Mootummaan Wayyaanee Kallattiiwwan Shanan Finfinnee Irraa Bahanii Galan Irratti Konkolaataa Dhaabsisuudhaan Sakatta’a Eegale‏

Aside

Gabaasa Qeerroo Finfinnee Ebla 24,2015
q-news3aaAkkuma beekamu baatii baatiin Ebla uummata Oromoo biratti dagatamu miti, waggaa darbe wayita kana Oromiyaa keessatti FDG baarageen barattootni oromoo,da’immanii fi maanguddoon lubbuudhaan wareegamuun kan dagatamu miti, baatiin kun bara baraan uummata Oromoo biratti kan yaadatamu ta’ee akka itti fufu dhiiga obboloota keenya baatii Ebla 2014 keessa dhangala’etu barabaraan nu yaadachiisa hafa. Haatahu malee
mootummaan Wayyaanees baatiin kun isaaf sodaa guddaa itti tahuu irra darbee torbee kana keessa sochiin uummata biyyattii kan isa dhiphiseen humna waraana isaa bakka isa sochoosisee uummata dhaanuu fi hidhuu irratti kan xiyyeeffatee ka’ee jiruudha. Gadda uummanni asuma dhiyoolubbuun namoota mootummaa Wayyaanee baqatanii fi jireenya ofii fooyyessuudhaaf biyyaa bahanii harka diina fakkaataa mootummaa Wayyaaneetti kennamaniin ummanni hiriira baheen namootni nagaan humna waraana Wayyaaneen dhaanamuudhaan miidhamanii yeroo amma Hospitaala keessatti argaman lakkoofsa kan hin qabnee fi mana hidhaatti kan guuramanis lakkaawun kana jechuun kan hin danda’amneedha.

Mootummaan Wayyaanee uummata isaa qaba jedhuun jjibbamuu mirkaneeffatee jiraachuun abdii kutatee waraana uummata nagaatti bobbaasee kan jiruu fi amma ammoo magaalaan Finfinnee keessi ganda gandaan humna qabu ramadchiisee kan jiru tahuun beekamee akkasuma guyyaa har’aa addatti kan eegale Karra Shanan Finfinnee irraa bahan,
1. Karra Qirxii/ daandii Finfinnee irraa gara Kaabaa geessu,
2. Karra Qoree/daandii Finfinnee irraa gara Jimmaatti geessu,
3. Karra Alloo/daandii Finfinnee irraa gara Walloo ykn Dasseetti geessu,
4. Karra Qaallitti/daandii Finfinneerraa gara Bishooftuutti geessuu fi
5. Karra Gafarsaa/daandii Finfinneerraa gara dhiyaatti geessu.

Finfinnee irraa kan bahuu fi kan seenu konkolaataan dhaabbatee sakatta’amuu eegalee jira, humnootni addaa daandiiwwan kana cina bosonaa keessa dhangala’ee buufatee kan jiruu fi humni daanditti bahee mul’atus sakatta’iinsa jabaa konkolaataa gaggeessuu eegale, mootummaan Wayyaanee nageenyaa isaaf sodaa keessa seenuu kan mul’isuu fi wayita ammaa kanas diddaan barattootaa akka darbe sun ka’uu of sodaachuu humnuma waraana isaa keessaan odeessi loo’ee Qeerroo qaqqabaa jira. Dhaabbilee barnootaa kanneen akka Yuuniversitii keessattis xiyyeeffatamee kan jiru barataan akka waan meeshaadhaan of qopheessuu barataa kaayyoof bahe sakatta’uun karoorfamuun kan dhagayamaa jiruu fi Qeerroon(Dargaggootni oromoo ) dhugaaf dhaabbatee harka isaa qullaa diina nama nyaataan falammii gaggeessuuf of qopheessee jiraachuu Qeerroon mooraa yuuniversitiilee garagaraa irraa gabaasee jira.

Mallattoon sodaa yeroo ammaa mootummaa Wayyaanee irraa mul’atus mallattoo kufaatii isaa tahuun waan nama hin shakkisiisneedha, kanumaan mootummaan wayyaanee daandiiwwan konkolaataa irraa humna isaan sakatta’iinsa konkolaataa uummata sakatta’uu irratti xiyyeeffatee akka jiru Qeerroon gabaasee jira.

