የኦሮሞ ወጣቶች ህዝባዊ የመታገያ አጀንዳዎች

1. የወያኔ/ኢህአዴግ አገዛዝ የህዝብን ፍትሃዊና ህጋዊ መብቶችና ጥያቄዎች ለማፈን ባለፉት 20 አመታት በተለያዩ የኣገሪቱ አካባቢዎች በተለይ ደግሞ በኦሮምያ፣ በኦጋዴን: በጋምቤላና በሌሎችም ክልሎች ህዝቦች ላይ የሚያካሄደውን ወታደራዊ የእመቃ ዘመቻ አሁኑኑ ያቁም።
2. በሃገሪቱ እስር ቤቶች የሚማቅቁ ሁሉም የፖለቲካ እስረኞች ያለምንም ቅድመ ሁኔታ አሁኑኑ ይፈቱ።የሰው ልጆች ቄራ የሆነውና የሰቆቃ ስራ መፈጸሚያ የሆነው የማእከላዊ እስርቤት ባስቸኳይ ፈረሶ ለዘላለሙ ይዘጋ
3. የአገዛዙ የተሳሳተ የኢኮኖሚ ፖሊሲ ማስተካካያ እስኪበጅለት ድረስ ይህ የተሳሳተ የኢኮኖሚ ፖሊሲ ችግር ላይ ለጣላቸው የህብረተሰብ ክፍሎች፣ ዳቦ፣ ስኳር: እህልና ዘይት የመሳሰሉት የመሰረታዊ ፍጆታ እቃዎች ባስቸኳይ ከመነሻው የመንግስት ድጎማ ተደርጎላቸው ለህብረተሰቡ በተመጣጣኝ ዋጋ የሚደርስበት መንገድ ይመቻች::
4. የመለስ ዜናዊና የቤተሰቡ ንብረት ባስቸኳይ እንዲወረስ፤ ልኩ በውል በማይታወቀው የመለስ ቤተስብና የቅርብ ባለሟሎቹ የሙስና ተግባራት የምርመራ ስራ አሁኑኑ ይጀመር ።
5. የኢትዮጵያን ህዝብ ለአለም አቀፍ ጌቶች ባሪያ የሚያደረገው መሬት ለባእዳን አሳልፎ የመሸጥ ፐሊሲ አሁኑኑ ይቁም። በዚህ ረገድ የተደረሱ አለም አቀፍ ውሎች በሙሉ አሁኑኑ ይሰረዙ።
6. መለስ ዜናዊ ባስቸኳይ ከጠቅላይ ሚስትርነቱ ይነሳ የመንግስትን ስልጣን ባስቸኳይ ይልቀቅ።
7. ህገ ወጥ በሆነና በተጭበረበረ ምርጫ የተቋቋሙት የህዝብ መወሰኛና የፌደራል ምክር ቤቶች አሁኑኑ ይፍረሱ። ሁሉም የነጻነት ንቅናቄዎችና ተቃዋሚ የፖለቲካ ድርጅቶች የተሳተፉበት ዓላማው ማህበራዊ ፍትህንና ዴሞክራሲን ማንገስ የሆነና በኣጭር ጊዜ በነጻ የምርጫ ተቋምና ኣለምኣቀፍ ታዛቢዎች ሙሉ ለሙሉ በተመሰከረለት ነጻና ፍትሀዊ ምርጫ ዴሞክራሲያዊ መንግስት የሚያቋቁም የሽግግር መንግስት ይቋቋም።

ለጋራ ጥያቄዎችን አሁኑኑ በጋራ እንነሳ!!

Barattootti Yunvarsitii Adaamaa 20 ol hidhaman; kan hafan immoo”Nyaata Summaa’een nu fixaa jiru; nuuf birmadhaa!” jechaa jiru.

(Oduu Qeeroo, Adaamaa, 21 Caamsaa 2011)Barattooti Yunivarsitii Adaamaa kanneen sababa nyaati summaa’e isaaniif laatame beekuuf gaaffii gaafatan humnoota tikaa fi waraana wayyaaneen reebaman; haga ammaattis barattooti 20 ol ta’an ukkaamfamanii jiru.

