SBO AMAJJII 06,2019. Oduu, Yakkoota waraanaa Godina Qellem Wallaggaa magaalaa D.Doolloo fi Godina Gujii Bahaa keessatti waraana sirna EPRDFn ummata nagaa irratti raawwatamaa jiran irratti marii jiraattota waliin taasisame

Aside

Uummata nagaa hidhaadhaan gidirsuun jeequmsa babal’isuudha.

Aside

Ibsa Gabaabaa Qeerroo Bilisummaa Oromoo

(Qeerroo, Finfinnee, Amajji 02, 2018) Sirna EPRDF waggoota 27 keessatti miliyoonaan hidhaa turuun kan yaadatamu ta’ee, hidhaadhaan aangoorra turuun akka hindandaa’amne aarsaa kaffallee afaan Qawwee gombiisuutiin agarsiisaa guyyaa har’aa geenyee jirra. Boqonnaa haaraatti ceene jennee kan abdanne, ilmaan Oromoo hidhaman qabsoon Oromoo dirquutiin paartiin ODP dirqamaan mana hiraarsaa baasuu jaqabuusaaf ajjeechaatti daangaa goona jechuun waadaa qilleensaarraa galameerra dhaabbannee turre.

Jijjiirama dhufe jennee kan abdanneefis Doonii gidirsaarraa buunee, markaba gidirsaa yaabna jennee osoo hintaane, kanaan booda gidirfamuun ajjeefamuun nurraa dhaabbatinnaa jennee afuura tasgabbii keessa seenuun Qeerroo Bilisummaa Oromoo diinaafis firaafis ifaadha.

Rakkinni kun akka huuruu Harreetti bifallee osoo hinjijjiiratin baatii muraasatti nutti deebi’a jennee yaaduu baannus, hidhaan bifa fokkisaadhaan deebi’ee kumootaan hidhamuutti ce’uun keenya yaaddoo nageenya biyya keenyaa yaaddoo du’a daangaarraa Oromoo irra gahaa jirutti dabalee yaaddoo nuu dhaluu dandaa’eera.

Hidhaa madda furmaataa godhee sirni EPRDF waggaa 27 milkaa’uu dhabuusaarraa barnoota argateera karaa nagaa sichi rakkoo keenya fura jennee yeroo abdannetti kun nutti dhufuunsaa miira biraa kan nuu dhalaa jiru ta’uu hubachiisna. Ammas taanaan hidhaadhaan furmaata arganna jedhamee hojii itti jiramu kana mootummaan dhaabuu baannaan balaa kanaan qabatee dhaqqabuuf gaafatama jalaa kan hinbaane ta’uu cimsinee hubachiifna!

Akkasuma ilmaan Oromoo tokkummaadhaan duula bifa haaraan nutti banamee jiru walirraa qolachuuf carraa qabnutti gargaaramuun hidhaan mana mana utuu nu hinseenin afuura waldhageettii fi naamusa qabuun addunyaatti iyyaachuunis ta’ee wal cina akka dhaabbachuu qabnu Qeerroo Bilisummaa Oromoo nii hubachiisa!

Injifannoon Uummata Oromoof
Ibsa Gababaa Qeerroo Bilisummaa Oromoo irraa

Baga bara 2019 isin gahe!

Aside

Ajjeechaan uummata Oromoo irraa qabsoodhaan dhaabbata!

Aside

(Amajji 1,2019, Finfinnee Oromiyaa) Qabsoo Bilisummaa Oromoo galiin gahuudhaaf qooda olaanaa taphachuutiin garbummaatti xumura gochuuf Fincila Diddaa Garbbummaa irraa hanga Fincila Xumura Garbbummaatti aarsaan qabsaa’ootni Oromoo baasaniif Qeerroo Bilisummaa Oromoo kaffale kan yaadatamu ta’aa, bara haaraa kanattis qooda qabsaa’aa bahachuudhaan akkuma baroota dabarsine kanaa Adda Bilisummaa Oromootiin hogganamnee galii isa maayiin gahuuf hundarra kan miira itti gaafatamummaan qabsoofnu ta’uu uummata keenyaaf hubachiisaa bara haaraa itti seennee jirru barri 2019 kan bilisummaa waaraa fi nagaaf tasgabbii uummata Oromoo fidu akka ta’u hawwii keenya baroota dheeraaf ammas kanuma kan hawwinu ta’uu ibsanna.

