Category Archives: Oduu/News
Sagalee QEERROO Bilisummaa (SQ) Onkoloolessa 27, 2015
Aside
Bulchiinsi Magaalaa Naqamtee Waljeeqaa Jiraachuu Qeerroon Gabaase.
Aside
Onkoloolessa 29,2015 Naqamte
Bulchiinsi magaalichaa Obbo Tolasaa Waggaariitiin kan hoogganamu yeroo ta’u imaammata wayyaanee akka hafarsaniif karoora guddinaaf ce’umsaatti guddatanii ce’aniiru jechuun guddina siyaasaa laateefi kan uummata saamsisaa turetti waajirri daldalaafi faayinaansii beekkamtii isaan dhorkate . Waajjiracharraa Aadde Mihiratii kan jedhaman guutummatti kan ta’ee fi hin taaneensaa hin beekamneen manneen dhibba sadii (300) ta’an eyyama hin qabdan maqaa jedhuun kan cufsiiste ta’uu gabaasi Qeerroo ammaan duraa addeessa.
Haala kanaan gartuun waajjira IMX fi Obbo Zalaalam Gizaaw ittaanaa kantiibaa magaalaa Naqamtee manneen cumfaman kun ta’e jedhamee uummata Oromoo miidhuuf kan wixiname malee seera qabaeessa miti sababaa jedhuun mormii jabaa waan dhiheessaniif garuun mirga Oromoof malmuu fi kanneen shira uummata irratti hojjetan bulchiisa Wayyaanee magaalaa Naqamtee keessatti walitti bu’iinsaan mormii guddaatti walitti kaasanii jiraachuun beekame.
Wal dhabdeefi wal nyaachuun waajjiraalee kanaa utuu itti fufee jiruu maqaa guddina magaalotaa fi rakkoo nageentasaaniii jedhuun kaaabinooti onootaa,kantiiboti magaalotaa fi dabballooti godina wallagga bahaa magaalaa Naqamteetti akka itti dargaggoota kiyyeessanii fi wayyaanee jalatti barcuma eegan irratti marii’achaa akka jiran beekameera
Aside
ABO Dabalatee Paartileen Mormituu Shan Gamtaa Uummachuun Dhimma Murteessaa fi Adeemmsa Qabsoo Bilisummaa Sabootaa Kan Saffisiisuu Dha.
Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo
Onkoloolessa 28,2015
Finfinnee
Gamtaa fi wal hubannaa dhabuun jaarmiyaalee siyaasaa kanneen mirga hiree murteeffannaa fi kabajamuu mirgoota dimookiraasii fi namummaaf abbaa irree Wayyaanee EPRDF/TPLF irratti qabsoo gaggeessan dhabamuun mootummaa Wayyaaneef carraa kan bane fi umrii bittaa Wayyaanee kan dheeresse kessaa tokko kan ture yeroo kanatti furmaata argachuun umrii mootummaa Wayyaanee kan gababasuufi bilisummaa sabootaa fi sablamootaa kan mirkaneessuudha.
Sadarkaa jaarmiyaatti jaarmiyaaleen kanneen akka Addaa Bilisummaa Oromoo(ABO/OLF), Adda Bilisummaa Uummata Sidaamaa(SNLF), Addaa Bilisummaa Sochii Uummata Gambeellaa(GPLM),Adda Bilisummaa Sochii Uummataa Beenishaangul (BPLM) fi Adda Bilisummaa uummata Sumaalee(ONLF) irra walitti dhufuun Walga’ii Oslo Norwayitti Onkoloolessaa 23/2015 ta’e irratti Gamtaa qabsoo bilisummaa uummachuun biyyatti keessatti dhiittaa mirga dimookirasii, mirga namummaa fi ukkaanfamuu mirga hiree ofii ofiin murteeffannaa Uummata Oromoo fi saboota kanneenii mootummaan Wayyaanee EPRDF/TPLF’n ukkanfamee jiru aangoo irraa qaarisuuf boqonnaa haaraa qabsoo bilisummaa keessatti uumamedha waan ta’eef nuti jaarmiyaan Qeerroon dargaggoota Oromoo gamtaa uumamee kana ni deeggarra, cina ni dhaabbanna, ni jabeessina walitti dhufeenyii fi gamtaan kun illee biyya keessatti uummata Oromoo fi saboota kanneen gidduutti akka jabaatee itti fufuuf irratti kan hojjennu ta’uu beeksifna!! SNLF, GPLM, BPLM fi ONLFwalitti dhufeenya Jaarmiyalee hiree walfakkataa qabanii fi qabsoo bilisummaa saba isaaniif qabsoo gitaa gaggeessan gidduutti uumamee jiruu ilaalchisuun nuti Qeerroon Bilisummaa Oromoo uummata Oromoo fi saboota hiree fakkataa Oromoo qabanii fi jaarmiyaalee ‘’Gamtaa’’ kana hundeessan keessatti qooda qaban hundaaf ibsa gabaaba qabxii shan qabu dabarsine.
