nagaa qabsaa’aa ture, har’as karaa nagaa qabsaa’aa utuu jirruu adamsanii nu hidhuutti fuulleffachuun yakka qofa utuu hintaane Olaantummaa Seeraa cabsuu waan ta’eef mootummaanis ta’ee qaamotni mirga sochii keenyaaf mirga lubbuun jiraachuu keenya dhorkuuf hidhannoon nutti bobbaafamanii mana jireenyaa keenyatti nutti dhufanii doorsisaaf hidhaa nurraan gahaa jiran akka nurraa dhaabbatan gaafanna.
Kana ta’uu hubatuutiin uummatni keenya, uummatni nuti aarsaa kaffalleefii isa waliin kufnee kaanee, ajjeefamaa gidirfamaa sadarkaa abdatamu kanarraan geessifne firii fuulduraas akka argatuuf qaama nu adamsuutiin akka isaaf (uummataaf) hindubbanne nu godhuuf bobba’eef qaama nageenya keenya booreessuf nu hidhuutti fuulleffate kana nu cina hiriiree akka balaaleffachuu qabu cimsinee gaafanna.
Injifannoon Uummata Oromoof
Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo
Amajji 10,2019
Finfinnee Oromiyaa
