FDG Ebla 2015 Mooraa Waraanaatti Cehuun Waraana Ittisa Biyyaa Kaaba Itiyoophiyaa fi Leenjii Naannoo Affaar Awaashii ,Huursoo Keessatti Gaaffiin Mirgaa Babal’chaa Dhufe

Aside

Gabaasa Qeerroo Finfinnee Ebla 13,2015

diddaa9Gaaffiin abbaa biyyummaa fi Oromummaa jabaachuudhaan kan itti fufe Waraana ittisa biyyaa kutaa Kaabaa fi baha  Ethiopia  qubusuma humna qileensaa, lafoo naannoo Shiree jiru fi Baha keessaa ammoo leenjii naannoo Affaar Awaashii fi Huursoo keessatti diddaan eegalee jiraachuu Qeerroon gabaase. Mootummaan Wayyaanee bittaa umrii isaa dheereffachuuf jecha biyyoottan ollaa dhaabbiilee falmattoota bilisummaa deeggaran jettu irratti waraana banuuf kan akeekkatte miseensota waraanaan fashalee jira.

Mootummaan abbaa irree Wayyaanee waraana biyya Eertiraa irratti banuudhaan dhaabbiilee siyaasaa ABO fi G7 dadhabsiisuun dirqama jechuun murteessitus miseensotni waraana humna ittisa biyyaa Kaaba biyyattii irratti argaman nuyi biyya Eertiraa hin waraannu, Dantaa mootummaadhaaf jecha mirga dhala namaatti hin buunu jechuudhaan diddaa dhageessisanii jiran. Mootummaan Wayyaanees akeekni ishee galmaan gahuu dhabuu irraa hooggantoota waraanaa Kaaba biyyattii fi miseensota walii galatti gamaggamuuf murteessitee jirti. Armaan duras maqaa sakatta’insa daangaa irraa jedhuun miseensotni waraanaa akeeka Wayyaanee dura dhaabbachuun naannoo Humaraa keessatti diddaa hammaataan ka’ee ture.

Haalli kun walii galatti mootummaa Wayyaanee kan yaaddesse ministeera waraana ittisa biyyaa keessatti walgahiin halkanii fi guyyaa gaggeeffamuu irraan darbee hooggantootni jiran aangoo irraa bu’uu fi kaan aangootti akka bahan murteeffamee jira. Ilmaan Oromoo waraana wayyaanee keessatti argamtan diddaa jabeessuudhaan afaan qawwee diinatti akka galagalchitan Qeerroon waamicha dabarsa.

Aside

Qeerroo Edit

 

A Summary of Oromos Killed, Beaten and Detained by the TPLF Armed Forces during the April 2014 Oromo Protest Against The Addis Ababa (Finfinne) Master Plan

Compiled by: National Youth Movement for Freedom and Democracy (NYMFD) aka Qeerroo Bilisummaa

 

  1. List of Oromos killed and detained compiled July 05 2014 compiled by Qeerroo
  2. Full document in PDF (47 pages) Summary
  3. Galmee Qeerroo Bilisummaa Oromoo Irraa Barattoota Oromoo Ebla fi Caamsaa 2014 FDG keessa hidhamanii ilaala Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo Hagayya 27,2014

 

“DIRAAMAA” FINCILA DIDDAA GARBUMMAA

April 10, 2015 Oromia

Asoosesee kan seenessu—-Kumsaa dha
javascript:void(0);

