Duula Ifatti Hin Labsamin ABO, WBO fi Qeerroo Irrattii (Haala Yeroo Irratti Ibsa Adda Bilisummaa Oromoo)

Aside

Haala waraanaa fi siyaasaa Impaayera Itoophiyaa yeroo dheeraaf geggeeddaramaa as gahe keessatti mootummaan wayyaanee fi waahila isaa kan tahe, OPDOn, ABO irratti waggoota 27f duula garaagaraa ifa tahe banuun ni yaadatama. Haala qilleensa siyaasaa fi waraanaa Itoophiyaa keessaa as dhihoo ammoo bifa adda addaan duula ifa hin taane ABO irratti oofaa turuu kan hubatu qofatu beeka. ABOn duula roga hedduu diinaan itti qiyyaafatuun baname kanaaf kallattiin deebisaa kennuurraa of qusatuudhaan, falmaa bilisummaa finiinsuun saba Oromoo abbaa biyyaa fi mirgaa taasisuutti fuuleffataa ture; har’as kanumatti jira. Haa tahuu duulotni bifa dhokataa hedduu qabu kan as dhihoo diinnan Oromoo adeemsisan adadumaan dirree babal’ifataa, tooftaa fi maloota jijjiirrataa guyyaa har’aan tana irra geenyetti cehaa jiru.

1. Duula Ololaa: qaama duula qabsoo bilisummaa Oromoo fi ABO irratti deemaa jiruu kan tahe ololli alaabaa ABO/Alaabaa Oromoo irratti deemu waltajjiilee sirnichaa irratti hogganoota OPDOn akkasumas miidiyaalee tohannaa OPDO/EPRDF jala jiran kan akka OBN irratti ifatti gaggeeffamaa turuun ummata Oromoo jalaa dhokataa miti.
2. Duula QBO Irrattii: wayta sochiin mooraa QBO irree fi miira tokkummaa Oromoo daran cimsuun yeroo kamiyyuu caalaa ifee mul’ataa jiruu fi warreen akka OPDOllee bu’aa isaa haaluu hin dandeenye kanatti, hogganoota QBO mooraa lammii itichuu fi gabbisuu akkasuma kan diinaa ammoo huqqisuu fi daaqsuu keessatti qooda qaban irratti duulli gaggeeffamaa jiraachuun diinummaa sirna EPRDF/OPDO kan dirree baasee agarsiisu. Wayta ammaa kana QBO addatti ammoo wareegama ulfaataan kan itti kenname qabsoo hidhannoo xiqqeessuu, busheessuun surraa isaa fokkisisuu, itti qoosuu fi salphisuun qondaalota OPDO kanneen akka Lammaa Magarsaa fi hoggana Itoophiyaantin qaanii malee waltajjii ummataa adda addaa irratti ololaa fi arrabsoon deemaa akka turee fi jiru Oromoo irraa dhokataa miti.

3. Duula qaamota tikaa qabsaawota qaroo fi hogganaa qabsoo keessatti qooda qaban jedhanii shakkan Adamsuu: duulli adamsuu, hidhaa fi dararaa sabboontotaa fi qabsaawota Oromoo irratti Finfinnee dabalatee guutummaa Oromiyaa keessatti bal’inaan gaggeeffamaa jira. Duulli adamsuu hammeeffame kun ummata Oromoof waanuma waggoota 27n dabran irratti raawwatamaa ture tahuurraa haaraa tahuu baatus, yeroo afaaniin Yeroo haaromsaa ti jedhan kana keessatti gaggeeffamuun akeeka haaromsichaa kan eeru yoo tahu, garamitti akka adeemu kan ilaallu taha.

4. Qabata Manguddummaa: duulli sirni wayyaanee fi OPDOn fuula biraatin adeemsisaa jiran ammoo jaarsolii biyyaa fi manguddoota qabatuun qabsoo hidhannoo ABOn deemsifamu irratti fuuleffatuun olola WBO diiguu oofuu fi oofsisuu dha.