Loltooti Wayyaanee Daandii Magaalaa Walqixxee Hamma Jimmaa Jidduutti Konkolaataa Dhaabanii Sakataa’uu fi Saamuu Eegalan. Yuniverstii Jimmaa fi Walqixxees Saka’ata’insi Seeraan Alaa Itti Fufe.

Aside

Barattoota OromooEbla 22,2015 Mootummaan Wayyaanee EPRDF raafama guddaa keessa galuun daandii Konkolaataa Finfinnee irra gara Jimmaa geessuu magaalaa Walqixxee hanga Jimmaatti bakkota hedduutti konkolaataa dhaabee sakkatta’uun uummata dararaa jira.

Mootummaan Wayyaanee  EPRDF haala raafama siyaasaa, dhabamuu dimookiraasii fi abbaa irruummaa gaafa baaseen waan qabee gadhiisuun dhabuun magaalaa Jimmaa fi daandii Finfinnee gara Jimmaa geessuu irratti sakkatta’insa hamaa halkanii guyyaa gaggeessa jira. Keessaattuu Magaalaa Jimmaa keessatti  humnoota poolisii federaalaa isaa bobbaasuun nama daandii irraa adeemu kamuu dhaabuun waraqaa eenyummaa kan gaafatanii fi sakkatta’insa guddaa irratti gaggeessuun kan dabarsan ta’uu irraa uummata gooluu eegale jira. Sakkatta’insa Wayyaanotaa kun mooraa Yuunibarsiitii Jimmaa galma mooraa Yuunivarsiitichaa irrattiis haalaan jabaatee itti fufuun gadi ba’uu fi oldeebi’uun hojjeettootaa fi barattootaa sakkatta’insaan erga muddamuu eegalaanii torbee tokkoo ol ta’uun ibsamera, kana malees Mooraan Yuunivarsiitii Jimmaa humnoota tikaa fi waraanaan eegamaa jirti.

Mootummaan Wayyaannee yeroo amma kanaa FDG uummaataa fi goototaa dargaggoota Qeerroo barattoota Oromoon hudhamee kufuuf raafamaa jiruu waan qabee gadhiisuu wallaaluun Yuunivarsiitii Walqixxee irratti immoo Doormii barattootaa seenuun sakkatta’insa addaa ta’ee gaggeessuun ofumaan barraagee barattoota jeeqaa jiraachuun ibsame. Mootummaan Wayyaanee aantummaa uummataa hin qabane rakkoo uummata biyyatti fi addaatti immoo uummata Oromoo irraatti biyyaa keessatti fudhachaa jiruu fi ajjeechaa suukaneessaa lammiilee biyyaatti irraatti  gaggeessaa jiruuf mootummaan Wayyaanee gaafatama gahaa fudhachuu akka qabu uummanni iyyaa jira.

Ummatni biyyatti hundinuu bu’aa mootummaan Wayyaanee buusaafi jiruu hidhaa, ajjeechaa fi dabarfamanii harka halagaa hambaa garaa lafina tokko hin qabneen ajjeefamuun wal qabatee guyyaa kaleessaa uummatni biyyaatti magaalaa Finfinnee keessa jiraatu mormii guddaa Wayyaaneen qabuun FDG guddaa wayyaanee irratti dhoosee jira kanaan walqabateen Wayyaaneen rifatee raafama guddaa keessa galuun tarkaanfii hadhawaa uummata irratti fudhachaa jiraachuun ibsame.

Aside

cropped-qeerroo-edit.jpg

Gocha Sukkanneessaa Lammiiwwan Oromoo fi Itiyophiyaa Baqattummaan Biyya Ambaa Jiraatan Irratti Raawwatamaa Jiruuf Mootummaan Wayyaanee Itti Gaafatamuu Qaba. 

Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo 

Uummatni Impaayera Itoophiyaa keessaa addatti dargaggootni biyyattii dhiibbaa mootummaan faashistii Wayyaanee gaggeessaa jiruu fi tureen dirqamuun baqattooti lakkoofsa guddaan gara biyyoottan ollaa fi baha fagootti godaanuuf dirqaman. Carraan dargaggootaa Impaayera Itoophiyaa keessatti hidhaa, ajjeechaa, doorsifamaa fi hojii dhablee tahuu dha. Dargaggootni Bulchinsa Impaayera Itoophiyaa keessaa abbaa biyyummaa mulqaman, Hojii dhabdummaan cinqatanii fi hidhaan itti hammaatte gammoojjii sahaaraa fi garba akkasumas galaana keessatti qorraa fi dheebuu dandamachaa kaan ajjeefamaa biyyoottan garaa garaatti baqachuuf dirqamu.

