Dachaasaa Deebisaatiin
Qabsootu Wareega Barbaada malee wareegamni Qabsoo hin barbaadu
Goototni kaleessaa waan guddaa nuuf bu’eressanii dhiigaa isaanii chaapessanii taran. Wareega isaanii sanatu sona nagaatti nu geessuuf har’allee wirriiqa. Wareegamni qabsoof kaffalamu wareegama sabaati.
Isaan kaleessa shiftaa diinaan wareegaman sanneentu tokkummaa riqicha guddaan nuuf ijaaree darbe. Isaanirra dhaabannee afaan keenyaan mirga keenya gaafachuu dandeenye. Wareegama isaaniin dhaloota gaaffii mirgaa haafatu taanef. Wareegama gaafa sanaatu har’a keenyaaf utubaa sibiilaa ta’e. Qabsoon qabsoo dhugaa ta’uu nuu kirkaneessan. Isa guyyaa keessa argatan utuu hin taane isa faana dhalatan dursuu isaaniitu har’a keenya tumse. Nutu firii isaan gaafas facaaseenidha, firii tokkummaa uummataa. Firii Oromummaa dhugaa. Eeyyeen isaan yoomiyyuu namoota lapheen sabaa hin dagannedha. Seenaa dhugaa dalagan seenaa haqaa ol nuuf kaahan.
Continue reading
Kabajaa ayyaana guyyaa wareegamtoota gootoota Oromoo Ebla 15, Qeerroowwan magaalaa Hirnaatiin haala kanaan guyyaa kalee kabajamee oole. Qeerroon kanneeniis wa’ada qabsoo haaroomsuuf irbuu oromummaa seenan.
Ebla 15 Guyyaan Gootota Oromoo Gidduugaleessaa Oromiyaa Magaalaa Finfinnee Keessaatti Gootota Sabboontootafi Qabsaa’ota Oromoon Bifa Ha’aa Ta’een Kabajame. Ebla 17/2017 Goototni,Barattootni,Dargaggootni,Qeerroo fi Qarreewwan walumaa galatti sabboontotni ilmaan Oromoo Handhuura Oromiyaa Finfinneetti walitti dhufuudhaan Guyyaa Gootota Oromoo bifa ho’aa ta’een kabajatan.