Akka kanaanis karaa Kibba Oromiyaa WBO Zoonii Kibbaa danda’amnaan harka kennachiisuuf, dadhabamnaan ammoo deeggarsa ummataa dhabsiisanii duula waraanaan dhabamsiisuuf akka hojjetamaa jiru Ummanni Oromoo naannichaa akkasumas hawaasni keenya biyya ollaa Keeniyaa jiru ragaa dha. Warreen WBO dhabamsiisuuf shiraa fi duulaa jiran kunneen silaa dantaa fi fedhii saba Oromoof dhaabbatan tahee humnoota tikaa, waraanaa fi liyyuu haylii Somaalee Ummata Oromoo lafarraa duguugaa jiru hidhannoo hiikkachiisu ture. Duulli kun manguddummaan qabatee Oromoota Keeniyaa fi Oromiyaa keessatti bal’inaan erga banamee kunoo ji’a lama qabatee jira. Mootummaan wayyaanee yeroo as dhiyoo duula dhoksaan gaggeessaa ture amma ammoo ifa baafatuun ABO fi WBO irratti duula siyaasaa godinaalee Oromiyaa hedduu keessatti bifa haaraan gaggeessuuf karoorfatuu bobbaa kallattii adda addaatin taasifamaa jirutu mirkaneessa. Haasaan Obboo Lammaa Magarsaa Dambi-doollootti taasise sirnichi jala-bultii duula dhoksaa irra jiraachuu agarsiisa. Kanaafis doorsisni Obbo Lammaan “Ji’oota Lamaa-Sadi bosonaa dhukaasuu dandeessu, garuu kanuma humna qabutu dhufee isin dhabamsiisa.” jechuun qabsoo hidhannoo addattis WBO ilaalchisuun kan dubbatee fi haasaan tuffii fi arrabsoo makate kanaaf ragaa guddaa gurra addunyaa gahee dha.

Murni EPRDF fi OPDOn duula ifa hin taane WBO irratti banuu isaaniif murni amanamtoota sirna TPLF kan humnoota waraanaa, tikaa fi qondaalota OPDO sadarkaa naannoo fi Onootaa of keessaa qabu Kibbaan Yaa’a Bal’ootti akkasuma Dhihaan Qellem Wallaggaatti bobbahuun karoora bal’aa qabatanii as deeman ifaan agarsiisa. Akka karoora duula kanaatti Yaa’a bal’ootti namoonni 42 kan Onoota 13 irraa walitti dhufan ‘Dhimma ABO irratti kora taasisuu’ maqaa jedhuun akeeka EPRDF/OPDO gubbaa irraa laatameef irratti mariitti jiru. Akeekni marii kanaa ifaa fi gabaabaa dha. Ummata irratti duula siyaasaa gaggeessuun WBO hidhannooo hiikkachiisuun diinatti akka galchan dhiibbaa irratti godhuu, didu duula waraanaan lafa sana keessaa baasuu dha. Akkasuma Dhiha Oromiyaa irraanis murni ‘Koree Qulleessituu Godina Qellem Wallaggaa’ jedhamu kan qondaalota OPDO sadarkaa naannoo Oromiyaarraa namoota Sadi-Sadi fi bulchitoota akkasumas humnoota liyyuu haylii fi kora bittinneessaa of keessaa qabu akeekuma fakkaataaf Onoota hunda seenee jira. Kana malees hogganootaa fi caasaa ABO irratti bifa adda addaan duula banuuf qophiin adda addaa dhoksaan itti jirama.

Waamicha! Ummata Oromoof: Miseensonni ABO, WBOni fi Qeerroo-qarreen Bilisummaa Oromoo mirga abbaa biyyummaa Oromoo kabajchiisuuf, bilisummaa sabaa fi walabummaa biyyaa mirkaneessuuf falmaa wal irraa hin cinne wareegama ulfaataa baasise finiinsuun duula mootummaa Itoophiyaa, jalee fi tumsitoota isaa ofirraa qolataa akka as geenye si jalaa dhokataa miti. Addatti injifannoo qeerroon bilisummaa oromoo argamsiise ummata Oromoo fi Ummatootni Itoophiyaa hundi akka irraa oomishatan ifaa dha.
Har’a kanneen kaleessa sii fi ilmaan kee ficcisiisaa fi gidiraaf saaxilaa bahan yeroo itti afaan mi’eeffatanii qabsoo kee QBO ABO – Qeerrootin asiin geechetti duulaa jiran keessa jirra. Waan taheef injifannoo argame tiksuu fi duula haaraa murni EPRDF/OPDO banaa jiru bifa barbaachisaa tahee fi siif danda’ame hundaan ofirraa ittisaa fi QBO tiksaa fuul-duratti socho’uuf of qopheessuun dirqama tahuu hubachiifna. Ummatoota Itoophiyaa Hundaaf Ummanni Oromoo fi ABOn qabsoo waggoota dheeraaf gaggeesseen mirga fi dantaa ummatoota cunqurfamoo Itoophiyaa keessaaf kabajaa ol’aanaa akka qabu warraaqsa waggaa dheeraa adeemsise keessatti dalagaan agarsiisuu hundatu ragaa baha.

