Category Archives: Oduu/News
ለቅሶ ነው ኡኡታ!!
Aside
ቀድሞ የምናቀው ነው የፈሪ ድንፍታ፡
ፈሪ ነው ቦቅቦቃ ቀድሞ ሚፉክር፡
በተግባረ የሌለ ከአውሬ በቀር፡
በዝህ አይነት ዶማ ሀገር ስትመራ፡
የህዝብ ጠላቶች የእድገት ደንቃራ፡
ያላዋቂነቱን በገሀድ ያሳየ፡
እውነትም ዶማ ነው አቦይ ፀሀዬ፡
ድግሪን በገዘብ ከገብያ እየገዙ፡
አላዋቂነቱን አሳየ አገዛዙን፡
በአምሳሉ ጠፉጥፎ ይበጀኛል ብሎ፡
ከድንጋይም አልፎ(OPDO)ሆነበት አሎሎ፡
በቃኝ አልገዛም አትመራኝ ከግዲህ፡
Oromo Voice Radio (OVR) Broadcast, March 4, 2015
Aside
Dafaa Maladhaa!
Aside
Kiya Tesfaye Irraa
Biyya umaan badhaatuu Oromiyaa dhifnee
hanga yoom jiraana biyyaa godaannee
nii dhufna haalaa fi yeroo egannee
galchuf wayaanee hundeen buqisnee.
Dinnii dinuma gaarii hin qabduu
ka’aa tokkumaan maaluma egduu
Toshaan wayaanen badaa nu gotee
kanaaf qerensii Bashoo dhefatee
sichii hin dalaguu Toshaaf siriinii
Tokumman dulee amma ari’unii
guma wayaane sii yaa basaastuu
gaafa adun baatee esuma liixuu
nyaadhaa foon Oromo dhugaa dhiga isaa
Warraaqisi Bilisummaa Qeerroo Jabaachuu Irraan Motummaan Wayyaanee Galma Mooraa Yuuniversitii Haromayyaa fi Bulee Irratti Sakatta’iinsa Jabaa Deemsisaa Jira.
Aside
Odeessa Qeerroo, Bitootessa 4,2015
Galma Mooraa Yuuniversitii Haromayyaa fi Bulee Horaatti sakatta’iinsi adda tahe taasifamaa jira. Kana malees gabaasi Qeerroo har’aas kan ibsu ganama kana humni adda ta’e mooraadhaa alaa seenee barattoota kan dammaqsuu fi kakaasutu akka biyyaatti shakkamaa jira kan jedhuun mootummaan Wayyaanee Yuuniversitiilee hunda irratti xiyyeeffannoo taasiseen sakatta’iinsi adda tahe ganama halkan sa’a 11:00 kaasee kan itti fufee jira, kun akka Yuuniversitii Haromayyaa fi Bulee akka tahe kan ibsuu fi kanuma kan fakkaatu Yuuniversitiin kanneen akka Hawaasaa , Adaamaa, Finfinnee, Amboo fi Wallaggaa sochii kun taasifamaa akka jirutu gabaasi Qeerroo kallattii gargaraa irraan ibsaa jira.
Yuuniversitii Hawaasaa irraa addeessutti mooraa Yuuniversiti Hawaasaatti filannoo dhufu milkeessuudhaaf paartilee garagaraa irraa nama 5n, 5n mootummaan Wayyaanee leenjisee jira, baatiitti qarshii 600 kennuufiidhaan milkoomina filannoo akka mooraa kanaatti itti gochuudhaaf namoota torban darban keessa magaalama Hawaasatti leenjiin kennameefii akka jiru odeessi Qeerroo addeessa. Humni dhimma kanaaf leenjii fudhatee mooraa Hawaasaa jiru barattootuma moorichaa tahanis Qeerroon mooraa Yuuniversitii barattoota qabsoo oromootti gufuu tahuu leenjifame barataan 150 kaayyoo keenya irraa boodatti nuun deebisu jechuudhaan ejjennoo qaban jabeeffachuu isaanii kan ibsataniidha, akka mooraa Yuuniversitii biyyaatti sochiin jiru jeequmsi kan ka’uu jechuun mootummaan Wayyaanee mooraa keessattis hordoftoota odeessa kennan, humna garagaraa kan filannoo baranaaf milkoomina taasisan, akkasuma sodaadhumaan tasgabbii dhabuun barattoota sakatta’uun irratti jabeeffachuun waan gabaafamaa jiru dha.
