Adoolessa 07,2012 Gabaasa Qeerroo D.Dolloo
Cufiinsa mana barumsaan wal qabatee guyyaa har’aa Adoolessa 06, 2012 barruulee warraaqsaa fi alaabaan ABO ona Anfilloo Ganda Yattin mooraa mana barumsaa sadarkaa 1ffaa ganda yatti-koonqii jedhamu keessatti Alaabaan ABO fi barruuleen warraaqsaa akka tamsa’ee Qeerroon Anfilloo gabaasa. Akkasuma barattooti alabaa ifatti fannisuu fi barruulee walii raabsuun seenaa jaallan qabsoo irratti dhumanii fi geerarsa adda addaa akkasumas wallee warraaqsaan ABO fi WBO faarsaa turanii jiru. Barruuleen dhibbaatamaan ganda san keessatti faca’e ummata naannichaaf gammachuu guddaa kennee Adoolessa 06,2012 guyyaa guutuu ummanni barattoota waliin dhabbachuun faaruu fi dhadannoo warraaqsaa isaan dhageessisaa oolanitti guddoo gammaduun ummanni illee gooticha Laggasaa Wagii faarsaa turuun gabaasi Qeerroo naannicha irraa nu gahe addeessa.
Haalli kun guyyaa guutuu jabaatee itti fufuu irraan dabballooti OPDO humnaa ol itti taanaan Wayyeetti gabaasuun ABO tu dhufe jedhanii waraanni Wayyaanee godina irraa akka fe’amu ta’ee galgala keessaa naannoo sa’a sadii (9:00PM) irratti ganda sana keessatti dirree waraanaa kan fakkeessan ta’eetu jira gabaasaan akka nu gahaa jirutti. Shakkii kanaaf namoota too’annoo jala galchitee jirtu keessaa maqaa nama sadii kan nu gahe akka kanaa gadiiti.
1.Obbo Tarreessaa Ofgaa
2.Barsiisaa Birhaanuu Derejjee
3.Obbo Guutuu Kennasaa
Kanneen jedhaman too’annoo Wayyaanee jala galanii akka jiran gabaasaan addeessa,kunis sababa raabsamuu barruulee fi dhaadannoon mukkeenii fi seensa manicha barumsaa irratti barreefamuun maxxanfameen namoonni kun hidhaa Wayyaanee jala akka galan ta’e, namoonni hidhaman kanneen kana qofa osoo hin taanee heddumminaan akka qabaman gabaafama.
Alaabaan ABO magaalotaa fi nanneen barnootaa naannoo Dambi Dollootti fannifamuu fi bakka hundatti miidhagee balali’uun guyyuu dhaabbataan argamaa kan jiru waan ta’eef haamleen ummataa haalaan mirqaana ta’uu gabaasi Qeerroo addeessa.
Qabsoon itti fufa! Gabrummaan ni kufa!!
Category Archives: Oduu/News
Kaabinoonni OPDO 3 Mootummaa Wayyaanee Ganuun Qabsoo Ummataatti Makaman.
Aside
Adoolessa 07,2012 Ona Hebantuu
Adooleessaa 5,2012 Godina bahaa Wallaggaa Onaa Heebantuutti Kabinonnii OPDO humna Poolisaa Federaalaan barbaadamaa jirachuun gabaafame.
Kabinoonnii OPDO kun ABO dhoksitanii nyaachisaa jirtuu, Ummataa Tasgabbeessuu hin dandeenyee isiin iyyuu ABO waliin hojjechaa jirtuu jechuun, Mootummaan Wayyaanee Shakkii Guddaa keessaa seenun kaabinota Onaa Heebantuu
1. Lammii Jabaa Itti Gaafatamaa dhimma Nageenyaa Onaa,
2. Ifaa Abarraa Itti gafatama Wajjiraa Beeksisaaf Qunnamtii Onaa,
3. Taakkalee Baayisaa Itti Anaa Bulchiinsaa Onaa Heebantuu
Kanneen jedhaman yeroo Ammaa kanaa ajajni mana Murtii Federaalaa irraa itti bahee humnaa Poolisaa Federaalaan barbaadamaa jiruu, namoonnii kunis yeroo ammaatti adamsa diinaa jalaa miliqanii jiraachuu qeerroo gabaasa.
