Aside

qeerroo-edit

Dhaabni Oromoof Wareegama Hin Kaffalle Oromoofiin Qabsaa’e Jechuu Hin Danda’u!

Ibsa Qeerroo Bilisummaa Irraa Bahe

Ummanni Oromoo waanjoo garbummaa jalatti erga kufee guyyaa tole jedhee walabummaaf hin qabsaawiin bule hin qabu. Guyyaadhaa gara guyyaattu Fincila diddaa garbummaa gaggeessaa warraaqsaa bilisummaa gaggeessaa asiin gahee jira. Kun Uummatni Oromoo dhaaba isaaf qabsaa’u cinaa dhaabbachuudhaan qabsoo gaggeessaa akka jiru kan mirkaanessu dha. Kana jechuun ammoo Uummata Oromoof qabsaa’ee hiree Murteeffannaa Oromoo guutummaan mirkaneesseen jira kan jedhu OPDOn Oromoof qabsoo kamuu akka hin taasisne ykn fedhii Uummata Oromoo akka hin guutneef mirkaneessa. Osoo OPDOn Uummata Oromoof qabsaa’ee Mootummaa Dargii hundeedhaan buqqise tahe qabsaa’ota OPDO keessaa wareegaman ni qabaata ture. Garuu OPDO keessaa ykn ammoo Miseensa OPDO tahee kan Uummata kanaaf wareegama lubbuu kaffale tokko illee hin jiru. Bilisummaa wareegama malee hin dhufne Uumamni OPDO kun ni fashalsa jechuu dha. Ilmaan Oromoo qaqqaalii Oromoof of wareegan kanneen akka Elemoo Qilxuu, Baaroo Tumsaa, Guutamaa Hawaasii fii kanneen biroo ammoo OPDOn maqaa dha’uu illee ni lagatti. Wareegamni Gootawwan kun kaffalan wareegama Barattootni, Barsiisotni Uummatni Oromoo walii gala har’a itti kaffalaa jiru waliin waan wal fakkaatuufi. Uummatni Bilisummaa isaa mirkaneeffate Eenyummaa isaan hin hidhamu, hin ajjeefamu. Uummatni Oromoo garuu Oromummaan hidhama ni ajjeefama.

Kanaaf Uummatni kun hanga ammaa qabsoo irra jiraachuu mirkaaneessa. Sabni qabsoo irra jiru ammoo garboome jechuun hin danda’amu. Kan garboome shira diinaa fi akeeka diinaa fudhatee kan tarkaanfachiisaa jiru dhaaba OPDO fi kanneen Oromoo keessatti of bixxiluun akeeka diinaa galmaan geessiaa jirani dha. Dhaabotni akkanaa Oromoof wareegama kaffaluu irra Oromoo garbummaa keessatti hambisuuf hojjechaa akka jirtan hubachuudhaan waanjoo garbummaa diinaa jalatti kan kufe isin tahuu hubattanii garbummaa jalaa of baasuun keessan amma jenna.

Qeerroo Bilisummaa Guraandhala 2015

Ibsa Qeerroo Bilisummaa Guraandhala 2015 Bahe

Warraaqsi Bilisummaa Wallagga,Qellem Keessatti Daran Jabaachuun Uummanni Ajaja Mootummaa Wayyaanee Lagate.

Aside

Gabaasa Qeerroo Qeellam,Gurraandhala 10,2015

diddaa9Qellem, Jimmaa Horroo ganda qonnaan bulaa Akkoo Jirruu jedhamtu keessatti uummanni ajaja mootummaa waan lagataniif tika wayyaneen reebaman,gabaasa Qeerroo Jimmaa Horroo hara Guraandhala 9 addeessuun guyyoota murasa dura Guraandhala 4 mootummaan misooma lafaa,jedhuun daagaa qotuu jedhamu ajaja basee baadiyaalee keessa qonnan bulaa dirqisiisuun akka bahan ajaja baasaa ture, uummannis yeroo ammaa ajaja mootummaa Wayyaane bakka hundaatti waan lagataa jiruuf humnatti fayadamuu, humna milisha baatiwwan muraasa dura dhimmuma kanaaf leenjifatee ture uummata keessa gadhiisee uumata keessa deemuun WBOn isin keessa jira isintu nyaachisa jechuun jiraattota haa hiraarsan malee uumanni takkaa fudhachuufii hin dandeenye.

