Gabaasa Qeerroo Sadaasa 28,2015 Gimbii
Odeessa Qeerroo Wallagga lixaa Laaloo Asabii irraa FDG yeroo ammaa kana godinaalee Oromiyaa garagaraa keessatti finiinaa jiruun mootummaan wayyaanee humna waraana uummata nagaatti bobbaasuun rasaasaan reebuu jabeessaa jiruudha. Haatau male gaaffiin, dhaadannoowwan barattootaan, uummataan taasifamaa jiru godina Wallaggaa lixaa keessatti kan jabaatee itti fufeedha.
Sadaasa 28,2015 FDG Wallagga lixaa aanaa Laaloo Asabiiitti ka’een qonnaan bulaan tokko rasaasaan rukutame har’a buufata fayyaa magaalaa Gimbiitti addunyaa kana irraa godaanuu Qeerroon gabaasee jira.
Qonnaan bulaan kun Guddataa Dhuunfaa kan jedhamu gaaffii abbaa biyyummaa qabatee barattootaa fi uummata waliin dhaadannoo dhageesisaa osoo jiru waraana humna Agaaziin rasaasaan rukutamuun gara buufata fayyaa godina Wallaggaa lixaa Gimbiitti dabarfamuu Qeerroon gabaasee ture. Guyya har’aa qote bulaan kun hafuu akka hin dandeenye lubbuun boqochuu Qeerroon gabaasera. Akkasuma anaama kana keessatti kan gurri rasaasaan rukutamee irraa citee fi miidha gurguuddaan irra gahe akka jirus Qeerroon gabaasee jira. Dhimma kana ilaaluun odeessa dabalataan kan walitti deebinu yoommuu tahu FDG kan wal irraa hin cinneen itti fufe hanga galii isa gahutti kan dhaabbanne dhaadannoo fi sirboota qabsootiin wal deggeree jabeeffamee itti fufee jira.
Godina Wallaggaa aanaa Jaarsoo keessatti FDG haala jabaateen itti fufuun barattooti Oromoo aanichaa mormii master Plaanii Finfinnee fi gaaffii mirgaa Oromoo walii galaaf jecha diddaa sirnichaa jabeessanii jiru. Haala kanaan barattooti Oromoo hedduun waraana Agaazii Wayyaaneen sababaa qabamanii hidhamanii fi haala sochii mirgaa irraan kan ka’e uummati naannichaa fi qonnaan bultooti diddaa jabeessanii hanga yeroo ammaatti dabbaloootaa fi milishoota naannoo aanotaa fi gadoota hunda keessaa arihanii uummatichi ofiin of bulchuu filataa akka jiru Qeerroon gabaasee jira.