ቄሮ: የኦሮሞ: ወጣቶች:ለነፃነት: ንቅናቄ :ድምፅ :የሳምንቱ :ዜና:: March 3, 2015/ Qophii ADDAA
Aside
Diddaan Barattoota Oromoo Bifa Qindaayeen Itti Fufee, Godina Lixa Shaggar Manneen Baranootaa Sadarkaa 2ffaa Aanaa Midaa Qanyii fi Aanaa Caalliyaa Keessatti FDG Ka’e.
Aside
Bitootessa 04,215 Gabaasa Qeerroo Midaaqanyii
Bitootessa 3 fi 4, 2015 Godina Lixa Shaggaritti Sochiin warraaqsaa FDG manneen Baranootaa Sadarkaa 2ffaa aanaa Midaa Qanyii fi aanaa Caalliyaa keessatti bifa qindaa’een qabsiame jira, Manneen barnoota sadarkaa 2ffaa Ballammii sadarkaa 2ffaa fi Qopha’inaa fi Geedoo sadarkaa 2ffaa fi Qopha’inaa guutummatti cufamani jiru.
Waamicha warraaqsa FDG hoggantootni Sochii warraaqsaa FDG karaa nagaa biyya keessatti gaggeessa jiru uummata Oromoo hundaaf dabarsee jiru hordofuun uummatni Oromoo fi dargaggootni barattootni Qeerrooleen Oromoo bakka jiran hundaa sochii warraaqsaa gaggeessuu irratti argamu. haaluma kanaan uummatni fi dargaggeessi Oromoo haala wal simateen golee Oromiyaa garaagaraa irraa gara dirree Warraaqsaa FDGtti seenaa jiraachuun gabaafama jira addatti Manneen barnoota sadarkaa 2ffaa fi Qopha’inaa Geedoo fi Midaa Qanyii Ballammii cufamuun sochii warraqsa qabsiifame jiru daran jabeessa jiraachuun ibsame. Goototni sabboontotni Qeerroon barattootni Oromoo Wareegamuu gootota barattoota Oromoo yaadachuu fi qabsoo goototni dargaggootni barattootni Oromoo fi goototni ilmaan Oromoo irratti wareegaman galmaan ga’uuf gamtaan uummata waliin ta’uun sochii Warraaqsaa irratti argamu.
Keessattuu Wareegamuu sabboona barataa Oromoo Wandimmuu Dammanaa waggaa jahaan darbe haala sukkaneessaa fi hedduu gadisiisaa ta’een loltoota mootummaa abbaa irree wayyaanetin rasaasan ajjeefame, waggaan 6ffaa Yaadannoo sabboonaa oromoo Wandimmuu Daammanaa fi sabboontota Gootota Oromoo bara kana sochii Warraaqsaa FDG qabsiifame jiruun akka yaadatamuu fi FDG jabaatee akka itti fufu dhaamsa dabarfamee jiru hordofuun uummaatni Oromoo kana magaalaa fi baadiyyaa jiratuu harka walqabachuun haala itti fufinsa qabuun hiriira mormii sirna abbaa irree gaggeessuuf qophiin akka xummuramee jiru walitti dhaamachuun Manneen barnoota guutummaatti barnoota dhaaban. kana maleess barruuleen Warraaqsaa gaaffii mirga abbaa biyyummaa of irraa qabduu fi dhaadannoowwaan garaagaraan guutamtee kutaalee Oromiyaa hunda irra facaafamaa jiraachuun gabaafamera. bakka hundattuu dargaggootni Oromoo Dhaabbilee Barnoota Olaanoo handa manneen barnoota sadarkaa 2ffaa fi qopha’inaa fi saadarkaa 1ffaatti xalayaa iyyannoo gaaffii mirga abbaa biyyummaa uummata Oromoo qabate qopheeffachuun mootummaa abba irree raasuu irratti argamu.
Mootummaan Wayyaanee Olola Siyaasaaf Jecha Baadiyaalee Oromiyaa Keessaa Shamarran Ykn Haadhotii Leenjii Guyyaa Sadii Kennuuf Adaamaa Keessatti Walitti Qabaa Jira.
Aside
Gabaasa Qeerroo Adaamaa Bitootessa 3,2015
Har’a Bitootessa 3,2015 irraa kaasee Mootummaan Wayyaanee karoora Shamarran haadhoolii godinoota Oromiyaa gandoota adda addaa irraa walitti qabuun Adaamaa galma abbaa gadaa keessatti maqaa leenjii Shamarranii jedhuun Bitootessa 3,2015 walitti qabaa jira.
Akka gabaasi Qeerroo Adaamaa irraa addeessutti ergamtooti Wayyaanee OPDO gariin kan durfamu leenjiin kun kan kaayyeffatee ka’ee fi qabxiileen marii dhihaatee jiru:-
- Bakki hundeeffama dhaaba OPDO dirree darraa otoo hin taane dirree Adeet ta’uu
- Filmaata bara kanaa gufuu tokko malee mo’achuu akka qabamuuf qoodi shamarran kennan guuddaa ta’uu.