Waraana Oromoo irratti mootummaan labsamee akkasuma weerara daangaa irraan uummata meesha maleeyyii Oromoo irratti meeshaa gurguddaa fayyadamanii humnootni nagaa Oromoo booreessanii nagaa keenya qilee buusanii jeequmsa baballisaniin miidhamaa guddaan uummatni keenya waraana keessummeessaa, wayiita jiru kanatti gaddi guddaan utuu nutti dhagaa’amuu bara haaraa 2019 akkasuma guyyaa WBO kabajataa jiraannullee, qabsoo karaa nagaa taasifnuun ajjeechaa fi buqqaatinsi uummata keenya irraa dhaabbatee nagaaf tasgabbiin nii buufama abdii jedhu qabannee qabsoo wal ijaarree karaa nagaa taasifnuun rakkoo ammaa keessaa Oromoon nii baana jennee kutannoon sochii warraaqsaa itti fufnee jirra.

Waraanaan wal qabsiisee, qabsoon afaan qawween uummata bituuf afaan qawween bulchuuf abjootamu keessaa bu’aan argamu, biyya golgoleessanii ofis golgoleessuu qofa jennee amanuurraa humna waraanaan uummata keenya rukutuun humna hidhateen uummatatti dhaadataa xinnaaf guddaa ajjeesuun balaaleffatamaa ta’uufii adeemsa siyyaasaa amala bineensummaa calaqqisiisu ta’uutti hubannee, humni hidhatee jiru yakka ajjeechaa deettii nurratti raawwatuu irraa of adabee rakkoo biyyattii akkasuma rakkoo siyyaasaa biyya Xoophiyaa karaa nagaan furuu akka qabu ammas cimsinee gaafanna. Yakkoota suukanneessoo uummata irratti raawwataa ajjeesanii gubuuf manaaf nama walitti gubuu caalaa yakki ulfaataan jira jennee hinyaadnu, kanaaf qaama ajjeechaa raawwatuuf qaama araddaa uummataa Oromoo gubuutiin balaaf uummata saaxilaa jiru seeraan akka gaafatamu gochuu akka qabuuf har’as qaama dhimmichi ilaallatu nii gaafanna. Yakka humnootiin hidhatan daangaa irratti raawwataa jiran dabalatee yakki waraana mootummaa raayyaa ittisa biyyaatiin nurratti raawwataa jiru balaaleffatamaa ta’uu fi kana akka dhaabaniif dhaabbilee siyyaasaa Oromoo dabalatee; humni uummataaf dhabbatu kamuu gaheesaa bahatu akka qabu gaafanna.

Kana ta’uun hafee abjuu dulloome abjootuurraa uummata irratti shira shiranii kumaaraa lubbuu saba keenya Oromoo irratti raawwachuutiin barcuma ofii tikfachuuf kan abbalamu taanaan abjuun shiraan uummata bituu ka jaarraa ammaa kanatti fiixa bahiinsa maseenu ta’uu hubachiisaa, uummata ajjeesanii afaan toluudhaan nagaa fakkaatanii qaama nagaatti quba qabuudhaan uummataan waljibbisiisuuf akeekni qabamee hojiitti seeenamutti dabalee holola wal ijaaranii facaasuudhaan dhugaa uummataa ukkaamsuuf yaaluun yakka dhiifama hinqabne ta’uutti amanuurraa qaama shiraa fi hololaan aangoo ofii tikfachuu barbaaduuf akka nurraa of adabu nii gaafanna.