Kana malees Angaawoonni OPDO Onotaa aKka Giddaa fi Haroo Limmuu ummataa fi Qeerroo FDG gaggeessaa jiran dhaabuu hanqattan kanaaf isinis mootummaa keessa teessanii hojii ABO hojjetaa jirtu jechuun dorsifaamaa jiraachuun gabaafamera, haalaa kanatti rifachuun Miseensonnii OPDO hedduunis akkas taanaan Ummataa keenyaa Oromoo dhiifama gafaannee gara Qabsoo ummatatti deebi’uun furmaata filamataa dha jechuun sabboontota quunamaa akka jiran gaabsi naannicha irraa nu gahe addeessa.
Godina Shawaa Aanaa Midaa Qanyii Diddaan Barattootaa Itti Fufee. Ergamtooti Wayyaanees mana ummataa sakata’an
Aside
Adooleessa 07,2012 Miidaa Qanyii
Godina dhihaa Shawaa Aanaa Midaa Qanyii mana barumsaa Baallaammii Sadrka 2ffaa Fi Qopha’inaa irraa Poolisnnii sirna nama nyaataa Wayyaanee saboontotaa baratootaa Oromoo qabanii hidhuun, dorsisaa jiraachuun gabaafame . FDG Oromiyaa keessatti qabatee jiruun wal qabsiisanii barattoota Oromoo Adoolessa 02,2012 irraa kaasnii barbaaduun hidhuu fi doorsuun itti fufee jiraatu illee,gootonni barattooti Oromoo itti ciccanii FDG gaaggeessaa jiraachuun gabaafame.
Haala kanaan barattooti qabamanii hidhaman keessaa.
1. Barata Bantii Dalasaa, kutaa 10ffaa,
2. Barataa Alamayyoo Addunyaa Barataa kutaa 11ffaa,
3. Barata Yaadeeraa Lammeesaa,
4. Sisaayi Lammeessaa
Kanneen jedhaman humna Polisa Aanaatin qabamanii isiin sochii dargaggoota biyyoolessaa ykn Qeerroo keessatti gurmooftanii ummata mootummaa Wayyaanee irratti kakaaftaniittu sababa jedhuun hidhaa keessatti dorsifamaa jiru.
Kana malees magaaluma Baallammii keessatti nanneen sabboontota Oromoo sakatta’amuun galmee about mana keessan jira,alaabaa Oromoo mana keessan keessaa qabdu jechuun seeraan alatti manni sabboontotaa sakatta’amaa jiraachuun gabaasi Qeerroo Baallamii irraa addeessa.
Qabsoon itti fufa! Gabrummaan ni kufa!
SBO Adoolessa 04, 2012
SBO Adoolessa 04, 2012
Qabeenyi Investeroota Wayyaanee Kuufami Meeshaa Magaazinni Tokko Guutuu Barbadaaye
Aside
Adoolessa 06,2012 Diddaa Ayyaanaa
Adooleessaa 5,2012 ganama( barii barraaqaa ) Godina Wallaggaa Bahaa Onaa Giddaa Ayyaanaatti Humni hin beekamiin Godina Lixaa Oromiyaa keessaa Socho’aa jiruu Qabeenyaa Dabbalotaa Wayyaanee Ibidaan barbadeesse.
