Category Archives: Oduu/News
Qoteebulaan Maal Balleessee??
Aside
Qotataan qotachuu dhiisee Qabamee mana hidhaa ciise
Barataan barachuu dhiisee,qabamee mana hidhaa ciise,
Barsiisaan barsiisuu dhiisee,qamamee mana hidhaa ciise
Nagggaadeen nagaduu dhiisee,qamamee mana idhaa ciise.
Hidhamuu,Qe’ee Irraa Buqa’uu Oromoo Ilaalchisee,Wallee “Yaa Talbaa Baalli Asheete”
Aside
Maqaa Master Plaaniin Qonnaan Bultooti Oromoo Qe’ee fi Mana Isaanii Irraa Humnaan Arihamaa Jiru!
Aside
Mootummaan Wayyaannee Maastar Plaanii Finfinnee Hojii Irra Olchuu Jalqabe.
Aside
Adoolessa 31,2015 Finf
innee
Duulli mana diiguu Burraayyutti jalqabde gara Bishooftuuttis gadi bu’uun guyyaa kaleessaa fi hardha manneen Oromootaa 1000 ol ta’u diigamaa oole. Mootummaan lafa Oromoo gurgurachuu barsiifata godhate uummata lafa isaarratti mana ijaarrate doozorii fi poolisii Federaalaa humna guddaa ta’e itti bobbaasuun guyyaa kalee jiraattota Ada’aatti bobbaasuun uummata karaarra bultoota taasisaa oolan. Aanaa Ada’aatti gandoota Qurquraa, boolee fi Dambiitti kaleessaa manneen jigfaman keessaa kanneen kanatti aanan kana.
Dhiha Oromiyaa Manni Hidhaa Dambi Doolloo Kora Bittinneessa Waraana Wayyaaneen Marfamee Eegamaa Jira.
Aside
Gabaasa Qeerroo Qellem, Dambi Doolloo irraa Adoolessa 31,2015
Manni hidhaa magaala Dambi Doolloo Karchalleen waraana Wayyaanee Kora Bittinneessaa jedhamuun tikfamtee eegamaa jiraachuu Qeerroon gabaase.
Torbee darban keessa hidhamtootni mana hidhaa Karchalle magaala Dambi Doollootti hidhaman lakkofsaan guddaa tahuu irraan kan ka’e galmi hidhaa sun wal hankaakuu irraan hidhamtoota yakka malee keessatti filannoo kijibaa wayyaanee barana gaggeeffameen asitti hidhaman dacha hidhamtoota mana hidhaa keessa duran jiran caaluu irraan guute waan tahef gara mana hidhaa Zuwaay jedhamuttu dabarsuuf mootummaan ajaja baaseen hidhamtootnii fi uummanni naannoo hidhamtoota ilmaan Oromoo yakka malee hidhaman nuu gadhiisa bakka deeman hin qaban isa jedhuun diddaa gaggeessan, jiraattoni uummanni magaala Dambi Doolloo hidhaman namni tokkollee asii akka hin baane jechuunis akeekkachiisa qaama mootummaa duratti bahee gaggeesseen diddaan jabaachuu irraanis Wayyaaneen dhukaasa uummata kanneen hidhamanii fi uummata irratti banuun kan du’anii fi madoo tahan gabaafame.
Haaluma kanaan FDG magaala Dambi Doolloo keessatti dhimma kanaaf ka’uu malaa fi hidhamtootnis bakak hidhamanitti dhaadannoo dhageesisuu irraan Wayyaaneen humna waraana naannoo mana hidhaa qubachiisuu Qeerroon gabaasee jira.
Akkasuma waraqaaleen garagaraa magaalotaa fi naannnoo manneen hidhaa kanatti maxxafaman doorsisa diinaaf hin jilbeenfannu hiree keenyaan bulla, mirgi uummata bal’aa haa eegamu, waraanni nun doorsisin kan jedhu bakka garagaraatti barreeffamuun maxxanfamuun mufii fi soda Wayyaaneetti uumeen dirqama waraana ramaduutti geesse. Gabaasa Qeerroo itti aanutti deebina.
Seife-Nebelbal Radio (Amharic): News and Interview with OLF’s Jaal Abbaa Caalaa Lataa
Aside
Abbaa Shubbee
Aside
Bulchiinsa Warshaa Shukkaara Finca’aa Kanneen Ta’an Aangowooti Wayyaanee Hojjettoota Warshichaa Kan Ta’an Oromoo 100 ol Hojii Irraa Arihan.
Aside
Adoolessaa 28,2015 Godina Horroo Guduruutti Ilmaan Oromoo Warshaa Sukkaraa Fincaa’aa keessa hojjetan 100 olitti lakka’aman sababaa ilaalcha Oromummaa isaanii qofaan mootummaan Wayyaanee dhiibba irratti gochuun hojii irraa arii’aa jira.
Sabaabaa ilaalcha Oromummaa qofaan himatamanii kan jiran Oromoonni 100 ol hojjetaa warshaaa Sukkaaraa, aangawooti mootummaa Wayyaanee warshicha keessa jiraniin yakkamuun hojii irraa ari’aman. Hojjettootni Warshaa Sukkaraa fincaa’aa fi Uummtni Oromoo jiraattootni akka isaan mootummaa hin filannee fi mootummaaf hin ajajamne gootan, hojjeettootni FDG keessatti akka hirmaatan kakaaftaniittu sababaa jedhuun ilmaan Oromoo balleessa tokko malee hojii humna isaaniitiin dalaganii ittin of jiraachiisan irraa kan arii’aman ta’uun ibsamera, Ilmaan Oromoo haala kanaan jumlaan hojii irraa arii’aman keessa namoota 10 irratti doorsifni cimaan gaggeeffamaa jiraachuu irraa hojjettootni warshaa Sukkaaraa Fincaa’aa yoo mootummaan Wayyaanee EPRDF/TPLF sanyummaan nu yakkee hojii irraa nu arii’a kan jiruu dhaabee kanneen arii’aman hojiitti hin deebifne guutummaatti hojii kan dhaabnu ta’aa jechuun yaada isaanii ibsatan. Ilmaan Oromoo kanneen hojii irraa arii’aman keessaa kanneen addatti doorsifamn:
1. Obboo Shaanqoo Gaaromaa
2. Obboo Guddataa Amantee
3. Obboo Darajjee Amanuu
4. Dargaggoo Dinqaa Baqqalee
5. Dargaggoo Alamayyoo Qajeelaa
6. Dargaggoo Tolasaa Kenaa
7. Dargaggoo Fetanuu Warquu
8. Obboo Gannatii Baqaanaa
9. Obboo Getachoow Magarsaa
10. Obboo Garramuu Waktolaa kanneen jedhaman ilmaan Oromoo Arii’atamanii fi doorsifinni garaaraa irratti gaggeeffamaa jiru keessa ta’uu madden keenyaa magaalaa Fincaa’aa irraa gabaasan.
Mootummaan abbaa irree wayyaanee EPRDF/TPLF i Oromoota hojii irraa arii’uun gidirsaa bakka isaanii immoo ilmaan Abshoota kanneen ta’an fageenya irraa fiduun hojiitti minda’aa jiraachuu gabaasi nu gahe addeessa.
Sagalee Simbirtuu Qophii Adoolessa 30,2015
Aside








