Caamsaa 24 akkuma waamicha uummata Oromoo hundaaf yeroodhaa yerootti gufannaan jiraatullee dhiyaataa tureetti har’a hiriirri mormii Kongiresii Biyyooleessaan karaa nagaatiin xumuratee jira.Gabaasa walii galaatti osoo hin seenin dura akkuma beekamu mootumaan wayyaanee mormitoota qabaachu isaatu isa aarsa,gaaffimti maalif narratti ka’a kan jedhutu itti dhagayama of-tuulummaa fi abba irree tahuu isaa mirkaneefachuuf yoomiyyuu callise hin beeku. Mormiin dhimma Oromoo ilaallatu kun Finfinnee keessatti akka hin raawwannee gufuu ta’aa ture kan darbe dhiisnee kan kaleessaa irraa yoo kaane qindeessitootni kongiresii biyyooleessaa kun adeemsii hiriira kanaa fi uummata Oromoo guutummaan irratti hirmaachisuuf waamicha bakkoota hedduudhaan gahamaa tureera,keessattuu jiraattootni godinaalee addaa naannawaa Finfinnee hiriira mormii kana irratti akka argaman gama Qeerrootiinis waamichi darbaa tureera.Kaleessa Caamsaa 23 dhimma kanaaf waamicha godhame kan Godina addaa Laga Xaafoo,Buraayyuu fi Sulultaa irratti waamichi hiriira mormii kun uummata hunda akka hirmaachisuuf ta’e namoota gara godina kanaatti ergaman hedduun tikoota wayyaaneen qabamanii toohannaa jala oolanii jiru,kaan reebamanii waan seeraan deemamu xumurachuu qabnaadhaan hin dandeessan kan godina addaa isin hin galchu jechuudhaanis poolisoonni wayyaanee namoota dhimma kanaaf deeman rukutaa fi yeroodhaaf hidhaa turaniiru,garuu hin hafneef guyyaa har’aa hamma yaadame tahu baatus uummanni magaalattii keessa jiraatu hunduu irratti hirmaatee gaaffii isaa dhiyeeffachaa ooleera.Adeemsi hiriira mormii kuni kan gaggeeffame. -Akkuma waamicha godhameetti sa’a 3:00 irraa ka’uudhaan hanga sa’a 7:00tti gaggeeffamee ooleera.Bakki ka’umsa hiriira kanaas Kiiloo 4 irraa ka’uudhaan daandii riqicha Ginfillee qabatee hanga kutaa magaalaa Finfinnee Magganaanyaa keessa kutuudhaa baayina uummataa 10,000 ol tahuun dhaadannoo wal tahaa kan barattoota Oromoo yuuniversitii irraan Ebla 25 irraa kaasee itti fufe qabatanii jiru,dhaadannowaan ykn gaaffiwwan dhiyaatan wal duraa duubaan:
1.Lafti Oromoo ciramee gurguramaa jiru amma irraa kaasee akka dhaabbatuudha,
2.Naannowwan Finfinnee maree uummataan alatti xuqamuu hin qabu,tahus yoomiyyuu raawwatee federaala jala galuu hin qaban,
3.Namootni siyaasaan hidhamanii jiran yeroo utuu itti hin kennin haa gadhiifaman
4.Ajjechaan ilmaan oromoo irra jiru haa dhaabbatu
5.Hidhamuun barattootaa haa dhaabbatu
6.Lafi keenya saamamuun haa dhaabbatu
7.Mirgi keenya nuuf haa eegamu
8.Bilisummaa barbaanna!