Haaluma kanaan halkan halkan uummata irra deemanii reebicha hamaa qote bultootaa fi dargaggoota irratti raawataa jiru guyyaa jedhame kanaa kaasee kanaan namootni miidhamanii buufata fayyaatti argamanii osoo yaalamanii gaffii taasisaniif namootni kaan hallan sa’a 9:00tti manaa waamamuudhaan, gadi fuudhanii reebamuu isaanii duubbachuun Qeerroof ibsa godhanii jiru namoota reebicha kanan miidhaman:
1.Aadde Dambalii Ruudaa
2.Dar.Mohamadnuur Siraaj
3.Dar.Ashennaafii Gindaabaa
4.Dar.Isaaquu Gindabaa fi
kanneen biroos kan maqaan nun gahin hafan jiru, tikoota uummata eebuu waliin kan hiriiranii jiran keessaa bulchaa ganda kanaa kan tahe
Shumbaa Daggafaa,milishaa gandichaa Margaa Agichoo kanneen biroo fuula isaanii ukkaamfachuudhaan namoota humna biraa mootumma irraa ergame waliin uummata dhaanuun reebicha irratti raawwataa jiraachuu gabaasni nu gahee jira.

Sexual violence with special emphasis on sexual aggression in Oromia Regional State in Ethiopia

Aside

By Dr. Baro Keno | February 6, 2015

Love and Honour for our living and fallen heroes who resisted any barbarian act against Oromo nation

AsliAddee Asli Oromo: The first woman in the history of Ethiopian Empire that sentenced to death because of her political vision about Oromo people but released after 18 years in prison as a result of international communities campaign. UrjiiAddee Urjii Dhaabaa: Is one out of many Oromo Women that survived sexual aggression of Ethiopian government military force, police and security agents.

unpo1
unpo2
Thank you Mr, Chairman

Your excellences member of the European parliament, Dear participants, Ladies and Gentlemen, my most heartfelt thanks are extended to the Organising Committee of this seminar. I am particularly grateful to my informants Asli Oromo, Urjii Dhaabaa, Ilfinesh Qano and Dinkinesh Dhereessaa whom I am able to speak to about the agony they endured and who also morally supported of the Oromo women survivors of sexual violence who able to speak to them while their stay in Ethiopian Prison.

Ladies and Gentlemen,

unpo3Ethiopia is the tenth largest country in Africa and it is the second most populated country in Africa with projected population of 100 million by 2020. It has a number of nations/ nationalities with distinct culture. Ethiopia consists of peoples speaking more than 80 different languages (CSA, 2006)[1]. Currently, Ethiopia is classified into nine regional states. Oromia is the largest regional state in land mass and population. Ecologically and agriculturally Oromia region is the richest region in the Horn of Africa. Oromos are accounted for more than 45% of the population of the Ethiopian empire. The population size of the Oromo people and their resources makes Oromia the heart of Ethiopia. Failure and progress in Oromia regional state is grossly contribute to the failure and progress to Ethiopia.

Sexual violence with special emphasis on sexual aggression in Oromia Ethiopia.docx

Sexual violence with special emphasis on sexual aggression in Oromia Ethiopia.pdf

አሳድና በለው!!

Aside

አሳድና በለው!!     

Mesert Tullu Irraa     

Mesert Tulluuአሳድና በለው ይህን ሆዳም ባናዳ;

ሁሌ ለሆዱ ሲል የሚከውን ደባ፡

ኦሮሞን ለመግዛት ደልሎ ለጥቅም፡

እያበቃ እንጂ ዳግም ተስፋ አይሰጥም፡

እዝያ በሀገር ቤት ጨልሞበት ቀኑ፡

በሰው  ሰራሸ ነገር ውሸት መበተኑ፡

አያፉርም ይህ ሆዳም አቀና ወደ ውጪ፡

ቅሌት ተሸክሞ ይህ ሀገር በጭባጭ፡

በደም የሰከረን አንደበቱን ይዞ፡

ፈጦ ቀረ  ዕንደ እንደጨት ጭራሹን ደንዝዞ፡

በፕላዛ ሆቴል መሽጐ እንደሌባ፡

አንተ ሆዳም ባንዳ የት አባክ ልትገባ፡

ሴቶ ወንድ ሆና ስታበላክ ህርም፡

ባንዳው ምን ይናገር ውጦ ብቻ ዝም፡

በአውስትራሊያ ምድር  በሜልቦርኑዋ ሜዳ፡

ባንዳው ተባረረ እንደ በግ ተነዳ፡

አቅራሩ ኦሮሞዎች የቁርጥ ቀን ልጅ፡

ባንዳን በየ ሄደበት ሁሌ አሳዳጅ፡

እንማር ከነሱ እንዴት እንዳበሩ፡

ባንዳ እየወቀጡ ሁሌ ሲያባርሩ፡

አሳድና በለው!!  

