Cuunfaa Imala Qeerroo Bilisummaa Oromoo 2011 hanga 2021
(Hundeeffama Qeerroo Bilisummaa Oromoo waggaa 10ffaa)
(Hundeeffama Qeerroo Bilisummaa Oromoo waggaa 10ffaa)Duula Sanyii Dugguugaa fi Rorroo Oromiyaa fi Oromoo Irratti Raawatamaa Jiru Dura Dhaabbachuuf Qabsoo Keenya Dacha Dachaan Qindeessina!
(IBSA JAARMAA ABO BIYYA AMBAA, Ebla 08 bara 2021)
Roorroo fi miidhaan Oromoo irra gahamaa jiru fuula maraan yoom illee caalaa hammaachaa fi babal’achaa dhufee jira. Gochaan suukanneessaa fi jibbisiisaan ummatootaa gidduu deemamaa jiru saaxilamuu, balaaleffatamuu fi dura dhaabbatamuu qaba jennee amanna.
Baroota sadan dabran ifatti Sabboonummaa Oromuummaa dhabamsiisuuf Mootumman Mummichaa Ministeeraa Abiyiin durafamuu dhabbataa fi dhawwataan akeeka gaggeessaa jiru yeroo tahu dhihoo kana Oromootni Walloo waan Oromoo tahaniif duwwaa ifatti duulli itti banamuu gabaasan jiran mirkaneessaniiru. Humnii Addaa Bulchinsaa nannoo Amaara (“Milishaa fi Liyyuu Haalii kan jeedhaman”) Qindoominaan magaalotaa fi gandeen aanoota Sanbatee Jiillee, Arxummaa Kursii Dawwaa Caffa keessatti argaman hundatti duulanii xinnaa-guddaa, dhiiraa-dubartii, hidhataa fi harka-duwweessa utuu hin jedhiin namoota 307 ajjeesanii namoota 375 madeessani wal’aansa dhorkaniiru. Manoota 400 gubanii qabeenya mili’onota hedduutti lakkaawaman saammatanii kaanis barbadeessaniru. Oromoota dhuman keessatti kanneen geejjiba ummataa fi ambuulaansii dhaabsisanii buusuu fi hospitaala keessaa baasanii qaluun, dhagaa fi rasaasaan rukutanii ajjeesan hedduu dha.
Gochaan jibbisiisa fi suukanneessaan akkasii Kaabaa Shawaa fi baha Wallagga kanneen qubsuma Amaaraan waldaangessan hulluuqanii seenuun ummata Oromoo ajjeesuun fi qabeenya saamuun/barbadeessuun hojii dhaabbataa hidhattoota bulchinsaa nannoo Amaaraa taheera. San bira dabranii Oromiyaa bakkoota biraattis waraanni Eritriyaa waliin duulanii gochaa mancaasuu raawwatuuf mootummaan bobbafamnii jiru.Figichoon lafa babbaliifanaan Humnii waraana yeroo waraanii Mootummaa Federalaa fi Adda Bilisummaa Ummataa Tigrayii (ABUT) tahe keessatti humnaan dhunfachuu nannolee Walqit Xagadee fi Rayyaan raga qabatamaa dha. Continue reading

Barruu kiyya dursee haallan tibbana uummata keenya Oromoo irratti biyya keenya Oromiyaa fi naannolee ollaatti nurra gahaa jiru ilaalchiseen waan gabaabduu dubbadha. Sabni keenya saba Wabii hinqabnetti fakkeeffame. Sabni Wabii hinqabne du’es madaa’ees qaama dhukkuffatuuf dhaba. Qaamni uummata tokkoof wabii ta’u yoo hinjiraanne immoo sabichi yuuyyeetti fakkeeffama. Uummata yuuyyee guddaaf xinnaatu mataa keessa rukuta. Abbaa argetu ajjeesee, abbaa argetu dhiiga isaa dhangalaasa. Kun ta’uun ammoo sabichaaf kan wabii ta’u yoo hinjiraanne qofa. Saba wabii qabu ammoo hunda sodaata. Sababaan sabicha yoo miidhan wabii saba sanaatu qaama uummata isaa miidheef deebii gahaa laata. Sabni tokko wabii qabaachuu qofti gahaa isa hintaasisu. Nuti akka sabaatti jechuun akka Oromootti wabiin qabnu tokkoof tokkichi WBO dha. Uummatni keenya Oromoon wabii isaa kana kunuunfachuudhaan qaama isaaf wabii ta’u kana dhoksataa duuka hiriiruutu qaanii tibbana midate jalaa baasa ture. Kana jechuun sabni tokko ajjeefamee gumaa isaa qaama baasu dhabuun salphina. Amma waan tibba kana nu irratti raawwataa jiru, addatti gochaan mootaa Yuunibarsiitilee keessatti barataa keenya irra gahaa jiru guddoo nu gaddisa nu dhukkubsas. Kanaan kan uummata keenya gahe qaamolee mootummaa fi ilmaan shiraati. Shirri bara kana ABO dadhabsiisuu irratti dalagamaa ture marti isaa akeeka Oromoo balleessuu akka ta’e kan himaa turre haaluma amma mul’achaa jiru irraa namuu nii hubata jedheen abdadha. Biyya Xoophiyaa jedhamtu keessatti sabni akka saba keenyaa lubbuun isaa gatii dhabe bara kana waan jiru natti hinfakkaatu. Uummatni keenya waggaa guutuu ajjeefamaa bahe. Keessattuu Lixa Oromiyaa fi Kibba Oromiyaa akkasuma Walloo keessatti bifa qindaa’een ajjeefamaa bahe. Qaamni uummata keenya ajjeesu qaamuma mootummaa ta’ee, uummatni akka waliif hindirmatnetti hojii hojjetamaa ture ta’uu namuu beeka. Hundaa olitti gochaan uummata keenya irratti bara kana raawwate kan nu balleessuuf aggamame ta’uu beekuu barbaachisa.
Milishaa fi humni addaa naannoo Amaaraa meeshaa waraanaa hidhachuun naannicha keessa, Godina Addaa Bulchiinsa Oromiyaa aanaalee akka Haxaayee, Afraataa, Jiillee fi bakkoota biroo keessatti uummata meeshaamaleeyyii irratti dhukaasuun balaa qaqqabsiisaa akka jiran gabaasaaleen maddeen amanamoorraa nugahaa jira. Bulchiinsi naannoo Amaraa ibsa Bitootessaa 21, bara 2021 baseen, nagaa buusuu fi ol-aantummaa seeraa kabachiisuuf sababa jedhuun milishoota isaa naannoo Oromiyaa bakkoota adda addaatti bobbaasuusaa ifatti amaneera. Gaffii guddaan jiru garuu, aanaalee jedhaman sana keessatti sodaan nageenyaa osuma jiraateellee humni nageenyaa Oromiyaa osoo jiruu naannoon Amaaraa maaliif milishaa fi humna addaasaa daangaa Oromiyaa cabsee seensisee kan jedhu dha.