Nutis akkasuma ummatoota biyyattii keessaa kanneen hundarraa kabajaa dantaa Oromoo fi tumsa qabsoo egganna. Ammallee fedhii fi dantaa saba Oromoo humnaan cabsuuf shirootni hedduun deemaa waan jiranii fi dhiigni dhangala’uun itti fufuuf waan deemuuf ummatootni Itoophiyaa kana hubattanii ummata Oromoo fi qabsoo isaa cinaa akka dhaabbattan ABOn waamicha dhiyeessa. Aangawoota mootummaa Itoophiyaa, Mootummaa Naannoo Oromiyaa fi Humnoota isaan duuba jiraniif ABO fi qabsoo bilisummaa Oromoo irratti kan Jaarraa tokkoo olii malee waggoota 27 guutuu duula gaggeeffamaa tureen dhiigni ilmaan sabaa hedduu addatti ammoo kan Oromoo dhangala’eera. Kana keessatti qoodni qondaalotaa fi hogganoota OPDO maal akka tahe ummata Oromootu beeka. Duula itti fufiinsaan deemaa jiruun dhangala’iinsa dhiigaa fi gaaga’ama gahuuf gaafatamni isaa kan aangawoota mootummaa Federaalaa, naannoo Oromiyaa fi humnoota isaan duuba jiranii tahuu ABOn gadi jabeessee hubachiisa.

ABOn akkaataa itti jeequmsa siyaasaa Itoophiyaa furamu kan ilaallatuun ibsa baasuun ni yaadatama. Rakkoo siyaasaa, diinagdee fi hawaasummaa waliigalatti jeequmsa roga hedduu barootaaf ture hundeen furuufis waggoota kana keessatti yeroo adda addaatti tattaaffii taasisaa bahe. Mootummaan Itoophiyaa rakkoo biyyattii fi ummatoota hudhee fuul-dura akka hin tarkaanfanne sakaale furuu mannaa, dhaaba ummata biyyattii wayyabaa, ABO, irratti xiyyeeffachuun ifaa fi dhoksaan duulee balaa guddaa geessisaa jiraachuun rakkinicha caalaatti wal xaxaa deemsisuu irra darbee faayidaa fidu hin qabu. Kanuma waliin hawaasni addunyaa mootummaa Itoophiyaa kabajamuu mirga Ummatoota biyyattiif waliigalattis nagaa fi nageenya godinichaatti gufuu tahe bifa adda addaan gargaaran akka tarkaanfii fudhachuun ummata Oromoo fi Ummatoota naannichaa nagaa, haqa, dimokraasii fi bilisummaaf jecha wareegama qaalii baasaa jiran cinaa dhaabbatan waamicha keenya dhiyeessina. Duulli ifatti hin labsamin jidduu kana ABO, WBO fi Qeerroo Bilisummaa irratti adeemsifamaa jirus kan hin milkoofne tahuu ABOn irra deebi’ee mirkaneessuu fedha.

Gadaan Gadaa Xumura Gabrummaa ti!
Injifannoo Ummata Oromoof!
Adda Bilisummaa Oromoo
Waxabajjii 2 bara 2018

Kaafamuu Labsii Yeroo Muddamaa Wayyaaneefi Dhimmoota Haala Yeroo ilaalchisuun (Ibsa Ijoo Dubbii Qeerroo Bilisummaa Oromoo irraa kenname):

