Bitootessa 18,2016/ Godina Harargee Lixaa aanaa Mi’eessoo magaala Mi’eessoo keessa daandii kutee darbu torban tokkoo ol tahuun erga cufamee Qeerroo ona Mi’eessoo irraa gabaasee jira. Odeeffannoon kun akka nu gahetti torban kana guutummaa irraa kaasee FXG Harargee lixaatti gaggeeffamaa jiruun humnootni agaazii godinicha keessa buufatee jiru ammallee uumata naga airratti miidhaa gaggeessaa waan jiruuf haala tarkaanfiin ummataa fi barattootaa haalaan bal’ate itti fufee jira. caasaan mootummaa kamuu godina oromiya kamuu keessa akka hin jraanntarkaanfin uummataa haalaan bal’atee itti fufee jira jedha qeeyroon godina hararge mi’eessoo irraa. Oromiyaa keessa hidhamtootni konkolaataadhaan fe’amanii gara itti geeffaman hin beekaman haga ammaatti hordoffiin godhamuu qabuun jala bu’amaa jira. uummanni keenya harka diinaa galan hedduun badaniiru.
Partial list of Oromos mainly students that have been killed by Ethiopian regime police, security agents, Special and armed force during peaceful demonstration of last three months (updated stand. March. 2016)
Aside
Partial list of Oromos mainly students that have been killed by Ethiopian regime police, security agents, Special and armed force during peaceful demonstration of last three months (updated stand. March. 2016)
Partial list of Oromos mainly students that have been killed by Ethiopian regime police,
Wayyaanot Yuunibarsiitii Jimmaa Qubatan Gocha Diinummaa Barattoota Oromorratti Raawwachuu Itti Fufan
Aside
Yeeroo gara yeerootti barattoota Oromoo adamsee afaan diinaa buusuun adda duree kan ta’e Mooraan Yuunibarsiitii Jimmaa guuyyoota sadeen darbe keessa mooraa Techno keessa barattoota sadii gara mana hiraarsaa Qaallittitti akka dabarse nii yaadatama har’as Beeksisa barattootarratti baasaa akka jiru dhaga’amaa jira Gocha kana adda durummaan Raawwachaa kan jiran Kaalid abbaa Tamaam yoo ta’u miidhama barataarraan gahaa jiruuf itti gaafatamaa ta’uu hubachiifna.QeerrooDhaamsa Hatattamaa Qeerroo Bilisummaa Oromoo Irraa Kenname.
Aside
“Yeroo diddaa fi mormiin Oromoo gara fincilaa fi warraaqsaatti guddachaa adeemutti, waantota armaan gadii kunneen eeguu fi eeggachuun barbaachisaa dha.
1. Manneen sagadaa fi amantii, ardaalee amantii
2. Caasaalee hawaasummaa kan akka manneen barnootaa, manneen yaalaa, tajaajila buur-misoomaa,
3. Aadaa waliin jireenyaa fi walgargaarsaa
4. Qabeenya ummataa fi biyya Oromiyaa
5. Qabeenya uumamaa tiksuun barbaachisaa dha.
Qeerroon Bilisummaa Oromoo akka amanutti, ummati Oromoo lafaa fi qabeenya isaa abbootii qabeenyaan irraa fudhatame deebifachuuf mirga guutuu qaba. Caasaalee fi ijaarsota mootummaa garboonfataa ofirraa kaasuunis mirga ummataa ti.
Namoota mootummaatti hirkatanii ummata miidhan gorsuu fi karaatti deebisuun hojii keenya innikaa dha. Garuu, yoo gorsaa fi akeekkachiisa ummataaf gurra kennuu didan barumsa malchiisu kennuufiin barbaachisaa dha.
Kaayyoon keenya Bilisummaa Oromoo akka dhugoomuuf qooda keenya bahuu dha. Kaayyoo ummata Oromoo kana milkeesuuf waan kaayyoo saba keenyaa jabeessu irratti hojjachuu dha; gama kaaniin immoo waan hundee diinaa jabeessuciruu fi balleessun akka nagaa fi bilisummaan Oromoo dhugoomu hojjachuun akeeka keenya waan ta’eef jabaatee itti fufa!”
Qeerroo Bilisummaa, Bitootessa 17 bara 2016.
Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo (SQ) Bitootessa 17, 2016
Aside
Godina Iluu Abbaa Booraa Aanaa Hurumuu Keessatti FXG Itti Fufuu Qeerroon Gabaase.
Aside
Bitootessa 17,2016, Iluu Abbaa Booraa aanaa Hurumuu ganda Soonxaa jedhamutti har’a FXG itti fufee ooleera. Uummata , qonnaan bulaa, barataa, hojjetaa mootummaa fi daldalaan jaarsaa fi jaartii utuu hin jennee gara FXGtti makamee jira. Dhaadannoo
– Oromiyaan ni bilisoomti
– Abbaan biyyaa oromoodha
– Tigree nurraa haa galtu
– Wayaaneen hattuudha
Jechuun guyyaa guutuu dhaadannoo dhageesisaa oolaniiru. Miseensa kora bittinneessaa keessa poolisiin lama humna uummataan madeeffamee hojiin ala tahee jira. konkolaataan aanichaa fi waajjirri ganda soonxaas ibiddaan gubatee jira.
