Category Archives: Oduu/News
Hoongee fi Gogiinsa Oromiyaa Keessaa Lammiilee Hubaa Jiru…
Aside
Gabaasa Sagalee Bilisummaa Oromoo
Impaayera Itoophiyaa keessatti imaammata dabaa murni wayyaanee hordofaa jiru irraa kan kahe hoongee fi gogiinsi uumame lubbuu lammiilee fi beeyladaa balaa ulfaataaf saaxilaa jira. Keessumaa ammoo dacheen Oromiyaa jiidhinaa fi badhaadhinaan beekkamtu imaammatuma gartuu abbaa irree kanaatiin ontee fi gogdee lammiileen kumootaan nyaata dhabuun leeccalloo isaaniis hurgufatanii hiraara argaa jiru. Mootummaan wayyaanee wayta rakkoon kun uumamu ummata nan bulcha jedhuuf birmatee nyaataan dhaqqabuu fi hegereefis akka rakkinichi hin uumamneef hojjechuu mannaa, inumayyuu hammeessaa jiraachuu gabaasaaleen godinaalee Oromiyaa adda addaarraa nu dhaqqaban ni ibsu.
Akka odeessa godinaalee Oromiyaa adda addaa irraa nu gahe kanaatti saamichaa fi manca’iinsa qabeenya bosonaa wayyaaneen geessiserraa kan kahe dacheen qullaatti haftee rooba dhabuudhaan hoongeen uumame midhaan facaafamee fi beeyladoota miidhaaf saaxileera. Ummannis kanarraa beelaan hubamaa fi qayee dhiisee godaanaa akka jirutu ibsame. Haala Qilleensaa fi Beela Oromiyaa keessaa…2015 =ED
Godinaa Lixa Shagar, Aanaa Ada’aa Bargaa Magaala Mogor Keessati Warraaqsa Bilisummaa Ka’een Warraanni Wayyaanee Uummata Irratti Dhukaasa Bane.
Aside
Fulbaana 28,2015 Mogor
Sababa filannootin mootummaa waayyanee baatii caamsa darbee humna waaranaa isa ummata ittiin dorsiisuuf jechaa magaala Mogor qubachiisee jira. Humni waarana kunis ummata nagaa qabeenyasa saama, halkan immoo mana namoota irraa deemu dorsisaa mallaqa irra guraa, akkasumas kan diddee reeba turaniiru. Kan yoommiyyuu sammuu nama keessa ummata baadiyyaa magalaa Mogor marsanii jira sababa adda addatiin magaalati dhufan ganna kana dhoqee jedhani warreen bootii kawwatan qaban dhagaa ciraachaa bootichaati guuruun itti figaa jechaa Oromoo hedduu nafaa godhaaniruu. Haa ta’uu malee Ummatni magaala Mogor gaafa fulbaana 27,2015 : Dhadhannoo yoo garaan kutatee mirga argachuu dandeenya jechuun halkaan keessa sa’a afur gubbaati gaaffii mirgaa gamtaan kaasan.
Ummata kutatee manaa ba’ee kana sodaachisuuf warraanni waayannee dhukaasa yoo egaluu ummatni dhagaasa darbachaa of fuuldura ari’ee. Dhuma irrati gaazii imimmaan itti dhusaanis ummata kan kufee kaasa waraanichaa yeroof magaala baase ture. Dhukaasa kanarraati namni lubbuun darbee dhabamuus namootni gara kudhanii mada’aniruu, waraana Waayyannee lama hedduu midhaman. Gabaasan Qeerroo Mogor.
Sagalee QEERROO Bilisummaa (SQ) Fulbaana 28, 2015/ Seenaa Jeneraal Taadasaa Birruu Kutaa 1ffaa
Aside
Wallagga Magalaa Naqamtee Keessatti Leejii Barsiisotaa Jedhamee Mootummaa TPLFn Kennamaa Jiru Irratti Gaaffiilee Jajjaboo Barsiisota Irraa Ka’een Dura Dhaabatnaan Mudate.
Aside
Fulbaana 27,2015 Naqamte
Leenjiilee barsiisootaa jedhchuun yeroo ammaa dabballooti Wayyaanee godina hunda keessatti barsiisaa jiran milkooma dhabuun dura dhaabatnaan mudataa jira,haalli kun itti fufuun godina Wallaggaa magaalaa Naqamtee keessatti leenjii siyaasaa ta’e irratti barsiisoti gaaffii kaasanii dabballoota Wayyaanee ittiin joonjessan keessaa hammi tokko akka armaa gadiiti.
- Oromookeessa beekaa fi dandeetti kan qaban danachuudhaan garuu hanqina maaliif Oromoo keessaa ministeera muummee tahuu hin dandeenyee?
- Dhimmoota misoomaatiin wal qabatee mootummoonni naannoo biraa kan akka Tigraayii fi Amaaraa naannoo isaanii gama kamittuu guddisaa jiru keenya garuu Oromiyaan misoomaan gadi jette male guddachaa hin jirtu aangawoonni oromoo maqaa fi garaadhaaf dhaabbatanii jiru.
- Master Pilaaniin deddebii’ee kan ka’u murtoon tokkko kan itti hin kennamin sababiin isaa fi kaayyoon isaa maaliifii?
- Bakki hundeeffama OPDO maaliif jijjiramee? Dura Darraa jedhame amma garuu maaliif Adet jedhamee?
- Uummataaf kan falamuu fi jijjirama har’aaf sababa kan tahe ABOn maaliif maqaa dhiphummaa fi balaaleffatamaa?
