Aside
FRANCE24: Anger among Ethiopia’s Oromo boils over
Aside
Aside
Lafti Oromoo Naannoo Zuwaayii fi Bakkoota Adda Addaa Akka Saamamuuf Haaraatti Karoorfame Qorannoo ministeera Induustrii Itiyoophiyyaa Qeerroon Saaxile.
Aside
Ebla 1,015 ,Wayyaneen lafa Oromoo ammas daddabalee saammuuf kutatee ka’uu isaa kan agarsiisu qorannoo kaampanii Indiyaa tokkoon qoratame karaa Ministeera induustrii Itiyoophiyyaa naannoo Ziwaay- Bulbulaatti dhabatuuf deemu maqaa Agro-industrial park jedhu documantii guutuu kunooti. Oromoon waan kana sirnaan ilaaluun falmaa isaa akka jabeessu Qeerroon dhaamsa dabarsa.
1 IAIP Presentation
NAMNI EJJANNOO QABU, QILLEENSA YEROON HIN RAAFAMU !!!
Aside
SEENAA Y.G(2005)
Ilmaan Oromoo gadi-jabeessanii hubachuu kan qaban, wayyaaneen , wareegama ulfaataa kafalaa jirru ilaaltee, akka garaa nu laaftuu ykn marii karaa nagaa jedhamutti harkisuuf ykn hawaasi addunyaas, haala kana nu hubattee , harka akka nu irra qabdu ykn wayyaanee irratti dhiibbaa akka taasiftuuf qofaa akka hin taaneedha. Qabsoon keenya sadarkaa kana irra dabreera. Wareegamni haalaan qaalii ta’ee kafalaa kaa jirruuf, wayyaanee hidda ishee waliin Oromiyaa keessaa fi Ummattoota cunqurfamoo irraa buqqisuuf ta’uu adda baafatanii beeku qaban. Wareegamni har’a ijoollee qacaleen ykn ol-guddattuun kafalaa jirru ulfaataadha. Wareegamni qaalii kun, waan araaraa fi jettee jettee namootaan wal bira qabnee falaasama kan itti baayyifnuu miti. addunyaatti kan iyyaachaa jirruuf, har’a waan isinitti himaa jirru sirreessuu dhiiftanii, ykn sirna isin jiraachisaa jiratan hin sirreessitan taanaan rakkoon kana caalu dhufuu akka danda’uu hubadhaa jechuuf qofaadha. Sababaan adda duraa, humnoonni alaa wareegama qaalii nuuti kafalaa jirruuf waan wal gitu hojiin argisiisuu jennee abdii guutu irraa hin eegnu. Wareegama lubbuu nuuti kafalaa jirru irra, dantaa isaanii akka dursan waan beekamuuf, Wareegama ulfaataa gama hundaan umamuu danda’uuf, itti gaafatamummaa hin qabnuu jennee beeksifachaa jirra malee, karaa nu haaxaa’aatii waan barbaannutti nu qajeelchaa jechaa hin jirru. Kana qalbifachuu dhabuutu haasaa qilleemsa yeroo waliin dhufuun raafamaa jiraanna. NAMNI EJJANNOO QABUU ,QILLEENSA YEROON HIN RAAFAMU !!!!!
Bitootessa 31/2016 Godina Lixa Shaggar Aanaa Midaa Qanyii irraa Ilmaan Oromoo Nagaan 64 waraana Mootummaa Wayyaanee EPRDF/ TPLF’n Ukkanfamuun Butamanii Mooraa Leenjii Waraanaa Wayyaanee kan Godina Jimmaatti Argamuu Xoollayitti Hidhamuu Qeerroon Gabaase
Aside
Mootummaan Wayyaanee Barattoota Oromoo Yuniverstii Jimmaa Irratti Yakka Guddaa Raawachaa Jiraachuu Qeerroon Saaxile.
Aside
Magaalaa Jimmaa Keessatti Sochii Qeerroon Mirga Abbaa Biyyummaasaaf Taasisaa Jiru Daran Babal’ate
Aside
Guutummaan Magaalaa Jimmaa Gootummaa Qeerroon taasisaa jiruunraafama guddaa keessa siintee jirti.Qeerroon Yuunibarsiitii torban darbe keessa Waraqaa Qeerroo mooraa Yuunibarsiitii keessatti dhoobaa akkuma ture har’as gootummaaf murannoon qeerroo magaalaa Jimmaa ykn humna diinaa buufatee magaalicha keessa hidhannoo guutuun socho’u hudhee qabee jiraSagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo (SQ) Bitootessa 31, 2016
Aside