Aside

Manni Marii Ministerota Mootummaa abbaa irree Wayyaanee Sirna EPRDF/TPLF (ADWUI) Labsii yeroo Muddamaa Sirna abbaa irrummaa kufaatii irraa dandamachiisuuf deeggarsa tokko malee dirqamaan raggasisee bulchiinsa waraanaan uummata biyyatti addatti immoo Oromiyaafi Uummata Oromoo hiraarsa ture har’a labsii yeroo muddamaa kaasuu ibsa jira.
Wanti hubatamu qabu:
1.Labsichi duras nageenya uummataafi biyyaaf yaadamee utuu hin ta’iin Sirna EPRDF/ADWUI kufaatii irraa baraaruuf kan labsame ta’uu tasuma dagatamuu hin qabu.
2. Yakkotaa ajjeechaa, reebicha, madeessuufi saamicha labsii kana keessatti uummatarratti rawwatameefi nageenya uummataa bulchiinsa waraanaa kanaan boora’eef sirni EPRDF(ADWUI)n itti gaafatamumma fudhachuu qaba!!
3. Waraanni sirna EPRDF(ADWUI)n hogganamu kun Waraana itti gaafatamumma uummataa hin qabneefi waraana dhaaba siyaasaa mootummaa afaan qawween biyya bulchaa jiru qofaa bakka bu’uu waan ta’eef diigamuu qaba!!
4. Yakka ajjeecha waraanni Wayyaanee EPRDF godinaalee Oromiyaa garaagaraa Keessattu Boorana Moyaalee, Harargee Calanqoo, Hammarreessaa, Cinaaksaan, Gujii, Baalee, Walloo Baatee, Shaggar Lixaa Amboo, Giincii, Wallagga Dambii Doolloo, Naqamteefi bakkoota garaagaraatti jeneraalootni waraana wayyaanee ajaja dabarsuun guyyaa saafaa uummata Oromoo rukuchiisuun yakka duguuginsa sanyii uummata Oromoo irratti rawwatan seeraatti dhiyaachuun itti gaafatamuu qabu!!
5. Hundeen bu’uura gaaffii uummata Oromoo kabajamuu gaaffii mirga abbaa biyyummaafi bilisummaa uummata Oromooti. Gaaffiin uummatni Oromoo addatti Qeerroon Bilisummaa Uummata waliin hiriiree hiriirsisuun gaafachaa turefi jiruuf hanga ammatti deebiin hin kennamne gaaffii uummtni Oromoo waloon roga hundaan gaafata ture moggatti qabanii olola afaanfajjii umrii sirna garboomsaa dheeressuu qofaaf adeemsi maqaa haaromsa jedhuun rawwatama jiru rakkoo siyaasa biyyatti waliigalaafi gaaffii bu’uura uummatni Oromoofi Qeerroon bilisummaa gaafatuuf deebii hin ta’u. Gaaffii uummata Oromoo kan kabajamuu mirga abbaa biyyummaafi bilisummaa ilaalchisuun gaafatamaa jiruuf deebii kennuufi olaantummaa uummataafi olaantummaa seeraa kabajuun mirga hiree ofii ofiin murteeffachuu uummataaf kennuudha malee ofii aangoo afaan qawween tikfataa dhiigaa uumataa dhangalaasaa mirgaafi sagalee uummataa ukkamsuun jijjiramni dhufu tokkollee akka hin jirre hubachiifna!!
6. Gabaabaa dhumatti uummaatni Oromoo jaarmiyaalee siyaasaa Oromoo nuuf dadhabsiisa, murna murnatti hiraa biyyatti nuuf galchaa, kan biyya keessa karaa nagaa uummata keessatti qabsaa’uu caccabsaa dadhabsisaa, jaarmiyaa bilisummaafi walabummaa keenyaaf hidhatee falmaa jiruu irratti nuuf duulaa jedhee mootummaa abbaa irree ADWUI’f gaaffii dhiyeessee hin beeku. Isaan nu haa bulchan , “abbaan biyyaa Oromoodha”, “abbaan biyyaa ABO dha” dhaadannoo Sochii warraqsa Qeerroofi uummatati. Abbaan irree kana hundaafi gaaffiin uummata maal akka ta’ee utuu beekuu uummata Oromoo gama siyaasaan dadhabsiisuuf shirri siyaasaan uummata Oromoo irratti dalagamaa jiru dachaa ta’uun hubatamee jira, dhugaan lafa jirus kanuma ibsa. Kanuma waliin hanga gaaffiin bu’uura uummata keenya waliin taanee gaafata turreefi jirru gaaffiin bilisummaafi walabummaa Oromoofi Oromiyaa deebi’utti qabsoo haala yeroo irratti hundaa’een sochiin warraaqsa FXG daran jabaatee kan itti fufu ta’uu waamicha qabsoo dabarsina!!
7.Oromoo taatani Kaneene mootummaa abbaa irree gargaaruun jaarmiyaalee dhugaan uummataaf qabsaa’aan dadhabsiisuuf jecha bu’aa battalaa, fedhii murnaafi faayidaa bubutuu butachuuf jecha ajendaa siyaasaa qabsoo bilisummaa Oromoo, tokkummaa siyaasaa Oromoofi hawwaasummaa Oromoo dadhabsiisuuf sosocho’aa jirtan sagantaafi akeeka afaanfajjii uummataaf qopheessuurraa bakkuma jirtanitti akka dhaabbattani kabajamuu mirgafi bilisummaa uummata Oromoo kabachiisuu irratti adeemsa xiyyeeffateen uummata keessan cina akka dhaabbattan gadi jabeessuun hubachiifna!! Itti dabaluun shira siyaasaa uummata Oromoo irratti xaxamu irratti dammaquun yoo hin dhaabbatne kanuma waliin gaaga’ama siyaasaa Oromootti dhufuuf itti gaafatama seeraafi seenaa jala kan galtan ta’uu ni akeekkachifna!!
Kanaafuu uummatni Oromoo akka uummataattis, akka jaarmiyaattis tokkummaafi ejjennoo akeekaafi kaayyoo qabsoo bilisummaa Oromoo jabeessuun jaarmiyaaleen Qabsoo Bilisummaa Oromoo hundii adeemsa siyaasaa Oromoon qabu facaasuuf shira diinaan aggaamamu kamuu of irraa qolataa gaaffii kabajamuu mirga abbaa biyyummaa Oromoofi bilisummaa uummata keenyaa yeroo irraa gara yerootti gaafacha as geenye daran jabeessuun uummata Oromoo bilisoomsuufi Oromiyaa walabomsuuf yeroon qabsoo keenya irratti cichinee galiin ga’uuf carraaqnu amma ta’uu irra deebiinee dhaamsaafi waamicha keenya dhiyeessina!!
Injifannoon Uummata Oromoof
Gadaan Gadaa Xummura Garbummaati!!
Ibsa Ijo Dubbii Qeerroo Bilisummaa Oromoo!!
Waxabajjii 2/2018.

