Kora Gamtaa Miseensotaaf Deggartoota ABO Kaaba Noorweyii Kan bara 2015

Aside

Nuti miseensoniif deegartoota ABO kan kaaba Norweyyiitti argamnu wal-gayii gaafaa guyyaa 22-08-2015 gaaggeefanne irratti marii balla’aa waa’ee sochii biyyaa keessaa qeerroo fi WBOn gochaa jiru walumaagalatti haala yeroo irratti erga mari’anee booda ibsa ejjenno armaan gadii dabarfanneerra:

1. Waraana bilisummaa Oromoo yeroo amma kana kan yeroo kamiyyuu caala tarkaanfii boonsaa diina Oromoo irratti fudhachaa jiru baay’ee kan itti gammannu fi gara fuula duraattis akka cimsee itti fuufu gargaarsa barbaachisaa ta’een akka cinaa dhaabannu nimirkaneessina.

2. Addi Bilisummaa Oromoo kallachaa bilisummaa ummaata Oromoo ta’uu hubannee gargaarsa nurra eegamu maraan bira dhaabachuuf waada keenyaa ni haromfannaa.

3. Qeerrooniif baratoonni oromoo biyyaa keessa hawwii bilisummaaf isaan qaban abdachiisa waan ta’eef karaa barbaachisaa ta’ee hundaan bira ni dhaabana ni deeggaraas.

4. Tumsaa ABOf gochaa tureef itti jiru gara fuula duraatti kan yeroo kamiyyuu caala daraan ciimsinee itti fufnu ta’uu waada keenya ni haarofanani mirkaneesinas.

5. Kallachi qabsoo bilisumma oromoo kan tahee ABO qofa ta’uu hubannee itti amanna waan ta’eef warreen nuti ABOdha jechuun maqaa ofitti moggaassuun ergama diina fi dandaata yeroodhaaf bitamanii qabsoo bilisummaa oromoo laamshesuuf yaalani akka irra of qusatanniif waan darbee irraa hubachuun gara QBO itti akka deebi’aniifi dantaa ummataa isaani akka dursaan ciminaan ni hubachiifnaan.

6. Torbaan “Diaspora” jechuun waltajjii wayyaaneen gantootaf qopheesite keessatti kanneen hirmaatan ummata oromoo biyya hambaa jiraatan akka bakka hin buune ummaanni oromoo biyya keessa jiraatu akka nuuf huuf huubatu cimsinee ni beeksifna.

Kora ABO.pdf

 

Diyaaspooraan Wayyaaneen Leellisaa Jirtu Kun Eenyudhaa?

Aside

Hariiroo Jorgootiin-Qeerroo Bilisummaa Oromoo-Oromiyaa Irraa

Barreessaa dhugaa baasa!Wayyaaneen dargiiin qabsoo uummataatiin taayitaarraa makfamee akkuma afaan qawween barcuma qabatteen naannoolee waraanaan miidhamaniif dursa kennina jechuun naannoolee kaan irraanfachuun misooma mootummaa gara Tigiraayitti akka gala galu gochuun, dargaggoonni  Tigraay baay’inaan gara hoomaa waraanaatti akka seenan gochuun hanga ammaatti hoomaa waraannaa biyyattii keessatti sadarkaa gadii irraa hanga oliitti ajajoonni isaanidha. Kanaanis hojii dhabdoota ilmaan Tigiraay hedduu salphiseera.

Dabalataanis poolisii federaalaa keessaattis sadarkaa ajajummaa guutuutti kan to’atee jiru isaanidha. Keessaafuu caasaa damee tikaa eenyuttuu dabarsaanii keennuu hin fedhan. Kanaatii achi manneen hojii federaalaa keessatti maqaaf fakkeessuuf sabaaf sablammii keessaa ofdura qabanii biiriicha guutummaasaa weeraruun kan to’atan ilmaan TPLF dha. Gumuruk ameessa ilmaan Tigirootaa qofa elmatanidha jechuu dandeenya. Import Export iin madda galii isaaniiti. Isaan qaraxa malee kan ittiin galfatan,warra kaan irraammoo qaraxuuf caasaa diriirfatanii bakka itti taa’aan buufata  saamichaa isaaniiti.

