|
(Qeerroo, Finfinnee, 18 Hagayya 2012) Yeroo dheeraaf eessa buuteen isaa dhabamee kan jiru, Artisitiin Oromoo beekamaa fi jaalatamaa Kadir Martuu mana hidhaa Maa’ikalaawwii keessatti hiraarfamaa akka jiru saaxilame. Oduu mana hiraarsaa Maa’ikalaawwii keessaa Qeerroo dhaqqabe akka saaxilutti,wallisaa beekkamaa Artiistii Oromoo Kadir Martuu lukkeelee fi basaasota Wayyaanee Biyyaa Sudaan keessa jiraataniin qabamee mana hidhaa Sudanittii darbatamee ture. Artisitiin kun yeroo dheeraaf erga ergaramaa tureen booda basaasota Wayyaaneetti kennamee akka hiraarsaa saaxilamu godhame. Akka odeessi maa’ikalaawwii keessaa argame kun dabalee hubachiisutti, Kadir Martuu erga Sudaan irraa gara Mana Hidhaa biyyaattii kan ilmaan Oromoo irraattii gochi dhala namaa irraattii hin dalagamne dalagamu, mana Hidhaa Maakalawii keessatti tumamaa fi hiraarfamaa jira. Ilmaan Oromoo hedduunis kanneen biyyoota akka Somaalii laandi, Jubutii fi kanneen biroo keessaa humnoota tikaatiin ukkaamfamanii deebifaman mana hidhaa maa’ikalaawwii keessatti gochaan gara jabinaan guutame irratti raawwatamaa akka jiru beekameera. Dhimma kana irrattis Liigiin Mirga Namoomaa Gaanfa Afrikaa baatii Guraandhala 2012 keessaa ibsa baasee fi ergaa pirezidaantii Sudaan, Omar AlBashiritti ergeen baqattooti Oromoo gara 15 caalan baatii humnaan qabanii mootummaa Itoophiyaatti kennamuun kan isa yaaddesse ta’uu ibsuun, keessaayyuu kannneen dahannaa siyaasaa gaafatan biyyatti humnaan deebisuun seera addunyaa kan cabse ta’uu isaa ibsuun, yoo Itoophiyaatti deebifaman, tarii, torturii fi hiraarsaan jabaa isaan mudachuu akka malu yaadachiisuun isaa kan yaadatamuu dha. |
Category Archives: Oduu/News
Hin Bariitu Seetee Dukkanaan Dahattee,(Walaloo SBO)
GADAA + 150 – GADAA Kutaa Xumuraa
Aside
YY.GMD(2005)
Aadaa Wal-dhaggeeffachuu, Jaarsummaa , Angafummaa , safuu , seeraa fi heera, Araaraa Abbootiin keenya nu dhaalsiisan of irraa mulqinee gannee, Aadaa wal fonqolchuu habashootaan masakamuun, Goobanummaa Namoota of hin beekne miliyoonootatti ol guddisuu qofaa odoo hin taane, Mooraa Qabsoo Oromoo keessatti rakko umaa jiraachuun haqa eenyullee arguu dandauudha.
Ayiraa Gullisoo keessatti mootummaan Wayyaanee ilmaan Oromoo hidhuu itti fufe.Diddaan daran jabaachuun Alaabaan ABO magaala Gullisoo keessa balaliite!
Aside
Hagayya 18,2012 Gullisoo
Godina Wallagga lixaa aanaa Gullisoo keessatti diddaa qeerroo deemsifamaa jiruun wal qabatee alaabaan ABO magaala Gullisoo bakka Gabaa sambataa jedhamutti fannifamuun balalii’e.Qeerroon aanaa Ayiraa fi Gullisoo yeroodhaa yerootti diddaa jabeessuun waraqaalee dhaadannoos hedduumminaan kan maxxansan yoommuu tahu Alaabaan bakka Gabaatti fannifamuun ilmaan oromoo naannoo kanaa hedduu gammachiisuun ililchanii jiran.Qeerroon naannoo kanaa jabinaan waraana mootummaa jala dhaabbachuun hidhaa mootummaa wayyaanee osoo hin sodaatiin Alaabaa ibsituu ifa baasuun dirqama oromummaa waan taheef jechuun ilmaan oromoo marti mirga isaa falmachuuf lafaa akka ka’u dhaammatanii jiran.Kaabinootni,Waraanni mootummaa wayyaanee naannoo kanatti diddaa qabbaneessuu waan dadhabeef qoratamaa akka jirus gabaasni ifa godha.
