Eenyudharee Goonni??

Aside

Jiituu Lammii |Guraandhala 24, 2015

Hayyoonni seenaa warra dhiyaa “Tamerlane.” Jechuun yaadatu. “Timur the Lame” Isa jedhu gabaabsanii yoo waaman. Miilli isaa inni mirgaa waraanarratti miidhameetu naafatti fayye. Kannaf akkasiin moggaafame. Maqaan dhugaa ‘Timur’ jedhama. Bara 1336 – 1405tti jiraate. Timur Impaayera “Mongol Empire” jedhamu erga dhaalee booda weerara babal’aa geggeessun handhuura Eezyiyaa kessatti bulchinsa ‘Timurid dynasty’ jedhamu hundeessuu danda’eera.

Eenyudharee Goonni Jiituu Lammii Irraa

Diddaan Qeerroo Yuuniversitii Jimmaa fi Kolleejjii Barsiitota Jimmaa Ummataa fi Poolisoota Oromoo Dabalatee Sadarkaa Jabaan Itti Fufe,Waraannii fi Humni Tika Wayyaanees Muddama Seene.

Aside

Guraandhala 26,2015   Goototni Qeerroon barattootni Oromoo Yuunivarsiitii Jimmaa, Kolleejjii barsiisota Jimmaa fi Magaalaa Jimmaa keessatti argaman  diddaa siran cunqursaa Wayyaanee Jabeessuun guyyaa har’aa i hogganaa abbaa irree Wayyaanee TPLF/EPRDF kan ta’ee Abbooy Tsaayyee balaaleffachuun Magaalaa Jimmaa keessa nanna’uun Wallee Warraaqsaa FDG finiinsuun mootummaa abbaa irree Wayyaanee balaaleffatan.

Akkuma bara darbe baatii Ebla 11,2014 irra eegaluun gaaffii mirga abbaa biyyuummaa fi dimookiraasii karaa nagaa qabsiisuun FDG dhoosuun  Seenaa qabsoo bilisummaa Oromoo keessatti boqonnaa haarawaa banan torbee kana keessaa waldorgommii Ispoortii akka Oromiyaatti Jimmaatti gaggeeffama jiru sababeeffachuun  Wallee Warraaqsaan uummata Oromoo hundaaf dammaqinsa qabsoo gochuu eegalaan; guyyaa har’aas itti jabeessuun ifatti ba’uun mootummaa Abbaa irree EPRDF /TPLF Abbaay Tsayyeen durfamuu Wallee Warraaqsaa dhaadanoon wal makatee fi barnoota guddaa uummataaf dabarsuu fi FDG’f nama onnachiisuu dhoosuun ifatti abbootii Irreef uummatni jilbeeffatee akka hin bitamnee magaalaa Jimmaa keessa naanna’uun labsii godhani jiru.