Kanas bara 2019 kan itti seenaa jirru keessatti shiraa fi holola maqa balleessii uummata Oromoo fi addatti dhaaba keenya ABO irratti oofamus ta’ee holola qaama uummata nagaa irratti oofamuu dura dhaabbachuuf humna gatiittaa’aa wal ijaaree haala salphaan hinraafamne kan nagaa uummataa bakkatti deebisuuf gahumsa qabuun qabsoo keenya karaa nagaa itti fufna. Ajjeechaan uummata keenya garraamii meesha maleeyyii Oromoo irratti adeemsifamaa tureef adeemaa jiru ajjeechaan shiraas ta’ee ajjeechaan kallattiin rasaasa uummatatti dhukaasuutiin Raayyaan ittisa biyyaa maqaa jedhuun qaamni of waamu uummata keenya irratti raawwatu irreessaaa uummata irraa akka kaasu gaafataa, gochaan ajjeechaaf dararamaa akkasuma hidhaan qabsoodhaan dhaabbata ejjennoo jedhu qabannee, waraanni nurraa dhaabbatee karaa nagaa elaaf elaameen rakkoon furamee hiree isaa Oromoon akka murteeffatuuf qaama isa bulchu ofiin akka filatee, kan filateen bulu gochuuf dimokiraasii dhugaa uummata keenya dhamdhamsiisuuf ga’ee nurraa eegamu nuti Qeerroo Bilisummaa Oromoo miira tasgabbaa’aa wal hubannoo qabuun nii qabsoofna.

Kanumaan uummata keenyaaf bara haaraa kanatti fedhii keenya fedhii Oromoo jaarraa tokkoo olii, bilisummaa haqaa kan safaraaf fallaana garbonfataan safaramee laatamu utuu hintaane, kan itti dhiignee itti cabnee itti dararamnee ittis dararamaa jirru bara kana bara 2019 akka nuuf dhugoomu hawwina, akka arginuufis akkasuma akka uummata keenya bilisummaa haqaa biraan geenyuufis qabsoo jabaa nii goona. Waan ta’eef uummata keenya maraaf ergaa nagaaf tasgabbiitti nu ceessisa jennee abjoonnu akka gadiitti nii ibsinaaf

Qote Bultoota Oromoof

Qabsoo waggoottan dheeraa godhamaa ture keessatti miidhamni uummata keenya Oromoo qote bulaarra gahe eenyuun olitti kan nama mufachiisu ta’uuf har’allee miidhama afaaniin dubbachuun nama rakkisu keessa kan jiru Qote bulaa ta’uun hubatamaadha. Qote bultootni keenya Oromoon manaaf araddaa isaanii irraa miliyoonaan lakkaa’amanii buqqaa’anii, miliyoonaan lubbuu darabanillee hanga ammaatti qaama rakkoo isaanii gaafatee furuuf karaa mootummaan dhibuun nu mufachiisee jira. Nu mufachiisuun kun ammo lubbuun ilma Qote bulaa Oromoo hanga lubbu-qabeeyyii xixiqqoo ilaalcha dhabuudhaan, deettiin/jumulaan ajjeefamee qaama mootummaa isa gaafatee rakkina isaa furuuf dhabuu irra darbee iyyatee iyyaannaansaa dhagaa’amuu dhabuurraa kitilayyoon ilmaan Oromoo rasaa/alatti darbatamee mana isaa irraa ari’amee nagaa molqamee tasgabbii dhabuurraa gojamaa/hawwii jireenya nagaaf tasgabbii keessa waggoota afuurii as seenee jira.

Kun ta’ee wayiita jiruttti, qabsoo karaa nagaa goonuun bara haaraa kanatti gadadoo uummata keenyaa, gadadoo Qote bulaarraa, du’aaf ajjeechaa, hidhaaf reebichatti dabalee araddaa isaarratti maasa isaa waliin gubachuun nii dhaabbata hawwii jedhu qabannee kana lafa dheebuu uummatichaa lafa dheebuu Qote Bultoota keenya, akkanni qabeenya isaaf Bosonoomee akka Bosonuu ajjeefamuun irraa dhaabbatu, akka uummata biyyattiitti mirgisaa kabajamee seerri akka isaaf dhaabbatuu qabu gaafachuu keenya akkuma baroota darbanii itti fufnee kan qabsoofnu ta’uu uummata keenya Oromoof nii ibsina. Qeerroo Bilisummaa Oromoo uummata isaa Qote bulaaf dhaabbachuu ka jabeessee itti fufu ta’uu nii hubachiifna.