Dabballota Wayyaanee namota maqaan isanii Abajjee Xilaahuu fi Isxeefaanos jedhaman daldaltotaa Midhaan nyaataa fi Zaayitaa kan ta’an kan dhalotaan ilmaan habashaa ta’an, gamtaadhaan magaazanaa tokkichaatti daldalaa kan jiranii fi qaabeenyaa Uummaataa Oromoo saamaa kan jira, mootummaan Wayyaanee carraa daldalaa ilmaan Oromoo dhorkachuun daballotaa kanaaf Onaa Giddaa Ayyaanaa Bakkaa Mandaaraa 11ffaa jedhamuun beekamuutti mana kusaa midhaan nyaataa fi Zayitaa walitti qabuun gara kaabaa nannoo Tigiraayii fi Amaharatti dabarfamee kan gurguramuu kana qabeenyaa isaanii mana kuusaa Midhaanii(magaazaana) midhaan tilmaamaan kuntaalaa 800 ol kan ta’uu kan kuufatee jiruu humni Addaa kun Ibidaan barbaadeessuu gabaasi Qeerroo gahe addeessa.
Godina Harargee Lixaa Keessatti Dargaggoonni Oromoo Ukkamfaman. Diddaan Barattootaas Itti Fufe.
Aside
Adoolessa 06,2012 Mi’eessoo
Bara Mootummaan wayyaanee aangootti ba’ee dargaggootni oromoo hidhamaa,reebamaa fi saamamaa turuun ni yaadatama.Mootummaan Wayyaanee shira ilmaan Oromoo irratti dalagu daran jabeessuun Godina Harargee Lixaa Mi’eessootii dargaggoota Oromoo Adam Ibroo fi Abdii jedhaman Adoolessa 05,2012 maqaa miseensota ABO ti jedhuun yakkee bakka buuteen isaanii dhabamanii jiran.Dargaggootni kunneen hojii mataa isaanii hojjechaa kan turan yoommuu tahu mootummaan Wayyaanee yeroodhaa yerootti dargaggoota Oromoo gara waraana ABO ergitu jechuun yakkanii bakka buuteen isaanii dhabamee jira.Warri dargaggoota kanneenii bakka buutee ijoollee isaanii dhabanii hedduu cinqamuu irratti argamu.
Karaa gara biraa Godinaa Wallaaggaa Bahaa Onaa kiiraamuuttii diddaan baratotaa Oromoo M/b Kiiramuu sadarkaa 2ffaa fi Prepatoorii jabaatee itti fufee,
Adoolessaa 5,2012 Cufinsa Mana Barumsaa Kirraammuu sadarka 2ffaa fi Preparaatorii irraatti gotonnii baratootaa Oromoo sirbotaa gotummaa fi jajjabinaa Qabsoo faarsuun lukkeelee garaa gubaan, sirbootaa Gootitti Oromoo Ilfinesh Qannoo fi Ebbiisaa Adunyaa,fi kan Hangaatuu fi Kumalaan waliin sirban wal harkaa fuudhanii sirbuun maatii baratoota sirna cufinsa M/B kanaa irraatti argaman ittiin bohaarsani diinaa garaa guban.
Diaspora Community ensures Ethiopian delegates meeting is called off
Video
The concluding statement from the Oromo community at the Park Hyatt Grand Hotel was a gracious “thank you, Australia.” This was after the more than six hours endurance of the heavy rain, chilling cold of Melbourne’s winter and chanting slogans against the Oromo People’s Democratic Organisation (OPDO) delegates that altered our pitches. The OPDO’s were sent by the Ethiopian government to destabilize a peaceful society which has been granted rights to live and prosper in a multicultural society by a sovereign state. Their main aim was purely to threaten the harmony that Oromo’s enjoy in Diaspora and continue to work to intensify human rights violations back home. They had been sent here to broker deals with entrepreneurs and well-heeled individuals to invest back home at the cost of illegally displacing peasant farmers and indigenous land owners.Diaspora Community ensures Ethiopian delegates meeting is called off
Raadiyoo Simbirtuu Tamsaasa Adoolessa 5,2012
Video
Qophiin Tumsa Qeerroo milkaa’e; deeggarsi maallaqaas arjoomame
Aside
(Qeerroo, Finfinnee, 5/07/2012) Qophiin Tumsa Qeerroo magaalaa Melbourne keessatti gaggeeffame milkiidhaan xumurame; sabboontonni Oromoos Qeerroo akka tumsan waadaa seenan.

