Adoolessaa 28,2015 Godina Horroo Guduruutti Ilmaan Oromoo Warshaa Sukkaraa Fincaa’aa keessa hojjetan 100 olitti lakka’aman sababaa ilaalcha Oromummaa isaanii qofaan mootummaan Wayyaanee dhiibba irratti gochuun hojii irraa arii’aa jira.
Sabaabaa ilaalcha Oromummaa qofaan himatamanii kan jiran Oromoonni 100 ol hojjetaa warshaaa Sukkaaraa, aangawooti mootummaa Wayyaanee warshicha keessa jiraniin yakkamuun hojii irraa ari’aman. Hojjettootni Warshaa Sukkaraa fincaa’aa fi Uummtni Oromoo jiraattootni akka isaan mootummaa hin filannee fi mootummaaf hin ajajamne gootan, hojjeettootni FDG keessatti akka hirmaatan kakaaftaniittu sababaa jedhuun ilmaan Oromoo balleessa tokko malee hojii humna isaaniitiin dalaganii ittin of jiraachiisan irraa kan arii’aman ta’uun ibsamera, Ilmaan Oromoo haala kanaan jumlaan hojii irraa arii’aman keessa namoota 10 irratti doorsifni cimaan gaggeeffamaa jiraachuu irraa hojjettootni warshaa Sukkaaraa Fincaa’aa yoo mootummaan Wayyaanee EPRDF/TPLF sanyummaan nu yakkee hojii irraa nu arii’a kan jiruu dhaabee kanneen arii’aman hojiitti hin deebifne guutummaatti hojii kan dhaabnu ta’aa jechuun yaada isaanii ibsatan. Ilmaan Oromoo kanneen hojii irraa arii’aman keessaa kanneen addatti doorsifamn:
1. Obboo Shaanqoo Gaaromaa
2. Obboo Guddataa Amantee
3. Obboo Darajjee Amanuu
4. Dargaggoo Dinqaa Baqqalee
5. Dargaggoo Alamayyoo Qajeelaa
6. Dargaggoo Tolasaa Kenaa
7. Dargaggoo Fetanuu Warquu
8. Obboo Gannatii Baqaanaa
9. Obboo Getachoow Magarsaa
10. Obboo Garramuu Waktolaa kanneen jedhaman ilmaan Oromoo Arii’atamanii fi doorsifinni garaaraa irratti gaggeeffamaa jiru keessa ta’uu madden keenyaa magaalaa Fincaa’aa irraa gabaasan.
Mootummaan abbaa irree wayyaanee EPRDF/TPLF i Oromoota hojii irraa arii’uun gidirsaa bakka isaanii immoo ilmaan Abshoota kanneen ta’an fageenya irraa fiduun hojiitti minda’aa jiraachuu gabaasi nu gahe addeessa.