Dargaggootaa fi lammiilee gara biyyoottan garaa garaatti baqatan irratti miidhaan dhala namaaf hin malle waggaa 24 guutuu bulchinsa sirna Wayyaanee keessatti gaggeeffamaa asiin gahe. Mootummaan Wayyaanee garuu lammiiwwan abbaa biyyummaa isaanii mulqamanii godaansa filatan ‘’ baqatttoota, shororkeessitoota… itti maxxansuudhaan biyya ambaa deeman keessatti illee nagaa fi tasgabbii akka hin arganne taasisaa asiin gahe. Daandii godaansaa fi biyyoota ambaa keessatti dhangala’insa dhiigaa fi lubbuu godhamaa tureefis akka quba hin qabneettii usee irra tarkaanfachaa asiin gahe.

Miidiyaaleen Addunyaa garaa garaa lammiiwwan Itoophiyaa galaanaan, Gammoojjii fi harka dhala namaa garaa jabina raawwataniin ajjeefaman wayita gabaasu mootummaan Itoophiyaa garuu haaluu irraan darbee yakkamtoota gochaa ture. Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo Ebla 2015

Hiriira Finfinnee Guyyaa Har’aa

Aside

IMG_20150422_084516 IMG_20150422_085900

Har’a Ebla 22,2015 Magaalaa Fifninnee Nannoo Hullooqoo Kormaa(Masqal Addabaabay) Jedhamutti Fincilli Jabaan Uumame, Humna Waraana Wayyaanee fi Uummata Gidduuttis Rukkuttaa Ta’een Gama Lachuu Irratti Midhamni Gahe.

Video

Har’a Ebla 22,2015 Magaalaa Fifninnee Nannoo Hullooqoo Kormaa(Masqal Addabaabay) Jedhamutti Fincilli Jabaan Uumame, Humna Waraana Wayyaanee fi Uummata Gidduuttis Rukkuttaa Ta’een Gama Lachuu Irratti Midhamni Gahe.


Gabaasa balinaan, Kaleessa akkuma gabaasne jirru lammiileen biyyaa Liibiyaatti gara jabeenyaan ajjeefaman guyyoota muraasa dura haala suukkanneessaa tahuun isaa dhala namaa kamuu kan hin dagachiisneeeha. Baqattoonni 28nuu keessaa hordoffii mootummaa Wayyaanee yeroo darbee FDG Oromiyaa keessatti dhalate mormii dhimma Master Pilaaniitiin mootummaa Wayyaanee dura dhaabbatanii falammii gaggeessuu irratti gara jabina mootummaa Wayyaanee baqachuu irraan dargaggoonni Oromoo hedduu naannoo garagaraatti godaansisee jira, Dargaggoonni kun mudatee jiru keessaa gochi kun kan irratti raawwatame kanneen akka Mangistuu Gashee,kaanis dargaggoota Oromoo maqaa hin argatin jiru, gochi kun dimshaashatti kan raawwate sabni Tigraay keessa waan jiruuf hiriirri taasifame kun hanga muummicha ministeeraa Wayyaanee hirmaachisutti gahus sababa mootummmaa wayyaanen biyya isaanii irraa bahanii carraan kun isaan kan mudateedha, kanumaan har’a hiriira taasifameen uummanni lakkoofsi isaa guddaa walakkaan ol uumata Oromoo kan tahe dhaadannoo hedduun, sirbis dhageessifameera.
Dhaadannowwan jedhamaa oolan,

  1. Mootummaan Wayyaanee hattuudha,
  2. Kan obbolaa keenya ajjeese mootummaa Wayyaaneeti,
  3. Shorokeessaan mootummaa Wayyaaneeti, kan jedhuu fi dubbii muummichan
  4. jedhames uummanni isin hin dhageenyu jechuudhaan feshaleessan.

Uummanni sagalee dhageessisaa oole kana booda aangoo irratti isin hin barbaannujechudha,kanumaan dhagaan darbatame, poolisoonni Wayyaanee 50 ol tahan baayina uummataa hanga kana keessaa kan hubatame reebicha uummataan garmalee miidhamuun beekame akkasuma uummata keessas keessattuu dargaggoota irratti miidhaan guddaanis tahee jira baayeen suuran kan olkaa’ame gocha isaanii addeessus ni jira yeroo ammaa uummanni miidhamee jiru Hospitaala Gaandii fi Zawudiituu kan ciisan dhibbaan lakkaawamu, uummata gadda isaa ibsachuuf bahe irratti ammas miidhaa gurguddaan qaama mootummaa Wayyaameetiin irra gahamee jira.