Gabaasaan Qeerroo Melbourne irraa akka odeeffannoo nuuf dabarsetti, sagantaan Tumsa Qeerroo waamicha Qeerroo Bilisummaa irraa dhiyaate irratti hundaa’uun qophaa’e kun diddaa fi falmaan bilisummaa Oromoo kan dhugaa irratti hundaa’ee fi karaa hundaan walqabachaa jiru ta’uu kan agarsiisee dha.
Sagantaa Tumsa Qeerroo yeroo duraaf biyya alaatti ijaarame kana irrattis hawaasti hedduu kan argame yoo ta’u, sagantichis sochiin diddaa fi warraaqsaa jabaatee akka jiru kan mul’ise ta’uu gabaasaan keenya hubachiisee jira.
Qophii Tumsa Qeerroo kana irrattis sabboontoti Oromoo magaalaa Melobourne fi naannoo ishii jiraatan kan hirmaatan yoo ta’u,sagantaa kana irratti dokumentariin sochii Qeerroo agarsiisu kan dhiyaate yoo ta’u, adeemsa diddaa fi falmaa karaa nagaa Qeerroon adeemsisaa jiru keessatti bu’aalee argaman ilaalchisees ibsi bal’aa kennamee jira.

Keessaayyuu, Qeerroon biyya keessaa miidhaa fi hiraarsaa saba isaanii irrea gahaa jiru hubatanii diddaa isaanii karaa nagaa itti fufuu isaaniitiin dammaqiinsi guddaa akka argame kan ibse barruun dhiyaate kun gama diinaatiinis darggoota Oromoo jilbeeffachiisuuf hidhaa fi hiraarsaa hamaa irraan gahaa akka jiu addeessee jira.
Haata’uutii, Qeerroon duula wayyaaneetiin otuu hin rifanne humnaa fi dandeettii isaanii walitti qindeeffachuun hojii dammaqiinsaa fi warraaqsaa gaggeessaa akka jiran illee ibsa kenname irraa hubachuun danda’amee jira.
Yeroo ilmaan Oromoo diina jalatti gurmaa’anii jiran kanatti dirmannaa gochuu dhiisuun akka diina deeggaruutti ilaalama kan jedhan tumsi Qeerroo, gaaffii fi waamicha Qeerroo biyya keessaa isaaniif dhiyaate irratti hundaa’uun biyya alaatti of ijaaranii akka jiranii fi yeroo kamitti iyyuu dirqama isaanitti kennamu gumaachuuf illee qophii ta’uu isaanii wayituma kana marii godhan irratti beeksisanii jiru.
Gama biraatiin, hojii Qeerroo karaa malchiisu gargaaruuf kan oolu gargaarsi maallaqaa battalumatti kan kenname yoo ta’u, T-shertiin “Tumsa Qeerroo” gurgurtaaf dhiyaatees saganticha irratti gurguramaa akka ture hubatramee jira.
Dhalooti haaraas T-shert kan bitachuun uffatanii Tumsa Qeerroo cina akka hiriiran, dagaaginaa fi guddina aadaa fi seenaa saba Oromoof jabaatanii akka hojjatan ejjannoo isaanii mul’isanii jiru.
Bakka bu’ooti waldaa hawaasa Oromoos wayituma kana dhaamsa dabarsan keessatti yeroo ammaa dhimma saba Oromoo caalatti guddisuuf dantaa fi faayidaa saba Oromoo tiksuu fi eeguun barbaachisaaakka ta’e hubachiisanii jiru.
“Oromoon kamuu bakka jirutti dantaa saba Oromoo waloo ta’an eeguu fi kunuunsuu keessatti qooda guddaa qaba,” kan jedhan waldaaleen hawaasa Oromoo, keessattuu, hawaasti Oromoo biyya alaa keessatti argaman ambaasaaddara Oromoo fi Oromiyaa waan ta’aniif gahee isaanii jabinaa fi gahummaan akka bahatan dhaamanii jiru.