Jimaata har’aa, 20 Caamsaa 2011, guyyaa guutuu humni waraanaa mooraa Yunivarsitichaa weeraruun barattoota reebaa fi tumaa kan jiru yoo ta’u, barattoota addaan bittimsuufis aara nama boochisutti dhimma bahanii akka jiran Qeerroon gabaase.

Kana biraan, barattooti kunneen Kibxata darbe, 17 Caamsaa 2011, irraa eegalanii nyaata manni barumsichaa isaaniif dhiyeessu waan sodaatanii nyaata dhaabanii jiru.

Haalli dhibdee kanaa akka furmaata argatuuf barattooti guyyaa har’aa gaaffii mirgaa kan kaasan yoo ta’u,humnooti tikaa fi waraanni Wayyaanee barattoota saatii laaqanaa irratti walitti qabaman gaaffii dhiyeessan aara nama boochisuun akka addaan bittiman godhanii jiru.

Barataan yeroo san reebame tokko,Qeerroof akka ibsetti, humnooti wayyaanee gara laafina tokko malee barattoota waan tokko of harkaa hin qabne tumaafi reebaa turan.

"Sababa itti summiin sun barattootaaf kenname beekuuf har’a sa’a laaqanaa irratti, laaqana keenya dhiisnee gaaffii dhiyeessine; manni barumsaa immoo gaaffii keenyaaf deebii kennuu irraa humna waraanaa nutti waamee akka bofaatti nu tumsiise. Kun hedduu gaddisiisaa dha," jedhe barataan kun.

Barataan kun dabalee haala arge yoo ibsu, "humni waraanaa ergame gaaffii tokko malee summii nama boochisu nutti dhukaasuu eegale. Erga barattooti of-wallaalanii booda immoo barattoota 20 ol kan ta’an hidhan. Isayyuu, akka waan dhala namaa irraa hin baaneetti, moora mana barumsichaa keessa seenanii baratoota keenya reeba turan," jedhe.

"Haga ammaatti nuyi osoo hin nyaatiin, kan guyyaa kibxata uumameen nyaata sodaannee osoo hin nyaatin haga ammatti jirra," kan jedhe barataan biraa immoo,"Cunqursaan wayyaanee hamma ammaatti nurraa hin buune. Adaraa sabni keenya warri isiniif dhagahamu nurratti hin dhiisiinaa; nuun hamma nuuf danad’ame iyyaa jirra; iyya keenya nuuf dhagaha; nuuf labsaa."

"Kan isin dhibu, baratoota keenya dhukkubsatanii hospitaala deemaniin ummanni, ‘Maali maaltu uumame?’ jedhanii yeroo gaafatan, warri yaalan, ‘lakki baratoota miti; warra mana hidhaa jirutu qorri isaan dhahe,’ jedhanii nurratti qoosaa jiru,jedhee dhaammatee jira.

Torbaan kana keessa gaafa Kibxataa mana nyaata baratoota kaffee (lakkoofsa 3) jedhamuun kan beekamu keessatti sababni isaa haga ammatti kan bira hin gahamneen barattoota Adaamaa waggaa 3, 4 fi TVT kan keesssatti sooratan guyyaa sa’atii laaqanaa irratti nyaata foonii erga nyaataniin booda barattooni baay’inaan 1700 ol ta’an dhukkubsatanii hospitaala Adaama seenuun isanii kana yaadatamuu dha. Haga ammaattis gariin dhukubni isaani humna ol kan ta’e gara Finfinneetti geessamanii jiru.

OQ

Hidhaan hammaatus, Qeerroon Fincila itti fufti!

(Oduu Qeerroo, Jimmaa, 20 Caamsaa 2011) Wayyaaneen warraaqsa ummataa biyyattii kessatti dummeessayaa jiru to’achuuf, namoota feestaala baatanii deeman otuu hin hafiin qabanii sakatta’uun sochii bilisummaa lammiilee danqaa akka jiru beekame.