Kanaa fi kkftuun ilmaan Tigirootaa bakka qabsiifatanii erga raawwataanii booda warra barreessuu fi dubbisuu hin dandeenye ammo seeraan ala baankii daldala Itiyoophiyaa irraa bifa liqaan fuudhanii rabsaniifiiti yeroo gabaabduu keessatti Tigiraayiin Awurooppaa fakkeessan. Diyaaspooraan Wayyaaneen Leellisaa Jirtu Kun Eenyudhaa.docx 11

የኦሮሞ ነጻነት ድምጽ (SBO) – ነሓሴ 22 ቀን 2015ዓም

Aside

SBOየወያኔ መንግስት በህዝቦች ላይ እያደረሰ ላለው ጭቆና ፍጻሜ በማበጀት የህዝቦችን ነጻነት ለማረጋገጥ እጅ ለእጅ ተያይዞ ፍልሚያውን ከማፋፋም በስተቀር ኣማራጭ የሌለ መሆኑ የቤኒሻንጉል ህዝብ ነጻነት ንቅናቄ ሊቀመንበር ኣቶ ኣብዱልወሃብ ማህዲ ኢሳ ከኦሮሞ ነጻነት ድምጽ ጋር ባደረጉት ቃለ-መጠይቅ ገለጹ።

የቤኒሻንጉል ህዝብ ነጻነት ንቅናቄ ሊቀመንበር ኣቶ ኣብዱልወሃብ ማህዲ ኢሳ ከኦሮሞ ነጻነት ድምጽ ጋር ማደረጉት ቃለ-መጠይቅ በርካታ ጉዳዮችን ኣንስተዋል።

  • የቤኒሻንጉል ህዝብ የደርግ ስርዓት በህዝቦች ትግል ተገርስሶ የወያኔ ኣምባገነን ስርዓት ስልጣኑን በሃይል ከተቆጣጠረ ወዲህም የሚደርስበት የፖለቲካና ኢኮኖሚ ጭቆና እጅግ እየከፋ መሄዱን ኣቶ ኣብዱልወሃብ ገልጸዋል። በዘመነ-ወያኔ/ህወሃት ከመሬት መፈናቀልና መሰደድ እንዲሁም እስራትና ግድያ በኣስከፊ ሁኔታ በቤኒሻንጉል ህዝብ ላይ መፈጸሙን ያመለከቱ ሲሆን፡ በኣባይ ግድብ ሳቢያ የቤኒሻንጉል ዜጎች መሬታቸውን ተቀምተው ወደ ሱዳን ለመሰደድ መዳረጋቸውን ጠቅሰዋል። በዚህም ከሁዱንዱ ኣካባቢ ከ100,000 በላይ ዜጎች መኖሪያ ቤቶቻቸው ወያኔ ባሰማራባቸው ዶዘር መኪኖች ፈራርሰው መሬታቸው ስርዓቱ ከሰሜን ባመጣቸው ሰፋሪዎች መያዙና ለቻይና ባለሃብቶች መሸጡን ተናግረዋል።
  • በሌላ በኩል ደግሞ በኣሁኑ ጊዜ በቤኒሻንጉል ኣካባቢ እየተካሄደ ካለው ህዝባዊ ኣመጽ በተለይም ነሃሴ 14 ቀን 2015ዓም ከተካሄደው ህዝባዊ ኣመጽ ጋር ተያይዞ የወያኔ መንግስት በርካታ ዜጎችን መግደሉንና ማቁሰሉን እንዲሁም በጅምላ ማሰሩን ኣቶ ኣብዱልወሃብ የስርዓቱ ጥቃት ሰለባ የሆኑትን የቤኒሻንጉል ዜጎች ስም ዝርዝር በመጥቀስ ኣጋልጠዋል።የኦሮሞ ነጻነትድምጽ-አማርኛ