Kaayyon isaa —————– Uummata Oromoo tokkoomsufi. Sabboonummaa fi absoo bilisummaa jajjabeesufi. Rakkina ilmaan Oromoo gad baasufi falli isaa tokkummaan kanee lolachuu akka taye ibsuufi.
Yaadannoon isaa————-Ilmaan Oromoo qabsoo irratti, mana hidhaatti, otoo  biyyaa baqachaa deemanuu karaatti dhumaniif haa tawu.
Qabiyyee – rakkinni ilmaan Oromoorra jiru waan eexoo caala adhaa’aa deemef, gaafa barattoonni Ambotti hiriira nagaa bayanii sagantaa diinni dhala Oromoo lafarraa balleessuf baafate “Maastar pilaanii” balaleeffatan yoo waraana itti erganii fixan barataan umbarsittii Finfinnee birmatee dhaqee yoo tumsuuf qabanii mana hidhaa Qaallittiitti hidhani.
Sababiin rakkina ilmaan Oromoo “Tokkummaa” dhabuu akka tayee waan beekuf, uummata akkana baay’atu tokkoomsun dirqama kiyya tawuu qaba jedhee kutatee ka’e.
Yaada isaa sabboontota Oromootti erginaan sabboontonni jajjabeessanii, uummata Oromoo bakka hundaa, kabaa amma kibbaatti, bayaa amma lixaatti, biyya keessaa amma biyya ambaatti tokkummaan kaasani.
Walgayii “Fincila diddaa garbummaa” magaala Oromiyaa, Finfinnee, Hurufa Boonbitti waame.
Hawaasni Oromoo biyya jiran hundaa, bayaa amma lixaatti kaabaa amma kibbaatti biyyoolessa keessa jiraatanitti addabaabayiitti bayaniiti Hurufa Boonbitti “sikaaypiin” wal qunnaamaa, yaada isaanii uummataaf dabarsaa, isa biyyaa darbu doowwachaa oolani.
Waan Hurufa Boonbitii dabarsaa jiran uummanni TV fi raadiyoonin ordofa.
Rakkinni ilmaan Oromoo maal maal akka taye irratti dubbatani.
Uummanni Oromoo tokkummaatti amanee of bilisoomsuf murteesse.
————————————————————————————–
Kabajamtootaa, waanan kitaaban kitabe isin hundaan gawuu hin dandeenyef, akka “diraamatti” qopheessee isinii tamsaasuf dirqameera. Gabaabsee dhiyeessuf yaaden ture. Garuu, yoon kana caala gabaabse ergaan isinii dabarsuuf yaade guututti dabarsuu hin dandeenye. Kanaafuu, naaf obsaa, akkuma yeroo argattanitti akka naaf dhaggeeffatan isinin afeera. Yaada yoo naa kennitanis gara fuulduraatti akkan itti jabaadhu na gargaara.

Uummati Gaaffii Mirgaa Akka Gaafatuuf Kakaasaa Jirtu Sababaa Jedhuun, Sabboontoti Oromoo Shaggar Kaabaa,Sulultaa Irraatti Loltoota Wayyaaneen Qabamuun Mana Hidhaatti Darbaman‏

Aside

Odeessa Qeerroo Shaggar Kaabaa,Sulultaa Ebla 10,2015
Because I am OromoBarattootni sabboontoni Oromoo godina Shaggar Kaabaa ona Sulultaa irratti yeroo darbe wal dorgommii taasifameen dhaadannoo fi sirboota qabsoo uummatatti dhageessisuun uummata kaasuun sagalee dhageessisuu gabaasuun keenya ni yaadatama. Akkasuma akka godina kanaatti walgayii taasifamu irratti ummanni argamuu diduunis mootummaa Wayyaanee mufachiisuu, Ayyaanni OPDO godina kana irratti yeroo lamaa ol akeekame barattootaa fi uummataan feshelaa’ee hafuun mufii guddaa mootummaa Wayyaaneetti uumee jira.

Haaluma kanaan guyyaa har’aa Ebla 10,2015 godina kana keessatti maqaa ABOtiin shakkamuudhaan kanneen uummata,barattoota, waraqaa dhaadannoo uummata kakaasu maxxansan jedhamuun raga qabatamaa tokko malee shakkiidhumaan qote bultoota sadii fi barattoota 5n toohataman, qorannoonis irratti gaggeeffamaa jiraachuu Qeerroon gabaasee jira. Namoota kanaan sabboonummaadhuma isaaniin toohatamuun aanaa Sulultaa irratti hidhamanii qoratamaa jiran keessaa muraasni:

  1. Kabbadee Suufaa-barataa
  2. Obbo Qajeelaa Suyyum-Qonnaan bulaa
  3. Oliyaad Kaffaaloo-barataa

Namootni akka Qeerroon gabaasetti Qeerroo waliin quunnamtii qabaachuudhaan uummata fincilaaf kaasu, uummanni mootummaa waliin nageenya akka hin qabaanne taasisu, mootummaa irratti dargaggoota ijaaru jedhamuudhaan shakkiimaan toohatamanii akka jiran odeessaan Qeerroo magaala Sulultaa irraa addeessa.