Waliigaltee addunyaa fi seera mootummoota gamtoomanii maqaaf mallatteessuu kan himatu sirni wayyaanee maqaa nageenyaa fi talgabbiitiin sochiilee bilisummaa lammiilee biyyattii ugguraa jira.

Keessaayyuu, magaalota keessatti humnooti tikaa maqaa poolisiitiin socho’aa jiran abbaa fedhan dhaabanii akka sakattan ajajni bakka hundatti darbuu isaa kan ibsan maddeen Qeerroo, ajjani kun immoo Mallas Zeenaawwii irraa kallattiin waan kennameef bulchiisoti hundi dhiphuu keessa galanii jiru.

Kana biraan, hidhaa fi ukkaamsaan akka malee babal’achaa kan jiru yoo ta’u, kun immoo dhumaatii bara garboomsaaf mallattoo guddaa dha, jedhamee jira.

Dinne Gabrummaa!!! Jedhan, Lammiileen Oromoo

“DINNE GABRUMMAA!” Jedha Ummanni Oromoo Shawaa Kaabaa Keessa Jiraatu.

(Oduu Qeerroo, Finfinnee, 20 May 2011) Finiccille diddaa gabrummaa Ebla 14,2011 University lee Oromiyaa keessa jiran keessaa erga eegalee gara magaalotaa fi baadiyyaa Oromootti cehuun mootummaa Wayyaanee raasaa jira. Fincila Qeerroo eegalte kanaan kan rifate mootummaan TPLF waan qabuu fi gadhiisu wallaaluun gaaffii ummati Oromoo gaafatu reebichaa fi hidhaa akkasumas rasaasaan dhahuun deebii kennuu furmaata godhatee haajiraatu iyyuu malee ummanni Oromoo FDG irraa guyyaa tokko illee hin dhaabbatiin jira.

Onoota biyya Oromoo naannoo Shawaa Kaabaa kanneen akka Hidhabuu,Abootee,Darraa,Kuyyuu fi Yaayyaa Gullallee keesstti ummanni Oromoo ajajaa fi qajeelcha sirna Wayyaaneen diduun FDG gaggeessaa jiraachuu humni Qeerroo naannoo sanii beeksisa.Fincilli kun Caamsaa 17,2011 irraa onoota kanneen keessatti kan eegale yeroo tahu,Mootummaan Wayyeenee gaaffii ummataa dura dhaabbachuuf jecha human waraanaan heddumminaan naannoo sanatti bobbaasuun ummata hidhaatti guuraa jirti,hanga har’a Caamsaa 20,2011 itti onoota kanneen keessaa Oromoota 90 ol tahan mananeen hidhaa naannoo fi bakka hin beekamnetti geessee jira.

Qeerroo mardhummaan ummata Oromoo keesaa bahan gootummaa fi jagnummaan qabsoo eegalan hidhaa fi ajjeechaan,ukkaamsaan gaaffii saba keenyaa hambisuu fi gabrummaa daranii keessa nu galchuu hin dandayu,Oromoon qe’ee isaa irratti salphinaan jiraachuun alanaan raawwata! Gabrummaan Oromiyaa fi Oromoo irratti jaaree jiru nu gahe Dinne Gabrummaa jechuun onoota kana keesatti sagalee dhageesisaa jiraachuun qeerroon Kaaba Shawwaa irraa gabaasu.

“Itoophiyaan mana hidhaa namoota gaaffii mirgaa gaafatan itti hiraarsanii dha.”

(Oduu Qeerroo, Finfinnee, 19 May 2011) Sababaa abbootiin qabeenya Taaksii naannoo Finfinneetti fincila kaasanitti qabachuun waraannii fi humni Federaala wayaanee namoota taaksii oofanii fi abbootii qabeenya minibus hedduu hidhaa akka jiran beekame.