Mootummaan Wayyaanee EPRDF/TPLF/ Bulchiinsa waraanaan Oromiyaa shororkeessa kan jiruu humna Waraanaa Uummata Oromoo irra qubsiisee jiruun duula hidhaa jumlaa gaggeessaa jiraachuu Qeerroon gabaase .
Aside
Gabaasa Qeerroo Bitootessa 17,2016
Mootummaan Wayyaanee EPRDF/TPLF/ Bulchiinsa waraanaan Oromiyaa shororkeessa kan jiruu humna Waraanaa Uummata Oromoo irra qubsiisee jiruun duula hidhaa jumlaa gaggeessaa jiraachuu Qeerroon gabaase .Warraaqsii FXG’ yakka waraanni rawwachaa jiruun dhaabbachuu hin dandeenye, daranuu jabaatee Oromoon bulchinsa waraana duradhaabbatee falmaa bilisummaa itti fufe jira.
Dulli hidhaa jumlaa kun Godinaalee Oromiyaa hundarratti gaggeeffamaa jira, Ilmaan oromoo umriidhaan illee utuu hin daangeffamiin daa’imman ganna 8 dabalatee hanga manguddoota ganna 85 olitti kan keessatti argaman godinaalee Oromiyaa cufa keessatti waraanaan dirqisiifamanii qabamuun manneen hidhaa, sadarkaa gandaa, Aanaa,Godina fi manneen Hidhaa biyyaatti beekamoo kanneen akka Maa’ikalawwii, Qilinxoo, Qaallittii, Ziwaay, Shawaa Roobiti kanneen jedhaman keessatti haala suukaneessa ta’een ilmaan Oromoo ukkanfamanii hidhamuun manni hidha wal haqatee jiraachuun Walqabatee. magaalaa #Finfinnee Keessatti ma’ikalawwiin waan bakka itti hidhan wal hanqatee jiruuf gara Wajjiraalee bulchiinsa magaalaa Finfinnee hundarraattii fi waajjiraalee Poolisii Magaalaa Finfinnee keessa jiru keessatti ilmaan Oromoo ukkaanfamaa jiraachuun ibsamee jira.
Bakki itti Oromoo hidhan waan wal hanqatee jiruuf Ilmaan Oromoo hedduun mooraa Waraanaa Xollaayi, Mooraa Waraanaa Magaalaa jimmaa keessa jiruu fi Dhidheessatti guuramanii hidhamani jiru. Waraanni wayyaanee Magaallota oromiyaa kanneen akka Amboo, Naqemtee, Gimbii, Gullisoo, Walisoo,Adaamaa, Shashamannee, Roobee Asallaa, Ciroo, Harammayyaa, Gujii, Yaabelloo keessatti Yakka saamichaa, dirqisiisanii gudeeduu, fi Halkan ilmaan Oromoo ukkamsuun gara dabarsuu irratti bobba’uun yakki waraanaa ulfaataan Oromiyaa keessatti jabaatee itti fufee jira.
Yakki ajjeechaa jumlaa(#genocide),hidhaa jumlaa fi dararaa fi shoroorkeessii waraana wayyaaneen ilmaan Oromoo irratt rawwatamaa jiru kun ilmaan Oromoo sirnicha keesatti sadarkaa waraanaa hanga hojjettoota siiviliitti jiran dachaan akka uummata isaanii cina dhaabbatanii fi sirnicha gananii keessa of baasuun lammii isaanii waliin falmatan godha jira. haaluma kanaan yeroo amma kanatti milishoota gandaa hanga poolisootaa fi kora bittinneessaa dabalatee ilmaan Oromoo caasaa waraana wayyaanee keessatti argamanitti rakkoon ulfaataan dhalachaa jira. Uummatni Oromoo mirga isaa fi bilisummaa dhugaa isaaf waan karaa nagaan falmateef akka malee ajjeefamuun, hidhamuu fi madeeffamuun sabaa fi sablamoota cunqurfamoo ollaa Oromiyaa ta’anii fi Oromiyaa keessa jiran illee kan warraaqsaatti galchee jiru ta’uun beekamadha. adeemsii kun immoo mootummaa wayyaanee kufaatii isa dhumaa fi ijibbaataan ga’ee waan qabee gadhiisuu wallaalee jira.
maqaa hidhamtoota Oromoo jamlaan aanaa ,Ganda, Godina, Oromiyaa fi dhaabbilee barnoota hundaa irraa waluma hidhamanii fi wareegamanii, madeeffamanii yeroo yeroon uummata addunyaaf tamsaasaa waan jirruuf bakka tokkotti gabaasa kana waliin kaa’uun gababbina yeroof malee kuusaa galmee qeerroo irratti save goonee jiraachuu isin hubachiifna.
Godina Hararge Lixaa Aanaa Habroo Magaalaa Defo Keessatti Daa’immaan Oromoo Karaatti Bahanii Wallee Warraaqsaa Wallisu.
