“Namni Bishaanni Isa Nyaate Homacha Qaqabata” Yakkamtoota Seenaatu ABO Yakka!!

Aside

ABO tokkummaa Oromoof aarsaa akkamii baasaa ture, aarsaa akkamii baasaa jira? Tokkummaan OPDO’n baantuuf Oromoon fedhu tokkoo? Tokkummaa Oromoon fedhu tokkummaa akkamiitii? Akeekni ABO qophxeessuu irratti fuulleffannoon hojjetamaa jiru Oromoof galmamoo gufaata?

Qalbeessaa Dhangi’aa

Finfinnee Oromiyaa

Xiyyoo dubbii/Areerrata

Seenduuba(seenaa duuba)  kaleessaa akka hayyoonni barreessaa turanittis ta’ee akka dhagaa’aa guddanneetti rakkoon Oromoo garbummaa keessatti hanbise tokkummaa dhabuudha ka jedhu dhagaa’aa turre dhagaa’aas jirra. Tooruma kaleessaa gaafa faana dhoofnee ilaallu, Gendaa Buushan habashoota karaa lolaa cabsuuf lola jabaa labseera, akkasuma gootonni hedduun lixa Oromiyaa irraan Jootee Tulluun durfanii habshaa karaa lolaa cabse karaa waraanaa of keessaa baasuuf muratanii qabsoorra turan. Qabsoon Buushaan Mijuu irraa dhaalee, Gendaa Buushaan ilmi Buushan Mijuu Gootichi Sibuu karaa waraanaa gaggeessaa ture, ilma Morodaa Bakaree Kumsaa Morodaa sanyii warra Leeqaa Shanii warra waayyuu keessaa dhalateef liqimfamaa hinturre. Kumsaan habshoonni waraana hedduun nutti bobbaa’aa waan jiraniif nuti karaa waraanaa biyya keenya kabachiisuun nutti ulfaata karaa siyyaasaa injifannaa kan jedhu irratti amana. Gendaan mormakoo kutu malee utuun ilaaluu Qarree biyya koo ashakarii minilik hingodhu jechuun falma afaan qawwee kalattiin karaa gootummaa deebisuuf muratee, Waamaa irraa qabee hanga Baakkoo darbee ijaajjii gahutti loltoota habshaa lolaa ture. Continue reading