Daldatoota Oromoof
Waggoota dheeraadhaaf akeeka qabsoo karaa dinagdee duubatti nu deebisuu humni nafxanyaa qabatee adeemaa tureera. Qabsoo dinagdeen uummata keenya duubatti dhiibuu keessatti, toora abbootii qabeenyaa keessallee hojjetatee akka Oromoon hinseenneef hojii bal’aan halagaan nurratti adeemaa tureera. Addatti bara sirna EPRDF keessa, qabsoo uummataa keenya Oromoof mogolee ta’a jedhamu dinagdee keenya rukutuu keessatti qoodni sirnichaa kan ammallee aangoo irra jiruu olaanoo ture olaanoo ta’ees jira. Waggoota 27 darban keessatti waanuma daldalatee qixa dhala namaa jiraatuuf qofa jibbamee, halagaan guraarrii fi hiraarri irratti adeemaa turee ittis jira. Kana keessattis daldaltoota Oromoo hedduu lubbuun darbeera, kanneen jiran ammo akka guddinaan hinsaffisne gochuu keessatti project garaagaraa irratti hojetuurraa, gibiraa fi baatii akkasuma mawwaacoo fi baasiiwwan maqaan isaanii hedduu ta’e uummata keenyatti fe’uudhaan sammuu dinagdee keenya Oromoo rukutaa turaniiru. Akeeka jibbisiisaa akkanaa duraa kan dhaabbannu Qeerroo Bilisummaa Oromoo; biyyattii keessatti abbummaan daldaltoota keenyaa mirkanaa’eefii akka saboota birootti mirgisaanii kabajamee akka jiraatan akka ta’uuf qabsoo keenya jabeessinee itti fufna. Daldaltootnis mirgaaf dirqama isaanii baranii qaama mirga isaanii fi mirga uummata isaanii dhiibu, qaama uummata nagaa meesha maleeyyiitti dhukaasee galaafatuuf manaaf araddaa waliin barbadeessu dura dhaabbachuuf akka hundaan olitti nu cina dhaabbatuu qaban daldaltoota Oromoof hiree kanaan nii gaafanna.

Hojjetoota mootummaaf

Hojjetootni mootummaa kanneen qabsoo jabaa uummata keessaniif mootummaa uummata keessan alanfatee nyaatee dhabama gochuu hedu EPRDF keessa teessanii qabsoo bilisummaa gochaa turtan kan qaama uummata balaaleffatu keessa jiraachaa, harkaa nyaachaa uummata keessaniif gamnoomaan dhaabbataa turtan kan seenaan isin yaadatu ta’uu isin hubachiisaa, ammas uummata keessaniif dhaabbachuu akka itti fuftan hubachiifna. Addatti hayyootni Oromoo ija fuulduratti argu qabdan, rakkoo saba keessan irratti dhufuuf aggamu saaxilaa akkuma turtan ammas waan balaa biyya keessan Oromiyaatti fiduuf uummata keessan Oromootti fidu shira EPRDF saaxiluudhaaf eenyuun olitti dirqama biyya keessan baraaruu akka bahattan isin gaafanna. Gama Qeerroo Bilisummaa Oromootiin akeeka jargummaa/gaarummaa uummataaf hojjetuu keessanii kan isin deggarru ta’uu isiniif ibsina.