Haaluma wal fakkaatuun Ayiraa keessatti poolisootni mootummaa Wayyaanee tajaajilan sadii qawwee mootummaa wayyaanee guurguruun qabsoo uummataatti ida’aman.Poolisootni kunneen qawween nuyi baannu diina keenya wayyaaneef taha jechuun murteeffatanii akka raawwatan qeerroof ibsanii jiran.Mootummaan wayyaanees diddaa naannoo kanaa dhaamsuuf ilmaan oromoo mana hidhaatti guuraa jira.Ilmaan oromoo
1. Dargaggoo Gaaddisaa Beekaa
2. Dargaggoo Margaa Qajeelaa
3. Dargaggoo Mariyaam Dhaabaa
Jedhaman diddaa deemsifamaa jiru adda durummaan kan qindeessuu fi gaggeessu isini jedhamuun mana hidhaatti ukkaamfamuun dararamaa jiran.Kaabinootni mootummaa Wayyaanee QBO cinaa dhaabbachuun bilisummaa akka gonfannu dhaammanna jechuun qeerroon naannoo kanaa waamicha dabarsee jira.
Tarkaanfiin sirreessaa fudhatamuun itti fufe; Qeerroo fi ummatis ergamtota gaaga’umsa geessisan adabuu itti fufan.
Aside
|
(Qeerroo, Naqamtee, 17 Hagayya 2012) Oromiyaa dhiyaa onoota garaagaraa keessatti diddaa fi tarkaanfiin ergamtootaa fi basaasota wayyaanee irratti fudhatamu jabaate itti fufe; wayyaaneenis rfaatuu guddaa keessa galuun humna waraanaa guddaa bobbaaste akka jirtu beekame. Gabaasaan Qeerroo onoota diddaa fi tarkaanfiin sirreessaa keesssatti fudhatamaa jiru keessa naanna’ee akka hubatetti humni addaa fi ummati walta’uun naannoo isaanii ergamtoota, lukkelee fi basaasota wayyaanee irraa qulqulleessuutti jiran. Garbummaan ni kufa; injifannoon itti fufa!! |
Seife Nebelbal Radio Program, August 17, 2012 – Interview with Judge Teshale Abera
Aside
Ayiraa Gullisootti dabballootni Wayyaanee hedduu cinqamuun ilmaan Oromoo hidhaa jiru.Waraqaaleen dhaadannoo hedduumminaan maxxanfame!
Aside
Hagayya 17,2012 Gullisoo
Godina wallagga lixaa Gullisoo keessatti dabballootni mootummaa wayyaanee ilmaan oromoo maqaa miseensota ABO jedhuun hidhuu itti fufanii jiran.Jiraataa Kabroon Diillaa gogolaa kan tahe Obbo Tarfaasaa Jireenyaa jedhaman qabamuun mana hidhaa Wayyaanee Gullisoo keessatti reebamaa jira.Qeerroon naannoo kanaa hidhaa fi doorsisa mootummaa Wayyaanee jala dhaabbachuun waraqaalee dhaadannoo bulchinsa Gullisoo fuulduratti bittinsanii jiran.Waraqaalee hedduumminaanis gara gandaatti raabsuun mootummaa wayyaanee dhiphisuu irratti argamu.Dhaadannoowwan
1. Diinaaf hin jilbeeffannu
2. Garboomfataan kufa
3. Oromia shall be free
Jedhan qalama diimaa magariisa diimaan barreeffamuunii fi kompiteraan barreeffamuun hedduumminaan raabsamanii jiran.Mootummaan wayyaanee gocha kanaan kan baarage halkanii guyyaa dargaggoota oromoo hojii dhaban isin miseensa keenya hin taatanii jechuun kadhaatti seenuuf dirqamee jira.Uummatni naannoo kanaas wal gahii wayyaanee guutummaan guutuun lagatee jira.
Qabsoon itti fufa! Gabrummaan ni kufa!