- Nuti Qeerroon Bilisummaa Oromoo tumsa gamtaa qabsoo bilisummaa furgaasuuf jaarmiyaaleen kun uumaan ni dinqisiifanna dhimma haala yeroo irratti hundaa’ee fi barbaachisummaan isaa qabsoo bilisummaa siffisiisuun mootummaa EPRDF/TPLFtti xumura kan godhu waan ta’eef Uummatni Oromoo fi sabootni Cunqurfamoon biyyatti hiree fakkataa Oromoo qaban yeroon ijaaraman amma waan ta’eef ijaarsaa uummataa gama hundaan akka jabeesanii fi jabeesinu waamicha goona!! Guutuu Ibsa Kanaaf:-Tumsa Jaarmotaa Ilaalchisee Ibsa Qeerroo Bilisumaa onk 28 2015
የአምስት የብሄራዊ ነጻነት ታጋዮች ጥምረት በኢትዮጵያ | የዶይቸ ቬለ (DW) ዘገባ | DW’s Amharic Report on Formation of PAFD by Five National Liberation Movements in Ethiopia
Aside
UNPO Welcomes Founding of the ‘Unprecedented Political Alliance’ – PAFD, the Genuinely-Multinational Coalition in Ethiopia
Aside
The following is a statement from the Unrepresented Nations And Peoples Organization (UNPO).
26 October 2015, Brussels –
The Unrepresented Nations and Peoples Organization (UNPO) welcomes the founding of the Peoples’ Alliance for Freedom and Democracy (PAFD), established on 23 October 2015. This unprecedented political alliance between the peoples in Ethiopia is the result of a two-day meeting held in Oslo, Norway, between delegates of the Ogaden National Liberation Front (ONLF), Oromo Liberation Front (OLF), Benishangul People’s Liberation Movement (BPLM), Gambella People’s Liberation Movement (GPLM), and Sidama National Liberation Front (SNLF). Acknowledging the need for a united effort to put an end to the enduring repression perpetrated by successive and current Ethiopian regimes, the goal of the Peoples’ Alliance for Freedom and Democracy is to bring a new just political order for the country based on the consents of all peoples.
Although the founding document of the PAFD has just been signed, the initiative already represents a crucial milestone in the struggle for human rights and democracy in Ethiopia. Against the backdrop of decades of blatant disregard of the rule of law, and brutal suppression of the most fundamental human rights by the Ethiopian government, the PAFD arises as a platform that will unify the voices of the oppressed peoples in the country. Through diplomatic, advocacy and awareness campaigns, the PAFD will foster favourable conditions for achieving a peaceful and orderly transfer of power to the peoples by engaging representatives of all the different nationalities and other stakeholders committed to genuine democracy.