Humnoota Oromoo hidhattanii bakkoota garaagaraa jirtaniif
Irbuun keessan uummtaafi irbuun keessan biyyaa fi malee irbuun keessan mootummaa isin leenjiseef EPRDF akka hintaane hubatuurraa foolisootni Oromiyaa fi Kora Bittinneessaa kanneen faana gooticha Oromoo Musxafaa Huseen qabattanii, toora nagaa uummata keessanii eegsisuudhaaf humna uummata keessaniitti dhukaasaa jiru balaaleffattanii uummatarraa qolachaa jirtan dirqama Oromummaa isinitti kennamee jiru bahataa waan jirtaniif guddifnee isin leellisuu fi akeeka jaalala biyya ofii akkanaa qabatee kan deemu jajjabeessuuf gama keenyanis miiraa nagaa uummataa deebisuuf humna nagaa booreessu qolachuu akkanaa dabalee akka isin keessatti horatamu hawwaa, kanneen barcuma aangaa’oota tiksuuf uummatatti dhukaasaa turtanis dhukaasaa jirtanis qaama keessan, abbaa keessanii fi haadha keessan gaddisiisuutiin obbolaa keessan ajjeesaa jiraachuu hubattanii, humnoota uummata keessan akka ajjeeftaniif isin bobbaasaniif dhagaa’uurra uummaticha keessaa baatan dhagaa’uutiin afaan Qawwee saba keessan Oromoo irraa akkasuma saboota cunqurfamoo impaayera biyyattiirraa akka deebiftan isin gaafanna. Fedhii uummataa tiksuu cinatti nagaaf tasgabbii uummata keessanii akka seeraaf heera biyyattiitti tiksuu irratti akka dalagdan hawwina kana isinirraa feenas. Uummata keessaniif dhaabbattanii kan miidhaan isinirra gahu yoo ta’e sagalee isiniifis ta’uudhaan yakki hammeenyaaf garajabinaa akka isin irratti hinraawwanne Qeerroo Bilisummaa Oromoo kan isinii falmu ta’uu hubachiisa.

Barataa Oromoo fi Qeerroo Bilisummaa Oromoof

Hawwiin keessaan nagaa uummataa, tasgabbii waaraa fi saamichaaf hidhaan akkasuma ajjeechaan uummatarraa dhaabbatee waraanni waggaa 27 nutti banamee jiru daangaa’ee akka nagaan bu’uuf gaafataa turuun barataaf bara 2011 asittimmoo bifa addaan ijaaramee Qeerroo Bilisummaa Oromoo qabsoo karaa nagaa gochaa jiraachuun hubatamaa ta’ee, aarsaa lubbuu kaffaluutiin qabsoo sadarkaa har’aa irraan gahuu keessatti qooddattoota olaanoo keessaa tokko ta’ee aarsaa kaffalaa tureera. Aarsaan kee gati maleeyyii ta’uutiin, jaala jaallattu afaan rasaasaa mootummaa EPRDF’n dhabaa, ofii guraraamaa dararamaa dhiigaa lafee cabaa qabsoon ati har’aan geettee jirtu galiisaa akka maseenuuf humnoonni jeequmsa babal’isanii uummata nagaatti waraana labsan akka of qusatan gaafaataa akka turte waraana raayyaa ittisa biyyaa maatiikee sirraa alanfatee nyaachaa jiru akka irraa dhaabbatu gaafachuukee cimsitee akka itti fufuu qabdu dhaamna. Humna uummatakee ajjeesu kamiif dhiifatama tokko gochuun sirra akka hinjiraanneef, humna hidhaa jabeessee jiru EPRDF’n ofirraa dinninuu cinatti wayiita daangaan akaakayyuuf abaabileekeen eegamee har’a gahe, daangaan Oromiyaa, diinaan sarbamee maasiin/araddaan maatiikee halagaan manca’ee obbolaaf haatikee wayiita mana jireenyaa waliin gubataa jiranitti afaaniin nagaa labsaa, si duubaan biyyaakeef uummatakeetti waraana labsuun EPRDF yakka guddaa ta’uu hubachuudhaan qabsookee akka itti fuftu Qeerroo Bilisummaa Oromoo si hubachiisa. Aarsaan ati kaffalte humnoota aarsaa si kaffalchiisaniin saamamee gatii dhabsiisuu akka hinqabne asumaan hubachiifna.

