Category Archives: Oduu/News
New/Haaraa Artist Eebbisaa Malkaan / Yaa Hiriyyoota Koo Qeerroo
Aside
Barattootni Oromoo University Jimmaa Mooraa Saayinsii fi Teekinooloojii Ummanni Oromoo FDG Bakka Hundatti Itti Fufuun Dirqama Tahuu Akeekan.
Aside
Muddee 14,2014 Goototni Qeerroon Barattootni Oromoo Yuuniversiitii Jimmaa Mooraa Saayinsii fi Teekinooloojii haala qabsoo bilisummaa Oromoo fi rakkoo uumata Oromoo irra gahe irratti gahaatti erga mariyataniin booda ejjennoon fudhatan FDG bifa fedheen itti fufuu kan jedhu ture,aala kanatti aansuun galgala keessa sa;a 2;00 irraa eegaluun wallee Warraqsaa qabsiisuun ABO fi Qabsoo bilisummaa Oromoo faarsuun FDG malee Furmaatni abbaa irree angoo irraa darbu akka hin jirre akeekan.
Goototni Qeerroon Barattootni Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa bara darbe irraa eegaluun qabsoo qindaa’aa fi FDG sadarkaa Idil addunyaatti dhageettii argate qindeessuun Warraqsaa FDG bifa haaraan qabsoo uummata Oromoo keessatti boqonnaa haaraa saaqe qindeessuun hangafummaa olaanaa argatan, har’as qabsoon hanga bilisummatti jechuun halkan edaa hanga sa’aa 6:ootti Mooraa Yuunibarsiitii Jimmaa Saayinsii fi teekinoolojii keessatti sababaa Filmiin afaan Oromoo ”Qurxama” jedhamu argisiifamuun walqabatee galgala irraa eegaluun walleewwaan warraaqsaa kanneen artistoota Oromoo akka Eebbisaa addunyaa, Adinaal Mohaamed fi kkf wallisuun addatti ABO fi qabsoo bilisummaa Oromoo faarsan. kana malees Warraqsaa FDG malee mootummaa abbaa irree wayyaanee afaan qawween aangoo irratti cichaa jiru kan aangoo irraa darbu hin jiru jechuun dhaamsa guddaa uummata Oromoo fi lammiilee Cunqurfamoo biyyatti hundaaf dabarsuu itti fufan. waraabbiin wallee warraaqsaa ni qabna, sababaa rakkoo networkf fe’amuu didee nu rakkisaa jira dhiyootti kan isiniif erginu ta’uu ni hubachiifna.
Kana malees Mudde 13,2014 irraa eegaluun biyyatti keessatti boba’aan konkolaataa fi network dhabamuun wal qabatee raafama guddatu jira. amma uummatni sababaa boba’aan konkolaataa dhabameef kutaa biyyatti garaagaraa fi Godinaalee Oromiyaa garaagaraa keessatti bakka bakkatti socho’uu hanqachuun uummatni rakkoo ulfataa fi yaaddeessaa keessatti kufee jira. Qaala’insii gabaa biyyattis raafama guddaa biyyatti keessatti qabsiise jira. keessattu bara darbe irra eegaluun Warraaqsaa FDG Qeerroon barattootni Oromoo Yuunibarsiitii qabsisanii walqabatee mootummaa wayyaaneetti guyyaan halkan ta’ee waan qabee gadhiisu dhabaa jira. Dinagdeen biyyattis raafama guddaa keessa galee jira. Uummatni Oromoo fi lammiileen Cunqurfamoo biyyatti haal duree tokko malee tokkummaan mootummaa abbaa irraa irratti FDG qabsiisuun angoo irraa darbuuf yeroon gamtaan qabsaa’an amma jechuun dhaamsaa dabarsuu itti fufee jira.
Hiriira Mormii Sirna Wayyaanee Irraatti Guyyaa Har’aa Gaggeefame Ilaalchisee Gabaasa Video Qeerroo
Aside
Hiriira Nagaa Guyyaa Har’aa Magaalaa Finfinneetti Adeemsifame
Aside
Gabaasa Qeerroo Mudde 14,2014
Guyyaa har’aa dhaabni mormitootaa OFC magaalaa Finfinneetti hirira baheen dhaadannoolee hedduu dhageessisaa kan oole namoota 2000 ol kan hirmaachise, gana sa’a 3:00 irraa eegalee uummani Oromoo hangi dhagayee fi Qeerroon tumsa kanaaf irratti hirmaachuu dhaan dhaadannoolee waraabbii irratti mul’atan kanaa gadii irratti kan argamuudha,
-Mootummaan wayyaanee dhimma amantaa keessa hin seenin,
-Hidhamtootni siyaasaa haa gadhiifaman
-Baqqalaa Garbaa haa hiikamu
-Maqaa filannootiin uummata hiraarsuun haa dhaabbatu,
-Sobaan uummata yakkuun haa dhaabbatu,
-Afaan oromoo afaan federaalaa haa tahu,
-Saamtotni mootummaa seeratti haa dhiyaatan,
-Boordiin filannoo mootummaa irraa walaba haa tahu,
fi kkf dhageessisuudhaan hanga sa’a 7:00tti adeemsifamee jira, waraabbii dabalataa fi odeessa kana ilaallatu biroo argamuun walitti deebina!