Qabeenyaan manneen mootummaa naannoo kanatti argamanis dhagaadhan hojiin ala tahanii jiru, Yeroo ammaa naannoo hiriirri kun itti gaggeeffamee fi daandii Boolee, Waddeessa(Piyaassaa)geessu martiyyuu humna waraana Wayyaaneen eegamaa jira, uaummanni qe’ee isaatti hin galu jechuudhaan mootummaan wayyaanee nu fixeera jechuun iyyaa booyichaa dhageessisaa jira.Ammas kan itti fufu uummanni Oromoo jaallan keenya gochi kun irratti raawwate suuraa qabannee magaala Finfinneetti wal argee hiriira adeemsisiu Qeerroon waamicha isaa dabarsuu fedha.

Tarkaanfii Sukanneessaa Libiyaa Keessatti Fudhatame Irratti Ibsa ABO

Aside

OLF_ABO_Logo

Lammiilee mootummaa dirmatuu fi lammii dhaqqabuuf dhihooti hin qabne, rakkoo fi hiraara jalaa of baasuu fi abdii nuuf dabra jedhuun gammoojjii hamaa qaxxaamuree Libiyaa gahe irratti tarkaanfii sukaneessaa ISIS (Mootummaa Islaamaa) ofiin jedhuun lammiilee Saboota Iyophiyaa irratti fudhatame tarkaanfii namoomaa ala kan tahee fi dhala namaa kamuu irraa hin eegamne waan taheef ABO gadi jabeessee balaaleffata. Gochaan bineensummaa akkanaa ulaagaa kamiinuu fudhatama kan hin qabne tahuus dabalee hubachiisa. Tarkaanfii loogummaa amantii irratti hundaauun namoota harka qulleeyyii fi sivilii irratti fudhatame kanaan gadda itti dhagaame maatii lammiiwwan gaagaamni irra gaheef ibsaa jajjabina hawwaaf. Loogummaa bifa kamuu ummataa fi lammiilee miidhu kamuu jabinaan kan dura dhaabbatu tahuus mirkaneessa. Hiree kanaanis hundee rakkoo lammiilee Itophiyaa balaaf saaxile kana hawaasni addunyaa akka hubatu yaadachiisuu fedha.

Empaayerri Itophiyaa empaayera bittaan abbaa irrummaa irratti dagaagee lammiileen mirga dhablee taasifamuun keessatti hiraarfaman,

Biyya hacuuccaan siyaasaa fi dhiittaa mirga ummata fi ilma namaa hadhaawaa tahee keessatti gaggeeffamu tahuu irraa fi tarree biyyoota hiyyeeyyii keessaa bahuu dadhabuu irraa lammiileen dhibbeentaa 40 ol tahan hiyyummaa maayyiin keessatti dhamaaa jiraatan,

Empaayera saaminsaa fi malaammaltummaan keessatti saaree murni bicuu keessatti duroomee, wayyabni keessatti hagabee jiraatu,

Empaayera ummatoota biyyattii keessaa kan miliyoonotaan lakkaaaman harayyuu gargaarsa alagaan jiraatuuf dirqaman keessa jiraatan,

Biyya bilisummaan ummatootaa fi matayyaa kabajamuu hanqatuu irraa barattootni, beektotni, gazexessotni, hogganootni jaarmayoota siyaasaa keessatti hidhaman, ajjeefamanii fi dararaman, Empaayera mirgi walaba tahanii bakka buaa ofii filatuun abjuu itti tahe, lammiileen kan hin beeknee fi hin feene filuuf itti dirqisiifaman, filannoo fakkeessiin hawwaasa addunyaa sobaa jiraatuun filmaata itti tahe,

Empaayera mootummaan Heera ofiif raggaase cabsuu dhaan dhimma amantii keessa harka naqatee matootii amantii sirna abbaa irrummaaf amanamoo tahan amantoota irratti muudamanii fi kan mootummaan dhimma amantii keessa seenuu hin qabu jedhan ariamanii fi hidhaman tahuu irraa lammiileen biyyaa kumoota dhibbaan keessaa baqatan taatee jirti.

Tarkaanfii suukanneessaa Liibiyaa keessatti fudhatame irratti Ibsa ABO.pdf