Magaalaan Naqamtee Wallaggaa Hoomaa Waraana Wayyaaneen Weeraramtee Uummata Irratti Yakki Hojjetamu Daran Jabaatus FXG Itti Fufe.

Aside

IMG_20160317_145823 IMG_20160317_163656 IMG_20160317_171225Bitootessa 19,2016/ Magaalaan Naqamtee hoomaa waraanaan weerararamtee jirti.Humni federaalaa daran humna magaalatii ol baayyachuun uummata magaalaa naqamtee fi naannoo ishee doorsisuu,hidhuu fi mana uummataa irra deemuun manuma keessaa gad harkisanii baratoota fi uumata magaalaa kana irratti reebichi gara laafina hin qabne gidduu kana hammaachaa jiraachuu Qeerroon gabaasa. Akka Qeerroon gabaasetti meeshaan humna federaalaa kanaaf dabalataan akka naannoo kumsaa morodaallee dhufee seenee jiru maddeen keenya ibsanii jiru.

Mana Adabaa Poolisii Godina Wallaggaa Magaalaa Gimbii Keessatti Sabboontoti Oromoo 60 Ol Dararaa Cimaan Irra Gahaa Jiraachuu Qeerroon Gabaase.

Aside

Because I am OromoBitootessa 19,2016/ Yeroo ammaa kanatti Ficila Xumura Gabrummaa waliin wal qabatee sabboontoti ilmaan Oromoo kumaatamaan manneen hidhaa beekamaa fi hin beekamiin hedduu keessatti guutuu Oromiyaa keessaa dararamaa jiru. Godina Wallaggaa magaalaa Gimbii keessattis Oromoota maatii fi hiriyyoota irraa dubbisa dhorkamanii yeroo ammaatti dararamaa jiran namoota 60 ol keessaa hammi tokko:-

  1. Solomon Mokonniin- Barreessaa KFO Godina W/Lixaa fi hojjetaa mootummaa
  2. Tafarii Baqqalaa – Damee ijaarsa KFO Godina W/Lixaa
  3. Girmaa Tamasgeen – Koree hoji raawwachiiftuu KFO G/W/Lixaa
  4. Yoseef Lammii – Kan filannoo darbe taajjaban
  5. B/saa Malkaamuu Taarikuu – Filannoo kan taajjaban
  6. B/saa Amanaa Gabbisaa – Kan filannoo taajjaban
  7. B/saa Caalaa Indaaluu- Barsiisaa Mana Barumsaa Adiveentistii Gimbii
  8. B/saa Alamuu Asaffaa – Barsiisaa Mana Barumsaa Adiveentistii Gimbii
  9. Obbo Kifiluu Daaqaa- Ogeessa Hospitaala Adiveentistii Gimbii
  10. Obbo Daggafaa Wayyeessa – Hojjetaa Mana Murtii G/W/Lixaa
  11. Obbo Balaay Taammanee – Hojjetaa Baankii Awwaash Gimbii
  12. Obbo Tasammaa Taliilaa – I/G/Waldaa walgargaarsaa Buusaa GonofaaWalumaa gala namootni 60 maatii waliin akka wal hin dubbisne dhorkamuun yeroo dararaa cimaa kan irra ga’aa jirudha.

Barattootni Wallagga Lixaa Magaalaa Najjoo Barumsa Dhaaban‏

Aside

jaretBitootessa 18,2016 /Wallagga lixaa magaalaa Najjootti kan argamu mana barattootni barumsaa sadarkaa 2ffaa “ kan hidhaman haa gadhifaman” jechuun barumsa dhaabanii jiru. Akkasma Boojjii Birmajiitti mana barumsa sadarkaa 1ffaatti barumsii dhaabbatee jira. Akka walii galaatti oromiyaa keesatti ibarumsi guutummaan guututti dhaabbatee jira.

