Kaafamuu Labsii Yeroo Muddamaa Wayyaaneefi Dhimmoota Haala Yeroo ilaalchisuun (Ibsa Ijoo Dubbii Qeerroo Bilisummaa Oromoo irraa kenname):

Aside

Manni Marii Ministerota Mootummaa abbaa irree Wayyaanee Sirna EPRDF/TPLF (ADWUI) Labsii yeroo Muddamaa Sirna abbaa irrummaa kufaatii irraa dandamachiisuuf deeggarsa tokko malee dirqamaan raggasisee bulchiinsa waraanaan uummata biyyatti addatti immoo Oromiyaafi Uummata Oromoo hiraarsa ture har’a labsii yeroo muddamaa kaasuu ibsa jira.
Wanti hubatamu qabu:
1.Labsichi duras nageenya uummataafi biyyaaf yaadamee utuu hin ta’iin Sirna EPRDF/ADWUI kufaatii irraa baraaruuf kan labsame ta’uu tasuma dagatamuu hin qabu.
2. Yakkotaa ajjeechaa, reebicha, madeessuufi saamicha labsii kana keessatti uummatarratti rawwatameefi nageenya uummataa bulchiinsa waraanaa kanaan boora’eef sirni EPRDF(ADWUI)n itti gaafatamumma fudhachuu qaba!!
3. Waraanni sirna EPRDF(ADWUI)n hogganamu kun Waraana itti gaafatamumma uummataa hin qabneefi waraana dhaaba siyaasaa mootummaa afaan qawween biyya bulchaa jiru qofaa bakka bu’uu waan ta’eef diigamuu qaba!!
4. Yakka ajjeecha waraanni Wayyaanee EPRDF godinaalee Oromiyaa garaagaraa Keessattu Boorana Moyaalee, Harargee Calanqoo, Hammarreessaa, Cinaaksaan, Gujii, Baalee, Walloo Baatee, Shaggar Lixaa Amboo, Giincii, Wallagga Dambii Doolloo, Naqamteefi bakkoota garaagaraatti jeneraalootni waraana wayyaanee ajaja dabarsuun guyyaa saafaa uummata Oromoo rukuchiisuun yakka duguuginsa sanyii uummata Oromoo irratti rawwatan seeraatti dhiyaachuun itti gaafatamuu qabu!!
5. Hundeen bu’uura gaaffii uummata Oromoo kabajamuu gaaffii mirga abbaa biyyummaafi bilisummaa uummata Oromooti. Gaaffiin uummatni Oromoo addatti Qeerroon Bilisummaa Uummata waliin hiriiree hiriirsisuun gaafachaa turefi jiruuf hanga ammatti deebiin hin kennamne gaaffii uummtni Oromoo waloon roga hundaan gaafata ture moggatti qabanii olola afaanfajjii umrii sirna garboomsaa dheeressuu qofaaf adeemsi maqaa haaromsa jedhuun rawwatama jiru rakkoo siyaasa biyyatti waliigalaafi gaaffii bu’uura uummatni Oromoofi Qeerroon bilisummaa gaafatuuf deebii hin ta’u. Gaaffii uummata Oromoo kan kabajamuu mirga abbaa biyyummaafi bilisummaa ilaalchisuun gaafatamaa jiruuf deebii kennuufi olaantummaa uummataafi olaantummaa seeraa kabajuun mirga hiree ofii ofiin murteeffachuu uummataaf kennuudha malee ofii aangoo afaan qawween tikfataa dhiigaa uumataa dhangalaasaa mirgaafi sagalee uummataa ukkamsuun jijjiramni dhufu tokkollee akka hin jirre hubachiifna!!
6. Gabaabaa dhumatti uummaatni Oromoo jaarmiyaalee siyaasaa Oromoo nuuf dadhabsiisa, murna murnatti hiraa biyyatti nuuf galchaa, kan biyya keessa karaa nagaa uummata keessatti qabsaa’uu caccabsaa dadhabsisaa, jaarmiyaa bilisummaafi walabummaa keenyaaf hidhatee falmaa jiruu irratti nuuf duulaa jedhee mootummaa abbaa irree ADWUI’f gaaffii dhiyeessee hin beeku. Isaan nu haa bulchan , “abbaan biyyaa Oromoodha”, “abbaan biyyaa ABO dha” dhaadannoo Sochii warraqsa Qeerroofi uummatati. Abbaan irree kana hundaafi gaaffiin uummata maal akka ta’ee utuu beekuu uummata Oromoo gama siyaasaan dadhabsiisuuf shirri siyaasaan uummata Oromoo irratti dalagamaa jiru dachaa ta’uun hubatamee jira, dhugaan lafa jirus kanuma ibsa. Kanuma waliin hanga gaaffiin bu’uura uummata keenya waliin taanee gaafata turreefi jirru gaaffiin bilisummaafi walabummaa Oromoofi Oromiyaa deebi’utti qabsoo haala yeroo irratti hundaa’een sochiin warraaqsa FXG daran jabaatee kan itti fufu ta’uu waamicha qabsoo dabarsina!!
7.Oromoo taatani Kaneene mootummaa abbaa irree gargaaruun jaarmiyaalee dhugaan uummataaf qabsaa’aan dadhabsiisuuf jecha bu’aa battalaa, fedhii murnaafi faayidaa bubutuu butachuuf jecha ajendaa siyaasaa qabsoo bilisummaa Oromoo, tokkummaa siyaasaa Oromoofi hawwaasummaa Oromoo dadhabsiisuuf sosocho’aa jirtan sagantaafi akeeka afaanfajjii uummataaf qopheessuurraa bakkuma jirtanitti akka dhaabbattani kabajamuu mirgafi bilisummaa uummata Oromoo kabachiisuu irratti adeemsa xiyyeeffateen uummata keessan cina akka dhaabbattan gadi jabeessuun hubachiifna!! Itti dabaluun shira siyaasaa uummata Oromoo irratti xaxamu irratti dammaquun yoo hin dhaabbatne kanuma waliin gaaga’ama siyaasaa Oromootti dhufuuf itti gaafatama seeraafi seenaa jala kan galtan ta’uu ni akeekkachifna!!
Kanaafuu uummatni Oromoo akka uummataattis, akka jaarmiyaattis tokkummaafi ejjennoo akeekaafi kaayyoo qabsoo bilisummaa Oromoo jabeessuun jaarmiyaaleen Qabsoo Bilisummaa Oromoo hundii adeemsa siyaasaa Oromoon qabu facaasuuf shira diinaan aggaamamu kamuu of irraa qolataa gaaffii kabajamuu mirga abbaa biyyummaa Oromoofi bilisummaa uummata keenyaa yeroo irraa gara yerootti gaafacha as geenye daran jabeessuun uummata Oromoo bilisoomsuufi Oromiyaa walabomsuuf yeroon qabsoo keenya irratti cichinee galiin ga’uuf carraaqnu amma ta’uu irra deebiinee dhaamsaafi waamicha keenya dhiyeessina!!
Injifannoon Uummata Oromoof
Gadaan Gadaa Xummura Garbummaati!!
Ibsa Ijo Dubbii Qeerroo Bilisummaa Oromoo!!
Waxabajjii 2/2018.