Diddaa guyyaa har’aa goototni ilmaan Oromoo qabsoo bilisummaa uummata Oromoo ittin faarsaa olaanifi hogganaa wayyaanee Abbay Tsaayyee ittin balaaleffachaa oolaan , hedduu kan uummata hawwatee fi uummaatni fi dargaggootni Magaalaa jimmaa manaa ba’uun wallee warraaqsaa kanatti makamuun mootummaa abbaa irree Wayyaanee balaaleffachuu fi kan itti hin bullee ta’uu ibsachuun, Addatti immoo hogganaa Wayyaanee TPLF/EPRDF kanneen akka Abbaay Tsayyee sagalee guddaan balaaleffachuun: wallee warraaqsaa Ka’aa lollaa, Wayyaanee lollaa, Abbaa Irree Abbaay Tsayyee hogganaa wayyaanee lollaa , Ka’ii Oromoo falmadhuu, Wallaggarra falmadhuu, Amboo irraa falmadhuu, Jimmaa Irraa falmadhuu, Iluu irraa falmadhuu, Harargee irraa falmadhuu, Arsii gubbaa falmadhuu, Gujii Booraanaa falmadhuu, Arsii Baalee falmadhuu, Ka’aa lollaa abbaay Tsayyee lollaa, jechuun sagalee guddaan wallee warraaqsaa qabsiisuun Waamichaa FDG uummata Oromoo hundaaf dabarsan. ”kA’AA LOLLAA Hogganaan abbaa irree EPRDF/TPLF  Abboyi  Tsayyee uummata Oromoo jumlaan ajjeesisaa, hiisisaa, biyyaa irraa arii’achaa turee dhiyeenya immoo jechoota eenyummaa sabummaa fi mirgoota sabummaa uummatichaa tuquun dhimmaa ”MASTER PLAN FINFINNEE” wal qabsiisuun uummaata Oromoo abaaraa/arrabsaa .fi doorsiisa ture ni lollaa, ni balaaleffatna, aqngoo irraa bu’uu qaba jechuun  wallee warraaqsaa jabaataa fi aarii jechoota dhiyeenya Abaay Tsayyee hogganaan abbaa irree wayyaanee EPRDF/TPLF dubbatee  addatti kan balaaleffate yoo ta’uu, akka walii galaatti qabsoo FDG finiinsuuf qindoominaa fi ga’uumsa Sochii dargaggoota Oromoo FDG gaggeessa jiranii uummataaf ibsuun, FDG waliigalaatti akka uummatni Oromoo makamuu fi harka walqabatee ka’uuf karaa kan saaqaa jiru ta’uun hubatame jira. Uummatni Oromoo Magaalaa Jimmaa , Yuunibarsiitii Jimmaa,fi  kolleejjii  barsiisota Jimmaa sochii gootota Qeerroo barattoota Oromoo kanatti boonuun, isin malee maal qabna, isin cina jirraa, ija Abbay Tsayyee dhiiga ilmaan Oromoo dhugaa turee fi dhuguuf labsii dugguugginsa sanyii Genocide labsa jiru irraa isin haa qabu, isin waliin jirraa jabaadha jechuun jalalaa fi fedhii guddaa qabsoo bilisummaa Oromoof qaban ibsatan, FDG keessattis harka walqabatnee ni kaana jechuun uummata Oromoo hundaaf dhaamsa isanii dabarsan.

Humnootni Poolisii Wayyaanee dhalootaan Oromoo hin ta’iin  fi humni tikaa fi dabballootni  Wayyaanee sochii kana dura dhaabbachuuf ramadamaan human isaani ol waan ta’eef waan qabanii gadhiisan dhabuun dhiphina guddaa keessa seenani argamu. Magaalaan Jimmaas muddama guddaa keessa seentee kan jirtu ta’uun beekamadha.

Uummata Oromoo fi Oromiyaa Irratti Maaliif Diinni Baayyataa?

Aside

FIRAOL GUUTUU Irraa

barruuAkkuma seenaa irraa dhageenyetti, akkuma argaa jirutti oromotti diinni ni baay’ata ! Maaliif laata ? Sababa isaa yoo barree rakkina kana huddeen doomsuun salphaadha!Ani ta’ee yaadee yaadee gaaffii kanaaf deebii soqaa yeroo hedduu balleesera, akkakootti waan dhugaa qabatamaan hubadhe sabakoo biraan gahuuf qubeekoon eegale,Hayyoonni ,midi’alleen oromoo irratti hawaasa haa mariisisu , kaanis ergaa kana dubbisee waliin irratti hiriyyootaan marii’achuun salphiana kanaaf deebii xumuraa itti laachuun dirqama lammummaa haa bahu! Oromotti diinni kan baay’atuuf:-

  1. Oromoon kan uumaa isaa waaqessu, afaaniifi aadaa isaan boonu akkasumas uumama hundaaf kabaja qabu waan ta’eef, inni kuun diinaaf gufuu ta’e nuun fakkaadha,afaan keenya haasa’a, waaqa keenya waaqessa, nu malee of hin ta’iinaa ergaa jedhu qabaachuun diinni nuratti baayya’atte.
  2. Oromoon gara laafessa ,arjaa sorgaana, kan qabu kan hiru ,rakkataa kan gargaaru, mana isaa karaa deemaa kan bulchu waan ta’eef, irraa nyaachuu ,harkaa dhuguu ,kan isaa saamuu ,hiyyoomsuu fi jedhee lafaa fi qee’ee isaa irraa balleessuuf diinni irratti wal ijaare ka’e! Halaan garaamomuun oromoo diina irratti margisiise.Sagaleen waaqayyoollee kitaaba qulqulluu keessatti akkas jedha, akka gugeetti garraamomaa, akka bofaattis abshaaloma jedha, kana jechuun lamaan isaaniyyu ni barbaachisu ,oromoon garuu eenyuuf, maaliif hagamitti akka garaamomu dagate. kan isa balaalefatuu fi kan jiraachuu isaa mormuun isa ajjeesaa jiru irratti garaamummaa baay’ise! Ummata Oromoo fi Oromiyaa Itti Maaliif Diinni Baayyataa