Mootummaan Wayyaanee diddaa abbootii qabeenyaa fi shufeerotaa kanaan hedduu rifachuun qajeelfama bobbaa kaaksii baasee ture kaasuun akka duriitti akka hojjatan dhiisu illee harka lafa jalaatiin namoota dhimma kana qindeessuu keessaa harka qabu jedhee yaadu hidhuutti jira.

Akka kanaan magaala Adaamaa dabalatee hamaa ammaatti namooti 100n lakaayaman hidhamanii jiru; isaan keessaas maqaa namoota hidhamanii haga tokko kan beekamn yoo ta’u kanneen haga ammaatti amqaan isaanii hin argamne illee ni jiru. Isaanis:

1. Tasfiye Kebede magaalaa Finfinnee naannoo garjii

2. Alemayehu Ragasa magaala Finfine ” ”

3. Adisu Tashome ” ”

4. Misgana Ajamaa Finfinnee naannoo Magananya

5. Shukuraa Jamaal magaalaa Adaamaa

6. Andargee Belacho magalaa Adama

7. Temasgen Qinaxxii magala Adama dha

Wayyaaneen badii jireenya hawaasaa irraan gaha jirtu dhofkachuuf jecha amma illee sochi warra Qeerroo keessatti harka qabdu jedhanii namoota hedduu ukkaamsanii hidhaa akka jiranis beekameera.

“Gaaffii ummataa ukkaamsaan deebisuu hin danda’u,” kan jedhe Qeerroon,” Haga gaaffiin haqaa, Bilisummaa fi dimokiraasii hin mirkanoofnetti qabsoon diddaa cunqursaa fi garbummaa daran jabaatee itti fufa,” jedhee jira.

Qeerroon, itti dabaluunis, "Itoophiyaan biyya namoota gaaffii mrgaa gaafatan itti hiraarsan ta’uun yeroon itti hafu fagoo hin ta’u," jedhee jira.

Yeroo ammaa kanatti sabqunnamtiin Wayyaanee kan akka TV fi Raadiyoo akka fincila abbootii qabeenyaaa kana dhaabde yookaan immoo tohateetti oduu kijiba dabarsuu itti fufanii jiru.

Mootummaan TPLF Barattoota Oromoo 1500 ol Nyaata Summaayeen fixaa Jira

Mootummaan TPLF Baattoota 1500 ol Nyaata Summaa’een Adabuun miidhaa Jira.

Nyaati Summaaye Kun Sadarkaa Guddaatti Barattoota Oromoo Miidhaa Jiraachuu Ogeessonni Fayyaa Oromoo Adaamaa jiran ibsanii jiru.Waldhaansa kennuuf dawaan gahaa hin jiru,tajaajila nayaas kennuuf nyaati hin jiru fala dhabne kan jedhuun yaaddoo isaanii kan ibsatan ogeessonni fayyaa Oromoo miidhaa kana balaleffatanii jiru

(Qeerroo News, Adaamaa, 18 May 2011)Dhadannoon mootummaa TPLF yeroo ammaa laga Abbayyaa hidhuu kan jedhu yeroo tahu,Finciloota dargaggoonni(Qeerroo)n Oromoo kaasan gara dabarsuuf jecha maqaa dhadannoo kanaan waan hin goone hin qabu,human waraanaa qabdu gama kaaba biyyattiitti guuruun Asabiin Ethiopiatti deebifna,maallaqa keessaa fi alaan walitti qabnee laga Abbayaa cufna ykn hiina kan jedhuun ummata Oromoos tahe saboota Empayerittii keessa jiraniin gurra duuchaa jira.