SBO: Waxabajjii 03 bara 2018. Oduu, Ibsa ABO Haala Yeroo Irratti Fuuleffatee fi Gabaasaa Gumaacha Sabboontonni WBOf Taasisanii.

Aside

ONN, Oduu Olmaa Oromiyaa, Caamsaa 31, 2018

Aside

SAGALEE QEERROO = Caamsaa 31, 2018

Aside

SBO: Waxabajjii 01 bara 2018. Oduu, Ijoo Dubbii ABO fi Gabaasa Gumaacha WBOf Taasifame Ilallatu.

Aside

ONN:Oduu Olmaa Oromiyaa keessatti marii nageenyaatu ABO fi OPDO Jidduutti gaggeffamaa jira ja’maa jiru laalchisee ibsa ABO. Caamsaa 30/2018

Aside

SBO: Caamsaa 30 bara 2018. Oduu fi Qophiilee Haala Yeroo Irratti Fuuleffatan Adda Addaa Akkasumas SBO Sagantaa Afaan Amaaraa.

Aside

Horroo Guduruu Wallaggaa, Guyyaa Har’aa Irreechi Tulluu Godina Horroo Gudruuu Dhagaa Gabar Irratti Kabajame. Darggoonni Oromoo walleelee warraaqsaa fi alaabaa ABOn faayamanii jaarii Tullu Dhakaa Gabar bifa adda ta’een kabajatanii oolanii jiru.

Aside

Continue reading

AMBOO-Caamsaa 19/2018 Sirna awwaalcha qeerroo Abdii Baddeessaa booda Amboon gara diddaa seentee jirti.

Aside

Image may contain: one or more people, sky and outdoor Continue reading