Walii galatti barri haaraan itti seenne bara bilisummaa haqaa itti gonfannu akka nuu ta’u hawwaa, bara nagaaf tasgabbii uummata keenyaaf akka ta’uuf qabsoo goonu ka yoomiin olitti miira gootummaa miira ogummaa fi akeeka nagaaf tasgabbii Oromiyaa deebisuun saamtotaaf ajjeestota balleessuu jedhuun afuura nagaa labsuutiin karaa nagaa qabannee qabsoo keenya itti fufna!

Injifannoon Uummata Oromoof
Labsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo
Amajji 1,2019

SBO MUDDE 28,2018. Oduu, Ibsa ABO, Lola Oromoo Walloo irratti deemaa jiru ilaalchisee gaaffii fi deebii dargaggoo Abbile Dheeree waliin godhame

Aside

SBO MUDDE 26,2018. Oduu, Ibsa ABO fi iyyannoo maanguddoota Oromoo Lixaa fi Kaaba Shaggar

Aside

Xalayaa ummata keenya Mooyalee irratti ajaja ajjeechaa dabarse

Aside

Hidhaa fi ajjeechaan ummata Oromoo irraa haa dhaabbatu!

Aside

(Ibsa: Qeerroo Bilisummaa Oromoo, Mudde 24,2018) Hidhaa fi Ajjeechaan ummata Oromoo irraa dhaabbatuu qaba!

Waggaa 27 sirni EPRDF dhaabbilee afur hogganu, jalatti ilmaan Oromoo jimlaan ajjeefamaa, miliyoonaan lafarraa buqqaa’aa yoona geenye ammas sanuma. Dabalataan yakka ulfaataan sammuu Oromoo keessaa hinbanne, Jaal Nadhii Gammadaa, Wellisaa Jireenyaa Ayyaanaa fi Jaal Lammeessaa Boruu dabalatee as buuteesaanii dhoksuun reeffa isaaniillee argatee akka uummatni awwaallatee garaa hinkutanne godhanii, maatiif uummata Oromoo rooraasaa bakkee ilaalchisaa hanbisuun sirna EPRDF kan wal nama gaafachiisu miti.

Yakka sussukanneessoo kanatti dabaluudhaan, erga OPDO/ODP aangomee afuura fudhannee ajjeechaan nurraa dhaabbataa jennee yeroo abdannuttis ulfa garaa keessaa waliin ajjeechaa Dambidoollootti aadde Biraanee nama jedhamturra gaheerraa kaanee, yakkoota suukanneessoof ajjeechaa gurraaf ijaaf hintolle kan uummatni keenya keessummeesse uummatichi haa lakkaa’u. Yakka fokkisaan kunneen wayiita raawwatamu obsi uummata Oromoo fi Qeerroo Bilisummaa Oromoo ajaa’ibisfatamuun irra deddeebiidhaan karaa nagaadhaan ajjeechaan akka irraa dhaabatu gaafataa turee har’allee itti jira. Faallaa karaa nagaa rakkoo furuu kan waraana labsu deddeebi’e sirna EPRDF ta’uun hubatamaadha. Yakkoota ajjeechaa baatii tokkko asitti Oromoo irra karaa Raayyaa Ittisa biyyaa sirna EPRDF’n ijaaramee isumaan hogganamuun raawwate yoo tarrifne

1. Kibba Oromiyaa moyyaalee keessatti hoteelatti seenanii namoota nagaatti dhukaasuudhaan nama 12 kan ajjeese Raayyaa Ittisa Biyyaa ta’uu gabaasni miidiyaalee torbanoota darbanii mirkaneessee jira.

2. Lixa Oromiyaatti Kamisa Darbe. Ajjeechaa Jimlaa Fanjii awwaaluudhaan Raayyaan Ittisa Biyyaa lubbuu 10 galaafatuu miidiyaaleen torban darbe gabaasaa turan.