Kanaan Wal qabatee University lee keessatti basaasotaa fi human Federaalaa bobbaastee barattoota Oromoo(Qeerroo) nyaata keessan irraa kutaatii maallaqa laga Abbayyee ittiin ittifnu nu gargaara jechuun dirquutti jira,Dargaggoonni Oromoos gaaffii fi dirqama TPLF itti kenne kana diduun mirgi ummata Oromoo akka sabaatti osoo hin eegamiin,gaaffiin Oromoo osoo hin deebi’iin nyaata keenya irraa baajeti hir’achuu hin qabu kan jedhu dhaabbii guddaa fudhatanii yeroo jiranitti,diddaa kanaaf haaluu bahuuf jecha nyaata Universitylee keessatti kennaman haalan gadi xiqqeessuu fi qulqullina nyaataas gara balaaf gaga’uutti geessuutti boba’ee barattoota irraan miidhaa gurguddaa geessisaa jira. Ta’e jedheen gochaa kanatti kan bobba’e mootummaan Wayyanee guyyaa har’aa Caamsaa 18,2011 barattoota University Adaamaa nyaata summaa’e nyaachisuun barattooti kumaa fi dhibba shan (1500) ol haalaan miidhamanii gariin hosptala ciisuun gariin ammoo waldhaansa dhabanii mooraa keessatti gatamanii jiru.

Kana irraan kan ka’e lammiin keenya nyaata summaayeen dhumaa jira kan jedhu barattooti Oromoo hafan gaaffiilee kaasaniin, mooraan kunii fi barattooti Oromoo hundi waan shakkamtaniif,mishoomi mootummaa osoo bakka hin gahiin waan gaaffii ABO gaafattaniif ni shakkamtu,miidhaan kana caalaa iyyuu isin irraa gaha kan jedhu doorsisa gara malee doorsifamaa jiraachuu isaanii Qeeroon University Adaamaa gaabaasu. yeroo ammaa mooraa university kaampii waraanaa kan godhate humni Feederaalaa fi tika Wayyaanee gaaffii  Qeerroo kana irraan kan ka’es barattoota hedduu mooraa keessaa akka ar’anii jiru.Barattooti ari’amanis maatii irraa fagoo waan tahaniif bakka bulanii fi waan nyaatan dhabuun gidirfamaa jirachuun beekame.

Qabsoon itti fufa! Gabroomsaan ni kufa!

Statement of Oromo Officers working in various departments of Ethiopian Government

(Qeerroo News, Finfinnee, 18 May 2011) We, Oromo officers working at different capacities in a range of service departments of the Ethiopian government: security, army, regional and federal police forces and the court system, have held a meeting today, May 07-2011 in Adama town. Following thorough discussion on the present situation of our people and country, we unanimously passed the following resolution.

  1. Whereas the political activities, violation of human rights, oppression and suppression of democratic rights of citizens, systematic exploitation of Oromia’s resources, etc. of Oromia and other regions of the country by the Ethiopian government, leading to further devastation, and our region’s political situation turned into more and more volatile situation; whereas we have tirelessly made an effort in numerous ways to restore democracy, justice and fairness, however, our attempts were dashed, and no progressive outcome were achieved. Therefore, we stand on the side of our people and country and  demand the government that the multi-faceted questions raised by the National Youth Movement get positive response  immediately.
  2. It is undeniable fact that Mallas Zenawi himself, during his early rebellion years has struggled for the secession of Tigrai from Ethiopia. On the contrary, it is sad to see that after he came to power and controlled the entire country, is harassing, massively detaining, torturing, and killing the Oromo youth and the entire Oromo population for raising the same question of freedom he himself raised during his young age. We demand that the Ethiopian government take responsibility for the lives lost, physical and psychological damaged incurred on Oromo students and openly apologize to their families. We will take this opportunity to publicly apologize to the Oromo youth and entire Oromo nation for the damage we incurred by being an instrument of this regime. We promise to pay back the damage we incurred by struggling being on the side of the National Youth Movement.
  3. Whereas those capitulated themselves to the Ethiopian government, by betraying Oromo Liberation Front, (OLF), are freely moving everywhere and speaking on the media freely, the government instead is harassing children of oppressed people who do not carry any weapon other than pen and pencil simply because they are born Oromo and therefore suspected by the regime of being a member or supporter of OLF. This makes us to believe that the complex political situation in Ethiopia in general and the Oromo situation in particular can not be resolved without freedom. In line with this we are detrmined to stand on the side of the Oromo youth to bring about a fundamental change in Oromia and in Ethiopia.
  4. Whereas the government armed forces stormed the University of Mizen Teppi and injured more than 120 Oromo students in April, and those injured were unable to get medical treatment and have been denied access or visit by their families and relatives; whereas such inhuman act vividly proves denial of  their inalienable natural right of Oromo people as a nation in their county and land; we strongly request the Ethiopian government to release those detained immediately compensate the students for the damaged incurred and publicly make an apology statement to their families.

