Category Archives: Oduu/News
SQ-Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo Qophii Bitootessa 22,2018
Aside
Bitootessa 23, 2018. Oduu, Har’a “ABO deeggaruun Dubbii ilaalcha Siyaasaa irra guddaa ta’eedha” matadure e jedhu jalatti qophii Qindaa’e fi Gochi Yakkaa Kamuu Mootummaa Wayyaaneen Raawwatamu QBO rarraga Bilisummaa irra gahe of booda deebisu hin danda’u Qohii jedhu.
Aside
Press TV-Why is Ethiopia in an ‘ethnic clash’ state of emergency?
Aside
Seenaa Qabsaawaa Oromoo Alamayyoo Dhugumaa
Aside
Damee Botuu tin, Bitootessa 21, 2018
Qabsaawaa Alamaayyoo Dhugumaa abbaa isaanii Obbo Dhugumaa Gammadaa fi haada isaa Aaddee Yaadanii Jaaxaa irraa Godinaa Horroo Guduruu Wallagaa, aanaa Horrootti bara1958 dhalate. Akkuma umuriin isaa barnootaaf gaheen mana barumsaa Shambuu galee kuta 1ffaa amma sadetiitti barate. Barumsaaf uumaan waan kennaa guddaa qabuuf wagaa jaha keessatti kutaa 8ffaa xumuree jira. Akka kutaa 8ffaa xumureen mana barumsaa kutaa lammaffaaf magaalaa Naqamtee deemuu malee filmaata hin qabu ture. Waan baayyee ijoollee tureef isa gargaaruuf obboleettiin isaa wajjin Naqamte deemuuf dirqamte jirti. Kutaa lammaffa Magaala Naqamteetti keessatti utuu barachaa jiru warraaqsi biyyittii keessatti fininuun Mootummaa Haayile Silaasee buqqaase. Continue reading