Since early 2015, UNPO has actively sought to create favourable conditions for dialogue between diverse marginalised groups in Ethiopia who seek democratic change, most notably through the convening of a high-level conference at the European Parliament on 23 April 2015, with the support of five Members of the European Parliament. In light of the conclusion of the conference – that real democratic change and cessation of ongoing human rights abuses can only be achieved through joint action involving all ethnic and political opposition movements – the founding of the PAFD represents a concrete and meaningful step forward. UNPO applauds this remarkable step towards ensuring the Ethiopian peoples’ voices are better heard and calls upon the international community, including the European Union, the United Nations and the Government of the United States of America, to seize this unique opportunity to bring democratic change in Ethiopia. By cutting direct funding to the Ethiopian government, 50% of whose budget relies on foreign aid, there is a real opportunity to achieve an end to state sponsored human rights violations and pave the way for democracy and long term stability.
Click here to read the UNPO Press Release
Click here to read the PAFD Press Release
Click here to read the Declaration of the establishment of the PAFD
Wayyaaneen Wareegamuu Barataa Tarreessaa Safaraan Wal Qabatee Barattooti Yuuniversitiilee Adda Addaa Barnootaa Dhaabaa Jiraachuun Beekame.
Aside
Onkoloolessa 28,2015 Mattuu
Yuuniverstii Mattuu Dabalatee Yuuniversitiin Biroon Barattootaan Barumsa Dhaabuu Irratti Argaman Akkuma beekamu barataa sabboonaa oromoo fi uummataaf falmuuf cal kan hin jenne mooraa yuuniversitii Mattuu keessatti harka jal’ootaa fi nama nyaataa mootummaa wayyaaneetiin ajjeefamuu isaa barataan TARREESSAA oromoon bakka jiru dhaga’ee gaddaan wayita guutame tahuuun isaa ifa. Guyyaa sabboonaan oromoo kun ajjeefamee kaasee mooraan Yuuniversitii Mattuu fi naannowaan ishee ilmaan oromoo jirtu duukka buusuudhaaf humni wayyaanee buufatee jiraachuunis yeroodhaa yerootti odeessi achi nu qaqqabaa jira. haata’u malee gumaa barataa Tarreessaa baasuu fi gaddi kan itti dhaga’amus uummata mooraa Yuuniversitii Mattuu qofa miti akkasuma uummata jiraattota isaa bakka dhaloota isaa qofa miti kan uumata oromoo hundaati. Mooraan yuuniversitii Mattuu, Jimmaa, Wallagaa, Amboo, Bulee Horaa fi Madda Walaabuu gadda sabboonaa Oromoo yuuniversitii Mattuutti diinaan ajjeefameef yeroo gaddaa irra jiraachu fi baratootni barumsa dhaabaa jiraachuun beekameera.
Qaami barataa Tarreessaa ajjeesse itti gaafatamu malee barumsa hin barannu kan jedhan mooraan Yuuniversitii Bulee Horaas akkanuma barumsa dhaabun odeessi raggaasisee jira. Kanumaan wal qabsiisuudhaanoromiyaa magaalotaa fi dhaabbilee barnootaa keessatti mootummaa wayyaanee balaaleffachuudhaan sochiin uumamee jiru daran Wayyaanee yaaddeessuu irraan kan ka’e humnoonni waraana isaanii bakka uummanni keenya heddummatutti dhaabbilee barnootatti ramadamaa akka jiran gabaasonti addeessu.
Haqi barattoota keenya uummata isaaniitiif jedhanii warageemaaa jiranii uummata Oromootiin baha! Barumsis dhaabbachuu akka qabus
diddaan wal hidhataan dhaabbilee banrootaa keessatti akka itti fufu qaba!
Mooraa Yuuniversiti Haromayyaatti Barattootni Nyaata Lagachuun Gaaffii Mirgaa Kaasaa Jiruaachuu Qeerroon Gabaase.