Sochiin Dargaggoota Biyyoolessaa kan Bilisummaa fi Dimokiraasii Dargaggoota Sidaamaa waliin walitti dhufuun dhimma qabsoo irratti marii bal’aa taasise.Ibsa ejjennoos lafa keewwate!
Aside
Hagayya 17,2012 Finfinnee
Sochiin Dargaggoota Biyyoolessaa kan Bilisummaa fi Dimokiraasii(Qeerroo)n Dargaggoota Sidaamaa waliin walitti dhufuun dhimma qabsoo irratti marii taasise.Diina waloo jiru mootummaa wayyaanee hundeen buqqisuuf gumaatni sabawwan cunqurfamoo marti barbaachisaa akka tahe hubachuun Qeerroon Dargaggoota Sidaamaa waliin walitti dhufuun dhimma qabsoo irratti haalaan erga mariiatamee booda hojii fuulduraa jabinaan waliin akka hojjetamu irratti walii galuun ibsawwan ejjennoo armaan gadii kun baafamee jira.
1. Diinni keenya mootummaa wayyaanee tahuu hubachuun qabsoo hanga dhumaa tokkummaan ni gaggeessina
2. Bakka rakkoon ilmaan oromoo mudatee fi uummata sidaamaa mudatetti wal tahuun ni furra
3. Sagaleen sabawwan cunqurfamee addunyaatti akka dhagaamu tokkummaan ni hojjenna
4. Sabawwan cunqurafamoo Impaayera biyyattii keessatti carraa wal fakkaataan isaan mudate waliin tahuun ni hojjenna
5. Humna mootummaa wayyaanee diiguuf akka tahutti diddaa wal fakkaataa waraana mootummaa wayyaanee tasgabbii dhabsiisu Oromiyaa fi Sidaamaa keessatti ni qabsiifna
6. Uummatnii fi biyyi keenya bilisa hanga bahutti qabsoo itti fufna
7. Odeeffata diddaa uummataan jiruu fi shira mootummaa wayyaanee yeroodhaa yerootti quba wal qabaachifna
8. Quunnamtii bua qabeessummaa tolchuun Waadaa keenya hanga dhumaa ni tikfanna
Kan jedhan baafachuun yeroodhaa yerootti quunnamtii jabaan akka itti fufamuu fi diddaa wal fakkaataa mootummaa abbaa irree baleellaffamu irratti hojjechuuf murtii irra gahamee jira.
Qeerroon Amboo walitti dhufuun dhimma qabsoo irratti erga marii’atanii booda ibsa ejjennoo lafa godhatan.
Aside
Hagayya 17,2012 Amboo
Hidhaaa fi ajjeechaan haamilee nu cabsuu hin danda’u jechuun Hagayya 16,012 Qeerroon Amboo walitti dhufruun dhimma qabsoo oromoo irratti marii baldhaa taasisan.Qeerroon Amboop wareegama dargaggootni oromoo qabsoo oromoo irratti gumaaataa turaanii fi itti jiran yaadatanii jiran.Gaaffii mirgaa gaaafachaa jirru irratti wareegama barbaachisaa ni kaffalla jechuun qeerroon Amboo ibsa ejjennoo armaan gadii lafa kaaa’atanii jiran
- Gaaffii mirgaa gaafannu jabeessinee itti fufna
- Dirqama oromummaan nutti kenname haal duree tokko malee ni baana
- Diina keenyaa yoomuu ni mormina,Hanga Injifaanoos wareegama barbaachisaa kaffaluun ni mormina
- Saaminsa lfaa maqaa Investimentiin nutti dhufe ni mormina,Jalas ni dhaabbanna
- Sabawwan Cunqurfamoo waliin tahuun diina waloo irratti qabsoofna
- Ilmaan oromoo mana hidhaatti dararamaa jiraniif Adunyaatti ni iyyanna
- Bilisummaa biyya keenyaa saffisaaan dhufaa jiru dabarsinee aalagaaaf hin kenninu
- Akeekaa fi Gumaa gootawwan keenyaa ni baafna
Kan jedhan baafachuun qeerroo Oromiyaa bakkeewwaan biroo jiran irratti jabinaan akka hojjetan irratti walii galanii jiran.