Manni Barumsaa Godina Wallaggaa Horroo Gudruu Magaalaa Harato Gaaffii Barattooti Kaasaniin Hojii Dhaabe.

Aside

Gabaasa Qeerroo Magaala Haratoo Guraandhala 24,2015

diddaa9Godina Horro Guduruu Wallaggaa aanaa Jimmaa Gannatii magaala Haratoo irraa gabaasi Qeerroo akka ibsutti mana  barumsaa sadarkaa 2ffaa magaala Haratoo rakkoo bulchitootaa fi sirna barnootaa waliin wal qabatee diddaa kaasuun manni barnootaa dhaabbate.

Dorgommiin barnoota biyyoolessaa guutummaa biyyatittii keessatti ta’een wal qabatee barattooti Oromoo kanneen naannoo kaanii irra haalaan miidhamaa ta’uu fi rakkoon qaalawiinsa jireenyaa waliin wal qabatee diddaan ka’aa jira. Tigraayii fi ilmaan Tigree sadarkaa kana keessa hin jiran wal hin madaallu jechuun barattootni kutaa 9ffaa fi 10ffaa walii galatti barattootni 1,627 akkasuma barattootni kutaa 11 fi 12 baratan walii galatti barattoota 588 akka walii gala barattoota kanaatti, barattoota 2,215 guraandhala 9,2015 irraa kaasanii barumsa dhaabuun hanga har’aatti barumsatti kan hin deebinee fi manneen barnootaa magaala kanaa cufamee akka jiru odeessaan achirraa nugahaa jiru addeessa.

Godina Iluu Abbaa Booraa Aanaa Gachii Magaala Gachii Keessatti Warraaqisi Bilisummaa Itti Fufuun Uumanni Daandii Cufe

Aside

 Gabaasa Qeerroo Guraandhala 24,2015

diddaa9Dhimma abbuummaa lafa qonnaan bulaa fi qaala’iinsa jireenyaan wal qabatee Oromiyaa naannoo garagaraatti uummataan gaaffiin ka’aa jira. Odeessa Qeerroo gara lixa Wallaggaa, Iluu Abbaa Booraa fi Wallagga Bahaa irraa akka gabaasutti, Guraandhala gaafa 17/2015 irraa eegalee godina Iluu Abbaa Booraa aanaa Gachii magaala Gachii keessatti dhimma lafaa fi Oromoota yakka malee hidhamaniin wal qabatee gaaffii mirgaa ka’een, obboloota keenya mana hidhaa keessa jiran hiikamuu akka qaban jechuudhaan uummanni gaafachaa oolaniiruu. Haala kanaan daandii cufuudhaan dhaamsa;

  • Obboloota keenya hidhaman haa hiikaman,
  • Lafti seeraan ala qonnaan bultoota irraa fudhatame akka hatattamaan deebi’u.
  • Namni yakkaa fi badii tokko malee mana hidhaa mootummaa keessa jiru kan hin hiikamne yoo tahe filannoon  naannoo kenyatti hin gaggeeffamin,
  • Filannoon dura hidhamtootni dhimma amantaanis tahe dhimma eenyummaa isaaf mana hidhaa jiru hiikamuu fi gadhiifamuu qaba;

Kan jedhu erga telefoonaan waliifis dabarsuun guyyaa kana daandii cufuun kan oolan tahu odeessaan Qeerroo achirraa nugahe addeessa. Haaluma kanaan sochiin naannicha irratti Sambata darbe eegale mootummaan Wayyaanee gaaffii isaanii kanaaf hedduu yaadda’uu fi mufachuu irraan kan ka’e tikoota fi milishooti Wayyaanee uumata marsanii jiraachuun gabaafame.