Aside
Godina Wallaggaa Lixaa Aanaa Jaarsoo Magaalaa Jaarsoo Keessatti Manneen Barnootaa Guutummaatti Cufaman,Kaabinooti Wayyaanee Irree Uummataan Adabamaa Jiru.
Aside
Bitootessa 17,2016, Godina Wallagga lixaa aanaa Jaarsoo magaala Jaarsotti barattootni Bitootessa 16 fi 17,2016 kaleessaa fi har’a mana barumsaadarkaa 1ffaa, 2ffaa fi qophaayinaa guutuummatti cufamee jiraatuu Qeerroon gabaasee jira.
Misensotaa fi kaabinee Wayyaanee irratti tarkaafiin fudhatamee jira. manneen jireenyaa milishootaas gubatee jira. Tarkaanfii uummtaa fi humna hin beekamneen poolisoonni Wayyaanee hedduun madeeffamanii jiru.FXG ona kanatti halkan kanas kan itti fufee jiruudha. Humni addaa magaala Najjoo irra buufatee jira jedhu jiraattootni magaala Najjoo.
FXG Godinaalee Oromiyaa Adda Addaa Keessatti Ta’een Ummannii fi Loltooti Wayyaanee Jidduu Falmaan Dhalatee Jira
Aside
Gabaasa Qeerroo Bitootessa 17,2016
Erga gaafa Bitootessa 15,2016 Irraa Kaasee FXG Godinaalee Oromiyaa Adda Addaa Keessatti Ta’een Ummannii fi Loltooti Wayyaanee Jidduu Falmaan Dhalatee Jira, Godinaalee kanneen akka:-
1. Iluu Abbaa Booraa keeysatti – magaala Mattuu, Hurumuu, Baddallee, Manneen barnootaas sadarkaa 1ffaa Burusa keeysatti argamu sadarkaa 2ffaa fi qophiyaaninaa Hurumuu fi kkf tti wayyaanen humna badii ishee ergaa jirti. Uummanni fi barattootni godina Iluu Abbaa Booraa FXG akkuma eegaletti akka itti fufu jajjabina fi murannoo dabarsaa jira.
2. Godina Horro Guduruu fi Baha wallaggatti aanaalee kan akka Jaargadaa Jarte,Jimmaa Raaree, Naqamte, yuuniversitii wallagaga fi manneen barnootaa kannen akka Jaargada Jarte sadarkaa 2ffaa mana kombolchaa sadarka 2ffaa, mana barumsaa Abaabo Guduru sada.1ffaa, 2ffaa fi qophaayinaatti wayyaane tarkaanfii dhumaa fudhanna jettee jirti. Barattootni fi uummanni godina wallaa bahaa fi horroo barattoota waliin hiriiruun FXG ammallee sodaa hidhaa fi ajjechaa malee itti fufee jira. Diinni tarkaanfii fudhachuun uummataaf haara miti bodatti hin deebinu akkam tahullee jechuun murteeffatee jira. Humni addaa oromiyaa keesa magaalota garagaraa qubatee jiru FXG uummata Oromoo dura dhaabbachuu hin dandeenye.
3. Wallagga Yuuniversitii dame Gimbiitti argamu barumsa dhaabanii jiru. BARATAAN WALLAGGA YUUNIVERSITII MAIN KAAMPAASI IRRAA DHABAME NUUF HAA DEEBI’U BARATAAN HIDHAME HAA GADHIIFAMU HUMNI WARAANA MOORAA KEESA BUUFATEE JIRU HAA BAHU KAN DUEEF GUMAA NUTU BAASA jechuun waraqaaleen mooraa yuuniversiii dame Gimbiitti bittimfamaa jira gidduu kana. Barataanis barumsa dhaabee mooraa keessa buufatee jira. Barattootn nyaata lagachuunis beekameera.
4. Adaamaa Yuuniversitiitti diinni barattoota irratti tarkaanfii suukkanneesaa fudhataa jira barataan moraa yuuniversiti Adaama harki guddan hidhamee jira kaan maati isaatti baqatee jira kan ukkaamfame hedduudha jedha qeeyron adaamaa. Waardiyaa fi poolisiin mooraa Yuuniversitii barattootni keenya utuu ukkaamfamanii hin ilaallu jechuun hojii gadhiisaa jiru waardiyaan humna diinaa mooraa seenaa jirutti karra cufe reebichaan miidhamee jira.
Akka walii galaatti dhaabbileen barnootaa oromiyaa keessa jiru humna diinatu dhuunfatee jira addatti humna addaa wayyaanee. Manni hidha Wayyaanes wal hankakee jira
– Hidhaan hiika hin tahu
– Bilisummaan keenya dhufeera
– Uummanni Oromoo gabrummaatti hin hafu
– Wayyaaneef kana booda dhumeera
– Mootummaan wayyaanee shororkeessadha
Jechuun baratootni fi Qeeyroon godinoota addaa oromiyaa keessa Buraayyuu, Laga Xaafoo, Sulultaa, Sabbataatti waraqaa bittimsaa jiru.