- Waayee Master Plan Finfinnee fi gaaffii lafaa qotee bulaan kaasu seeraan waan isa gaafachiisuuf shamarran qonnaan bultoota akka gorsan.
- Magaalaa fi Baadiyyaa keessatti dargaggoonni Oromoo mootummaaf waan hin abboomamneef harmootiin ykn shamarran dargaggoota Oromoo akka gorsanii fi mootummaa irratti kaka’uu irraa akka dhaaban.
Leenjiin Haadhotii ykn Shammaranii kun Adaamaa galma Abbaa Gadaa keessatti guyyaa sadiif kan turu ta’uu gabaasi Qeerroo addeessa.
Bakka walgahii kanaatti ulaagaan shamarran baadiyyaa irraa gara leejichaa dhufan kan uffachuu qaban keessaa T-shirti mallattoo kanniisaa qabu ta’uu qaba. Kunis hirmaattota walgahichaaf raabsamee jira.
Gaaffiin Abbaa Biyyummaa Barattooti Oromoo Kaasan Jaabaachuu Irraa Guyyaa Har’aa Moraan Yuuniverstii Wallaggaa Waraana Wayyaaneen Marfamee Oole.
Aside
Bitootessa 3,2015 Naqamte
Guyyaa har’aa Bitootessa 3,2015 mooraan Yuuniversitii Wallaggaa humna waraana Wayyaaneen naanneffamee eegamaa jira. Barattooti mooraa keessaa bahuu fi galuu hin dandayan
Gabaasi Qeerroo akka addeessutti gaaffiin mirgaa barattooti Oromoo gaafatan jabaatee itti fufuun ammaan dura mooraa Yuuniversitii Wallaggaa keessaa badii tokkoon malee qabamanii barattooti hidhaman haal duree tokko malee akka hiikaman gamtaan ka’uun gaaffii dhiheessan. Gaaffii barattooti gaafatan kanaan wal qabatee mootummaan Wayyaanee battalatti waraana gara moorichaatti erguun mooraan marfamee oole.
Akkasuma sodaa fi shakkii kanaan seensa Yuuniversitii Finfinnee, Haromayyaa fi Bulee Horaa irratti balbala irratti sakatta’iinsi guddaan gaggeeffamaa akka jiru gabaasi Qeerroo addeessa. Odeessa hubatamu irraa kanaan dura kan tahee hin argamne,
sakatta’iinsi barattootaa gaggeeffamaa jiru moorawwan Yuuniversitii kanatti sodaan guddaan akka jiru tahuu kan ibsuudha jedhu Qeerroon. Odeessi itti fufee dhiyaata!
Barattoota Sabboontota Oromoo Wareegamaniif Yaadannoo Taasisuuf Manneen Barnootaa Godina Lixa Shaggar Heddumminaan Har’a Cufaatti Oole.
Aside
Gabaasa Qeerroo Qeerroo Magaala Amboo
Bitootessa 3/2015 Lixa Shaggar irratti barattootni guyyaa har’aa jechuun Bitootessa 3/2015 barattoota waggaa darbee wareegamaniif yaadannoo taasisuuf manni barumsaa akka cufamuu fi barataan kamiyyuu mana barumsaa akka hin deemne kaleessa irraa kaasuun ergaa waliif dabarsuudhaan waamicha taasisanii jiru, haaluma kanaan guyyaa har’aa barattootni mana barumsaa Calliyaa,Geedoo,Miidaqany, Amboo,Gudar, Tokkee Kuttaayee fi kkf guutummaan guututti manni barumsaa cufaatti oolee jira,
Kana malees waraqaalee warraaqsaa hedduunis halkan edaa kan bittimfame waraqaalee balaliituun magaalaa Amboo fi naannoo Yuuniversitiitti bittimfamee kan bule tika mootummaa Wayyaaneen naasuu guddaa keessa seenuudhan, ganamaan ka’anii
funaanuun dhagayamaa jira. kanumaan wal qabsiisuun barattootni naannoo jiranitti walitti dhufuudhaanis yaadannoo barattoota waggaa darbe wareegamaniif taasisaniin hucuu gaddaa uffachuudhaan, gumaan obboloota ilmaan Oromoo wareegaman keessattuu dhimma naannowaa Finfinneef mootummaa Wayyaaneen galaafatamaniif wareegamni isaanii bilisummaan deebi’uu qaba jechuudhaan dhaadannoo fi ergaa waliif dabarsaa akka jiran Qeerroon gabaasa.