No more silence! We no longer keep quiet while we look injustice happening in front of our eyes, while we hear the cries of our citizens with our own ears.

 Freedom Prevails!

በአዲስ አበባ የታክሲ የቀጣና ስምሪት ተስተጓጎለ፣ ነዋሪዎች ዘረኛው የወያኔ አገዛዝ አዲስ የሃሳብ አቅጣጫ ማስቀየሪያ ስልቱ ነው አሉ

(Qeerroo News, Finfinnee, 16 May 2011)በአዲስ አበባ ከተማ ሚኒባስ ታክሲዎች በሚያስከፍሉት ታሪፍ ላይ ጭማሪ እንዲደረግና ትናንሽ ታክሲዎች ደግሞ በርቀት መለኪያ እየተጠቀሙ ክፍያ የሚጠይቁበትን ሁኔታ ለማመቻቸት መታቀዱን፣ የአገዛዙ ሹመኞች መግለጻቸውን ተከትሎ፣ በአዲስ አበባ ሁሉም ክፍለ ከተሞች የታክሲና አውቶብስ ፌርማታዎች ነዋሪዎች እጂግ ሲጨናነቁ መታየታቸውን ዘጋቢያችን ገለጸ::

የአዲስ አበባ ከተማ የታክሲ ስምሪት በቀጣና እንዲመደብ በተደረገ በስድስተኛ ቀኑ ከታክሲ አሽከርካሪዎች ተቃውሞ ገጠመው፡፡ በዚህም ምክንያት ስምሪቱ ሰኞ ማለዳ ተስተጓጐሎ ነበር፡፡ባለፈው ሳምንት ረቡዕ የተጀመረው የቀጣና ስምሪት የታክሲ ሾፌሮችንና ረዳቶችን እንዳላስደሰተ ይነገራል፡፡

የተዘረጋው የቀጣና ስምሪት አሠራር የትራንስፖርት ችግሩንም የሚፈታ አይደለም፡፡ ብዙ ሰዓት ያለሥራ እንድንቆም የሚያደርግ ነው ሲሉ የታክሲ ሾፌሮቹ ይከራከራሉ፡፡ በሌላ በኩል የአዲስ አበባ መንገድና ትራንስፖርት ቢሮ የቀጣና ስምሪት ችግር ፈቺ ነው፤ ችግሮች ካሉ በሒደት ይፈታሉ ብሏል፡፡ ችግሩ ሙሉ ለሙሉ ሳይፈታ የከተማው ሕዝብ በታክሲ እጥረት ምክንያት ሲጉላላ ያሳለፈ ሲሆን፣ ሰኞ ማለዳ ላይ ጭራሹኑ ከተማው በከፍተኛ የታክሲ እጥረት ተመቷል፡፡

‹‹ተገቢ ያልሆነ አድማ ነው፤ ጥቅማችንን ይጎዳል፤ የታክሲ ሾፌሮች የወሰዱት ተገቢ ያልሆነ ዕርምጃ ነው፤›› በማለት ለረጅም ዓመታት የታክሲ ባለንብረቶች ማኅበርን ሲመሩ የቆዩት አቶ ፍስሐ ማሞ ለሪፖርተር ገልጸዋል፡፡

በተለይ በአውቶብስ ተራ፣ በፈረንሳይ ለጋሲዮን፣ በቤላ፣ በአዲሱ ገበያና በአስኮ አካባቢዎች ከፍተኛ የታክሲ እጥረት የታየ ሲሆን፣ በሥራ መግቢያ ሰዓት የታክሲ አገልግሎት ባለመኖሩ ነዋሪዎች መጉላላታቸውን ያገኘናቸው መረጃዎች ያመለክታሉ፡፡