SBO: Waxabajjii 03 bara 2018. Oduu, Ibsa ABO Haala Yeroo Irratti Fuuleffatee fi Gabaasaa Gumaacha Sabboontonni WBOf Taasisanii.

Aside

ONN, Oduu Olmaa Oromiyaa, Caamsaa 31, 2018

Aside

SAGALEE QEERROO = Caamsaa 31, 2018

Aside

SBO: Waxabajjii 01 bara 2018. Oduu, Ijoo Dubbii ABO fi Gabaasa Gumaacha WBOf Taasifame Ilallatu.

Aside

ONN:Oduu Olmaa Oromiyaa keessatti marii nageenyaatu ABO fi OPDO Jidduutti gaggeffamaa jira ja’maa jiru laalchisee ibsa ABO. Caamsaa 30/2018

Aside

SBO: Caamsaa 30 bara 2018. Oduu fi Qophiilee Haala Yeroo Irratti Fuuleffatan Adda Addaa Akkasumas SBO Sagantaa Afaan Amaaraa.

Aside

Horroo Guduruu Wallaggaa, Guyyaa Har’aa Irreechi Tulluu Godina Horroo Gudruuu Dhagaa Gabar Irratti Kabajame. Darggoonni Oromoo walleelee warraaqsaa fi alaabaa ABOn faayamanii jaarii Tullu Dhakaa Gabar bifa adda ta’een kabajatanii oolanii jiru.

Aside

Continue reading

AMBOO-Caamsaa 19/2018 Sirna awwaalcha qeerroo Abdii Baddeessaa booda Amboon gara diddaa seentee jirti.

Aside

Image may contain: one or more people, sky and outdoor Continue reading

SBO Caamsa 27, 2018. Oduu, Ayyaana Caamsaa 20 kan Mootummaa Wayyaanee Ilaalchisuun Ibsa ABO fi Haala Yeroo irratti Ijoo Dubbii ABO.

Aside