Gochaan ajjeechaa fi lafa irraa buqqaatinsaa akkasuma gochaan saamichaa Oromoo irraa dhaabbachuu qaba!

Aside

(Ibsa Qeerroo Bisummaa Oromoo, Mudde 01,2018 Finfinnee Oromiyaa) Gochaan ajjeechaa gara jabinaa fi lafarraa buqqaatinsaa dabalataan saamichi qaama kamiinuu Oromoo irratti raawwachuun dhaabbachuu qaba.

Nuti Qeerroon Bilisummaa Oromoo Qabsoo waggoottan dheeraaf karaa nagaa gochaa turreen nagaan uummataa akka murkanaa’uuf ajjeechaan akka Oromoo irraa dhaabbatu dararamni akka uummata keenyarraa dhaabbatu gaafachaa turre gaafachaas jirra. Hanga nageenyi uummataa mirkanaa’utti qabsoon Qeerroo Bilisummaa Oromoo itti fufuu akka qabus ejjennoo Qeerroo Bilisummaa Oromooti.

Uummata Oromoo daangaa Oromiyaa irra jiraatanirra waggoota dheeraaf: lolli adeemaa, Saamichi raawwataa, dararamni dabalaa jira. Addatti Oromoota Baha Oromiyaa, Kaabaa fi Kibba Baha Oromiyaa akkasuma Oromoota Lixa Oromiyaa jiraatanirra ajjeechaa qindaawaan humna hidhateen raawwataa jira. Ajjeechaan kun guyyaa gara guyyaatti ol guddataa adeemuun ala furmaata waaraa maseenee, jeequmsa dhalaa oolee jeequmsa Oromoof dhalaa bulaa jira. Ajjeechaa Oromoota daangaarratti raawwatu bifa gurraaf ijaafillee hintolletti ol guddatuun hanga Oromoo qalanii reeffa Oromoo gubanitti gochaan qaanfachiisaan nurratti raawwataa jiru nagaa xiinsammuu Oromoof illee balaa ta’uun isaa hubatamaadha.

Gochaa gara jabinaan raawwateen Naannoo Benishaangul Gumuz keessatti Sadaasa 21,2018 guyyaa facaasaa irra Oromootni 30 ol billaan qalamanii lubbuun darban. Gidduma sana naga eegsiistootni foolisoonni Kora Bittinneessaa Oromiyaa ajjeechaa humna hidhannoo jabaaf leenjii guddaa qabuun irratti fudhatameen lubbuun nama 17 darbuusaa kaan ammoo ajjeefamanii reeffi dhabamuullee quba qabna. Akkasuma Naannoo dhuma Benishaangil Gumuz keessatti ilma Oromoo ajjeesanii reeffasaa gubuun maatii irraa reeffa isinii laanna jechuun maallaqa fudhatanii maallaqas reeffas dhorkatanii jiru.

Torbanootuma sana keessa nannoo Baha Oromiyaa Hararge Cinaaksan keessatti ilmaan Oromoo 10 lubbuun dhabamuu 20 ammoo madeeffamanii jiru. Ajjeechaan kun walitti fufiinsan raawwatuurraa naannoo Benishaangul Gumuz keessatti ilmaan Oromoo 35 ta’an torban kana keessa billaan qalamanii lubbuun darban. Hanga ammaatti Lixa Oromiyaa Gandootni 7 araddaasaanii lakkisanii buqqaa’anii jiru. Akkasuma guyyaa gaafa sadaasa 29,2018 Baha Oromiyaa Hararge Bahaa Araddaa Gammachiis keessaa sa’atii 5:00 ykn 11:00 (lakkoofsa Habashaatti) keessa Oromoota maqaan isaanii Abdii Sheekaa fi Yasuuf Yaasin jedhaman duraa Liyyuu Ayiliin Loowwan 25 saamaniiru.

Uummatni bahee nagaan galuu erga dhabee, hojjetee qabeenyasaatti fayyadamaa ta’uu dhabee shiftoota daangaarraan saamama erga ta’ee biyyattiin nagaa molqamteetti jennee fudhanna. Nagaa uummataa eeguuf dirqamni olaanan mootummaa ta’ee odoo jiruu mootummaan gaafa kumootaan duunu callisaa, gaafa miliyoonaan buqqaanus callisaa uummataaf hojjeta jechuu hindandeenyu.

Kanaafuu; Uummatni gama kamiinuu of kabachiisuuf dirqama qabaachuusaa beekuun akkasuma mirga of kabachiisuu isaatti fayyadamuun wal cina dhaabbatee bifa of eeggannoo qabuun mirga namaa osoo hinxuqin karaa nagaan tokkummaan gaaffii isaa dhiyeeffachaa akkuma jiru, hanga nagaa waaraan uummata Oromoof argamutti cimsee wal bira dhaabbachuu akka qabu Qeerroon Bilisummaa Oromoo cimsee jajjabeessa. Gaaffii karaa nagaa nageenya uummatasaa akka murkanaa’uuf taasisu hanga furmaata waaraa argatutti uummatasaa waliin ta’uun rakkoo uummatasaa karaa nagaan gaafachuu kan itti fufee jiru ta’uus Qeerroo Bilisummaa Oromoo nii hubachiisa!