በየትኛውም ጊዜና ሰዓት ታክሲ የተትረፈረፈባቸው የቦሌ ድልድይ፣ ሃያ ሁለት ማዞርያና ካዛንቺስ መስመር ሰኞ ማለዳ ከፍተኛ የታክሲ እጥረት ታይቶባቸው ነበር፡፡ በእነዚህ መስመሮች አንዳንድ ታፔላቸውን የነቀሉ ታክሲዎችን ማየት ችሏል፡፡

በገርጂ መብራት ኃይል አካባቢም የታክሲ እጥረቱ የተከሰተ ሲሆን፣ ትራንስፖርት ሲጠብቁ ከነበሩት ተገልጋዮች መካከል አንዳንዶቹ ወደ ቤታቸው ሲመለሱና ሌሎች ደግሞ በእግራቸው ሲጓዙ ታይተዋል፡፡ በሥፍራው የነበሩ ያነጋገርናቸው የታክሲ ተራ አስከባሪዎች እንደገለጹት፣ ታክሲዎቹ ወደ ገርጂ እንዲመጡ ስለሚገደዱና በማለዳ ደግሞ ወደ አካባቢው የሚሄዱ ተጓዦችም ባለመኖራቸው ያለምንም ሥራ ቆመው ወረፋ መጠበቁ አያዋጣም ብለዋል፡፡

ታፔላ ሳይለጥፉ 16 ተሳፋሪዎችን በመጫን ከቦሌ ድልድይ ወደ 22 ሲጓዝ የነበረ አንድ የታክሲ አሽከርካሪን ባነጋገርንበት ወቅት፣ የትራፊክ ፖሊሶች የሚያዩት ታፔላ ለጥፏል አለጠፈም የሚለውን በመሆኑ ትርፍ መጫኑ ምንም ችግር እንደሌለው ተናግሯል፡፡

አዲስ የተፈጠረውን የታክሲ ችግር አስመልክቶ አስተያየታቸውን እንዲሰጡት ዘጋቢያችን ያናገራቸው ነዋሪዎች፣ የአሁኑ የታክሲ ችግር ነጠላ ዜማ ደግሞ አዲስና ህብረተሰቡም ስለሌላ ነገር እንዳያስብ ማጥመጃ እንደሆነ እንደሚያምኑ ገልጸዋል።

አስተያየት ሰጪዎቹ ዘረኛው የወያኔ አገዛዝ በቅርብ ጊዜ የነጋዴውን ማህበረሰብ ከህዝቡ ጋር የማጣላት ሰፊ ዘመቻ ከፍቶ ሊሳካለት ባለመቻሉ አሁን ደግሞ ታክሲ አሽከርካሪና የታክሲ ባለሃብቶችን ከህብረተሰቡ ጋር በማናቆር በጋራ እንዳይቆሙ ለማድረግ የተጠነሰሰ ሴራ ነው ብለዋል።

አያይዘውም በተለይም ከቅርብ ጊዜ ወዲህ ኢትዮጵያ ውስጥ ህዝባዊ አመጽ ሊነሳ ይችላል የሚል ስጋት ያየለበት ዘረኛው የወያኔ አገዛዝ እያንዳንዱአን ቀዳዳ ለማድፈን ሌት ተቀን እየሰራ እንደሆነ ገልጸዋል።

በመጨረሻም ምንም አይነት አፈና ያድርግ ምንም አይነት ዘዴን ይቀይስ ኢትዮጵያ ውስጥ ህዝባዊ አብዮት መፈንዳቱ ፍጹም አይቀሬ እንደሆነ በርካታ ምልክቶች እየታዩ መሆናቸውን በመግለጽ አስተያየታቸን አጠቃለዋል።

በአዲስ አበባ ጎዳናዎች ላይ 8,500 ሚኒባስ ታክሲዎች የሚገኙ ሲሆን፣ እነዚህ ታክሲዎች ሥራ አቁመው ይቅርና ሙሉ አቅማቸውን ተጠቅመው እንኳ ቢሠሩ፣ የከተማው የትራንስፖርት እጥረት አይቀረፍም ፡፡

Finfinnee:Taxi drivers go on strike

(Qeerroo News, Finfinnee, 16 May 2011) Taxi and mini-bus drivers in Finfinnee have begun an unofficial strike to protest against a new law aimed at trying to reduce traffic accidents.