“Oromoon Bilisuumuufi” Hawwisoo Qeerroo Bilisummaa Wallee Haaraa Muddee 13,2014
Aside
Oromo Voice Radio (OVR) Broadcast, December 13, 2014
Aside
SBO Mudde 14 Bara 2014 Oduu – Sirna awwaalcha sabboonaa barsiisaa Dirribii Nagaasaa – Gaaffii fi deebii J.Toleeraa Adabaa kutaa 3ffaa fi Qophiilee Adda Addaa
Aside
Sagalee Qeerroo Bilisummaa Oromoo Qophii Mudde 12, Bara 2014
Aside
WAREEGAMA HANQISUUF WAL TUMSUUN MURTEESSADHA ! kutaa 3ffaa
Aside
SEENAA Y.G (2005) kutaa 3ffaa | Muddee 12, 2014
Bilisummaan Dhiigaan malee hin argamtuun haqadha. Dhiigaan malee akka hin argamne itti amananii seenanii hojjachuun ammoo waa biraati. Dhaadannoo isaa ykn jecha isaa qofa beekuun ga’a miti jechuu kiyya. Bilisummaan dhiigaan malee hin argamtu jechuun, wareegama Lubbuu hanga gumaacha nam-tokketti baafnu malee, Bilisummaan gonkumaa hin jiru jechuudha. maarree,Ummati Oromoo , Bilisummaan dhiigaan malee akka hin argamne beeku dhabee ykn itti amanuu dhabee moo, waan Bilisummaan barbaaddu sana guutuu hanqachuu irraa Bilisummaan irraa fagaatte ? Bilisummaa keenya gonfachuuf wareegamni kafalaa jirru salphaa miti. wareegama barbaachisu kafallee Bilisummaa keenya goonfachuu qabnaan, murtee Ummata Qabsoo gaggeeffatuu ykn dhaaba Qabsootti jiruuti. Wareegamni hin jiru jedhee qabsootti kan seenu, ykn wareegama baqachaa Bilisummaa kan hawwuu yoo jiraatee, waan wareegama gaafatutti seenee laaquu dhiisuu wayyaaf. Namoonni akkasii irra jireessa karaa gabaabaa filannaatti of-salphisanii Ummata isaanis salphisu.
Sadarkaan Qabsoon Ummata Oromoo irra jiru yoo ilaallee , irra jireessi, addatti Biyya keessaa wareegama barbaachisu baasuun gootummaatti fudhatamuu argaa jirra. Wareegama barbaachisu kafalanii, wareegama hanqisuun ni danda’ama. Wareegama hanqisuuf jedhamee, sirna guyyaa irraa gara guyyaatti Ummata keenya dhiiga jigisaa jiru waliin karaa Nagaa hojjanna jechuun, diina jabeessee , wareegama addunyaa irratti hin mul’annee nu baasisuu akka danda’u hubachuunis dansaadha. Wareegama hanqisuuf haalaa fi adeemsa diinaa akka dansaatti qorachuu fi irratti walii galuu barbaachisa. addunyaa irratti Ummatoonni cunqursaa of irraa darbachuuf qabsaa’an , karaa wareegama itti hanqisanii Bilisummaa isaanii goonfatan ni filatan. Fincilli Ummataa wareegama waa maraa hanqisuuf filatamaa ta’aa dhufeera. Warri qawween wareegama hanqisuuf socha’anis ni jiru. sochii amma keessa jirruun ykn bakka waliif tumsuun hin jirreetti , sirna nama nyaataa wayyaanee kaasuuf yeroo nu gaafatuu danda’u, yeroo kana keessa ammoo, wareegama Qabeenyaa, Maallaqaa , jireenyaa, Lubbuu baafnuu fi wayyaaneen jiraachuuf miidhaa waa maraa {saamicha daboo kadahttee }nu irratti gaggeessitutu wareegama nu hanqisa moo, Tumsa godhannee sochii keenya qindeeffannee Fincila Diddaa Gabrummaa wal irraa hin cinnee fi waraana jabaa ijaarree finiinsuutu wareegama nu hanqisa ? jennee Filachuun murteessaadha.
WAREEGAMA HANQISUUF WAL-TUMSUUN MURTEESSAADHA !!! kutaa 3ffaa.docx