9.Poolisiin uummataaf dhaabbate uummata hin ajjeesin
Kan jedhuun uummanni hammi argame gaaffii barattootni duraan kaasan mirkaneessuudhaan oolan.Namootni hedduun akka irratti hin argamne shirootni hedduun xaxamaniiru keessattuu barattootni yuuniversitii Finfinnee akka hin argamne waan godhame keessaa guyyaa har’aa guyyaa barumsi hin jirre Qormaata irra gochuudhaan barattootni hedduun irratti hin argamin turan barattootni muraasni kan argaman gaaffiin keenya dhaga’amuun isaayyuu qormaata caala carraa kana argannee dhimma itti bahuu qabna jedhanii qormaata wayyaanee akka jiraatu goote kana dhiisanii hiriira kana irratti argamanii jiru.Namootni hedduun sa’a wal buusaadhaan kan ka’e bakka hiriirri kun itti gaggeeffamu wal’aalanii kan deebi’an walakkaa namoota hiriira kana irratti argamanii ni taha,namoota booda irraan ka’an poolisoonni wayyaanee daandii gubbaa dhaabbatan sobanii uummatni daandii kana bobbahe jechuudhaan daandii namoota harkaa balleessaa turaniiru mudanno kana kan dubbatan hedduudha.Uummanni hammi yaadame bakka argamuu baatullee uummata hiriira kana irratti bobbahan habashoota mufachiisee akka jiru odeeffannaan dhaga’ama jira.Akkasuma sochii barattootni eegalan kana kan deggeru jiraachuu isaas mootummaan wayyaanees akka rifate odeessii garagaraa ibsa.Namootni dhoksaatti osoo namootni hin argin hiriira kana dhaqqabuuf qopha qophaa kaachaa turan tikoota wayyaaneen qabamanii dhokfamanis akka jiru odeessi himaa jira,namoota kana Qeerroon hordoffii godhamu taasisaa jira.Mootummaan wayyaane hedduu rifatee kanneen mootimmicha deggersan ilmaan habashootaas yaada yaddeessaa keessa akka galan ifatti mul’ate,waraabbii qabnu rakkoo dhiyeeffachuu dhabnus suurawwan kaafamaa turan asii gaditti kan argamaniidha.Gaaffiin mirgaa dhiyaachuun qixaa fi oromiyaa guutuudhaan itti haa fufu jenna.
Category Archives: Oduu/News
SBO Caamsaa 25 Bara 2014 Oduu – Gabaasa Oduu Haala Biyya keessaa irratti – Gabaasa Hiriira Nagaa Hawaasa Oromoo UK London Marroo 2ffaa fi Dhimma Finfinnee irratti gaaffii fi deebii kana dura geggeeffame
Aside
Seenaa Gabaabaa Gooticha Oromoo Barataa Alamnaa Tashoomaa
Aside
Barataa Alaminaa Tashoomaa abbaa isaa Obb. Tashoomaa Baay’isaa fi haadha isaa Aaddee Qabbanee Luuccaa irraa bara 1988 A.L.H. aanaa Amboo ganda Qonnaan bulaa Qibaa jedhamee waamamutti dhalate. Akkum umuriin isaa barnootaaf gaheen bara 1997 mana barumsa Qibaa sadarkaa 1ffaa barnoota eegale. Kutaa 1ffaa hanga 7ffaa tti manum barumsaa kanatti baratee kutaa 8ffaa immoo mana barumsa Amboo Addis Katamaa sad. 1ffaatti baratee qormaata naannoo Oromiyaa kutaa 8ffaa fudhate. Barataa Alaminaa Tashoomaa erga kutaa tokkoo jalqabee barataa cimaa waan tureef qormaata kutaa 8ffaas qabxii gaarii galmeessisuun gara kutaa 9ffaatti bara 2006 darbe. Haluuma kanaan FDG Gootoota baraatoota Oromoo Amboon adeemsiifamaa ture irraatti Ebla 29,2014 osoo gootummaan gaaffii Oromoof jecha osoo gootummaan diina dura dhabbatee qabsawuu wareegama sabaa kafale. Wayyaanonni barattoota Oromoo gara jabina hamaan adamsanii haa ajjeessanuu gaaffiin mirgaa tasa hin dhaamu jechuun bakkoota adda addatti FDG itti fufee jira.
Raadiyoo Simbirtuu fi Seife Nebelbal
Aside
Artisti Daadhii Galaan/ Dagachuu hin ta’u kan kalee
Aside
Seenaa Gabaabaa Gootittii Oromoo Barattuu Tigist Maammoo Simaa
Aside
Barattoota Oromoo kan Yuuiversitoota garagaraat osoo karaa nagaan hiriira bahani dhimma abba biyummaa isaanii falmata jiranuu lubbuun isaanii waraana mootummaa Wayyaanen darbite keessaa seenaa gabaabaa barattuu Tigist Maammoo Simaa isiniif qooda.Tigist Abbaa ishee Obbo Maammoo Simaa fi Haadha ishee Aaddee Ayeetuu Maammoo irraa bara 1992 akka lakkoofsa Oromootti Biyya Oromiyaa Godina Kibba lixa Shawaa Aanaa sadeen Sooddoo Ganda Saaririti jedhamutti dhalattee.Mana barnoota sadarkaa 1ffaa kan barattee 1_8 mana barnoota Calalaqa kan jedhamu miilan deemsa sa’a lama deemte barattee.sadarkaa 2ffaa 9_12 mana barnoota Harbuu Cululleetti baratte.Akkasuma qabxii gaarii fiduun Yuuniversitii Maddaa Walaabutti waggaa 1ffaa barata osoo jirtuu FDGf n gaaffii mirgaa baratooti Oromoo Ebla 28,2014 kaasaniin wal qabatee rasaasa diinaan wareega lubbuu saba Oromoof jecdha kafalte.