Oromia’s capital Finfinnee is hit with a strike by taxi drivers today accrording to Qeerroo news. Drivers can now lose their licenses if they commit a certain number of offenses — and fines have increased six-fold.

Most taxi drivers have stayed home this morning, causing a massive transportation disruption in the city. Drivers also have complained that the new rules are too punitive.

Thousands of people in the capital, Finfinnee, walked to work because of the strike.The taxi drivers are protesting the unbearable cost of living and a recent regulation that limits them to certain areas of the city.

Finfinnee’s transport bureau says more than five hundred people have been killed in traffic accidents over the past two years.

ETHIOPIA: Uneasy calm in Addis, taxi drivers continue strike

Wayyaaneen Walqunnamtii Hawaasaa Dadhabsiisuun Warraaqsa Fashalsuuf Yaalaa Jirti.

(Oduu Qeerroo, Naqamtee, Caamsaa16, 2011) Fincilaa fi diddaa biyyattii keessatti baay’achaa jiru ukkaamsuuf mootummaan wayyaanee mala qunnamtii ammayyaa fi hawaasaa dadhabsiisaa akka qunnamtiin Qeerroo gabaasaa jiru.

Yeroo ammaa kanatti toorri bilibilaa biyyattii ala irraa keessatti, keessa irraa alatti akkasumas keessa irraa keessatti taasisamu beekaa akka dhiphatu waan godhameef, toora bilbilaa tokko argachuuf saatii dheeraaf irra deddeebi’anii yaaluun dirqama ta’ee jira.

Oromiyaa dhiyaa keessatti toorri moobilii tasumaa kan hin hojjanne yoo ta’u, internet fi facebook banachuuf immoo saatii dheeraa eeguun dirqama ta’ee jira. Kana biraan, "manneen internetii maratti namoota oduu fi odeessa biyya alaatti dabarsan to’adhaatii, humnoota tikaatti gabaasaa," ajajni itti kennamee jira.

Haata’uutii, abbootiin qabeenyaa hedduun ajaja kana fudhachuun namoota saaxiluun maamiloota keenya irratti dhiibbaa qaba jechuun harka lafa jalaan diddaa isaanii waan mul’isaniif humnooti tikaa bakka namooti heddumminaan itti fayyadamanitti argamanii basaasaa akka jiran bira gayamee jira.

Keessaayyuu, magaalota akka Naqamtee, Gimbii, Mattuu, Aggaaroo, Jimmaa, Amboo, Dirree Dhawaa, Adaamaa. Awaasaa, fi manneen barnootaa olaanoo mara keessatti humnooti tikaa namoota garaan bitamaniin gargaaramanii basaasaa waan jiraniif, qeerrooleen marti of eeggannoon akka qunnamtii isaanii itti fufan dhaamsi darbee jira.

Yeroo ammmaa kanattis dhiittaa mirga namoomaa fi siyaasaa biyyattiii keessatti raawwatamaa jiru saaxiluuf yaalii gochaa akka jiran kan ibsan miseensoti Qeerroo, sababa dhiibbaa fi uggara qunnamtii ammayyaa fi hawaasaa irra kaayameef odeeffannoo suuraa fi video dabarsuun rakkisaa ta’aa akka jiru illee dabalanii hubachiisaniiru.

Haata’uutii, qabsoon karaa maraan abbootii irree irratti finiinaa jiru gamtaa fi tooftaa addaddaan kan itti fufu ta’uu Qeerroon hubachiisee jira.