Guraandhala 4/2015 Godina Jimmaa Magaalaa Jimmaa keessatti kanneen argaman humni waraanaa kora bittinneessa Oromiyaa jedhamuun beekaman sabboontota barattoota Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa Waliin qunnamtii tolfattanii FDGtti seenuuf jirtuu maqaa jedhuun wayyaaneedhaan qorataman.

Aside

Guraandhala 4/2015 Godina Jimmaa Magaalaa Jimmaa keessatti kanneen argaman humni waraanaa kora bittinneessa Oromiyaa jedhamuun beekaman sabboontota barattoota Oromoo Yuunibarsiitii Jimmaa Waliin qunnamtii tolfattanii FDGtti seenuuf jirtuu maqaa jedhuun
wayyaaneedhaan qorataman. Sochiin warraaqsa FDG mootummaa wayyaanee gama hundaan hudhee qabuutti jira. Sabboontootni poolisootnii fi humni bittinneessaa Oromiyaa jedhaman keessatti ilmaan Oromoo argaman Oromummaan yakkamuun qorannoof saaxilaman jedhe odeessii keessa kora bittinneessa Oromiyaa magaalaa Jimmaa qubsiifame jiru gidduudha bahaa jiru.

Mootummaan Wayyaanee EPRDF Oromoo ajjeessa jira, Oromoo saamaa jira, Oromoo qe’eef qabeenya irraa buqqisaa jira, Oromoo mirga abbaa biyyummaa irra mulqee jira, badii tookko malee Oromummaan yakka ta’aa jira, kun humna waraanaa mitii maraatuu fi raatuu karaa guddaa illee dhimma dammaqsudha, Ogummaa Waraanaatiin dhimma nageenya biyyaaf jennee mootummaa kana waliin dalaguun garba nu godhee jira arii jedhuun humni waraana kun hedduu dheekkama jiru. Akeekni fi karoorri roorroon mootummaan Wayyaanee uummata Oromoo irratti gaggeessa jiru akka rasaasa bilisummaa dhukaafnuuf nu dirqamsiisaa jira Oromoon bakka jirtanii nu cina dhaabbadha jedhuu sabboontootni Oromoo poolisii kora bittinneessa Oromiyaa magaalaa Jimmaa keessatti argaman.

Mootummaan Abbaa irree EPRDF yaaddoo fi sodaa guddaa keessa seenuun poolisii kora biittinneessa Oromiyaa magaalaa Jimmaa keessa qubsiifame jiru gara Godinalee Oromiyaa birootti buqqisee jijjiruuf akka jiru odeessi nu qaqqaba jiru saaxilee jira. Sabboontotni ilmaan
Oromoo bakka jijjiruun Oromummaa keenya kan nu keessatti ajjeessuu utuu hin ta’iin Oromummaa keenyatti kan nu cimsudha jechuun bakka kam iyyuu yoo adeemne kanaan booda Oromoo hidhuun, Ajjeesuu fi biyyaa irraa baqachiisuun dhaabbachuu qaba, adeemsa kana bakka kamittuu haalduree tokko malee dura dhaabbatna jechuun dhaamsa dabarfatan.

Goototni Qeerroon dargaggootni Oromoo ilmaan Oromoo sadarkaa garaagaraa fi haala garaagaraa keessa jiratan hundi yeroon gamtaan falmatan amma bakka jirruu harka wal qabatnee eenyummaa, bilisummaa Uummata Keenyaa fi walabummaa biyyaa keenyaaf haa falmaatnu mmuutummaa abbaa irree Oromummaa keenyaan nu yakka jiru dura haa dhaabbatnu jechuun dhaamsa itti fufinsa qabu uummata Oromoo hundaaf dabarsuu itti fufan.

Injifatnoon Uummata Oromoof!!