Gootittiin Oromoo Tigist Maammoo dhalattee ganna 22ti gootummaan uumata Oromoof wareega kafalete. Qabasaawaan yoo kufe illee Qabsoon itti fufee kaayyoo isaanii bakkaan ni gaha.
“OROMIYAA” Walaloo Warraaqsaa
Aside
Miseensa Parlamaa Sirna Fashisitii Wayyaanee EPRDF fi Paresedantii Yuuniversitoota Oromiyaa Kanneen Ta’an Lammiileen Oromoo Gochaa Sukkanneessaa Wayyaaneen Oromoo Irratti Raawwatu Keessaa Akka Harka Isaanii Fudhaniif Qeerroon Bilisummaa Oromoo Kallattiin Dhaamsa Dabarse.
Caamsaa 22,2014 Finfinnee
Paarlaamaan EPRDF (Etoophiyaa) Angoo kan hin qabane,Uummata Oromoo fi lammiilee biyyatti bakka bu’uu kan hin dandeenye ta’uu Qeerroon Ibsa gababaa haala paarlaamaa sirna EPRDF fi gaaffii karaa nagaa FDG Uummata Oromoo gaafachaa jiruuf deebii kennama jiru irratti hundaa’uun mirkaneessee jira.
Dargaggootni barattootni Oromoo dhaabbilee barnoota olaanoo Yuunivarsiitoota, Kolleejjotaa fi manneen barnoota sadarkaa 2ffaa fi 1ffaa keessatti uummata waliin gamtaan hiriiruun gaaffii mirgaa fi dimookiraasii karaa nagaa gaafataniif Mootummaan waraanaa fi qawween reebuun deebii kennee jira. Oromiyaa keessatti Presidenttootni dhaabbilee barnoota ol-aanoo Yuunivarsiitii miseensa Paarlaamaa sirna EPRDF ta’uun abbaa irrummaa fi Faashistummaa uumata irratti deemsisaa jiru. Miseensotni kun itti gaafatama seenaa fi seeraa jala ba’uu hin danda’an.
Haala Yeroo ammaa sochii warraaqsa dargaggoota barattoota Oromoo dhaabbilee barnoota olaanoo Yuunibarsiitii keessatti qabateef miseensotni Parlaamaa presidentooni Oromoo mooraa Yuunivarsiisii, dhaabbilee barnoota irraa gaaffii Uummataa karaa nagaa fi dimookiraasii dhiyaateef deebisuu irra Uummata nagaa gaaffii mirgaa gaafate irratti humna waraanaa bobbaasuun yeroo ammaa kanatti mooraan Yuunivarsiitota akka Jimmaa, Wallaggaa, Amboo, Mattuu, Adaamaa, Finfinnee, Harammayyaa, fi Maddaa Walaabuu fa’aa keessatti barattootni Oromoo Jumlaan hidhatti guuraman, humna Waraanaan reebaman, humna waraanaa fi tikaa Wayyaaneen ajjeefaman, humnoota Mootumma kanaan gara dabarfaman.
Yeroo gochaan suukkaneessa fi gara jabinaa kun barattoota Oromoo dabtaraa fi isrsaasa(pencil) malee meeshaa tokko of harkaa hin qabne irratti rawwatamaa jirutti maqaa Presideentota Yuunivarsiitii Oromiyaa fi bakka bu’ummaa miseensa Parlamaa EPRDF qabatanii barattoota lammii isaanii ta’an Oromoota irratti daba kana fakkaatu warri raawwattan martinuu gaafatama seenaa bara baraa jalaa akka hin bane Qeerroon Bilisummaa bakka jiranitti xalayaa Waajjira Parezedantoota armaa gadiitti kenneen beeksisee jira.
- President Yuunibarsiitii Wallaggaa fi miseensa paarlaamaa sirna EPRDF
- President Yuunibarsiitii Amboo fi Miseensa Paarlaamaa sirna EPRDF.
- Presidenti Yuunibarsiitii Jimmaa fi miseensa Paarlaamaa fi Detaa Ministera Barnoota,
- President Yuunibarsiitii Mattuu fi miseensa Paarlaamaa sirna EPRDF.
- President Yuunibarsiitii Maddaa Walaabuu fi miseensa Paarlaamaa sirna EPRDF.
- President Yuunibarsiitii Harommayyaa fi miseensa Prarlaamaa sirna EPRDF.
