SBO: Ebal 18, 2018. Oduu fi Sirna Kabajaa Guyyaa Gootota Wareegamtoota Oromoo: Ebla 15, 2018 Jiddugala WHD ABOti Geggeeffame irratti Haasawa HDn ABO Jaal Daawud Ibsaa taasisan akkasumas SBO Sagantaa Afaan Amaaraa.

Aside

Peace for the Oromo People

Aside

Ebla 15 Guyyaan Gootota Oromoo fi Hundeeffama Qeerroo Bilisummaa Waggaa 8ffaa Magaalota Oromiyaa Gara Garaa Keessatti Kabajame.

Aside

 

Continue reading

Uummaata Oromoo Hundaaf Baga Jalbultii Guyyaa Gootota Oromoo Ebla 15 Ittiin Isin Gahe. Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo Irraa Kenname!! 

Aside

Baatiin Eblaa Seenaa Qabsoo Bilisummaa Oromoo keessatti baatii addaati. Addatti immoo Ebli 15 Bara 1980moota keessaa Guyyaa Goototni Oromoo Hooggantootni Qabsoo Bilisummaa Oromoo Imala Qabsoo Bilisummaa Oromoof utuu tattaafatanii harka shiftaa Mootummaa Ziyad Baarree bu’uun Hoggannoonni ABO qaroon namootni 10 haala suukkaneessaan wareegamanii boolla Tokkotti awwaalamuun Tokkummaa Uummata Oromoo waliigalaaf siidaa bu’uuraa kaa’anii darbani, Guyyan Ebli 15 Guyyaa Gootota Continue reading

Guyyaa Gootota Oromoo Ilaalchisee Walleelee Warraaqsaa Hawwisoo Qeeroo Bilisummaa

Aside

Continue reading

Gootota Oromoo fi Ebla 15 ilaalchisee Ibsa ABO

Aside

Gootota Oromoo fi Ebla 15

(Ibsa ABO Guyyaa Gootota Oromoo Ilaalchisuun)

Biyyootni fi Sabootni hundumtuu Gootota seenaa isaanii keessatti waan jajjabduu biyyaa fi Ummata isaaniitiif dalaguudhaan yaadataman ni qabu. Gootummaan humna, qabeenya, beekumsaa fi lubbuu ofii illee dabalee dantaa dhuunfaa ofii caalaatti dantaa Saba ykn. biyyaaf oolchuudhaan dantaa biyyaa fi Saba ofii tiksuu danda’uu dha. Biyya ykn. Saba kamuu keessatti oggaa balaan ykn. rakkinni yookaan ammoo weerarri alagaa kan jireenya biyyaa fi Ummataa yaaddoo jala galchu mudatutti kan dura bu’ee biyyaa fi Ummata balaa irraa ittisuuf wareegama baasu Gootota. Kanaafis Goototni wabii jireenya Sabaa ykn. biyyaa ti jechuun ni danda’ama. Goototni biyyaa fi Ummata isaaniitiif Ulfinaa fi Gaachana. Waan taheefis Sabootnii fi biyyootni hundumtuu Gootota isaaniitiif kabajaa ol’aanaa kennu. Guyyaa Goototaa jechuudhaanis Gootota seenaa isaanii keessatti waan jajjabduu dalaganiifii dabran guyyaa itti yaadatan guyyaa beekamaa Sabootni/biyyootni adda addaa ni qabu. Continue reading

SBO Ebla 15, 2018. Oduu, Guyyaa Gootota Wareegamtoota Oromoo ilaalchisuun Ibsa ABO irraa laatamee fi Guyyuma kan a irratti Walaloo Qophaa’e.

Aside

SQ-Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo Qophii Ebla 13,2018

Aside

SBO: Ebla 13, 2018. Oduu, Ebla 15 Guyyaa Gootota Oromoo ilaalchisuun Ibsa ABO, Wixinee HR- 128 mana Maree Ameeri kaan ragga’e irratti gaaffii fi deebii Miseensa GS-ABO J. Mahbuub Abbaa Waajii Waliin taasifame.

Aside

SQ- Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo, Ebla 12, 2018

Aside