Aside
Onkoloolessa 28,2015 Haromaayaa
Barattootni yuuniversitii Haromayyaa dhimma nyaataa fi qulqullina doormii wal qabsiisuudhaan barumsaa lagachuu fi gaaffii kaasuun guyyoota muraasa lakkoofsisiee jira. kun utuu kanaan jiruu dhiibbaa mootummaan Wayyaanee barattoota Oromoo irraan gahaa jiruun wal qabsiiduudhaan har’a nyaata lagatuun gabaasan. Gaaffi ka’een rakkoon barattoota gaafataman deebiin barattoota irraa kennamaa jiru hanga mirgi uummata keenyaa kabajamutti barumsa barachuun nurraa hin eegamu, gaaffiin keenya duraa rakkoowwan bakki bultii qulqullina hin qabnu, nyaataan, bishaan dhugaatiin miidhamuu keenya maaliif kan jedhu yoommuu tahus yeroo ammaa mootummaan ijoollee sabboonoo tahan dhaabbilee barnootaa keessa adamsee ajeesisaa jira karaa hundaan kan miidhamnu irrayyuu lubbuu obboleeyyan keenyaas dhabaatu jirra kanaaf hanga mootummaan Wayyaanee aangoo gadhiisutti, mirga uummata Oromoo kabajamutti, barattoota keenya mooraa yuuniversitii Mattuu fi Asellaa keesatti turban lama kan hin guunne keessatti harka Wayyaaneetiin ajjeefamaniif itti gaafatamummaan mootummaa tahuu qaba mirgi uummata keenya sarbamaa barachuun keenya maatii keenya boollatti gataa jiraachuu waan taheef jechuudhaan har’a ganama irraa nyaata lagachuun barattootni gaaffii kaasanii akka jiran Qeerroon gabaasa dhiyeessee jira.
Barataan Sivil Injineering Waggaa Arfaffaa Yuunivarsiitii Wallaggaa Artist Hirphaa Fayyee Har’a Loltoota Wayyaaneen Ukkaamfamuu Qeerroon Gabaase.
Aside
https://soundcloud.com/gadaa-oromo-radio/wallee-haaraa-hirphaa-fayyee
Gabaasaan Qeerroo Bilisummaa Yuunibarsiitii Wallaggaa akka beeksisetti ergamaa diinaa ta’uun dhiiga ilmaan Oromoo kan dhugaa tureefi gochuma kanaan hoggansa Yuunibarsiitii Wallaggaa keessatti ga’een kan kennameef Tsaggaa Ashaabbir nami jedhamu dabarsee kennuusaatiin humna basaastuu ukkaamsituu godina Wallaggaa bahaa Ahimadiin durfamutti har’a sa’atii afur irratti kan kenname yeroo ta’u, sa’atii jaha ammaan booda Yuunibarsiiticha keessaa fuudhanii konkolaataa lakkoofsa gabatee hin qabneen fuufhamee deemameera.
Tsaggaa Ashaabbir FDG bara 2014 barattooti guutuu Oromiyaa geggeessan irratti barattoota Oromoo Yuunibarsiitii Wallaggaa dabarsamanii harka diinaa bu’an irrattis nama hojjeteefi Gumiin aadaa fi dagaagina afaan Oromoo Yuunibarsiitii Wallaggaa akka dadhabuuf nama shoora gantummaa taphatedha.
Tsaggaan irra deddeebiin qaama sabboontota Oromoo tiin gorasmus nama hin dhageenyee fi tikaa Yuunibarsiitichaa Rabbirraa Abarraa wajjinis barattoota Oromootti roorrosaa akka jiraataniifi kulloo godina jimmaatti dhalate bara ALA itti 2008 keessa barnoota dadhabee Yuunibarsiitii Jimmaarraa kan ari’ameefi jireenyi waan itti ulfaateef hojii tikaatti kan bobba’ee dhiigak ilmaan Oromoo dhugee ittiin jiratu Ahimaditti akka dabarsanii nama laatan beekamaadha.
Kanaafuu ilmaan Oromoo marti Artist Hirphaa Fayyee akka harka diinaa jala bahuuf haatumsinu Hirphaan barataa Sivil Injineering waggaa arfaffaa Yuunibarsiitii Wallaggaa yeroo ta’u dararaa hedduun booda biyyaa kan baqatee fi barataa sivil Injinering, barreessaa qaroo dhiiga boossee Artist Mootii Mootummaa Abdii dhabuun keenya niyaadatama.
Oromo Voice Radio OVR) Broadcast- 26 October 2015
Aside