3. Laaloo Asaabiitti nama 6 ol bakka tokkotti gidduu kana ajjeechaan uummata nagaa irratti Raayyaa Ittisa Biyyaan raawwatee jira.

4. Najjoo fi Gimbii gidduutti naannoo Maqa Najjoo jedhamutti uummata buna Funaannatutti dhukaasuudhaan lubbuun nama

10 Oromoo irraa Raayyaa Ittisa Biyyaa tiin dabeera.

5. Lixa Oromiyaa Jimmaa Horroo magaalaa Nuunnuu keessatti nama mana isaatii halkan baasanii ajjeesanii gatan.

6. Lixa Oromiyaa Qellem Wallaggaa Aanaa Hawaa Galaan keessatti dargaggoota 2 Raayyaa Ittisa Biyyaa tiin ajjeefamaniiru.

7. Lixa Oromiyaa Gimbii keessatti Raayyaan Ittisa Biyyaa walitti aansuutiin Mudde 23, fi Mudde 24, 2018 keessatti dargaggoota 2 galaafatanii kaan madeessanii jiru.

8. Kibba Bahaa Oromiyaa Baalee Aanaa Barbaree Ganda Haroo Dumaar keessatti Raayyaa Ittisa Biyyaa tiin lubbuun Oromoota 2 dabartee jirti. Aanaa Dalloo mannaa fi Harannaa Bulluq fi bakkoota hedduutti saamichi Raayyaa Ittisa Biyyaa tiin uummatarra gahaa jira.

Walumaa gala daataan Qeerroo Bilisummaa Oromoo Baatii tokkoo asitti qofa nama 45 Oromoo irraa waraana Raayyaa Ittisa Biyyaa tiin wareegamuu nii hubachiisa. Gabaasni kun kanneen nu dhaqqaban muraasa malee lubbuun Oromoo guyyaa guyyaan darbaa jiru dabalaa adeemaa jira malee takkaa dhaabbatee waan hinbeekneef kanaan ol ta’uu nii hubanna.

Dabalataan hidhaan ilmaan Oromoo irratti bakkoota addaa addaatti bifa haaraadhaan adeemaa jira. Bultii 14 asitti bakka biraa utuu hindabalatin magaalaa Finfinnee qofa keessatti ilmaan Oromoo 115 ol hidhamanii jiru. Kanneen keessaa qondaaloonni Adda Bilisummaa Oromoo ABO nii jiru. Hidhaa ilmaan Oromoo irratti raawwataa jiru kun, akkaatuma baroota 27 godhaa turan halkan edaa jechuun Mudde 23,2018 ilmaan Oromoo 15 mana hiraarsaa Maakalaawwii keessaa baasanii as buuteensaanii dhabamee jira.

Kun ta’ee osoo jiruu yakka EPRDF raawwate haguuguudhaaf Itti gaafatamaan Foolisii Oromiyaa qaama biraatti harka qabuun hindandaa’amu. Yakka Raayyaan Ittisa Biyyaa Oromoo irratti raawwatamaa jiruuf itti gaafatamaan isuma ta’uu cimsinee hubachiifna. Ammas taanan ajjeechaan uummata Oromoo irratti adeemaa jiru akka dhaabbatuuf amala obsaa qabnuun Qeerroo Bilisummaa Oromoo cimsimee qaama yakka raawwatuun akka ajjeechaa nurraa dhaabuuf nii gaafanna! Akkasuma hidhaan uummata keenyaarraa akka dhaabbatu gaafanna!

Injifannoon uummata Oromoof
Ibsa Qeerroo Bilisummaa Oromoo
Mudde 24,2018

SBO MUDDE 23,2018. Oduu fi Hiriira mormii Lixa Wallaggaa Ona Begii magaalaa Kobor

Aside

SBO MUDDE 21,2018. Haala yeroo irratti Ibsa Gaazzexeessitootaaf Hayyu-Dureen ABO Jaal Daawud Ibsaa laatan

Aside