Keessayyuu, duula Wayyaanee ergamtootaa fiu jala deemtota ishii yeroo addaddaa keessatti biyya alaatti bobbaasuun hawaasa Oromoo fi lammiilee biyyattii gowwoomsuu fi afaanfajjessuuf yaaltu dura dhaabbachuu k eessatti hirmaannnaa isaanii dachaa dachaan akka guddisan bakka bu’ooti hawaasa kunneen dhaamanii jiru.
Maanguddooti sagantaa kana irratti argamanis, dhalooti haaraan diddaa fi falmaa abbootii isaanii dhaalanii qabsoo bifa haaraan finiinsaa jiraachuu isaaniitti akka gammadan ibsanii karaa danda’aniin Qeerroo akka gargaaran waadaa seenanii jiru.
Qeerroon Godina Arsii Ejjennoo Warraaqaa Fudhatan
Aside
Gabasaasa Qeerroo Adoolessa 4,2012
Adoolessa 3,2012 Maadheeleen Qeerroo “Isituu Barii”n yaamamtu naannoo Shashammannee fi Godina arsii bakka gara garaa keessaa walitti dhufuun walgaii gaggeefatan, haala qabsoo bilisummaa Oromoo fiixa baasuu fi FDG guutuu Oromiyaa keessatti qabsiisuu,akkasumas sochii dargaggoota biyyoolessaa ykn Qeerroo jabeessuu galmaan gahuu irratti ummata Oromoo mara waliin harka wal qabachuun akkaataatti sosso’uu dandayan irratti tarsiimoo fi karoora lama kaayyataniin beeksianii jiru. Gootowaan Qeeroo kun walgahii guyyaa tokkoof godhatan kana booda ibsoota ejjeennoo isaanii ibsu armaa gadii baafatan
ü Kutannoon keenya inni duraa dhaaba ABO akka qaroo ijaatti tiksuu fi akeeka isaa bakkaan gahuu akkasumas ummanni keenya waliin hiriiruudhaan mootummaa abbaa hirree nurratti goobaa jiru of irraa fonqolchuudha;
ü Bara baayee gadi jennee ormaaf bitamnee turre, bittaa badiisa lubbuun wal qabate kana jalaa ofiis baanee lammii keenya basuudha;
ü Dhaaba waliin hiriiree abbootii qabeenyaa sochii warraaqsaa kana deggeruudhaan qabeenya isaa gumaacha godhee dhaaba harka qabu horachuudhaan/qabsootti ceesisuun qabsoo keenya finiinsuu qabna,
ü Mootummaa ofii isaatii shororkaa’ee uummata keenya maqaa adda addaatiin, shororkeessummadhaan yakkuun mana hidhaatti guuraa jiru,mootummaa yeelloo fi safuu hin beekne,ofii salphatee kan nama salphisaa deemu kana irratti harka wal qabannee ka’uun amantii fi naannoodhaan, lagaa fi saalaan utuu wal hin qoodin qabsoo keenya galmaan gahuu qabna;
ü Lammii keenya bittaa mootummaa Wayyaanee jalaa baasuu dhaadannoo godhannee haa kaanu;
ü ABO jalatti hiriiruun nuuf daandii guddinaa fi argannoo bilisummaa akka ta’e jiraattota biyyattiitti dhageessifanna;
ü WBO gaachana qabsoo, hirkoo Uummata Oromoo,cina gorree daandii tolchuun fedhaaf hirmaannaa yaadaa fi sammuu guutuu ta’uu isaa murteeffanna;
ü Ejjeennoon keenya maadhee IBSITUU BARII irraa kanaan goolabna,
Injifannoo Uummata Bal’aaf
Qabsoon Itti Fufa!! Garbummaan Ni Kufa!!
Maadhee IBSITUU BARII irraa!!