Qeerroon Bilisummaa Oromoo qaamoni Oromoo kamuu karaa dabaan Oromummaa isaa qofaaf balaaleffatamee ajjeefamuu fi jibbamuu hinqabu ejjennoo jedhu jajiabeessatee qabsoo isaa hanga Oromoo irraa ajjeechaan dhaabatutti, lafarraa buqqa’uun dhaabbatutti kan itti fufee jiru ta’uu nii hubachiisa!

Injifannoon uummata Oromoof
Gadaan Gadaa Xumura Garbummaati
Qeerroo Bilisummaa Oromoo
Mudde 01,2018 Finfinnee Oromiyaa

SBO MUDDE 02,2018. Oduu fi Hiriira mormii Begii irratti gaaffii fi deebii qindeessitootaa fi hirmaattota waliin taasisame

Aside

SBO SADAASA 30,2018. Oduu, Ibsa ABO fi Hiriira magaalaa Naqamtee ilaalchisee gaaffii fi deebii dargaggoo Nimoonaa waliin taasisame.

Aside

SBO SADAASA 28,2018. Oduu fi Gaaffii fi deebii I.A.H.ABO Jaal Araarsoo Biqilaa waliin kutaa 4ffaa

Aside

SBO SADAASA 25,2018. Oduu fi Gaaffii fi deebii I.A H.D ABO Jaal Araarsoo Biqilaa kutaa 3ffaa

Aside

SBO SADAASA 23,2018. Oduu fi Gaaffii fi deebii I.A. H.D ABO Jaal Araarsoo Biqilaa waliin taasisame kutaa lammaffaa

Aside

SBO SADAASA 16,2018. Oduu, Ibsa ABO fi Gaaffii fi deebii Itti Aanaa H.D ABO Jaal Araarsoo Biqilaa waliin taasisame kutaa jalqabaa

Aside

SBO SADAASA 11 BARA 2018. ODUU, IBSA ABO FI HAALA TIBBANA NAQAMTEETTI TA’E IRRATTI MARII JIRAATTOTA NAANNOO WALIIN

Aside

SBO SADAASA 07,2018. Gabaasa Bobbaa Jila ABO Gara Lixa Wallaggaa kan Magaalaa Begii Onkoloolessa 05,2018

Aside

Waliigaltee Nagaa Diiguun farrummaa dha!

Aside

(Qeerroo Bilisummaa Oromoo, 4 Onkoloolessa 2018) WBO nagaaf jedhee lola dhaabe irratti waliigaltee Nagaa Diiguun lola banuun farrummaa guddaa dha.

Qeerroon Bilisummaa Oromoo akka amanutti, umamti Oromoo waraanatti kan seenan daandiin nagaa waan cufameef ture. Dhiheenya kana garuu, abdiin xiqqoo tokko akka mul’atuu taatee turte. Abdiin kunis yeroof tarsiimoo qabsoo saba keenya akka jijjiiru abdiin irratti gatamee ture.

Haata’uutii, yaaliin waraanaan saba cabsuu fi gabrummaa keessa tursuu kun amma illee bifa jijjiiratee itti fufee jira. Bakka addddaatti hojiin farrummaa hojjatama ajira; ABO/WBO dadhabsiisuuf keessaa fi alaan duulli jabaa adeemaa jira. Kunis adeemsa keessa saaxilamaa waan jiruuf, namuu hubataa jira.

Ummata Oromoof, waanti nagaa caalu hin jiru. Ummata nagaa jaalatuuf garuu waliigaltee nagaa diiguuf aggaamuun hedduu gaddisiisaa dha. Nagaan utubaa waa hallee ti. Nagaaf jedhamee waanti hedduun aarsaa godhameera; amma illee godhamaa jira; ummanni keenya nagaaf jedhee haqa dabe otuu arguu fi dhagyuu aarsaa gochaa jira. Kun immoo, akkanatti kan itti fuf hin ta’u.

Qeerroon Bilisummaa Oromoo walgahii hatattamaa har’a godheen haala Oromiyaan keessatti argamtuu fi taatewwan yeroo dhihoo asitti raawwatama ajiran keessa deebi’ee gilgaalee jira. Keessayyuu, olollii fi duulli dabballota OPDOn WBO irratti banamee jiru, xiyyeeffannoo jabaa kan barbaadu ta’uu irratti waliigalameera.

Koreen Bulchiinsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo ololaa fi lola WBO/ABO irratti banamee jirus jabeessee balaaleffateera; tarkaanfii guyyaa har’aa WBO Ardaayitaa jiru irratti fudhatames, jabeessee morma; gochaa farrummaa har’aa kunis waliigaltee nagaa irra gahame kan diigu waan ta’eef, naga-jaalattooti marti sagalee tokkoon balaaleffachuu qaban.

Tarnaanfiin Ardaayitaa, yeroo gabaabaa keessatti qaama walaba ta’een qoratamee ummataaf akka ibsamu Koreen Bulchiinsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo jabeessee gaafata. Haga dubbiin kun qoratamee, dhugaan jiru ifa bahuttis, WBOn bakka addaddaa jiran marti of-eeggannoo jabaa akka godhan ni dhaammanna.

Miseensonni Qeerroon Bilisummaa Oromoos akkuma kanaan duraatti qabsoo Oromoo karaa hundaan fuuldura tarkaanfachiisuuf akka caalatti jabaatanii hojjatan dhaamsa keenya ni dabarfanna.

ABO/WBO irratti shirri dalagamu, qabsoo keenyatti akka cichinu nu taasisa!

Qeeroo Bilisummaa Oromoo

4 Onkoloolessa 2018