- Filannoo uummanni keenya dhibbaa dhibba nu filate jedhamee labsame amma ammo uummanni maqaama filannootiin nun fille jechuudhaan mana hidhaatti guuramaa jira. ??
- Dhaabbanni Maccaa fi Tuulaamaa maaliif hin deebi’u? Amma eessa jiraa?
- Kan nu barsiisaa jirtan garuu seenaadhaan wal qabatee kan Uummata Oromootimoo kan dhaabbata OPDOtii?
- Qoodni fi gaheen ABOn kufaatii mootummaa dargii keessatti hin qabu turee mee kan beektan irraa?
- Dhimma biyyaaf jettanii kanumaayyuu guddina biyyaa odeesitu leenjii kana irratti maaliif aballiin nuuf hin kennamuu?
- Balaaleffannaa ABO malee bu’aan ABOn buuse takkaa hin ka’u qabsoo har’aa asiin gahame keessatti ABOnis qooda olaanaa kufaatii dargii keessatti taphateera olola malee maalii gaarummaan isaa hin ka’uu?
- Rakkoon gurguddaan har’aa Loogii, Malaammaltummaa, Bulchiinsa gaarii wal qabatee dhimmi MPs rakkina jabaa uummata oromootti fidaa jiru kun utuu jiruu maaliif seenaan darban ka’aa?
- Dhaabbileen Ummata oromootiif dhaabbatan 5nan OPDO waliin walii galee maaliif hojjechuu hin dandeenyee?
- Wanneen irratti mariyataman hedduun jiru garuu maaliif sirnoota darban irratti mariyachuun barbaachisee? Addi Bilisummaa Oromoo maaliif dhaaba maseenaadha jedhamee waamamee? Sababiin kana moggaasuu kun eessa irraa ka’ee?
- Galiin Oromiyaa irraa galu hunduu kan karaa darbu irraa kan hafe hammamtu oromiyaaf faayidaa kennaa jiraa?
- Sababiin fayadamaa fi barreeffama Qubee Afaan Oromoo qabsoo ABOn taasiseedhaanimoo OPDOdhaanii?
- OPDOn gaaffi mirgaa uummanni oromoo gaafatuuf deebii haqaa kennaa jiraa?
- Ibsaan biyya keenya sirnaan osoo hin tajaajilin maaliif biyya biraa deemee tajaajila kennaa? Maaliif gurguramaa?
- Fonqolcha sirna Dargii keessatti ABOn qabsoo waggaa tokko keessatti gaggeesse qabsoo ofii godhachuun bu’aa tokko osoo hin buusin OPDOn ABO
irratti maaliif olola banaa? - Gaaffiileen mirgaa barattootii fi hojjettooti dhaabbilee barnootaa fi iddoo garagaraatti ka’u ABOtti maaliif naanneeffamee jeequmsa jedhamaa?
- Uummata Oromoof qabsoo taasisaa kan ture haalamee har’a farra misoomaan kan waamamu maaliif ABO jedhamee?
- Uummata Oromootiif kan qabsaa’u TOKKUMMAA FI GARAAGARUMMAAN isaa maalidhaa?
- Beekamtii OPDOn oromoo yeroo dheeraa qabsoo irra turaniif kennu maaliidhaa?
- Kira sassaabdummaa fi loogii balleessuu jettanii odeessitu kun garuu kan badaa jiru osoo hin taanee kan dabalaa jirudha.
- Keeyyanti 39 hojii irra erga hin oollee maaliif hin ka’uu? Hin haqamuu?
- Gaaffii barattootni kaasaniif deebiin humna waraanaa poolisii federaala irraa guuruun itti bobbaasuu tahe kun akkamiin ilaalamaa jiraa?
- Afaan Oromoo afaan hojii, afaan federaalaa akka hin taane maaltu dhorkee?
Shukrii Jamaa l**Ani Sumaafan** New Oromo Music 2015 By Raya Studio
Aside
“Iyyoolee birraa” Wallee Haaraa Artist Garramuu Hundee
Aside
Oromo Voice Radio (OVR) Broadcast- 26 September 2015
Aside
Gaazzexeessituu Magartuu Lammii koolugaltummaa gaafatte.
Aside
Media mootummaa wayyaaneen to’atamuu fi harka egamtoota isaatti argamu TVO jedhamu irra hojjechaa kan turte Gaazzexeessituu Magartuu Lammii sirnicha waliin hojjechuu lagachuun biyya alaa dhaqxetti koolugaltummaa gaafachuu ishee SBOn mirkaneesse.
(SBO) — Maddi Oduu SBO Torontoo Kanadaa irraa har’a Fulbaana 27, 2015 akka hubachiisetti TVO, kan ummatni TV qonnaa ykn TV. A. Duulaa jechuun yaamu, sirna wayyaaneen to’atamuu fi harka OPDOtti argamu irra hojjechuun Oduu dubbisaa kan turte gaazzexeessituu Magartuu Lammii sirna Wayyaanee kan ummata Oromoo irratti yakka gugurdaa hojjechaa jiru jalatti deebitee waliin hojjechuu lagachuun Torontoo Kanadaatti koolugaltummaa gaafattee jirti.
Dhaggeeffattoota keenya gara fuula duraatti gaazzexeessituu Magartuu Lammii waliin gaaffii fi deebii goonee isinii dhiheessuuf kan carraaqnu ta’uu isin beeksisna.