Kanneen kunis ta’e warri hafan kaan aangoo fi sadaqaa mootummaan Wayyaanee itti kennuun dabarsanii ilmaan Oromoo akka hin kenninee fi daba gita hin qabne uumata Oromoo irratti raawachuu akka dhaaban Qeerroon Bilisummaa ifatti isaan beeksisee jira.
Oromo talk show hosted by Dawite Mekonen/ Waayee Eeenyummaa Irratti Gorsa Barnoota Qabu!
Aside
Maadhee Iftuu Barii,Sulultaa Caamsaa 22,2014 Waamicha FDG Dabarse
Aside
Guyyaan Caamsaa 22/2014
Qabsoon FDG Hanga Sirna Wayyaanee Hundeen Buqisu Hin Dhaabbatu!
Kan dhageettii miti kan ijaan arginu kan dhugaan iyyatee addunyaa waammattu yeroo sabni balaan saamamuu lafa isaatii fi dhumaatii ijoollee isaaf gaaffii ol kaafatu maatii salphoo keessatti kan dhalatee guddate kan safuu hin beekne mootummaan wayyaanee uummata guddaa maanguddoo fi ijoollee hin jedhu rasaasaan reebee ajjeesa. Nuti maadhee Iftuu Bariiti,karaan danqaraa qofa tahe kan wajjin maadditti dhiyaatan lama keessaa tokko gurgurataadha,abbaa isaa kan garaaf dabarsee dhala dhalee fi dhalche dabarsee kennaa jira. Nuti uummata keenya waliin,uummata jiraattoota aana Sulultaa,Qote Bulaa aanaa kanaa fi barattoota manneen barnootaa sadarkaa garagaraa jalatti argaman waliin wal taanee hojii mootummaa wayyaanee ni balaaleffanna.
Mootummaan Wayyaanee aangoo isaa irra guyyaa tokko hin turu kan irra bubbulchee achirratti qallabaa jiru dhaaba OPDO kan saba isaaf ilaalcha sabummaa herregee hin beekneedha.Hara mootichi hojii isaatti qaanaaa hin jiru saba biraa keessaa kan dhalate gara dhaaba kanaatti harkisee ogganummaa olaanaa kenneefii diddaa uummata oromoo kan danqaru tolfatee jira,uummanni keenya kan beekuu qabu mootummaan kun mootummaa waltawaatti biyya dimokiratooftuu jedhee addunyaa sobuudhaan keessaan ammoo kaayyoo duguuginsa sanyii oromoo irratti gaggeeffachaa raawwachaa jira, harI bor miti bor waa hedduutu jijjiirama OPDOn hara saba oromoo gurgurataa ilmaan oromoo ficcisiisaa jiru gaafa oromiyaan bilisoomte uummata isaa kana waliin jiraachuun hin hafu bor garuu yaada maalii dhiyeessaa maal jedha kan jedhuuf bortu beeka! Kanaaf nuti akka maadhee Iftuu Bariitti gocha mootummaa wayyaanee balaaleffachuuf ammas uummata keenya waliin hiriiruuf barataan oromoo waa hundaanuu sila miidhame FDG qixa kamiinuu barumsa isaa dhaabee itti fufuu qaba,uummanni keenya bakka hara kauun miidhaa boruu isn irra gahu hambisuudha, hara falmachuun carraa ijoollee keessanii kan boruu mirkaneessuudha. Dhaabni OPDO uummata Oromoo bakka buuu akka hin dandeenye beekuu qabna,isaan kun gariin isaanii buaa dhuunfaatiif akka jiraataa jiran hubachaa:-
1. FDG torbeewwan sadii dura oromiyaa keessatti dhoe bifa haaraadhaan itti fufsiisuuf yeroo fi guyyaa tokkichatti wal beellamnee kauu.
2. Hanga guyyaan beellamaa gahutti miseensota OPDO keessaa kan diddaa fi gaaffii keenya deggeran irraan waan boru danqaraa nutty tahu isaan irraan hubannee hara keessaa ciruudha,
3. Rakkoon saba Oromoo dhaabbilee amantaa fi jaarmayaa Oromoo garagaraa quuquu hin didne,kun eenyuttiyyuu kan dhagaamuudha isa dhageettii miti ijaan utuu arginuu gaafa ni ciru gaafa nu ajjeesu kun bor saba biraallee nu tuffachiisa,FDG kun as dhiyootti bifa haaraadhaan itti fufuuf waamicha keenya maqaa maadhee keenyaa fi saba balaatiin dabarsina.!
Injifannon Uummata Oromoof!
Gadaan Gadaa Bilisummaati!
Waamicha FDG Maadhee Iftuu Barii,Sulultaa Irraa!