Godina Wallaggaa Qellem Ashii Keessaa Barsiisonni Oromoo Ta’an 3 Ukkaamfaman, Barataan Tokkos Rasaasa Waraana Wayyaaneen Rukutame‏

Aside

Bitootessa 18,2016/ Godina Qelle wallaggaa ona Anfilloo ganda Ashii jedhamutti guyyoota muraasa dura FXG uummata fi barattootaan ka’uu Weerroon gabaasee jira. Akka odeessa ammas Qeerroon gabaasee jiruttis humni agaazii jedhamu haga Dafinoo dhufuutti gandicha irra akka qubatee jiraaatuu fi uummatas hiraarsu dirqama fudhatee akka jiruu fi uummanni karaa irra deemuu hin danda’u manaas gadi ba’aa akka hin jirre kan gabaafamee fi barattootni fi barsiistoni hedduun kan ukkaamfamanii fi rasaasaan barattootni lama kan rukutama Qeerroon gabaasee jira.
Barsiisaa Jambar Xurunaa -barsiisaa sadarkaa 2ffaa kan tahe kan ganda Ashii Barsiisaa Baayisaa Kabbadee- Barsiisaa sadarkaa 2ffaa ganda Ashii
Barsiisaa Faantaa Mankar- sadarkaa 1ffaa kan barsiisu yoommu tahu Baratoota rasaasa wayyaaneen rukutaman keessaa Daawwit Tasfayee kan jedhamu miilla rukutamee amma Hospitaala Dambi Doollootti yaalamaa kan jiru tahuu Qeerroon gabaasee jira. Barattootni hedduunis ukkaamfamani jiru. Kun gabaasa Bitootessa 17/2016ti

Magaala Baddallee Godina Ilu Abbaa Boor Keessatti FXG Itti Fufe.

Aside

st Bitootessa 18,2016 /Godina ‪‎Iluu_Abbaa_Booraa‬ Magaalaa Baddalleetti warraaqsii FXG daran jabaachuun itti fufun guyyaa har’aa Goototni Barattootni Oromoo M/Barnootaa sadarkaa 1ffaa Qaanqaccoo Magaalaa Baddalleetti argamu keessatti alaabaa mootummaa Wayyaanee gubuudhaan sochii isaanii daran jabeessuun, waraana mootummaa jala dhaabbachaa jiru, Gabaasaan itti fufa!!

Bitootessa 18/2016 Godina Lixa shaggar Amboo: Aanaa Adaa’aa Bargaa Mogoriitti goototni barattootni Oromoo warraaqsa jabeessuun itti fufan‏

Aside

Bitootessa 18/2016 Godina Lixa Shaggar Amboo: Aanaa Adaa’aa_Bargaa Mogoriitti guyyaa kaleesaa 17/2016 irraa eegaluudhaan goototni barattootni Oromoo Mana Barnootaa Muka Odaa sad.1ffaa fi Reejjii sad.2ffaa warraaqsaa FXG itti fufuudhaan waraana Wayyaanee dhagaan ari’anii mana barnootaa keessaa baasaniiru. Waraanni wayyaanee Humnaan M/B Reejjii sadarkaa 2ffaa seenee barattoota ukkaamsuuf yaalii godhullee dhagaan dura dhaabbachuun irree qeerrummaa isaanii fi Onnee oromummaa Isaanii diinatti argisiisuun waraana wayyaanee kan of irraa deebisan yoota’uu warraaqsii kun guyyaa har’aa illee jabaachuun itti fufee jira.

Bitootessa 18,2016 Godina Iluu Abbaa Booraa Magaalaa Baddalleetti Warraaqsii FXG Daran Jabaachuun Itti Fufun‏

Aside

Bitootessa 18,2016/ Godina Iluu_Abbaa_Booraa Magaalaa Baddalleetti warraaqsii FXG daran jabaachuun itti fufun guyyaa har’aa Goototni Barattootni Oromoo M/Barnootaa sadarkaa 1ffaa Qaanqaccoo Magaalaa Baddalleetti argamu keessatti alaabaa mootummaa Wayyaanee gubuudhaan sochii isaanii daran jabeessuun, waraana mootummaa jala dhaabbachaa jiru,

Aside

Bitootessa 18/2016 Godina Lixa Shaggar  Amboo: Aanaa #Midaa_Qanyiitti warraaqsii FXG itti fufuun walqabatee Waraanni Wayyaanee Barattoota Oromoo M/B Baallammii sadarkaa 2ffaa fi qopha’inaa irratti Boombii dhoosuun #Yakki_waraanaa Barattoota Oromoo irratti raawwatame jira.

 barattoota hedduu madeessuu fi hedduu immoo humna waraanaan ukkamsee hidhaatti guuraa jira, Aanaa Midaa qanyii Keessatti manneen barnoota sadarkaa 1ffaa hanga sadarkaa 2ffaa fi qopha’inatti jiran guutummaatta cufaman. guyyaa har’aa magaalaan Baallammii Waraana Wayyaaneen goolama jirti,

Salaalee Yuuniversitii Fiichee FXG Har’a Barattoota Oromoon Ka’e.‏

Aside

Bitootessa 18,2016/ Salaalee Fiichee Yuuniversitiitti barattootni har’a FXG gaggeessun nyaata lagatanii jiru. Barattootni mooraa kana gara FXGtti bahuuf sababa kan tahe kanaan dura kan beeknu nuti yuuniversiti Finfinnee jala turre yeroo darb miiidiyaan yoo dubbatu YUUNIVERSITII SALAALEE jechuudhaan dubbate nuti kan beeknu yuuniversitii Finfinnee jala jiraachuu miidiyaan kandubbatu akka Yuuniversitii of danda’aatti kun karaa ittiin uummanni mootummaa babal’inavbarnootaa irratti hojii hojjetaa jiruuf sammuun uummataas tasgabbaa’u akka waan uummanni kun bulchiinsa gaaritti lakkaawatuun gaaffii amma qabate jiru kana dhiisuutti yaaduu waan taheef sobuma wayyaneetti baanee mootummaa kana kuffisuu qabna jechuun FXGtti barattooni yuuniversitii kanaa barumsa dhaabanii jiru.

Manneen barnootaa Shaggar lixaa fi kibba lixa Shaggar dhaabbatee jira torbanootas lakkaawe‏

Aside

Bitooteessa 18,2016 /Godina lixa Shaggar aanaa Incinniitti gandoota 3 keessattu waraqoonni Qeerroodhaan bittimfamanii jiru. Halkan kaleessaa waraqaan balaliituun bittimfamee bules
– Namni kamuu gibira kan kaffalu yoo tahe tarkaanfii barbaachisaa isin irratti fudhanna
-Walgayii mootummaa irrattis kan hirmaatu kamuu adaba jala jira
-Mootummaa namni deggeru kamuu dhiiga dhangala’etu itti laaqamee jira
warra gumaa keessatti hammatamuu keessan of beekaa!
Jedhu halkan edaa bittimfamee bule har’as bifuma kanaan waraqaan kun magaala Incinnii keessatti sabboototni dargaggoonni Qeerroo bittimsanii jiru. Amma yeroon kun waraanni wayyaanee walgahuu hankaakeetu jira. Aanaadhuma kana keessatti dargaggootni 10 tahan mana barumsaa sadarkaa 1ffaa kan tahe seenuun alaabaa Itoophiyaa buusuun ibidda itti qabsiisuun diina gara gubanii jiru. Itti fufuudhaan guyyaa har’aas aanaa Gindabarat magaala Kaachis keessatti mana narumsaa sadarka 2ffaa fi qophayinaatti dhaadanooleen armaan gadii barreffamaanis tahu dhaadannoodhaan barattootni
– OMN maaliif cufame??
– Kan hidhaman haa gadhiifaman
– Wayyaaneen dhiifama gaafachuun tooftaadha
Jedhuun dhaadannoo dhageesisaa oolaniiru. Dabalatan aana Calliyaatti ganda Jaarsoo konklaataa hojii projektii daandii irratti tarkaanfii fudhatameen guutummaatti tahuu baatus humni wayyaanee qaqqabee oolfatee jira. Aaanaaleen godina shawaa lixaa hedduun kanneen akka Meettaa Roobii sadarkaa 2ffaa hojii baruuf barsiisuu dhaabanii kan jiran bubbuluu fi “ Hidhamtootni Haa Gadhiifaman” kan jedhu qabatun barumsi dhaabbatee jira. Bilisummaan dhiyaatte FXGs daran jabaatee itti fufeera.